|
|
səhifə | 27/67 | tarix | 10.01.2022 | ölçüsü | 487,08 Kb. | | #101050 |
| Hundeeffama Koree Naamusaa
Adeemsa Sirna Madaallii fi Badhaasaa keessatti rakkooleen Naamusaa adda addaa yoo uumaman qaamni dhimmicha ilaalu jiraachuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan koreen naamusaa sadarkaa Waajjira Ol’aanaatii Kaasee hanga Qonnaaaleetti kan hundaa’u ta’ee haala armaan gadiin raawwatama.
-
Koreen Naamusaa dhimma madaallii fi badhaasaa sadarkaa caaseffama Intarpiraayizichaa hundumaa keessatti miseensota nama 5 (shan) kan qabu ta’a.
-
Koreen Naamusaa sadarkaa sadarkaan hundeeffamu Hojii gaggeessaa fi manaajimantii Intarpiraayizichaa sadarkaa sadarkaan jiruun kan hundaa’u ta’ee itti waamamni isaas qaamuma hundeesse kanaaf ta’a.
-
Rakkoon naamusaa madaallii fi badhaasa irratti Intarpiraayizicha keessatti uumamu qaama rakkoo naamusaa ilaaluuf sadarkaa sadarkaan dhaabbateef akka dhiyaatu ta’a.
-
Adeemsa madaallii fi badhaasaa gaggeeffame keessatti qaamni rakkoon naamusaa uumameera jedhu eeruu isaa qaama koree Naamusaa hundaa’etti dhiyeessuun koreen naamusaa hundaa’e dhimmicha qulqulleessuun guyyaa eeruu dhaga’e irraa eegalee guyyoota hojii sadii (3) keessatti Manaajimantii sadarkaa sadarkaadhaan jiruuf ni dhiyyeessa.
-
Koreen naamusaa eeruun fudhate sirrii ta’ee yoo argame itti gaafatamummaa fi gahee isaaf kenname bu’uureffachuun dhimmicha qulqulleessuudhaan yaada murtee manajimantii jiraniif ni dhiyeessa. Haala yaada murtee dhiyyaate bu’uureffachuun manaajimantiin sadarkaa sadarkaan jiru murtoo dhumaa kan kennu ta’a.
Dostları ilə paylaş: |
|
|