Cuunfaa (Summary)
Sirni madaallii fi badhaasaa kun caaseffama Intarpiraayizichaa keessa jiran hunda keessatti kan raawwatamu yommuu ta’u, bu’aa raawwii hojii madaaluun firii ol’aanaa kanneen galmeessise kan itti jajjabeeffamuu fi kanneen raawwiin hojii isaanii gadi aanaa ta’an immoo sirni deeggarsa barbaachisaa ta’e itti argatanii fi sirni itti gaafataman kan hojii irra oolu dha.
Sirni madaallii fi badhaasaa kun galma kaa’ame bira akka ga’uuf deeggarsii fi kutannoon qaama hundaa barbaachisaa dha.Qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran, adeemsa raawwii keessatti muuxannoowwan gaggaarii argaman qindeessuu fi hojii irra oolchuu, hojjetaa raawwii qofaan madaalamee guddadha jedhu horachuu, akkasumas duub-deebii kennaman akka galteetti fudhachuu fi itti fayyadamuun sirna dorgommii fi badhaasichaa misooma, bulchiinsa gaarii fi ijaarsa sirna dimokiraasiif gumaacha irraa eegamu taasisuu fi yeroo yeroon fooyyessaa adeemuun itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf gama hundaan qophaa’aa ta’uun barbaachisaa dha.
Haaluma kanaan, firii sadarkaa sadarkaan galmaa’u bu’uura kan godhate sirni madaallii ulaagaalee qophaa’anii fi koree madaallii fi badhaasaa hundeeffameen waggaatti yeroo lama kan gaggeeffamu yommuu ta’u, sirni badhaasaa garuu waggaatti yeroo tokko kan gaggeeffamu ta’a.
Dostları ilə paylaş: |