Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa Maanuwaalii Sirna Madaallii fi Badhaas



Yüklə 487,08 Kb.
səhifə6/67
tarix10.01.2022
ölçüsü487,08 Kb.
#101050
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   67

KUTAA LAMA: SIRNA MADAALLII

    1. Maalummaa, Faayidaa fi Gosoota Sirna Madaallii

      1. Maalummaa Madaallii


Beektonni gara garaa jecha maadaallii jedhuuf hiika gara garaa kan kennan yammuu ta’u, haala qabatamaa dokumantii kanaatti maadallii jechuun kallattiilee kaa’amaniin kaayyoowwan tarsiima’aa haala safartuulee tarsiimoo fi galma kaa’ameen wal bira qabuudhaan bu’aa fi jijjiirama argame (dhufe) safaruu jechuu dha. Madaalliin meeshaa manni hojii tokko tarsiimoo raawwataa jiru bifa sirrii ta’een itti hubatu, gaggeessuu fi fooyyessuuf itti gargaaramu dha.

Walumaagalatti, madaalliin yammuu ilaalamu;



  • Itti fayyadama galteewwanii (input), tajaajiloota, adeemsa raawwii, bu’aa (out put), milkaa’ina (out come) fi bu’aa qabeessummaan (effectiveness) argame;

  • Jijjiirama itti fayyadama humna namaa irratti ilaalchaan, dandeettii fi galteen dhufe;

  • Ga’umsa hooggansaa fi jijjiirama dhufe;

  • Fayyadamummaa fi itti quufinsa maamilaa gama hundaan guddachaa dhufuu isaa;

  • Itti fayyadama qabeenyaa bu’aa qabeessa ta’ee fi bu’aawwan argaman;

  • Muuxannoowwan qindaa’an (argaman) fi argannoowwan haarawaa hojmaataa fi kalaqawwan fi kkf kan madaalamani dha.

Walumaagalatti, hir’inoota mul’atan irratti fooyya’insaa fi tarkaanfilee fudhachuu qabnu beekuuf sochii misoomaa fi bulchiinsa gaarii irratti haala irra jirru adda baasuuf murtii beekumsa irratti hundaa’e dabarsuuf ragaalee nu dandeessisan nuuf argamsiisa.



      1. Yüklə 487,08 Kb.

        Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   67




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin