|
Ulaagaa Miseensonni Koree Madaallii fi Badhaasaa Itti Ramadaman
|
səhifə | 16/67 | tarix | 10.01.2022 | ölçüsü | 487,08 Kb. | | #101050 |
|
Sirni madaallii fi badhaasaa kaayyoo barbaadameef ga’uu akka danda’u kanneen murteessan keessaa tokko qulqullinaa fi ga’umsa miseensota koreeti. Haaluma kanaan, ulaagaan miseensonni koree ittiin filataman:
-
Ga’umsa Teekiniikaa
-
Hubannoo sirna madaallii fi badhaasaa qabaachuu
-
Hubannoo fi kutannoo hojiiwwan rifoormii irratti qabu
-
Ga’umsa ogummaa bu’uuraa ICT kan qabu
-
Haala Caasaaa Intarpiraayizichaaa sadarkaa isaatti argamu hubannoo kan qabu
-
Aadaa koreen hojjechuu fi quunnamtii gaarii kan qabu
-
Dandeettii ragaa sassaabuu, qindeessuu , xiinxaluu fi yaada furmaataa hojjechiisuu danda’u dhiyeessuu kan danda’u
-
Duub-deebii ifa, sirrii fi faayidaa-qabeessa dhiyeessuu kan danda’u,
-
Ga’umsa Amalaa (ethical competency)
-
Fakkeenyummaa gaarii kan qabu
-
Loogummaa irraa biliasa kan ta’e
-
Yeroo hojii kan kabaju
-
Amanamaa kan ta’e
-
Icciitii kan eegu fi kkf guutuu qaba.
Dostları ilə paylaş: |
|
|