Gabatee-13
Humna qabeenya dhaaboota Ijaarsaa waliigalaan, bira-qabaan
Lakk
|
Taatewwan Galma ga’iinsaa Ijoo
|
IIDO
|
DhMM
|
DhIDh
|
Ida'aama
|
1
|
Gatii ijaarsaa (Mil)
|
2.89
|
5.17
|
2.71
|
10.78
|
Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan
|
0.27
|
0.48
|
0.25
|
100
|
2
|
Kaapitaala hojii (Bil)
|
1.00
|
2.31
|
0.46
|
3.78
|
Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan
|
0.26
|
0.61
|
0.12
|
100
|
3
|
Qabeenya (maashinarii, ikupimantii fi kkf) Lakk.
|
330
|
1,188
|
461
|
1,979
|
Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira qabaan
|
0.17
|
0.60
|
0.23
|
100
|
4
|
Qabeenya humna namaa
|
1,181
|
4,875
|
2,300
|
8,356
|
Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan
|
0.14
|
0.58
|
0.28
|
100
|
5
|
Muuxannoo hojii (Waggaa)
|
6
|
8
|
21
|
35
|
Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan
|
0.17
|
0.23
|
0.60
|
100
|
|
Ida’aama madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira- qabaan
|
1.01
|
2.51
|
1.48
|
|
-
Gatii ijaarsaatiin
Akkuuma gabatee lakkofsa 6 kanaa olitti argamutti gama gatii ijaarsaatin yoommu ilaalamu daandiwwan dheeriina fi gatii kontiraataa adda addaa qaban akkasumas giidduu biyyatti fi kan daangaa biyyatitti dhihaatan, kan kontiraaktaroota dhunfaa fi motummaatiin ijaaraman sadi fi isaa ol fudhachun xiinxaluf yaalameera. Kunis kan agarsiisu IIDO’n, Dhaabbileen Motummaa fi Dhunfaa, ijaarsa daandii cirracha kiloomeetraan qarshii mil. 2.89, 5.17 fi 2.71 walduraa dubaan raawwachaa jiru. Kanarraa hubachun kan danda’aamus IIDO’n, DHIDH walbira qabamee yommu ilaalamu gatii ijaarsaatiin walitti yommu dhihaatan DHMM irraa immoo gatii gadi bu’aa fi dorgomaa ta’een fi adda addummaa hiikaa qabuun caala. Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaan, bira qabaan ilaaluf IIDO’n, DHMM fi DHIDH gatii ijaarsaatiin yommu walbira ilaalaman parsantii 27, 48 fi 25 irra jiru.
IIDO’n dhaabbata ummataa ta’usaa irraa kan ka’e, tajaajila ummatichaatiif jecha bu’aa gadi aanaa /marginal profit/ kan itti fuufinsa hojii isaaf mirkaneessuuf gargaaru qofa argachuf kan hojjatuu dha.
Dabalataaniis Intarpiraayizichi hojii ijaarsaa fi suphaa daandiiwwanii naannoo giddu galeessaa irraa fagoo ta’anii koontiraaktaroota dhunfaatiif gatiidhaan, nageenya, haala qilleensaa fi kkf niin mijaawaa hin taannetti hojjachuf fedhii qabaachuu fi qophii ta’un isaa dorgomtoota biraa irraa kan adda isa taasiisu waan ta’ef filatamaa dha.
Akka waliigalaatti IIDO’n gatii baaltokkee ijaarsaatiin dhaabbiilee ijaarsaa irraa gadii aanaa waan ta’eef gabaa keessatti dorgomaa cimaa ta’uu akka danda’u hubachun ni danda’aama.
-
Kaapiitaala hojii
Hojii kamiyyuu hojjachuf yommu ka’amu Kaappitaallii ka’umsaa hojiif barbaachisu guttachun baay’ee murteessaa dha. Karaa kanaan kaappitaalla hojiitiin IIDO, DhMM fi DHIDH’n giddugaleessaan Qr bil. 1.00, 2.31 fi 0.46 tiin walduraadubaan kan hunda’aanii dha. Kuniis dhiibbantaadhan yommuu madaalamu walduraadubaan parsantii 26, 61 fi 12 dha. Gama kaappiitaala ka’umsaatiin IIDO’n dorgomtoota biro waliin bira-qabaan yommuu madaalamu, dhaabbilee ijaarsaa dhunfaa irraa kaappitaala caalaan kan hundefamee dha. Dhaabbileen Misoomaa motummaa immoo giddugaleessaan kaappitaalli ka’umsaa itti hundeefamaniin IIDO ni caalu jechun ni danda’aama. Haa ta’u malee ka’umsi kaappitaalaa dhaabbiilee kunneennii dorgomaa cimaa ta’u isaaniitiif kan wabii ta’uu isaa agarsiisu miti, qulqulliina fi raawwii hojiiti male.
IIDO’n yommu hundeeffamu maallaqaan wanti kaffalame hin jiru. Kanarraan kan ka’e Intarpiraayizichi waggootan jaha darban keessatti hir’inni kaapitala hojii guddaan mul’ateera. Rakkoolee kannen adeemsa keessa furaa, maashinaroota fi ikkupimantoota jiran suphun fi haaraa barbaachisan biitachun akkasumas danddeetti raawwachisummaa hogantootaa fi hojjatootaa dagaagisun sababbiin dorgomtoota isaa dursuu hin dandeenye tokkolle hin jiru.
-
Qabeenya (maashinarii, ikupimantii fi kkf)
Hojii ijaarsaa keessatti leeccallowwan baay’ee barbaachisoo ta’aan keessaa inni tokko maashinarii ga’umsa fi bu’aa qabeessa ta’e qabaachu dha. Gama qaabeenya ikkupimantootaatin IIDO’n intarpiraayizoota ijaarsaa biroo waliin bira-qabaan yommu ilaalamu sadarkaa gadi aanaa irratti argaama. Kana jechuniis akkuma gabatee Lakkoofsa 6 keessatti ilaalamu akka waliigalaatti maashinaroota dhaabbileen hunduu IIDO’s dabalatee jiran keessaa, IIDO kan qodatu parsanataa 17 qofa dha. Karaa biraatiin dhaabbileen misoomaa motummaa ikkupimantoota ida’aaman jiran keessaa parsantii 60’n tokkoffaa yoo ta’u dhaabbileen ijaarsaa dhunfaa immoo parsantii 23 fudhachun sadarkaa lammaffaa irratti argamu. IIDO immoo sadarkaa 3ffaa irratti argama. Sababni IIDO’n dorgomtootaa isaa wajjiin yoo madaalamu sadarkaa gadi aanaa irratti argameef, qabeenya dhaabbataa ilaalchisee, IIDO’n yeroo hundeefamu maashinaroota ijaarsaa, konkolaattota gurguddaa fi xixiqqaa waggaa hedduu tajaajilan (dullooman) Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaa fi Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa irraa kan dhufaniidha. Sababa kanaaf irra caalaan maashinaroota hojiidhaan ala kan ta’an yoo ta’u, kan hafaniis tajaajila qubsaa fi gahaa hin taane kan kennani dha. Kana malees rakkooleen biroo hanqinni ikkupimentoota murteessaa ta’anii lakkofsaan xiqqaachuu dha. Xiinxallii kana keessattis kan hammataman maashinaroota hojjachuu danda’an ykn sadarkaa gaarii irra jiran qofa. Kanarraa ka’un Inarpiraayiziin baay’iina, qulqulliina fi bu’aa qabeessummaa maashinarootaa irratti of sakkatta’un akka barbaachisu dhiimma agarsiisudha.
-
Qabeenya humna namaa
Sochii misoomaa kamiyyuu keessattii hojjataan gahumsa, barumsa, danddeetti, ogummaa fi bu’aa qabeessa ta’een aalatti milka’aanni kamiyyu argamu hindanda’u. Indastrii ijaarsaa keeessattiis dhimmi kanaa olitti ibsame hiika walfakkaataa qaba. Intarpiraayiziin Ijaarsa Daandiiwwanii Oromiyaa hojjatoota dhaabbataa fi kontiraataa goosa barumsaa addaa addaa fi muxannoo hojii garaagaraa qaban waliigalaan 1,181ta’aan qaba. Dhaabbiileen misoomaa motummaas giddu galeessaan hojjatoota 4,875 akkasumas dhaabbileen ijaarsaa dhunfaa hojjatoota 2,300 kontiraataan fi dhaabbidhan hojjatan qabu. Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira qabaaniis yommu madaalamu IIDO’n baay’iina hojjatootaatiin parsantii 14 tiin sadrkaa sadaffaa irratti yommu argamu dhaabbileen Misoomaa Motummaa parsantii 58 tiin tokkoffaa fi dhaabbiileen ijaarsaa dhunfaa giddugaleessaan parsantii 28 tiin sadarkaa lammaffa irratti argamu. Itti ansuniis, Sababa adda addaatiin hojjatoonni baayyinaan waan gad-lakkisaniif IIDO’n yeroo ammaa kana ogeessota muxxannoo gahaa hin qabneen hojii ijoo ta’an irratti hojjachiisaa jira.
Baay’iina hojjataa qophaa isaatiin milkaa’ina hojii ijaarsaatiif murteessaa ta’uu baatus hojjataa danddeetti fi beekumsa ol’aanaa qabu qulqulliina fi baay’iinaan horachun dhiimma wal hingaafachisnee dha. IIDO’s carraawwan jiran fayyadamun hojjatoota gahomsun qabeenya humna namaa miisomsu fi itti fayyadamuu akka qabu dhiimma nu hubachisu dha.
-
Muuxannoo hojii
Xiinxalliin yeroo hundeefama dhaabbiilee ijaarsaa taasiifame keessatti dhaabolee haammataman irraa hubachun akka dandaa’amutti giddu galeessaan dhaabboleen dhunfaa muxannoo ijaarsaa hojii irraa yeroo itti hundeefaman iraa kaasee yommuu ilaalamu waggaa 21 dha. Dhaabbiileen misomaa motummaa immo yeroo hundeefaman irraa kaasee hanga bara 2007 ALE tti muxanno hojii giiddugaleessaan 8 fi isaa ol akka qaban ragaa argamee xiinxalame irraa hubachun ni dand’aama. Intarpiraayiziin keenya yeroo hundeefamee irraa kaasee hanga bara 2007tti waggaa 6 qofa lakkofsiiseera. Kana jeechun garu IIDO’n muxannoo ijaarsaa raawwachu waggaa 6 qoofa qaba jechun hin danda’aamu. Sababbiin isaatiis qaama motummaa ijaarsaa daandii raawwatuu irraa foxoqee akka haaraatti hundefame waan ta’ef.
Golaba irratti, IIDO’n dorgomtoota biroo waliin yoo madalamu muuxxannoo gahaa, humna gahaa fayyadamtootaa fi abbootii hojii biratti maqaa gaarii qabaachun isaa dorgomaa cimaa isa taasisa.
-
Ibsa waliigalaa haala Dorgommii
IIDOn hojii ijaarsa daandii bonaa gannaa irratti muxannoo gahaa kan qabu fi hojii hanga ammaatti hojjateen maqaa gaarii maamiila isaa biratti waan qabuf humna gama hundaan dabalataan cimsinaan dorgomaa cimaa ni ta’a. Daandii Asfaaltii fi hojii ijaarsa bishaanii ijaaruu ilaalchisee hanga ammaatti hojii kana waan hin eegalleef sadarkaa irra jiru beekun hin danda’amu. Haa ta’uuti hojiin kun bal’inaan gabaa keessa waan jiruf, dabalataanis kontiraaktaronni irratti hirmaachaa jiran lakkoofsaan muraasa waan ta’aniif meeshaalee fi humna gahaa hojii kana irratti hirmaachuf barbaachisan guuttachun hojii kanatti seenun dhimma murteessaa dha.
Akka waliigalaatti, Intarpiraayizichi waggoottan jahan darban keessaa milkaa’iina fi hanqina garagaraa keessa darbaa turera. Akka fayidaatti kan argachaa ture hojii dorgommii malee argachaa turuu, baasii xiqqaan hojii kontiraataa guddaa qabu hojjachuu, kontiraata qopheessuu fi bulchuu irratti muxannoo gahaa argateera. Muxannoo kanneen haa argatu malee dhibbaa mataa isaas kan qaban jiraachuu isaaniti kunis hojii akka salphaatti argachun bakka Intarpiraayizichi kontiraaktaroota biraa waliin jiru beekuu hin dandeenye. Dabalataaniis, kaapitaalla ittin dhaabbate gutumaa gututtii argachuu dhabuu, gatii gadii anaan hojjachaa turuu, maamila tokko qofa irratti daangefamuu, kaffaltii hojii yeroon argachuu dhabuu fi kkf waan turaniif dorgomaa cimaa ta’uu irratti gufuu kan itti ta’anii dha.
Dhuma irratti, Intarpiraayizichi dorgomtoota biroo bira-qabaan yeroo madaalamu madaallii baay’een sadarkaa irra jiraachu qabu irra waan hin jirreef dorgoma ta’e argamuuf hojii guddaa kan isa gaafatuu dha.
-
Xiinxala haala waliigalaa angoo fi gahee hojii Intarpiraayizichaa
Xiinxalliin kun haala waliigala hojiilee daangaa aangoo Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa labsiidhan kennaman kan agarsiisu yoo ta’u, xiinxala seerotaa, danbiilee fi qajeelfamoota aangoowwan kanarraa ba’an kan hammate waan ta’eef, hojiin kun hojii Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa ta’ee argameera.
Haaluma kanaan waajjirri kun aangoo fi gahee hojii itti kennamerratti hundaa’uun imaammata, tarsiimo’aa, karoora fi sagantaalee mootumma akka biyyaa fi naannootti ba’aniif karoora guddiinaa fi tiraansifoormeshinii galmaan gahuu keessatti hojiilee ijaarsaa adda addaa hojjateera.
Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaniin wajjirichi yeroo madaalamu: gama ijaarsa daandiitiin fayyadamummaa ummataa mirkanessuf hojiin milkaa’ina qabu hojjetameera.
Haa ta’u malee, fedhiin tajaajila daandii argachuu babala’achaa dhufe dandeettii raawwachiistummaa waliin waan wal hin gitneef daandii qulqulluu fi yeroo isaa eeggate hojjetanii ummataaf dabarsuu irratti hojiin hojjatame gahaa hin turre. Gama kanaan Intarpiraayiziin Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa angoo fi ga’een hojii itti kenname kan hojjechiisu waan ta’eef kana galmaan gahuuf Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa kana hojiitti hiikun jijjiirama fiduuf hojjata.
-
Xixala Maamiltoota, Dhimmamtoota fi waltaatota Intarpiraayizichaa
-
Maamiltoota (Customers)
-
Abbaa Taayitaa Daandiwwan Oromiyaa
-
Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaa
-
Bulchiinsa Magaalaa Fiinfinnee
-
Biiroo Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa
-
Biiroo Fayyaa Oromiyaa
-
Biiroo Barnoota Oromiyaa
-
Bulchiinsa Magaalootaa (Godinaa, aanaa)
-
Dhimmamtoota (stakeholders)
-
Maamiltoota IIDO,
-
Caffee Bulchiinsa Motummaa Naannoo Oromiyaa
-
Mootummaa Naannoo Oromiyaa,
-
Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misoomaa,
-
Bordii IIDO,
-
Hawaasa, (Uummata naannoo Oromiyaa)
-
Ejensii Geejibaa Oromiyaa
-
Abbaa Taayitaa galiiwwan naannoo Oromiyaa,
-
Biiroo Eegumsa Naannoo Oromiyaa,
-
Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee,
-
Dhaabbiilee Misoomaa Gurgurtaa fi sheerii irratti hojjetan,
-
Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo,
-
Dhaabbiilee miti-mootummaa,
-
Hojjatoota IIDO,
-
Dhiimmamtoota biroo
-
Waltaatoota (Collaborators)
-
Baankii,
-
Inshuraansii,
-
Gorsitoota
-
Waldaa Aksiyoonaa
-
Dhiyeesitoota
2.2 Ergamaa, Mula’taa fi Dudhaalee Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa
Ergamni barbaachisummaa hundeeffama jaarmiyaa kan agarsiisuu yoo ta’u; mul’anni immoo jaarmiyichi waggoota dhufan keessatti jijjiirama kallattii hundaan fiduudhaan maal irra akka gahuu irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Haaluma kanaan ergamanii fi mul’anni Intarpiraayizii Ijaarsa daandiiwwan Oromiiyaa kanatti aansee dhiyaatee jira.
2.2.2 Mul’ata
2.2.3 Duudhaalee (Core values)
Kaayyoo tarsiimoo haala walitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti caasaaleen Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qabu. Haaluma kanaan, duudhaalee ijoon Intarpiraayizii ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa akkaataa hojii keessatti calaqqisuu qabuun dhihaateera. Isaanis:
-
Maammilii keenya giddu galeessa hojii keenyaatti
-
Hojjetaan keenya qabeenya murteessaa dha
-
Itti gaafatamummaa
-
Iftoomina
-
Miira gareen ni hojjenna
-
Hojii qulqullina qabu hojjechuu
-
Jijjiiramaaf qophaa’oo dha.
2.3 Kallatii Gurguddoo Karoora Bara 2008-2012
Karoorri Intarpiraayizichaa yoo raawwatamu qixa kaayyoo kallatti kaa’ameen raawwatamuu qaba. Kanaaf karoorri akkasumas hojiileen raawwatamuu isaanii mirkaneessuun kan danda’amu kallattii raawwatiinsaa ifa ta’e kaa’uudhaan bu’uura kanaa fi kana qofaan raawwachuudhaan kan hojjetamu ta’a. Haaluma kanaan hojiileen hojjenu hundumtu kan raawwataman kallattiilee kanaa gadiitti tarreeffamaniin ta’a.
-
Hojii dhaabaa fi mootummaa walitti hidhuun hojjachuu,
-
Hudhaalee sadan (ilaalcha, dandeetii fi dhiyeessii) irratti hojjachuu,
-
Hojii hunda sadarkaa hundatti raayyaa ijaarameen raawwachuu,
-
Karoora IIDO karaa hirmaachisaa ta’een hojjchuu,
-
Dandeettii raawwachiisummaa Intarpiraayizichaa, gama humna namaa fi ikupmanootaa hundaan cimsuu,
-
Rifoormii meeshaa jijjiiramaa gochuun hojjachuu,
-
Itti fayyadamummaa dargaggootaa fi dubartootaa mirkaneessuuf akkaataa carraa hojii uumuu dandeesisuun irratti hojjachuu,
-
Hojiiwwan hunda bifa qindaayeen karaa waldeegaruu fi inni tokko isa biraatiif galtee ta’uu danda’uun raawwachuu,
-
Hojimaata fi qajeelfamoota hojirra oolchuu.
Dostları ilə paylaş: |