|
KUTAA SADII: ADEEMSA KOMIIN ITTI DHIYAATU
|
səhifə | 23/67 | tarix | 10.01.2022 | ölçüsü | 487,08 Kb. | | #101050 |
| KUTAA SADII: ADEEMSA KOMIIN ITTI DHIYAATU 3.1. Hiika Komii
Komii jechuun bu’aa madaallii qaamni madaallii gaggeessee ifa taasise irratti qaamni madaalame firiin ibsame kun naaf hin malu jedhee yoo amane qaama komii ilaaluuf hundeeffameef firiin madaallichaa irra deebi’amee naaf haa ilaalamu jedhee gaaffii ykn iyyannoo dhiyeessuu dha.
3.2. Hundeeffama Koree Komii -
Koreen keessummeessaa komii dhimma madaallii fi badhaasaa sadarkaa caaseffama Intarpiraayizichaa jechuunis Waajjira ol’aanaa, Dameelee fi Qonnaaleetti baay’ina miseensota 5 (shan) kan qabu ta’ee gurmaa’insi isaanis akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin adeemsa hojii garaa garaa keessaa ta’uu qaba.
-
Hallii gurmaa’insa koree komii keessummeessituu kanaa akkaataa qajeelfama hojii misoomaa fi bulchiinsa qabeenya humna namaa keessa taa’een kan raawwatu ta’a.
-
Koreen komii sadarkaa sadarkaan hundeeffamu manajimantii sadarkaa sanatti argamuun kan hundaa’u ta’ee itti waamamni isaas qaamuma hundeesse kanaaf ta’a.
-
Komiin madaalliif badhaasa irratti intarpiraayizicha keessatti ka’u qaama komee keessumeessuuf sadarkaa sadarkaan dhaabbateef akka dhiyaatu ta’a.
-
Madaalamaan madaallii fi badhaasni gaggeeffame sirrii miti yoo jedhee komee isaa guyyaa bu’aa madaalliichaa beeke irraa kaasee guyyoota hojii torba (7) keessatti dhiyeeffatee qaamolee komii dhaggeeffachuuf sadarkaa sadarkaan dhaabbataniin komeen isaa kan dhaga’amu ta’a.
-
Koreen komii dhaggeeffatu komiin qaama madaalamaa irraa dhiyaate sirrii ta’ee yoo argame itti gaafatamummaa fi gahee isaaf kenname bu’uureffachuun dhimmicha qulqulleessuudhaan yaada murtee manajimantii sadarkaa sadarkaan guyyaa torba (7) keessatti ni dhiyeessa.
Dostları ilə paylaş: |
|
|