Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa Maanuwaalii Sirna Madaallii fi Badhaas


Adeemsa Kenna Qabxii fi Ibsa Sirna madaallii Qindaa’aa



Yüklə 487,08 Kb.
səhifə11/67
tarix10.01.2022
ölçüsü487,08 Kb.
#101050
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   67

Adeemsa Kenna Qabxii fi Ibsa Sirna madaallii Qindaa’aa


Adeemsi kenniinsa qabxii sirna madaallii qindaa’aa bu’aa karoora tarsiimoo firii madaallii sadarkaa sadarkaadhaan Intarpiraayizii hanga raawwataatti galmaa’e adda baasuudhaaf gosoota madaallii maddoota ragaa filatamaniif qabxii ulfaatina (weight) dhibbeentaan qoodamee kennuudhaan ta’a.
      1. Adeemsa Madaallii Caasaa ISFO


Intarpiraayiziin sanyii filatamaa oromiyaa caaseffama sadiin kan hundeeffame yemmuu ta’u sadarkaa Intarpiraayizii, sadarkaa dameelee fi sadarkaa qonnaatiin kan raawwatamuudha.

  • Madaalliin sadarkaa ISFOtti kan gaggeeffamu raawwii galmoota tarsiimoo akka intarpiraayizichaatti karoorfaman (iskoorkaardii waliigalaa ISFO) irraatti hundaa’uun koreen madaalli fi badhaasaa sadarkaa Intarpiraayizichaattii hundaa’uun harka 70% keessaa kan gaggeeffamu ta’a. Dabalataanis maamilli intarpiraayizichaa %10, koreen supperviizyinii(ATTDhMO) %10 fi hogganaan dhihoo(Boordii) %10 erga madaalameen booda akka waliigalaa qabxii 100 irraa kan kennamu ta’a.

  • Madaalliin sadarkaa Dameelee kan gaggeeffamu raawwii galmoota tarsiimoo akka intarpiraayizichaatti irraa caccabsuun akka dameetti karoorfaman (iskoorkaardii damee) irraatti hundaa’uun koreen madaalli fi badhaasaa sadarkaa dameetti hundaa’uun harka 70% keessaa kan gaggeeffamu ta’a. Dabalataanis maamilli damee %10, koreen supperviizyinii(koree supperviiyzinii sadarkaa Wajjira Ol’aanaa irra jiruun) %10 fi hogganaan dhihoo(Hojii Gaggeessaa Ol’aanaa/Itti Aanaa Hojii Gaggeessaa Ol’aanaatiin) %10 erga madaalameen booda akka waliigalaa qabxii 100% irraa kan kennamu ta’a.

  • Madaalliin sadarkaa Qonnaalee kan gaggeeffamu raawwii galmoota tarsiimoo akka intarpiraayizichaatti irraa caccabsuun akka dameetti karoorfaman (iskoorkaardii qonnaa) irraatti hundaa’uun koreen madaalli fi badhaasaa sadarkaa dameetti hundaa’uun harka 70% keessaa kan gaggeeffamu ta’a. Dabalataanis maamilli damee %10, koreen supperviizyinii(koree supperviiyzinii sadarkaa Wajjira Ol’aanaa fi damee) %10 fi hogganaan dhihoo(Hojii Gaggeessaa damee) %10 erga madaalameen booda akka waliigalaa qabxii 100% irraa kan kennamu ta’a.

      1. Yüklə 487,08 Kb.

        Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   67




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin