|
|
səhifə | 4/67 | tarix | 10.01.2022 | ölçüsü | 487,08 Kb. | | #101050 |
| Kaayyoolee Gooree -
Waajjira Ol’aanaa, Dameelee, Qonnaalee, Adeemsaalee hojii, Gareewwan fi hojjettoota gidduutti miira waldorgommii kaka’umsa qabu (fair competition) uumuudhaan adeemsa jijjiiramaa calqabame bifa itti-fufiinsa (sustainability) qabuun mirkaneessuu,
-
Qaamotni Intarpiraayizichaa caaseffama sadarkaa sadarkaan jiran keessatti argaman bu’aa qabeessummaa fi aadaa hojmaata gaarii akka guddifatan taasisuuf,
-
Raayyaa jijjiiramaa uumuun qaamoleen raawwatanii fi raawwachiisan hundi hojii fi bu’aa hojii isaanii qofaan sirna itti madaalaman fi badhaafaman diriirsuuf,
-
Faayidaalee adda addaa kan akka carraa barnootaa fi leenjii, guddina sadarkaa, jijjiirraa fi kkf ilaalchisee murtee kennuuf.
-
Qaamolee Intarpiraayizichaa raawwii hojii isaaniitiin fooyya’oo ta’an irraa muxannoowwan gaarii qindeessuudhaan babal’isuu;
-
Qaamolee Intarpiraayizichaa raawwiin hojii isaanii gadi aanaa ta’e deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu kennuu fi sirna itti gaafatamummaa uumuuf
-
Sagantaalee rifoormii adda addaa fi meeshaalee jijjiiramaa itti fufiinsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessuu fi jijjiirama bu’uuraa fiduuf;
Dostları ilə paylaş: |
|
|