Karoora fiizikaalaa fi faayinaansii bara 2009


Karoora Hojii Bara 2009 2.1. Kallatiiwwan raawwii karooraa 2009



Yüklə 1,01 Mb.
səhifə5/11
tarix17.01.2019
ölçüsü1,01 Mb.
#99681
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

2. Karoora Hojii Bara 2009

2.1. Kallatiiwwan raawwii karooraa 2009


Kallattiiwwan bu’uuraa KGT-II kallattiiwwan KGT-I irratti kan ijaarame yoo ta’u, karoora jijjiirama caasaa dinagdee haala fiduu danda’uun gaggeessuu fi kaayyoowwan ijoo asiin olitti lafa kaahaman fuulduratti akka galma gahan ciminaan irratti hojjechuu kan nama dandeessisuu fi karoora sektaroota gurguddootiifis akka ka’umsaatti kan tajaajilaniidha. Haaluma kanaan, kallattiiwwan bu'uuraa kun akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru.

  1. Misoomaa fi guddinaa dinagdee ariifataa, hirmaachisaa, ittifufiinsaa qabuu fi haqa qabeessaa jalqabamee jiru itti fufsiisuu;

  2. Dhaabbileen misooma oomishaa fi tajaajila kennan qulqullina akka qabatuuf jajjabeessuu, oomishtummaa fi miira dorgomtummaa ol-aanaa ta’een guddinni ol’aanaa akka dhuuf hojjechuu;

  3. Humna Dhaabbilee misoomaa damee ijaarsaa ciimsuun bu'uuraalee misoomaa babal'isuu fi tajaajiilli kennamu qulqullina akka qabaatuu taasisuu;

  4. Ijaarsa dandeetti misooma qabeenya humna namaa fi teknoolojii ariifachiisuu fi itti fufiinsa isaa mirkaneessuu;

  5. Humna raawwachiisummaa dhaabbilee cimsuu fi hirmaatnaan uummataa akka jiraatu taasisuun bulchinsa gaarii fi misoomni akka babal’atuu taasisuu;

  6. Gahumsa, hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa guddisuu; fi

  7. Dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaatiin hin miidhamne ijaaruu dha.

3. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo (Strategic Themes & Results)

3.1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa (Strategic Themes)


Akka ATTDhMMOtti bara 2008tti toorawwan xiyyeeffannoo laman armaan gadii irratti xiyyeeffachuudhaan ni hojjetama. Isaanis:

  1. Gahoomina human raawwachiisummaa DhMMO

  2. Qorannoon fi qo’annoo baballisuu

3.2. Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa (StrategicThemes Results)


Gabatee 5: Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa

Lak

Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa

Bu’aa Tarsiimo’aa

1

Gahoomina humna raawwachiisummaa DhMMO

Bu’a qabeessummaa Dhaabbilee Misoomaa dabalee misooma biyyattii keessatti shoora isaan irraa eegamu bahan

2

Qorannoon fi qo’annoon baballisuu

Qaawwa gabaa guutamee hawwaasni irraa fayyadamaa ta’e

4. Kaayyoo Tarsimoo’aa Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misooma Mootummaa


Kaayyoowwan Tarsiimo’aa Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misooma Mootummaa Oromiyaa

T.L

Kallattii madaallii

Kaayyoowwan Taarsiimoo’aa (coorporate objectives)

1

Lammii/Maamila/Dhimmamaa

  1. Amantaa maamilaa dabaluu

  2. Itti quufinsa maamilaa guddisuu

  3. Fayyadamummaa maamilaa guddisuu

2

Faayinaansi

  1. Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa baajetaa fooyyessuu

  2. Qisaasama qabeenya xiqqeessuu

3

Adeemsa Hojii Keessaa

  1. Sirna karooraa, hordoffii, deggarsa, to’annoo fi gamaggammaa fooyyessuu

  2. Qaawwa dandeettii humna raawwachiisummaa DhMMO guutuu

  3. Oggansa tarsiima’aa ta’e kennuun hojmaata cimsuu

  4. Dambiiwwan fi Qajeelfamoota hojii dhaabbolee misoomaa qaawwa qaban fooyessuu

  5. Sirna madaallii raawwii hojii boordii fi oggansa dhaabbolee misoomaa bu’aa qabeessummaa isaa dabaluu

  6. Muuxannoowwan gaggaarii qindeesuudhaan babal’isuu

  7. Kenna tajaajilaa fooyyessuu

4

Ijaarsa Dandeettii

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattotaa guddisuu

  2. Dhiyeessaa fi itti fayyadama tekinooloojii fooyyessuu

  3. Aadaa fi naannoo hojii fooyyeesuu



Hojiiwwan Tarkaanfiiwwan Tarsiimaa’a keessatti bara 2009 tti hojjetaman

Hojiilee Qulfii fi Gurguddoo Karoora Bara 2009


Hojiilee Qulfii Bara 2009
Raayyaa jijjirama ATTDhMMO fi DhMMO keessatti ijaramee jiru hojii qabatamadhaan akka inni cimu gochuudhaan rakkoo bulchiinsaa gaarii hundee irraa dhabamsiisuun karoora hojii bara 2009 fi qabame guutumaan guutuutti galmaan gahuu.
Galmoota hojiilee qulfii


  • ATTDhMMO keessatti raayyaa ergama isaa bahuu danda’u cimsuun dhimmoota rakkoo bulchiinsaa gaariitii jedhamaan karooran qabaman guutumaan guutuutti milkeessuu.

  • DhMMO hunda keessattis raayyaa jijjiiramaa ergama isaa gahumsaan bahu danda’u akka lafa qabatu deggeruu fi hordoffuun

  • Rakkoo bulchiinsaa gaariitii jedhamaan karoora yeroo gabaabaa fi gudduu galaa keessatti maqfamuuf qabamani fiixaan baasudhaan bu’a qabeessummaan DhM akka dabaluu taasisuu.

Hojiilee Gurguddoo bara 2009

  • Dandeetti raawwachiisummaa ATTDhMMO cimsuu

  • Dandeetii raawwachisummaa dhaabbilee misoomaa cimsuun bu’a qabeessummaa isaanii guddisuu.

  • Rakkoolee bulchinsa gaarii akka ATT fi DhMMO adda ba’anii jiranii fala akka argatan gochuu

  • Qorannoo faayidaa tarsima’aa qaban gaggeesuu

  • Hojiin dhaabbilee misooma sadarkaa adda addatti akka beekamuuf hojii piromoshiinii adda addaa hojjechuu

  • Dhimmoota sektara hedduu/ cross cutting issues/ xiyyeeffannaan akka raawwatamuu taasiisuu.

Yüklə 1,01 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin