Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Tarkaanfiilee Tarsiimoo’aa



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə41/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42

3.1 Tarkaanfiilee Tarsiimoo’aa

Tarkaanfiilee tarsiimoo’aan galmoota keenya gara hojiitti kan ittiin ceesifnu sagantaalee, piroojekitootaa fi gochoota ijoo dha.Galma gahiinsi tarsiimoo hojiirra oolmaa tarkaanfiilee tarsimaa’ootiin mirkanaa’a. Tarkaanfiilee tarsiimoo’aan kan yeroo dheeraa ykn gabaabaa ta’uun galmoota waliin ciminaan kan walitti hidhaman dha. Tarkaanfileen tarsimoo’aan galmoota tarsiima’ootiif galtee (inputs) waan ta’aniifis yeroo bu’aan galmootaa itti argamu dursanii raawwatamuu qabu yoo ta’u, akka amaloota isaaniitiin ji’oota jaha hanga ji’oota kudha lamaatti ta’an keessatti akka raawwataman ni eegama.

Tarkaanfiileen Tarsiimoo’aa bu’aalee, manii (target) eegamuu fi sadarkaa raawwii manii hojii irratti argamu (base line) gidduutti hanqina raawwii mul’atu guutuuf piroojektiiwwan filataman dha .

Sirni baajataa hojilee bu’uraan galma geessisu keessaa inni guddaan qabeenya mana hojii muraasa ta’e bifa bu’aa agarsiisuu danda’uun qooduu dha. Sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo keessattis raawwii mana hojiitiif qabeenya akka galteetti (inputs) oolu bu’aa waliin hojimaata baajataan wal-simu hordofuun barbaachisaa dha.

Sirni hojiimaata baajata gosa kanaa immoo tarsiimoo, karoora faayinaansii fi bulchiinsa faayinaansii walitti qindeessuun hojiirra kan oolchu dha. Haalli kun immoo baajaticha ga’umsa qoodinsa baasii fi kenna tajaajilaa fooyyessuuf baasii mana hojii bu’aa waliin ni firoomsa.

Tarkaanfilee tarsimaa’oon mana hojii immoo tarsiimoo mana hojii baajata waliin kan wal-qabsiisuu dha. Baajatni sagantaa tartiiba hojiimaata hordofuu qabu irratti hundaa’ee haala milkaa’ina kaayyoo kanaaf ooluu danda’uun wal-simsiisuun baajata baasii kallattii (direct cost) qopheessuun ni dandaa’ama.




Gabatee-39


Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin