Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Humna Hojii Intarpiraayizichaa Cimsuu



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə33/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   29   30   31   32   33   34   35   36   ...   42
2.4.6 Humna Hojii Intarpiraayizichaa Cimsuu

Intarpiraayiziin ijaarsa daandiiwwaan oromiyaa yeroo ammaa maashinarootni fi konkolaatootni harkaa qabu %80 ol ta’an waggaa hedduu hojjechaa kan turanii fi yeroo tajaajila isaanii (expected commercial life time) fixuun baayyee kan dullomaan waan ta’eef humni mashinarii/konkolaataa amma jiru baayyina hojii raawwachuuf intarpiraayizichi karoorfataa jiru faana yammuu ilaalamuu hedduu gadi aanaa waan ta’eef hojii isaa harka 70 ol ta’u mashinaroota fi konkolaatoota kiraatiin gaggeessaa jira. Kun ammoo baasii isaa garmalee dabaluun bu’aa argachuu qabu argachaa akka hin jiree fi humna isaas dhawwaataan cimsaa deemuu irratti dhibbaa ol’anaa akka fidaa jiru hubbatameera.


Kanaafuu, yeroo Karooraa Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii lamaffaa (KGT II) kana keessaatti rakkoo kana hiikkaa adeemuun hojii bu’aa qabeessa ta’e caalmaan raawwachuun akka danda’amuuf jecha baajata Mootummaan Naannoo Ormiyaa waggaa waggaan ramaduu fi maallaqa kufama hir’ina dullumina meeshaalee irraa fi galii adda addaa argatuu irraa bittaa mashinarootaa, konkolaatootaa, meeshaalee gaaraajjii fi kan ijaarsaa gosa adda addaa raawwachuun humna isaa cimsuuf karoorrii gadi fageenyaan xiinxalamee dhihaateera.
Haaluma kanaan, waggootii shanan dhufan keessaatti bittaan dandeetii cimsuu meeshaaleen waliigalaan qarshii biiliyoona 1.36 ta’u karoorfameera. Maallaqa bittaa dandeetti cimsuuf waliigalaan karoorfame kana keessaa qarshiin Miiliyoona 682.03 ta’u Intarpiraayizichaan kan uuwifamu yammuu ta’u kan hafe qarshiin Miiliyoona 675.97 ta’u ammoo Mootummaan Naannoo Ormiyaatiin baajata waggaa waggaan ramadamu irraa kan karoorfameedha. Haala waliigalaan karoora dandeetti cimsuu Intarpiraayizichaa waggaa shani gosa gosaan, baayyinaan fi baajata dhimma kanaaf barbaachisu gabatee armaan gadii keessaatti ibsameera.
Gabatee -20

Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   29   30   31   32   33   34   35   36   ...   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin