Karoora fiizikaalaa fi faayinaansii bara 2009


Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (Internal and External Situation Analysis)



Yüklə 1,01 Mb.
səhifə3/11
tarix17.01.2019
ölçüsü1,01 Mb.
#99681
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

2.2. Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (Internal and External Situation Analysis)


2.2.1: Xiinxala Haala Keessaa (Internal Situation Analysis: Strength and Weakness)

Qabxiilee Xiinxalaa

Cimina (Strength)

Dadhabina (Weakness)

  1. Bulchiinsa (Governance)




Gaggeessummaa

  • Humna fi dandeetti murasaa jiruun hojii hojachuuf tataaffiin taasiifama turee fooyyee kan qabu ta’u.

  • Gamaggama raawwii karooraa manajimantii Dhaabbolee misoomaa waliin gaggeessuudhaan, duub deebbii fi kallattiin siirreeffama kenama turuu isaa.

  • Hojii giddu-galeessa godhachuun geggeessu




Rakkoo Ilaalchaa:

  • Dhaabbileen misooma diiriqama hundeeffamaniif huubatanii bu’aa mata oftiin gutumaan gututtii ofii danda’an deemuu qabuu ammantaa jeedhuu ciimsanii qabachuun huubannoo kennuu irrattii haqinnii kan turee ta’uu.

  • Qabsoo kiraa-sassaabdummaa fi hojimaata badaa DhMMO biratti calaqqisu hojii tarsimaa’a godhanii hojjechuu dhabuu

  • Rakkoolee yeroo yeroon adeemsaa hojii keessattii mullatan ni hiikama jedhuun salphisanii ilaaluu

  • Rakkoolee gama DhMMO muudatan irratti qabsaa’uun hundee irraa dhabamsiisuu dhabuu;

  • Rakkoo dandeettii:

  • Aangoo mana hojichaaf kenname dugugaanii itti faayadamu dhabuu

  • Rakkoo dhiyeessii/Hordoffii fi deeggarsaa:

  • Hojiin dhiyeessa/hordoffii fi deeggarsi ittifuufinsaan hojjechuu dhabuu

Ergamaa fi Mul’ata

  • Ergamni fi mul’atni ifa ta’e fi hojjechiisu danda’u jirachuu;




  • Ergama fi mul’ata jiru qaamni hogganuu fi raawwatu sirriitti beekee hojii irraa olchuu irratti hir’inni jiraachuu



itti fufe--

Qabxiilee Xiinxalaa

Cimina (Strength)

Dadhabina (Weakness)

  1. Hoggansa /Management/




Caaseffama mana hojichaa

  • Caaseffamni hojjechiisuu danda’u diriiruu isaa (Proceess based organizational structure)

  • Gurmaa’insa mana hojichaa sadarkaa barbaadameen cimsuu dhabuu;

  • Bakka rakkoon jiru irra deebi’anii JBAH dhaan qorachuun deebi kennuu dhabuu

Tarsiimoo amma jiru

  • Kallattiiwwan salgan mootummaan kaa’e jiraachuu




  • Kallattiwwan salgan mootummaan kaa’ef xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu dhabuu

  • Raawwii hojii tarsiimoo bu’aa guddaa galmeessisuu danda’an dagachuun hojii xixiqqaa irratti xiyyeeffachuu;

  • Muuxannoowwan gaggaarii jiran addaan baasuudhaan qindeessuun babal’isuu dhabuu;

  1. Karoora, hordoffii, gamaaggama, fi gabaasaa




Karoora

  • Karoorri guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii qophaa’ee jiraachuu

  • Karoora tarsiimoo waggaa shanii fi karoorri waggaa qophaa’ee jiraachuu;

  • Karoorri tarsiimoo waggaa shanii jiraatullee sanada kanaan hogganamanii hojiirra oolchuu dhabuu;

  • Qophii Karooraa irratti haala barbaadamuun DhMM hirmaachisuu dhabuu;

Hordoffii fi gamaaggama

  • Sirni/caaseffamni hordoffii fi gamaaggamaa diriiree jirachuu;

  • Hordoffii fi gamaaggama ittifufiinsa fi qindoomina kan hin qabne ta’uu;

  • Raawwii hordoffii fi gamaaggamaa keessatti haala barbaadamuun DhMMO hirmaachisuu dhabuu;

Gabaasa

  • Gabaasni ji’aa, kurmaana fi waggaa jirachuu

  • Gabaasni yeroo fi qulqullina isaa eegee dhiyeessuu dhabuu;

  • Gabaasaa dhiyaatu irratti duubdeebii(Feedback) yeroo isaa eggate kennuu dhabuu;

itti fufe--

Qabxiilee Xiinxalaa

Cimina (Strength)

Dadhabina (Weakness)

Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo (MIS)

  • Meeshaalee quunamtii kan akka bilbila, interneetii kkf jiraachuu;




  • Qunnamtii teeknoloojii oddeeffannoo haala barbadamuun diriirsuu fi kan jirutti itti fayyadamuu dhabuu;

  • Qabinsa bulchiinsa ragaa (DBMS) qindeessuun qabaachuu dhaabuu;

Hojimaata

  • Hojimaatni tajaajilamtoota giddu galeessa godhate diriiree jiraachuu isaa;

  • Kenni tajaajila laafaa ta’u;

  • JBAH guutumma guutuutti hojii irra oolchuu dhabuu;

  • Sirna dorgommii hojii diririsuu dhabuu

  • Ijaaramni fi sochiin raayyaa laafaa ta’u

  • Hojimaata madaallii raawwii hojii garee fi hojjettootaa jiraachuu dhabuu;

4. Faayinaansii



Sirna faayinaansii



  • Sirna to’annoo faayinaansitiif ta’u kan akka ”Integrated Budget Expenditure-IBEX” fayyadamuun jiraachuu;

  • DhMMO hirmaachisuutiin hanqina baajjataa furuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu;

  • Sirna to’annoo faayinaansitiif ta’u kan akka ”Integrated Budget Expenditure-IBEX” yoo jiraate illee haalaan itti fayyadamuu;

  • Bulchiinsi qabeenya ammayyaa’a ta’e dhibuu

  • Sirni odiitii keessa laafaa ta’uu

Ittifayyadama Baajataa

  • Bajaata kappitaalaa xiqqaa fi murtaa’aa dhimmoota tarsimaa’a ta’aniif addaa baasuun dursa kennuu;

  • Baasii fi bu’aan raawwii hojii walmadaaluu dhabuu;

  • Raawwiin bittaa fi caalbaasii harkifataa ta’uu;

  • Ittifayyadamaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa bu’aa qabeessa ta’e jiraachuu dhabuu;

  • Baajata haalaan cuunfanii itti fayyadamuu dhabuu

  • Qoodinsi baajetaa tarsimaa’a ta’uu dhabuu (hojiin fiizikaalaa fi faayinaansii wali simuu dhabuu)

itti fufe--

Qabxiilee Xiinxalaa

Cimina (Strength)

Dadhabina (Weakness)

5. leecaaloo







  • Waajjira, Meeshaa waajjira fi Konkoolaataa

  • Meeshaalee quunamtii

Meeshaalee quunamtii kan akka bilbila, interneetii kkf jiraachuu;


  • Bulchiinsi qabeenyaa laafaa ta’uu;

  • Ittifayyadamni qabeenyaa dadhabaa ta’uu;



  1. Qabeenya humna Namaa




  • Humna namaa oggummaa fi dandeettii qabu guuttachaa jiraachuu;

  • Hojjataa kutannoo fi kaka’umsaa hojii qabuu hanga tokko jiraachuu;

  • Aadaan hojii fi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu;

  • Humni namaa teeknolojii quunnamtii odeeffannoo faayadamuu irratti haqinni jiraachuu;

  • Haala mijaawaa naannoo hojii

  • Hojii misooma fi bulchiinsa qabeenya humna namaa

  • Madaallii raawwii hoji

Sochiin dandeettii humna raawachisummaa humna namaa cimsuu irraatti jalqabiin jiru gaarii ta’uu isaa.



  • Sagantaa Misoomaa Qabeenyaa Humna Namaa mana hojichaa laafaa ta’u (Human Resource Development Program)

  • Madaalliin raawwii hojjettoota raawwii/bu’aa irratti kan xiyyeeffate ta’uu dhabuu




Mindaa fi Faayidaa

  • Miindaan hojiitti nama galchuu danda’u jiraachuu

Faayidaaleen fi jajjabeessituu (Incentive Schemes) oggeessota hojiirra tursiisuu fi gabaarraa harkisuu dandeessisu jiraachuu dhabuu;

dhiisuu





Itti fufe…

Qabxiilee Xiinxalaa

Cimina (Strength)

Dadhabina (Weakness)

  1. kenna tajaajjilaa




  • Ittiquufinsa

  • Tajaajilaa

  • Tajaajila si’aayinaa fi saffina qabu

  • Bu’aa qabeessummaa.

  • Sirna komii itti keessumeessamu




  • Kennii tajaajilaa fedhii maammilaa guutuuf taasisfamu jajjabeessaa ta’uu;

  • Miirri tajaajilummaa amma tokko hojjetaa keessa jiraachuu

  • Galmeen saanduqa yaadaa fi guci maamilli yaada itti kennu hanga tokko mijatee jiraachuu



  • Kenni tajaajila siiviil sarvantii sadarkaa barbaadamuun itti quufinsa maammilaa fiduu dhabuu;

  • Istaandaardiin kenna tajaajilaa ifa ta’e dhibuu;

  • Riformoonni (JBAH, SFSS) hojii irra jiran Teeknoloojii Qunnamtii Odeeffannootiin deeggaramuu dadhabuu;

  • Sirni keessumeessa komii bifa ifa ta’een driiree hojii irraa kan hin oolle ta’uu;

  • Qo’annoo fi qorannoo irraatti hundaa’uudhaan si’aayinaa fi saffina kenna tajaajilaa foyyeessuuf hojjatamuu dhabuu;

  • Caasefamni deeski odeeffannoo dhibuu






2.2.2. Xiinxala Haala Alaa (External Environmental Analysis: Opportunities and Threats)

Qabxiilee Xiinxalaa

Carraa (Opportunities)

Sodaa (Threats)

1. Haala Siyaasaa






  • Kutannoon siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf jiraachuu;

  • Imaammataa fi tarsiimoo hojjechiisuu danda’u jiraachuu;

  • Nageenyi tasgabaa’aa jiraachuu;

  • Xiyyeeffannaan DhMMO kenname guddaa ta’uu;

  • Kaffaltiin ka’umsa miindaa hawataa ta’e jiraachuu dhabuu;



2. Dimoogiraafii (Demography)










3. Hawaasummaa







  • Walqixxummaan koorniyaa gama mootummaan xiyyeeffannoo gahaa argachuu;

  • Fedhiin hirmaannaa haawaasaa misooma irraatti qabu jiraachuu;

  • Karoora guddinaa fi tiraansifoormeeshiinii akka biyyaa fi naannootti qophaaé galmaan gahuuf humni nama barate misoomaaf deeggersa kennuu danda’uu baayyinaan yunivarsiitootaa fi Kolleejjota irraa eebbifaman jiraachuu




  • Barsiifanni hojii laafaa ta’uun irra kan ka’ee eeggatummaan jiraachuu;

  • Babal’ina HIV/AIDS jiraachuun isaa humna misoomaaf ooluu miidhuu danda’uu;




Qabxiilee Xiinxalaa

Carraa (Opportunities)

Sodaa (Threats)

4. Haala Dinagdee (Economic Condition)







  • Dinagdeen akka naannoo fi biyyaatti ittifufiinsaan guddachaa jiraachuu;

  • Qaala’insi jireenyaa jiraachuu;

  • Meeshaalee biyya alaa galan kan biyya alaati galan biyya keessatti bakka buusu dhabuu

V. Haala Teknoloojii (Technological condition)






  • Teknoloojiiwwaan hammayyaa fi bu’aa qabeessa ta’an jiraachuu;

  • Sirni Qunnamitti Teeknooloojii Odeeffannoo hammayyaa diriiraa jiraachuu (Woreda Network system);

  • Mootummaan teeknoloojii hammayyaa kana babali’suuf xiyyeeffannaan kennaa jiru ol’aanaa ta’uu;

  • Hojjettooti teekinooloojii kanaan dafanii walibaruu dhabuu


2.2.3. Dandeesistoota/Haala mijja’aa fi Hudhaalee (Organizational Enablers &Pains)

Dhimmoota ijoo dadhabbinaa fi sodaa irraa maddan fi tarkaanfii fudhatamuu qaban (pains)

Dhimmoonni Gufuu ta’an (Pains)

Tarkaanfiiwwan fudhatamu qabaan(the measers to be taken)

  1. Rakkoo Ilaalchaa, Dandeettii fi Dhiyeessi hoggansaa, fi raawwattootaa mana hojichaa keessatti mul’atu hundee irraa dhabamsiisuu dadhabuu


  • Rakkoolee ilaalchaa ilaalchisee

  • Jijjiiramaaf hojii hojjechuuf kutannoo hoggantootaa fi raawwattootaa keessatti horuu

  • Iftoomina, haqummaa fi hirmaachisumaa sadarkaa hundaa irratti mijeessuun hojjechuu

  • Ilaalcha kiraa-sassaabdummaa calaqisiisu hundee irraa buqqisuun misoomaaf ijaaruu

  • Raawwattoota aangessuu

  • Humnoota kiraa sassaabdummaa irratti hirmaatan irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu

  • Rakkoolee dandeettii ilaalchisee

  • Hoggansi fi raawwattooti sadarkaa sadarkaan jiran dandeettii raawwachisummaa karooricha irratti akka horatan gochuu

  • Leenjii yeroo gaggabaaboo meeshaalee jijjiiramaa irratti yeroo yeroon kennuu

  • Dandeetti itti fayyadaama teeknoloojii hoggaansaa fi raawwattootaa cimsuu

  • Muuxannoowwan gaggaarii addaan baasuun akka babal’atu gochuun humna raawwachisummaa cimsuu

  • Paakeejii Bulchiinsa Gaarii hojii irraa olchuu

  • Hoggansa fi raawwattoota ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa irratti qabsaa’uu danda’u uumuu

  • Rakkoolee dhiyeessii/hordoffii fi deeggarsaa ilaachisee

  • Sirna hordoffii fi gamaaggamaa bu’a qabeessa taé diriirsuun hojiirra oolchuu;

  • Danbii fi qajeelfama caal-baasii fi bittaa mootummaan bahee jiruu hojii irra olchuu dhabuu

  1. Dhaabbileen misooma bu’aa ofiitiin buluu qabu kan jedhu huubachiisu dadhabuu fi rakkoolee gama DhMMO muudatan atattamaan fala kaa’u dhabuu

  • Tarsimoo gabaa bilisaa DhMMO akka huubatanii ciminaan gabaa keessatti dorgomani irratti hojjechuu

  • Sirna hirmaannaa maamilaa fi qooda fudhattootaa diriirsuu fi hojii irra oolchuu

  • Raakkoowwan DhMMO biratti mullatan qorannoon adda baasaa fala kaa’a deemu

  1. Aangoo fi gahee mana hojichaaf kenname dugugaanii itti faayadamu dhabuu dhaan kufaati dhufuu danda’u

  • Hojimaata hojjechiisu danda’u diriirsuu

  • Akkaata labsii 181/2005 DhMMO dambii akka itti baafatan taasisuu

  • Gahee fi aangoo ATTDhMMO qaama dhimmi ilaallatu huubachiisu

  • Walitti dhufeenya ATTDhMMO fi maamiltoota gidduu jiru cimsuu;

  • Humna raawwachiisummaa geggeessitootaa fi raawwattoota cimsuu

  1. Qindominni hojii DhMMO gidduu fi qooda fudhattoota waliin qaban laafaa ta’u;

  • Sirna hojii qindoominaa fi walitti hidhamiinsaa DhMMO fi ooda fudhattoota walitti fidu qopheessuu fi hojii irraa olchuu;

  • Kallattiiwwan salgan mootummaan kaa’e hojiitti hiikuu;

  1. Ergama fi mul’ata jiru qaamni hogganuu fi raawwatu sirriitti beekee hojii irraa olchuu irratti hir’inni jiraachuu

  • Ergamaa fi mul’ata mana hojichaa qaama hojiitti hiiku huubachiisu




  1. Dhimmoota sektoora hundaa mana hojichaa keessatti idileeffamuu dhabuu

  • Koorniyaa idilleessuu

  • Kiraa-sassaabdummaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuu

  • Dhimma HIV/AIDS irratti hojjechuu

  • Dhimma eegumsa naannoo xiyyeeffannoo argatee akka idilaa’u taasisuu

  1. Qophiin karooraa, Hordoffii, deggersi, gamaggama fi duubdeebiin kennamu laafaa fi ittifufinsa kan hin qabne ta’uu

  • Karoora tarsimaa’a fi hirmaachisaa ta’e akka qophaa’u haala mijeessuu fi taasisuu

  • Sirna hordoffii, deeggarsaa, gamaaggamaa fi duubdeebii si’ataa ta’e diriirsuu fi hojii irra oolmaa isaa hordofuu;

  1. Kennii tajaajilaa sadarkaa barbaadameen itti quffiinsa maammilaa fiduu dhabuu

  • Rifoormiwwaan adda addaa qophaa’an maammilaa giddugaleessa godhachuun hojii irraa olchuu;

  • Sirna komii keessumeessuu diriirsuu fi hojii irraa olchuu;

  1. Sirna dorgommii hojii diriirsuu dhabuu

  • Qajeelfama fi Maanuuwallii sirna dorgommii hojii qopheessuudhaan hojii irra olchuu;

  1. Ijaaramni fi sochiin raayyaa laafaa ta’u

  • Sagantaa Fooyya’iinsa Sivil Sarvisii hojii irra oolchuu

  1. Itti fayyadanmni baajetaa tarsimaa’a ta’uu dhabuu (hojiin fiizikaalaa fi faayinaansii wali simuu dhabuu)

  • Sirnaa iftoomina, haqa qabeessaa fi hirmaachisaa ta’e uumuun





Gabatee 4: Dhimmoota ijoo ciminaa fi carraa gaarii irraa maddanii fi tooftaa itti fayyadama isaanii (Enablers)

Dhimmoota ergama galmaan gahuu dandeessisan (Enablers)

Tooftaa itti fayyadama dandeessistootaa

  1. Kutannoon siyaasaa misooma ittifufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu jiraachuu isaa;

  • Kallattii fi tarsiimoowwan mootummaadhaan kaa’aman karaa iftoomina qabuun hubannoo uumuun hojii irraa akka oolu gochuu;

  • Sirna madaallii bu’aa karoora tarsimo’aa (SMBKT) meeshaa hoggansa ol’aanaa (strategic management tool) ta’ee karoora hojii waggaa ittiin madaaluu;

  • Muuxannoowwaan gaarii adda baasuun babal’isuu;

  • Raayyaa fi raayyaa qofaan hojjechuu

  1. Guddina dinagdee ittiifufiinsa qabu galmeessuuf haalli mijaataan jiraachuu isaa;

  • Walitti hidhaaminsaa maamiltootaa fi qooda fudhattoota waliin jiru ciimsuu;

  • Bakka hirmaannaan abbootii qabeenyaa muraasa ta’etti DhMMO invastimantii akka baballisan taasisuun guddina diinagdee naannichaa keessatti shoora isaan irraa eegamu akkataphatan taasisuu;

  • Aadaa qusannaa jajjabeessuu;

  1. Teeknoloojiin qunnamtii ammmayyaa jiraachuu isaa;

  • Teeknoloojii qunnamtii hammayyaa mana hojichaa keessatti babal’achaa jiru itti fufsiisuu fi fooyyessuun itti fayyadamuu;

  • Itti fayyadamaa teeknoloojii irratti dandeetti oggeessotaa cimsuu;

  • Hojiiwwaan rifoormii teeknoloojii hammayyaatiin deeggaruun bu’a qabeessummaa isaa mirkaneessuu;

  1. Imaammatootaa fi tarsiimoolee hojjachiisuu danda’an jiraachuu

  • Gaggeessaa fi hojjettoonni immamaataa fi tarsimoo giddugaleessa godhaachuun akka raawwatan gochuu;

  • Imaammattoota adda addaa fi tarsiimoolee mana hojichaa irratti hubannoo uumuun gahee qaamni hundi raawwi karoora mana hojichaa keessatti qabu cimsuu;

  • Hoggantoonni fi hojjeettonni sadarkaa sadarkaan jiran mul’ataa fi ergama galmaan gahuurratti fakkeenya gaarii (Role Model) akka ta’an gochuu;

  1. Imaammati gabaa bilisaa diriiree jiraachuu

  • DhMMO imaammata gabaa bilisaa hordofanii akka hojjetaniif huubannoo isaanii cimsuu

  • Ergama DhMMO dhaabbataniif huubachiisuu

  • DhMMO imaammata gabaa bilisaa hordofanii ergama mootummaan itti kenne karaa gahumsa qabuun raawwachuu akka dandaa’aniif hojimaata ifa ta’ee fi seera iratti hundaa’e akka diriiruuf hordoffii fi deggersa taasisuu



2.3. Raawwii Gurguddoo Baroottan Darbanii Raawwatamanii Fi Rakkoolee Gurguddoo Adda Bahan

2.3.1. Raawwii Gurguddoo Baroottan Darbanii Raawwataman

ATTDhMMO bara 2003 kan hundeefame yoo ta’u hojiiwwan ijoo karoora bara 2003 keessatti qabaman baay’inaan gurmaa’insa mana hojichaa fi humna namaa guuttachuu irratti kan xiyyeeffate ture. Haata’u malee baruma kana kurmaana lammaffaa irraa kaasee karooraa ofii qopheeffachuun hojiittii galee hojii karoorafatee keessaa akka waliigalaatti %70.22 raawwachuu danda’ee jira.

Haaluma walfakkaatuun bara 2004tti yeroo isaa eeggatee karoora qopheeffachuun hojiiwwan ijoo humna raawwachiisummaa dhaabbilee misoomaa cimsu, sirna hordoffii fi deeggarsa gahumsa qabu dirriirsuun raawwii hojii dhaabbilee misoomaa cimnaan hordofaa tureera. Bifuma kanaan gamaaggama raawwii karoora dhaabbilee misoomaa ji’aa fi kurmaanaan gaggeessuu, leenjiiwwan adda-addaa humna raawwachiisummaa oggansa dhaabbilee misoomaa cimsan kennuu, haalaa raawwii hojii projektootaa sagantaa hordoffii dirreetiin gamaggamuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa kan ture yoo ta’uu, raawwiin karoora bara 2004 giddugalaan yammuu madalamu % 79 akka ta’ee fi raawwii bara 2003 irraa % 8.78tiin fooyyee agarsiiseera.

Bara 2005tti humna raawwachisumma isaa cimsuu fi hordoffii fi deeggarsa ittifufiinsa qabu taasisuun raawwiin karoora gara % 83.67tii guddisuu danda’eera. Haaluma kanaan, ATTDhMMO ergama ittiin hundeefamee caalmaatti galmaan gahuuf raawwii karoora bara 2006 xiyyeeffannaa guddaan xiinxalee ciminaa fi hanqinoota jiran adda baasuun karoora bara itti aanu keessaatti galtee taasisuun hojii hojjetameen raawwii karoora %85 galmeessiseera.

Akka waliigalaatti ATTDhMMO bara hundeeffama isaa 2003 irraa kaasee (2003-2008) hojiiwwaan ergama kennameef irratti %70.2_% 88.5 Raawwiin karooraa galmeessiseera. Kunis bara baraan %n raawwii karooraa gabatee armaan gadii keessaatti akka mul’atu taassifamee jira

Bara karooraa

2003

2004

2005

2006

2007

2008

% Raawwii karooraa

70.22

79

83.67

85

87

88.5

Kun akkuma jirutti ta’ee ergama hundeefama ATTDhMMO keessaa inni tokkoo fi inni ijoon dandeetii raawwachiisummaa dhaabbilee misoomaa cimsuun kaayyoo hundeefama isaanii milkeesuuf hojachuu akka ta’ee beekamaa dha. Gama kanaan akka ATTDhMMOtti mata dureewwan adda-addaa irratti leenjii geggeessitoota DhMMOtiif keenuu, dhaabbileen misoomaa hojmaataa gahuumsa fi iftoomina qabuun hojii isaanii akka gaggeesan gochuu, rakkoowwan bifa adda-addaatiin dhaabbilee misoomaa keessatti muldhatan qorannoo dhaan fala kaa’uu, sirna hordofii fi deegarassaa diriirsuu fi raawwii isaanii waltajjii ji’a, kurmaana fi waggaatiin akkasumasi gamaaggama dirree fi dubi deebbii laachuu irratti hojiin bal’aa ta’ee raawwatama tureera.

Haaluma kanaan hojiiwwan gurguddoon hojjetaman keessaa isaan ijoon akka armaan gadiitti dhiyaataniiru:


  • Bara 2003 baay’inaa hojjatootaa 26 (% 52.7) turee, dhuma bara karoorrichaa 2008 tti haala caasaan mana hojii eeyyamuun % 90 irraan gahuuf haaluma karoorfameen % 89 raawwachuudhaan humna namaa 57 horatee jira. Raawwii humna namaa kana keessatti ijaa idileeffannaa koorniyaatiin yoomuu ilaalamuu Dhi-34 (%60) Dub-23 (%40) yeroo ta’uu hirimaanaa, fayyaddamummaa fi walqixummaa koorniyaa ilaalchisee waggaadhaa garaa waggattii fooyya’aa kan dhufee yoomuu ta’uu walakkeessaa KGT 2ffaa qabamee jiruu kana keessattii gara walqixxattii ni dhufa ammantaa jedhuun hojiin bali’aan kan hojetama jiru ta’u isaa namatti mul’isaa.

    • Meeshaalee jijjiiramaa adda-addaa ATTDhMMNO fi Dhaabboleen Misoomaa keessaatti sochii hojii bal’aa taasifameen raawwii DhM irratti fooyya’iinsi abdachiisaan mul’atee jira

    • Humna raawwachisummaa Dhaabbilee Misoomaa guddisuuf bara 2008tti keessaa IIDOf maallaqaa Qr mil 50, IDOf Qr mil 60 fi Buusii investimantii mootummaaf Warshaa maxxansa Oromiyaaf (TBO) Qr mil 96 akkasumaas Tumsaa Indowimeentii (Tumsa Foundation) Qr mil 100 waliigala Qr Mil 306 mootummaan deeggarsa taasiseen humni raawwachisummaa DhM akka cimu taasifameera.

    • DhM hundi herrega isaanii yerootti cufanii odiitti alaatiin akka xiinxalsiisan haala xiyyeeffannoon hojjetamaa tureen hanga 2007tti herregni jiru cufameera.

    • Bifuma walfakkaatuun qorannoon rakkoo qindoomina seektara bishaanii caasaa mootummaa gaggeeffamee xumuraamee mootummaa naannoo tiif dhiyaateera.

    • Hojiiwwan seektaaroota hedduu akka mana hojii ATT tti (Ittisaa fi too’annoo HIV/AIDS fi dhimma dargaggoo, Dhimma Korniyaa idileessuu fi naamusaa fi farra malaammatummaa yoo ta’an dhimmoota sadeenuu irratti caaseffamni mana hojii ATT fi DhM hunda keessatti akka jiraatu taasifamee hojjettoonni irratti ramadamanii hojjetama jira.



Gamaaggama Raawwii karooraa DhM Ijaarsaa

Kaayyoowwan gurguddoo dhaabbtichaa:



Dhaabbata Dizzaayinii fi Too’annoo Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa (DhDTHBO)

Bara 2008 Kaayyoo Waliigalaa Karoora Dhaabbatichaa (1) Hojii Qorannoofi Dizaayinii pirojektoota Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii, fi darbii amma jiran akkaataa waligalteen % 100 xummuruu; (2) Bulchinsa Kontraataa fi To’annoo Ijaarsa pirojektootaa 67 akkaataa waliigaltee fi karoora kontraaktaroon dhiyyeeffataniin qulqullinaan % 100 hordofuu, deegaruu haala waliigalteen maamilaaf gabaasuu; (3) Hojii Qorannoofi Dizaayinii fi BKTI pirojektoota gabaa irraa haaraa barbaadudhaan argaman akkaataa waligalteen gaggeessuu; (4) Hoggaansaa hanga raawwaataa tokko tokkootti rayyaa misoomaa fi jijjiiramaan ijaaramu fi raawwii karoora raayaadhaan raawwachuun ijaarsa dandeettii fi humna raawwachiisummaa akka fooyyaa’u taasisuu; (5) Bu’aa Dhaabbatichaa guddisuu; (6) Tajaajila laaboraatoorii Cimsuudhaan madda galii gochuu; (7) Hubannoo hojjatoota keessatti uumuun korniyaa Idileessuu; (8) Ittisa HIV/AIDS irratti hubannoo uumufi daa’imman maatii isaanii HIVn irraa du’aaniif/deegarsa hin qabneef deegarsa kennuu; (9) Hojii Dhaabbatichaa keessatti carraa hojii dargagootaaf uumuu; fi (10) Raawwii hojii ji’a fi kurmaanaan gamaggama gaggeessu dha.



Intarpiraayizii Ijaarsa Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa (IIHBO)

Hojii Ijaarsa pirojektootaa gosa adda addaa of harkaa qabu 32 hojechuudhaan isaan kana keessaa 21 xumurudhaan fayyadamummaa ummata mirkaneessaa deemuun dhimmota madda koomii ta'an hundee irraa hikuu fi akka dhaabbilee misoomaa tokkotti bu'aa argachudhaa malu mirkanneessa deemuun hanqinna human raawwachissummaa isaa hikaa deemuu



Intarpiraayizii Ijaarsaa Daandiiwwan Oromiyaa (IIDO)

Kayyoon waliigalaa karoora bara 2008 IIDO daandii bonaa gannaa km 267 gatii Qr Biilyoona 1.33 qabuu fi hojiiwwan ijaarsaa adda addaa raawwachuun galma ga’iinsa karoora Guddinaa fi Tiraansfoormaashiinii marsa lammaffaatiif gahee bahuu dha.



Intarpiraayiazii Diriiliingii Oromiyaa (IDO)

Pirojektoota boolla gadi fagoo 42 fi Boolla gabaabaa 30 walumaagatti Boollota 72 akkasumas yaalii paampii 55 akkasumas hojiiwwan EM yeroo karoorfameef keessatti raawwachuudhaan abbotii pirojektiif dabarsuu.



Riifoormiiwwan fi Dagaagina sirnaa:

DhDTHBO

Hojiiwwan rifoormiin walqabatan:BPR, BSC, Ijaarsa raayyaa , Kaayizenii, ISo 9001:2008 QMS fi kkf yommuu ta’an haalli raawwii isaanii akkaataa kanaa gadiitti gabaabinaan cuunfamee dhiyaateera. BPR dhaan wal-qabatee istaandardii kanaann dura taa’ee haala ISO tiif fayyadutti irra deebi’ame hojjatamaa jiraachuu fi Kenni tajaajila istandardii irratti hunda’u isaa hordofama jira. SMBKT hojirraa ollchuu waliin walqabatee Hojjettoota karoora dhuunfaa isaanii haala SMBKT akka qopheeffatan deeggersi kennama jiraachuu fi akkataa barbaadamuun lafa qabachuu irraatti kan ammallee ojii barbaadu ta’ee jira.



IIHBO

Karoorri Tarsimaa'aa waggaa shanii (SPM) wixinneen isaa qophaa'ee oggansa sadarkaan jiruuf dhiyaatee yaada itti keenamee hojii keessa galamee jira. Qorannoo SBMKT/BSC/ gaggeessameera. Haata’u malee saffina barbaadamuun hojii keessa hin galamne. Hojii Bulchiinsa Gaarii irratti rakkoowwanii fi ka’umsa rakkoowwan bulchiinsa gaarii sadarkaa pirojaktootaa fi wajjira ol’aanaa adda bahee karoorfamee, hubannoon hoggatoota, gaggeessitootaa fi hojjetootaaf irrattii kennamee hojii keessa galamee raawwiinisaa sadarkaa sadarkaadhaan gabaasamaa jira.



IIDO

Sochii humna namaa ilaalchisee hojjettoonni mana hojichaa bara kana gad lakkisan 57 (sababa hinbeekamneen 15, fedhiidhaan 29, xumuramuu pirojaktiidhaan 5, soorama bahuudhaan 4, fi du’aan 2) yoo ta’u, lakkoofsi guddaan sababni iasaa kan hin beekamnee fi fedhiin gadlakkisuun hojjettoota 44 (%77.2) akka ta’e hubatamee jira.hojjettoonni kun gahuumsaa fi muuxannoo ol’aanaa kan qabanii fi kaffaltiin mana hojichaa gabaa alaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu hawwataa waan hin taaneef akka gad lakkisan hubachuun danda’amee jira.karaa beekamaa (Natural) ta’een kan gad lakkisan hojjettoota 13(%22.8) qofa akka ta’e agarssisa.kanaafuu haala hojjetaa tursiifachuu danda’amurratti hojjechuun barbaachisaadha.


Raayyaa jijjiirama : ijaarumsi raayyaa IIDO keessaatti fooyya’iinsa kan qabu ta’ee dhaabbilee misoomaa hubda keessaatti harcaatii kan qabuu fi hojii kan barbaadu ta’ee argama. Marii tokko shanee, garee raayyaa fi gumii adda durootaa ni gaggeeffama; garuu bifaa ittifufiinsa qabuu fi galma mana hojichaaf sadarkaa gumaacha ol’aanaa fidu irra hin geenye.
Bulchiinsa Gaarii:- Rakkoo Bulchiinsa gaarii DhM afranuu keessatti Waajjira ol’aanaa fi pirojektii pirojektiidhan adda bahee karoorri qopha’ee gara hojiitti galamee jira. Raawwii isaas yeroo gabaasaa eeggatee qaama dhimmi ilaaluuf gabaasamaa jira.

Kaayzanii hojiirraa oolchuu

Falaasama kaayizanii hojiirraa oolchuu ilaalchisee dhaabbanni DhDTHBO hojii kutaa qabeenyaa fi laaboraatoorii irratti kan eegalee jiru ta’uu issaa fi kan jajjabeeffamuu qabu ta’uusaati. IIDO garuu hojii kanaan kan tarkaafatee jiru ta’uu isaatiin dhaabbilee misoomaa hafaniifis ta’e qaama birootiif sadarkaa muuxannoo dabarsuu irra gahee kanjiru akka ta’e hubachuun danda’amee jira. Hojiiwwan gurguddoo akka fakkiitti ka’uu danda’an keessaa:



Falaasama hooggansa kaayizanii erga WTSIO keessatti hojii irra oolee jijjirama dhufaa jiru (bu’aa argame) bu’uurefachuun, bara kana keessas gara Waajjira Ol’aanaa fi pirojaktootattis babal’isuun baal’inaan irratti hojjachuuf karoorfamee hojiitti galamee jira. Haaluma kanaan bara kana keessa hanga ammaatti hojiiwwan hojjatamaa turan keessaa gurguddoon;-
Intarpiraayizichi hojiiwwan faalasama kaayizanii hojii irraa oolchuu isaatiin bu’aa argamsiiseen beekkamtiin akka keennamuuf irratti hojjatamaa ture bara kana keessa Inistitiyuutii kaayizanii federaalatiin beekkamtii argatee jira. Hojjatoota WTSIO keessatti hojii faalasama kaayizaniitiin bu’aa jajjabeessaa argamsiisaniif sirni beekkamtii kennuu gaggeefamee jira.Haaluma kanaan hojjatoota Wiirtuu kanaa 120 ta’aniif beekkamtiin (Waraqaan Ragaa) kennameefii jira.
Shoopiwwan WTSIO keessa jiran Shan keessaa bu’aa argamsiisaniin fakeenya ta’uu kan danda’a sadi adda baasuun beekkamtiin kennamee jira. Bara kana keessa hoogansa kaayizanii babal’isuun itti fufsiisuuf qajeelfamni hooggansa kaayizanii qophaa’ee koree sadarkaa sadarkaan jiraniif rabsamee jira. WTSIO keessatti gumiin hooggansa kaayizanii hundi marii isaanii cimsanii akka itti fufan ta’ee jira.
Ogeessanni inistiyutii kaayizen haala hojii kaayizen irra jiru guyyaa lamaaf akka madaalan taasifamee madaalicha irratti hundaa’ees qeeqaa /comment isaan kennaan qindaa’ee akka irratti hojjetamu taasifamee ture ji’a kana keessa irratti xiyyeefatamee hojjatamee jira. Waajjira ol’aanaatti “office kaizen” hojiirra olchuudhaaf adeemsi hundi karoora baafatee hojiitti akka galu taasifamee jira.
Pirojektonni ijaarsaa hundi karoora hoji irraa olmaa hoggansa kaayizen baafatanii hojii keessa akka galan taasifamee jira. WTSIO keessatti ilaalchii fi kaka’uumsi hojii hojjatoota sababa kaayizaniin hojii irra ooleen waan dabaleef meeshaaleen kana dura hin danda’amu jedhamuun gara kaampaanii alaatti ergamaa turan wiirtuu keessatti subamaa jiru. Hooggansa kaayizanii gara waajjira ol’aanatti fiduuf haaluma karoorfameen Adeemsaalee hojii 8 keessatti Gareen Kaayizanii 14 hundaa’ee hojiitti galee jira.


Raawwii Karooraa Hojiiwwan Gurguddoo

DhDTHBO

Baay’inaa fi gosa pirojaktootaa dhaabbatichi gaggeessa jiru: Dhaabbatichi Pirojeektoonnii gaggeessa jiru kan turan (on going projects) 85 fi haaraa mallatta’an 46 walumaagala 131 gatiin kontirata isaanii Qr mil. 641.38 (Qorannoo fi Dizzaayinii Qr mil 317. 23 fi Bulchiinsa Kontrtaa fi Too’annoo Ijaarsaa Qr mil 324.15) ta’e gaggeesa jira. Qoodinsa isaanii yeroo ilaalamu: Qorannoo fi Dizaayinii - Haaraa 14 fi kan turan 20 waliigala 34(% 26), Bulchiinsa Kontiraataa fi To’annoo Ijaarsaa- haaraa 32 fi kan turan 65 waliigala 97 (% 74) akka ta’e hubachuun danda’amee jira.
Hojii Qorannoo fi Dizzaayinii: Raawwiin hojii fiizikaala pirojektootaa Qorannoo fi Dizaayinii ji’oottan sagal darbanii %73.6 ta’ee jira. karoora bara 2008 irraa akka wliigalatti yoo ilaalamu % 56.8 irra kn jiru yoo ta’u akkaataa gosa hojiitiin Hojii Qornnoo fi dizzaayinii pirojaktoota Jallisii %42.9, Hojii Qornnoo fi dizzaayinii pirojaktoota dhiyeessa bishaan dhugaatii %100, Hojii Qornnoo fi dizzaayinii Projaktoota qabeenya bishaanii %58.6, Hojii Qornnoo fi dizzaayinii Projaktoota Daandii %76.1, Hojii Qornnoo fi dizzaayinii Projaktoota Gamoo %48.5 fi Qorannoo karoora Ittifayyadama lafaa Guji-Bale %88.6 irra akka jiramu hubachuun danda’amee jira. Raawwiin ji’oota sagalii dhaabbatichaa karoora waggaa irraa giddugaleessaan %7.2 akka ta’ee fi ji’oottan sadii hafan keessatti tilmaamaan % 21.6 yoo raawwatan waliigala rawwiin karooraa dhaabbatichaa %95.6 niqaqqaba jedhamee fudhtamuu ni danda’.
Raawwiin hojii karoora labortoorii ilaalchisee ji’oottan sagal darban keessatti hojii Fiiziikalaan %75 fi maallaqaan immoo %62 akka rawwatame ragaan ni agarsiisa. Rawwiin kunis ji’atti giddugaleessan hojii fiizikaalaa %8.3 fi maallaqaan immoo % 6.89 akka raawwata turee agarsiisa.Kanarraa k’uudhaan ji’oottaan sadii hafan keessatti haalaa kanaan yoodeeme hojii fiiziikala %24.9 fi hojii maallaqaa % 20.67 hojjechuudhaan dhuma waggaa irratti hojii fiizikaalaa fi maallaqaa walduraa duubaan %99.9 fi % 82.67 tiin gahuu ni danda’a.
Hojii Bulchiinsa kontraataa fi too’annoo ijaarsaa hojii gurguddoo lama kan hammatudha. Isaani kontrata bulchuu fi ijaarsa too’achuudha.

Kontraata bulchuun waliigaltee kontraataa irratti hundaa’ee kan rawwatamudha. Qaamoleen sadeen (abbaa hojii, gorsaa fi kontraaktara) qaama mootummaa ta’uu irraa kan ka’e akkaataa seera waliigaltee jiruun seeraa fi seeraan hojjechuu irratti hnqinni kanjiru ta’uu raawwii projaktootaa duubbatti harkisuun fayyadamumma uummataa irrattiis miidhaa qaqqabsiisaa jira. pirojaktoonni yeroo qabmeefii keessatti xumuramanii tjaajila ummata kennaa hinjiran. kanaafuu dhimma xiyyeeffnnoo argataa karoora bara 2009 keessatti deebbii argachuu qabudha.


To’annoon ijaarsaa qulqulina ijaarsaa eegisisuu irratti kan xiyyeeffatu ta’ee hanga kontraaktarrii ijaarsa gaggeessu ogeessa dhaabbaataan ramaduudhaan guyyaa guyyaan rakkoo hiikaa deemuun hojii hojjetamaa jirudha. Dhimmoota hojii ijaarsaa irratti gufuu ta’an kan akka daangaa kabachiisuu, kaffaaltii beenyaa, jijjiirraa dizzaayinii fi kan kana fakkaattan ariitiidhaan abbaa hojiif dhiyeessanii fala argamsiisuuf hojjechuurratti harkifannaan jira. Kunis kontraaktarri gahee isaa malee hojii ijaarsa dhiisee dhimma kana hiikuuf yerruu ifaaju ni mul’ata. Kanaafuu, karoorri 2009 kun rakkoo kana akkaataa hiikuu danda’uun qopha’uu qaba.
IIHBO

Pirojaktoota 21 xumuruun tajaajila ummataaf akka kennu qaqqabsiisuu: Pirojaktoota 21 bara 2008 xumuraman (Bishaan dhugaatii 6, Pirojaktoota Jallisii ATMJO 7, Pirojaktoota jallisii bajata Federaalaa 4, Hospitaal Refaraala Naqamtee, Gamoo Siidaa Calanqoo, Istaadiyoomii Wallaggaa fi Gamoo Intarpiraayizoota Sadeenii) xumuruuf koroora hojii fiizikaalaa giddugaleessaa (waighted Average) %12 karoorfame keessaa ji’oottan salgan darban keessa %40.23 raawatamee jira. Yeroo hafu keessatti dhiyeessiin gam abbaa hojii yoo hudhaa ta’uu baate pirojaktoota ATMJO fi Gamoo Intarpiraayizii Sadeenii sababa hanqina baajataa irraa kan hafe kaan ni xumuramu

Pirojektoota barri xumura isaanii bara 2009 keessatti ce’an 11 yoo ta’an hanga dhuma ji’a kanaatti hojii fizikaalaa isaanii 10.35%; maallaqaan hojii Qr mil 622.93 tti tilmaamamu hojechuuf karoorfamee walduraa dubaan hojiin fizikaalaa 5.11% (dhibbentaa 49.39) fi maallaqaan hojiin Qr mil 307.65 (%49.39) ta’u hojjetameera
Akka waligalaatti bara kana pirojektoota 32 (Bishaan Dhugaatii 12, Jallisii 14 pirojektoota misooma jalisii sukaaraa dabalatee, hidha 1; Gamoo 4 fi Daandii 1) raawwatamaa jiran irratti hanga ji’a kanatti hojiin fiizikaalaa 10.60% hojjachuuf karoorfame kessaa 5.05% (dhibbantaa 47.66) kan hojjatame yoo ta’u, maallaqaan hojii Qr mil 767.70 hojechuuf karoorfame keessaa Qr mil 365.89 (47.66%) raawwateera.

Ittifayyadama Maashinarii fi konkolaattotaa

Itti fayydama maashinarootaa fi konkoolaattoota bara kana akka waligalaattii hojechuu kan danda'an 326 yoo ta’an isaan kana keessaa, Ji'oottan saglan darban kana keessatti akka waligalaatti sa’aatii 341,448.04 fi maallaqaan ammo Qr mil 206.18 tti tilmaamamu hojjechuuf karoorfame keessaa walduraa dubaan sa’aatii 243,365.78 (71.27%) fi maallaqaan ammo Qr mil 127.41 (61.80%) raawwachuun danda'ameera. Ji'a ji’aan konkoolaattotni fi maashinarootni 80 ol midhaan suphaa jala oluun (Downtime) sa’aatii 24,000 ol Qr mil 14.38 ol kan dhaabbamu yoo ta’u, kan hojechuu danda'an keessaa sa’aatii 2,651.55 fi Qr mil 2.55 hojii malee (Idle) ta'ee galmaa'eera. kuniis kan agarsiisu bulchiinsii fi itti fayyadamni maashinarii ammayyeessuu irraatti hojjechuun murteessaa ta’uu qaba.

IIDO

Bara karooraa kan daadii km 267.28 hojjechuun Qr mil 1,333.10 argamsiisuuf karoorfamee ji’oottan sagal darban keessaatti km 139.37 (%67) fi Qr mil 606.68 (%60) raawwatameera. Karoora qabame keessaa giddugaleessaa ji’attii %7.44 raawwatamaa ture. Kanaafuu, ji’oottan sadii hafan keessaatti %22.32 hojjechuun ni danda’ma. Haaluna kann raawwiin hojii waaggaa kanaa %89.32 (km 238.7) maallaqaanis Qr mil 1,189.46 hojjechuun ni danda’ama.


IDO

Intarpiraayizichi ji’oottan sagala darbanitti hojii fiizikaalaa karoora qabate irraa %73 fi maallaqaan %63 hojjetee jira. Hanga dhuma bara karooraa kanaattis akkataa amma deemaa jiruun hojii fiizikaalaa %95 fi maallaqaaniis %84 akka qaqqabu ilmaamamee jira.



Carraa Hojii Umuu:

DhDTHBO

Humni namaa DhDTHBO waliigala dhaabbataa fi kontraatan nama 586 yoo ta’u kana keessaa digirii 2ffaa, digirii calqabaa, dipiloomaa fi sartifikeetiitiin walduraaduubaan %13.31, %51.19, %26.62, fi %8.87 akka ta’e hojtamee jir



IIHBO

Intarpiraayizichi sadarkaa wajjira ol’aanaa fi pirojaktoota irratti dhaabbii fi kontraatan hojjettoota 1465 f carraa hojii uumee jira. Bifuma walfakkaatuunLamileedhaaf carraa hojii uumuudhaan sadarkaa sadarkaadhaan fayyadamaa taasiisuuf bara kana hanqina humna namaa naannoo pirojektootaatti jiru furuuf ji'ottan salgan darban keessatti lamillee 75,000 ta'aniif carraa hojii umuuf karoorfamee lamilleen 6,722 (8.96%) ta'an bifa hin ijaaramneen carraa hojii argatanii galii qarshii 6,456,713 argachuun fayyadamtoota ta’aniiru. Bifa ijaarameen waldaalee IMX 23 miseemsota 131 kan of keessatti hammatee hojiiwwaan gosa addadaa irratti bobba’anii fayyadamtoota Qr iml. 2.86 ta'uu danda'aniru. Akka walii galaatti carraan hojii gosa hojii adda addaa irratti uumameen lammiiwwan 6,853 walumaa galatti carraa hojii kana irraa galii Qr mil. 9.32 argamsiisuun fayyadamtoota ta’aniiru. Haata’u malee akkaataa bal’ina hojii intarpiraayizichaatti carraa hojii kana cuulu uumuun lammiilee fayyadamtoota taasisuun akka danda’amu hubatamee kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’a.



IIDO

Bara kana keessa hanga ammaatti pirojaktoota adda addaa irratti hojjachaa kan jiran hojjatoota 2,924 ol ta’aniif carraan hojii yeroo fi dhaabbii uumamee jira. Kana keessa namoonni 2,500 ol ta’an jiddugaleessaan ji’aan pirojaktotaa adda addaa irratti yeroodhaaf carraa hojii uumame yammuu ta’u namoonni 24 ta’an ammo pirojaktii fi waajjira ol aanaa irratti dhaabbiin kan qacaramanii dha.



IDO

Humna namaatifi qabeenya karaa sirrii bu’a qabeessa taheen itti fayyadamuudhaan galii Qr. Mil 91.70 maddisiisuu, baasii waliigalaa Qr mil 80.46 baasii gochuudhaan bu’aa hinqulqulloofne Qr mil 11.24 (%12.26) argachuudhaa.


Galii fi Baasii Dhaabbatichaa
DhDTHBO

Karoorri galii bara 2008 waliigalaan Qr mil 367.31, kan ji’a sagalii Qr mil 311.73 ta’ee kana keessaa raawwiin ji’a sagalii Qr mil 55.52 (% 18) qofa ta’ee jira. kuniis baay’ee gad aanaaadha. sababni isaas hojii hojeetameef abbootii hojii irraa haala babaadamee fi yeroo baraadamettii kaffaltii saassaabuu waan hin dnd’amneef. Hanga dhuma bara baajataatti %50 ol ni deema jedhamee yaadama.



Baasii dhaabbatichaa gama ilaaluunis karoora waggaa fi ji’oota sagal darbniif waduraa duubaan Qr mil 213.00 fi Qr mil 147.49 qabamee ji’oottan salgan darbanii keessaatti Qr mil 78.43 (%53) ta’ee jira. Hanga dhuma baraa baajatattis karaar qabme keessaa %75 ol ni rawwta jedhamee tilmaamamee jira.

Lakk

Gosa Galii fiBaasii

Saf

Karoora Waggaa

Karooraa fi Raawwii ji’a sagalii

Tilmama raawwii hanga waxabajjii

karoora

Raawwii

% Raawwii

Qr

%

I

Galii

Qr Mil

367.31

311.73

55.52

18

183.5

50

1.1

Qorannoo fi Dizzayinii

Qr Mil

200.92

168.08

28.73

17







1.2

Bul. Kont Fi To’anno Ijaarsaa

Qr Mil

176.51

139.11

26.08

19







1.3

Laabooraatoorii

Qr Mil

8.18

3.40

0.27

8







1.4

Galii Adda addaa

Qr Mil

1.70

1.13

0.44

39







II

Baasii

Qr Mil

213.0

147.49

78.43

53

159.75

75

2.1

Baasii Bulchiinsaa

Qr Mil

32.72

30.15

19.20

64







2.2

Basii Opereshinii

Qr Mil

180.29

117.34

59.23

50









IIHBO

Galiin hojii Idilee fi Idileen alaa (Operation and non-operation) dabalatee galii ji'ottan saglan darbee darbee qarshii 396,784,180 tti kan tilmaamamu yoo ta'u kana keessaa qarshiin 27,249,717.58 ta'u hojii Idileen alaa irraa kan argamudha. Hanga dhuma waggaa kanaattis galiin Qr mil 682.56 (68.37) ni qaqqaba jedhamee timaamama. Baasii ilaalchise akka intarpiraayizichaatti waggaaf kan karoorfame Qr mil 813.53 ta’ee, kan ji’a sagalii immoo Qr mil 599.86 akka ta’ee fi raawwai ji’oota sagaliis Qr mil 310.06 (%51.69) dha. Hanga dhuma bara karoorichaatti baasiin kun Qr mil 578.09 (%71.05) akka qaqqabuu danda’u tilmaamamee jira.



Lakk

Gosa Galii fiBaasii

Saf

Karoora Waggaa

Karooraa fi Raawwii ji’a sagalii

Tilmama raawwii hang waxabajjii

karoora

Raawwii

% Raawwii

Qr

%

I

Galii

Qr Mil

998.26

845.76

396.79

44.55

682.56

68.37

1.1

hojii ijaarsaa

Qr Mil

887.89

767.70

367.27

47.84

600.00

67.56

1.2

Gurgurtaa adda addaa

Qr Mil

57.49

38.33

2.26

5.90

43.12




1.3

Divideendii

Qr Mil

32.98

24.74

16.89

68.27

25.00




1.4

Kiraa adda addaa

Qr Mil

20.00

15.00

10.37

69.13

14.56




II

Baasii

Qr Mil

813.53

599.86

310.06

51.69

578.09

71.05

2.1

Hojii ijaarsaa

Qr Mil

687.51




264.59










2.2

Baasii hojii ijaarsaa ala

Qr Mil

126.02




45.47











Yüklə 1,01 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin