|
Adeemsa Kenna Qabxii fi Ibsa Sirna madaallii Qindaa’aa
|
səhifə | 11/67 | tarix | 10.01.2022 | ölçüsü | 487,08 Kb. | | #101050 |
| Adeemsa Kenna Qabxii fi Ibsa Sirna madaallii Qindaa’aa
Adeemsi kenniinsa qabxii sirna madaallii qindaa’aa bu’aa karoora tarsiimoo firii madaallii sadarkaa sadarkaadhaan Intarpiraayizii hanga raawwataatti galmaa’e adda baasuudhaaf gosoota madaallii maddoota ragaa filatamaniif qabxii ulfaatina (weight) dhibbeentaan qoodamee kennuudhaan ta’a.
-
Intarpiraayiziin sanyii filatamaa oromiyaa caaseffama sadiin kan hundeeffame yemmuu ta’u sadarkaa Intarpiraayizii, sadarkaa dameelee fi sadarkaa qonnaatiin kan raawwatamuudha.
-
Madaalliin sadarkaa ISFOtti kan gaggeeffamu raawwii galmoota tarsiimoo akka intarpiraayizichaatti karoorfaman (iskoorkaardii waliigalaa ISFO) irraatti hundaa’uun koreen madaalli fi badhaasaa sadarkaa Intarpiraayizichaattii hundaa’uun harka 70% keessaa kan gaggeeffamu ta’a. Dabalataanis maamilli intarpiraayizichaa %10, koreen supperviizyinii(ATTDhMO) %10 fi hogganaan dhihoo(Boordii) %10 erga madaalameen booda akka waliigalaa qabxii 100 irraa kan kennamu ta’a.
-
Madaalliin sadarkaa Dameelee kan gaggeeffamu raawwii galmoota tarsiimoo akka intarpiraayizichaatti irraa caccabsuun akka dameetti karoorfaman (iskoorkaardii damee) irraatti hundaa’uun koreen madaalli fi badhaasaa sadarkaa dameetti hundaa’uun harka 70% keessaa kan gaggeeffamu ta’a. Dabalataanis maamilli damee %10, koreen supperviizyinii(koree supperviiyzinii sadarkaa Wajjira Ol’aanaa irra jiruun) %10 fi hogganaan dhihoo(Hojii Gaggeessaa Ol’aanaa/Itti Aanaa Hojii Gaggeessaa Ol’aanaatiin) %10 erga madaalameen booda akka waliigalaa qabxii 100% irraa kan kennamu ta’a.
-
Madaalliin sadarkaa Qonnaalee kan gaggeeffamu raawwii galmoota tarsiimoo akka intarpiraayizichaatti irraa caccabsuun akka dameetti karoorfaman (iskoorkaardii qonnaa) irraatti hundaa’uun koreen madaalli fi badhaasaa sadarkaa dameetti hundaa’uun harka 70% keessaa kan gaggeeffamu ta’a. Dabalataanis maamilli damee %10, koreen supperviizyinii(koree supperviiyzinii sadarkaa Wajjira Ol’aanaa fi damee) %10 fi hogganaan dhihoo(Hojii Gaggeessaa damee) %10 erga madaalameen booda akka waliigalaa qabxii 100% irraa kan kennamu ta’a.
Dostları ilə paylaş: |
|
|