Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa Maanuwaalii Sirna Madaallii fi Badhaas


Qajeeltoowwan Sirna Madaallii Qindaa’aa



Yüklə 487,08 Kb.
səhifə10/67
tarix10.01.2022
ölçüsü487,08 Kb.
#101050
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   67

Qajeeltoowwan Sirna Madaallii Qindaa’aa


  • Madaallii raawwii Intarpiraayizii irraa eegalee hanga hojjetaatti gaggeessuuf bu’uurri madaallii keenyaa sadarkaa hundatti yaadama sirna madaallii 3600 tiin kan gaggeeffamu ta’a

  • Kan madaalamu galtee (inputs), adeemsa (process), bu’aa duraa (out put), bu’aa boodaa (outcome) milkaa’ian (impact) fi jijjiirama gama ilaalchaa, dandeettii fi itti fayyadama galteetiin akka waliigalaatti dhufe ta’a.

  • Bu’aan madaallii ragaalee dhugaa irratti kan hundaa’e ta’uu qabu.

  • Bu’aa fi bu’aa qabeessummaaf hojjechuun aadaa Intarpiraayizichaa ta’uu qaba.

  • Madaalliin sadarkaa hunda keessatti gaggeeffamu tarsiimoo Intarpiraayizichaa irratti kan hundaa’e ta’uu qaba.

  • Bu’aan hojiirra oolmaa tarsiimoo irraa eegamu akka argamuu fi galma ga’uuf deeggarsii fi hordoffiin wal irraa hin cinne sadarkaa sadarkaan gaggeeffamuu qaba.

  • Sadarkaaleen bu’aa raawwii baay’ee ol’aanaa, ol’aanaa, giddu- galeessaa, gad-aanaa fi baay’ee gadi-aanaa ta’uu

  • Sadarkaan bu’aa raawwii madaallii Kalaqaa fi kaka’umsaan irra ga’amuu kan danda’u, bu’aa sirrii ta’ee kan ibsuu fi kaayyoowwan tarsiimoo karoora tarsiimoo irratti ibsaman raawwachuudhaan galma yaadame sadarkaa sadarkaadhaan bifa saffisa qabuun kan fiixaan baasuu danda’e ta’uun isaa mirkanaa’uu qaba.

  • Akka waliigalaatti sadarkaa sadarkaadhaan sirni madaallii akka hojii irra ooluuf bu’aan raawwii fi madaallii sadarkaa sadarkaan akka galmaa’ee qindaa’uu fi haala bu’aa madaalliitiin bu’aa ol’aanaa kan galmeessiisaniif onnachiiftuu kan itti kennamuu fi kan raawwii gad-aanaa galmeessisan immoo deeggarsi barbaachisu kan itti kennamuuf, akkasumas sirni isaan itti gaafataman kan hojii irra itti ooluu dha.

  • Madaalliin Sadarkaa sadarkaan kan gaggeeffamu iskoorkaardii waggaa fi walakkaa waggaa qophaa’uu fi madaallii maddoota raga maamilaa, suppervizyinii fi hooggnsa dhiyoo irraa argamuun ta’ee bu’aa milkaa’inaa fi jijjiirama walakkaa waggaa fi dhuma waggaa irratti argame bu’uureffachuudhaan ta’a.

  • Qabxiin giddu galeessa (average) raawwattoota qabxii Adeemsa hojii ykn gareen argateen wal simuu danda’uu qaba. Kana jechuun hojjettootni hundinuu kan adeemsa/gareen hojiif kenname akkuma jirutti argatu jechuu osoo hin ta’iin tokko tokko qabxii giddu galeessaa (average) ol ykn gadii argachuu danda’u.

  • Qabxiin giddu galeessa (average) adeemsaalee/gareewwan hojii qabxii mana hojiif kennameen wal simuu danda’uu qaba. Kana jechuun adeemsaaleen/gareewwan hojii hundinuu kan Intarpiraayiziif kenname akkuma jirutti argatu jechuu osoo hin ta’iin adeemsaaleen/gareewwan hojii tokko tokko qabxii giddu galeessaa adeemsaalee/gareewwan hojii (average) ol ykn gadii argachuu danda’u.

  • Bu’aan madaallii kallattiiwwan afran SMBKT irraa argamu walitti hidhamiinsa bu’aa duraa fi boodaa (leading and lagging) kan agarsiisu ta’uu qaba. Kunis firiin madaallii kallattii faayinaansii firii madaallii kallattiiwwan gara gadii waliin wal simuu qaba.

  • Madaalliin bu’aa kallattii maamilaa kan raawwatamu itti quufinsa maamilaa irratti qorannoo gaggeessuun kan raawwatu ta’a.

  • Madaalliin adeemsaalee hojii nam-tokkee (one man team) kan gaggeeffamu akkaatuma ulaagaalee madaallii adeemsa hojii ijoo madaaluuf kaa’ame kan madaallii iskoorkaardii (SMBKT), suppervizyinii, maamilaa fi hoogganaatiin ta’ee madaalliin hojjetaa as keessa jiruus kanuma adeemsaaf kennamu ta’a.

    1. Yüklə 487,08 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   67




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin