Karoora fiizikaalaa fi faayinaansii bara 2009


Karoora Hojii Bara baajataa 2009 keessattii dhimmootaa kallattii Arfanniin hojjetaman



Yüklə 1,01 Mb.
səhifə6/11
tarix17.01.2019
ölçüsü1,01 Mb.
#99681
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

Karoora Hojii Bara baajataa 2009 keessattii dhimmootaa kallattii Arfanniin hojjetaman


Kallattii Maamilaan

Kallattii arfaffaan karoora ATTDhMMO galma-gahiinsa ergama isaa madaaluuf ittifayyadamu kallattii maamilaatiin isa jiru yoo ta’u kallattiin kun kaayyolee tarsiima’aa sadii (3) ofi keessatti haammata.Isaanis haala armaan gadiitiin dhiyaatanii jiru:



  1. Amantaa maamilaa dabaluu

Kenna tajaajilaa qulqullinaa fi saffina qabu kennuudhaan, itti quufiinsi maamilaa dabalee amantaa maamilli mana hojicha irratti qabu yeroo yeroon mariisisuun waliigaltee irra gahame irratti hundaa’udhaan hojiiwwan misoomaa, bulchiinsa gaarii karoorfaman rawwatamuu isaanii irratti sakatta’iinsa gaggeessudhaan hanqinaalee mul’atan sirreessuun maamiltooti itti fayyadamaa mirgaa akka ta’an, hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii irratti miira abbummaatiin itti fufiinsaan akka hirmaatu gochuun amantaa mootummaa irratti qabu mirkaneessuuf ni hojjetama. Hojiiwwan armaan olitti tarreeffaman galmaan gahuuf waggaatti yeroo lama sakatta’iinsa amantaa fi itti quufinsa maamilaa ni geggeeffama.

  1. Ittiquufiinsa maamilaa guddisuu

Hirmaannaa abbootii qabeenyaa utuu hin daangessin dhaabbolee misoomaa gabaa bilisaa keessatti hojjatanii qaawwa gabaa guutan, iddoowwan tarsima`aa fi hirmaannaan abbootii qabeenyaa gahaa hin taane keessatti kallattiidhaan hirmaachuun guddina diinagdee keenyaa saffisiisuuf dhaabbolee misoomaa adda addaa hundeessuu, muuxannoowwan gaggaarii baballisuu, dhaabboleen misoomaa gahee isaan irraa eeggamu gahumsaan akka bahan haala isaan irra jiran sakatta`uu, hanqinaalee isaanii addaan baasuun guutuu fi cimina isaanii daran akka guddifatan deeggaruun, tajaajila qunnamtii fooyyessuu fi sirna kenna tajaajilaa fooyyessuuf hojjechuu dha. Kun immoo kan milkaa’uu danda’u sagantaawwan rifoormii (SFSS fi JBAH) guutummaa guutuutti hojiirra oolchuudhaan hojimaata tajaajila siiviil sarviisii fedhii ummataa giddu galeessa kan godhate ta’uu isaa mirkaneessuuf qorannoo sadarkaa itti quufiinsa maamilaa sakatta’uu fi hir’inaalee kenna tajaajila irratti jiran addaan baasuun tajaajila qulqulluu fi haqa qabeessa ta’e maamilli akka argatuuf hojjechuu dha.


  1. Fayyadamummaa maamilaa guddisuu

Fayyadamummaa maamilaaf xiyyeffannaa kennuun hojimaata hirmaachisummaa maamilaa diriirsuun misooma DhMMO hojjetan irraa uummanni kallattii fi al-kallattiidhaan akka fayyadaman gochuun fayyadamummaan isaanii akka guddatu ciminaan ni hojjetama. Kaayyo kana galmaan gahuufis sakatta’iinsa amantaa fi itti quufinsa maamilaa waggaatti yeroo lama ni geggeeffama.
II. Kallattii Faayinaansii

Kallattii lamaffaan karoora ATTDhMMO galma-gahiinsa ergama isaa madaaluuf ittifayyadamu kallattii faayinaansstiin isa jiru yoo ta’u kallattiin kun kaayyolee tarsiima’aa lama (2) ofi keessatti haammata.Isaanis haala armaan gadiitiin dhiyaatanii jiru:



  1. Gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa baajataa fooyessuu

Gahumsaa fi bu’a-qabeessummaa baajetaa foyyeessuuf humna gahumsa qabu faayyadamuun, sirna rifoormii baajetaa irratti xiyyeeffachuun karoora hojii fiizikaalaa fi baajeta ramadameen wal simsiisuun saffinaa fi qulqullinaan raawwachuun, baasii hin barbaachisne hir’isuun baajata ramadameen bu’aa dabalataa (value added) fiduuf ni raawwatama.
Kanaaafuu fedhii maamilaa giddu galeessa godhachuudhaan baajata ramadame hojiiwwan ijoo ta’aniif dursa kennuudhaan karoora baajataa hirmaachisaa fi ifa ta’e qophaa’ee jiru hojii irra oole hordoffii fi gamaaggama itti fufiinsa qabu gochuun sirreeffamaa barbaachisu fudhachuun baajatni ramadame qisaasamma tokko malee akkaataa seera faayinaansii eeggateen hojii irra akka oolu taasisuudhaan kenna tajaajila maamilaa dabaluudhaan fayyadamummaa maamila mirkaneessuuf ni hojjetama. Haaluma kanaan gahumsa itti fayyadama baajataa (efficiency) 80 %n irra ture gara %83tti oli ni guddata.


  1. Qisaasama qabeenyaa xiqqeessuu

Qabeenya jiru seera bulchiinsa qabeenyaa eegudhaan qusannoon itti fayyadamuun dirqama ta’a. Kana taasisuun immoo bu’aa qabeessummaa isaa dabaluu bira darbee tajaajila maamilli nurraa eegu saffisiisuu keessatti shoora isaa kan taphatu ta’uun isaa beekkamaadha. Kanaaf akkuma waliigalaatti qabeenya yoo jennu qabeenya dhaabbataa fi dhummataa tajaajila mana hojichaatiif akka oolan bittaan ykn bifa biraatin argaman jechuu yoo ta’u qabeenya muraasa jiru dambii fi qajeelfamaa jiru bu’uureffachuun haala qusannoo qabuun hojii barbaaddameef qofa itti fayyadamuuf ni hojjetama. Gama biraatiin sirna bulchiinsa qabeenyaa fi gurmaa’insa mana kuufama meeshaa hammayyeessun meeshalee qulqullinaan fi ofeeggannoon akka qabamu taasisuu fi iddoo mijataa ta’e akka taa’anii fi balaa irraa akka eeggaman gochuu akkasumas itti fayyadama isaa irratti hubannoo miidhaman suphisiisun ittifayyadamuun qisaasama qabeenyaa hir’isuu fi fayyadamummaa qabeenya fooyyessuuf ni hojjetama. Bu’uuruma kanaan qisaasama qabeenyaa %10 irra jiru gara %8tti gadi buusuuf ni hojjetama.

III. Kallattii Adeemsa Keessaa

    1. Sirna karooraa, hordoffii, deggarsa, to’annoo fi gamaggammaa fooyyessuu

Abbaan Taayitaa Too’annoo Dhaabbilee Misooma Mootummaa Oromiyaa dhaabbilee Misoomaa gahoomsuf kallattii adda addaatin socha’aa kan jiru yoo ta’u kana keessaa inni ijoon karoora isaanii gadifageenyaan xiinxaluudhan kallattii kennuu, raawwii isaanii hordoffee gamaagamuu fi gabaasa dhiyaatu xiinxalee duub-deebii barbaachisaa ta’e kennuudha. Haaluma kanaan Abbaan Taayitaa Too’annoo Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Oromiyaa dhaabbileen kuni ergama isaanii galmaan gahuu keessatti deeggarsa barbaachisaa taasisuuf sirna karoora, hordoffii, deggarsa, to’annoo fi gamaggamaa fooyyessuuf ciminaan ni hojjeta. Kanaaf, hojii DhMMO haala tarsimaa’aa ta’een akka karoorfatan taasisuu, hordofuu, raawwii isaa gamaagamuu fi deeggarsa barbaachisaan akka taasifamuuf gochuudha.

Kaayyoo armaan olitti ibsame kun akka galma gahuuf hojiileen armaan gadii ni hojjatamu.



  • Bu’uura Karoora Tarsima’aa /KGT 2ffaatiin kallattii qophii karoora bara 2009 irrattii dhaabbilee misoomaa hundaaf kennuu.

  • Karoora waggaa dhaabbilee misooma hundaa xinxaluun dub-deebbii kennuu.

  • Karoora bittaa gurguddoo dhaabbilee misoomaa xiinxalauun akkaata barbaachisummaa isaatti mirkaneessuu.

  • Gamaaggama raawwii karoora dhaabbilee misoomaa kurmaanaa fi waggaatti raawwachuu, dub-deebbii kennuu.

  • Suparviizinii dirree waggaattii yeroo Afur (4) gaggeessuu

  • Sirna (manual) deggarsa, to’annoo, hordoffii fi gamaaggama raawwii karoora dhaabbilee misoomaa tokkoo qopheessuu.

  • Karoora bulchiinsa gaarii hojii irra ooluu isaa ji’a ji’aan hordofuu fi deggeruun dub-deebii kennuu

  • DhM sirna raawwii karooraa dhiyeesii saffina fi gahumsa qabuun akka ogganaman galma hojimaataa “zero late delivery” milkeessuuf hordoffii fi deggersa taasisuu.

  • Sirna raawwii karoora bittaa baay’inaan, yeroo fi qulqulinaan raawwachuu dandeessisuun akka ogganaman deegarsaa fi hordoffii taasisuu.

  • Galma hojimaata “Zero left over stock” milkeessuuf hojiiwwaan bittaa fi dhiyeessii olchaan deegaru fi hordofuu.

  • Qisaasama qabeenyaa yeroo-yeroon xiqqeesaa akka deemaniif galma hojimaata (zero tolerance) akka gahuu danda’aniif deggeruu fi hordofii taasisuu.

  • Hojiirra olmaa meeshaalee jijjiirama hordofuu, deeggaruu, fi duub-deebii kennuu.

  • Sirna oditii keessaa akka cimuu fi qisaasamni qaabeenyaa akka hir’atuu (zero tolerance) hordofii fi to’annoo keessaa dhaabbilee misooma hunda keessatti haala walifakkaatuun akka hojii irra oolu deegarsaa fi hordoffii taasisuu.

  • DhM hundi herrega isaanii yeroon cufanii odiitii alaatiif akka qopheessan deggeruu fi hordofuu.

  • Filannoo odiitii fi gabaasa odiitii alaa DhM mirkaneessuu.

  • Qajeelfama bulchiinsa baajata dhaabbileen misoomaa ittiin ogganaman tokko qopheessuun, hojii irra oolmaan isaa deggeruu fi hordofuu.

  • DhM hunda keessatti pirojektoonni tajaajila ummataaf hojjetaman fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa akkaataa mirkaneessuu danda’uun hojiirra akka oolan daaggarsaa fi hordoffii gochuu cinaattii karoorii dhaabbilee misooma koorniyaa haalaa gidduu gala godhateen qophaa’uu akka qabu hordoffii taasisuu.

  • Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf pirojektoota ijaaraman yeroo fi qulqullina isaani eeggatanii (keessatuu projektoota waligalteen yeroo isaani xumurame bara 2009 keessatti) akka xumuranii tajaajilaaf akka oolan deggersaa fi hordoffii taasisuu.

    1. Hoggansa tarsimaa’a ta’e kennuun humna raawwachiisummaa DhM cimsuu




  • Geggeessitoota DhMM 28 ta’aniif “Enterprise resource planning” irratti leenji kennuu

  • Boordii fi gaggeessitoota dhaabbilee Misoomaa 40 ta’aniif “corporate governance” fi “Corporate finance” irratti leenjii kennuu.




  • Sirna bulchinsa faayinaansii ammayya’a irratti hojjettoota/gaggeesitoota/ dhaabbilee misoomaa kallattiin hojichi isaan ilaaluuf sodomi shan (35) ta’aniif leenjii kennuu.

  • Geggeessitoota DhM sodomi shan (35) ta’aniif “Strategic Management” irratti leenji kennuu.

  • Labsii Hojjetaa fi Hojjechiisaa lakk 377/1996 fi labsii lakk 181/2005 irratti geggeessittootni dhaabbilee misoomaa 35 ta’aniif hubannoo kennuu.

  • “Contract Administration” irratii hojjettoota Geggeessitoota/hojjettoota DhM 24 ta’aniif leenjii kennuu.

  • “Kaizen” irratii hojjettoota geggeessitoota DhM Sodomi Shan (35) ta’aniif leenjii kennuu.

  • “Quality Management System” hojjettoota 28 ta’aniif leenjii kennuu

  • Haala gurmaa’insa boordii Interpirayizii Sanyii filatamaa irratti xiinxala geggeessuu

  • Hojii fi hojimaata boordii gorsitootaa DhBBBO irratti qorannoo geggeessuu

  • Qajeelfama filannoo, ramaddii fi madaalii oggansa dhaabbilee misoomaa qopheesuun hojii irra oolchuu.

  • Sirna madaallii oggansa dhaabbilee misoomaa bu’aa irratti xiyyeefatee baasaanii hojii irraa oolchuu.

  • Dambii labsii 181/2005 irratti qajeelfamoota adda addaa qopheessuu.

  • Hojimaata bittaa (qajeelfama bittaa) dhaabbilee misoomaa ittiin hojjetaa jiran xinxala isaa gaggeesuun qaawwa jiru adda baasuu.

  • Dambii dhaabbileen misooma mootummaa (7) ittin hundeefaman irra deebi’ame ni qopha’aa, qaama dhimmi ilaaluun akka mirkana’u ni ta’a.

    1. Muuxannoowwan gaggaarii qindeesuudhaan babal’isuu

  1. Daawwannaa muxannoowwan gaggaarii biyya keessaa hoggansi DhMtiif akka argatan haala mijeessuu

  2. Muuxannoowwan gaggaarii (bench marking) dhaabbilee dhuunfaa fi Mootummaa hojii walfakaatuu hojjetani 2 keessatti qorannoon muxannoo gaarii ni gaggeefama, qindeesuun akka babal’atu taasisuu.

    1. Qorannoo fi qo’annoo bu’a qabeessummaa dhaabbolee misoomaa guddisaan geggeessuu.

  • IIHBO keessatti qorannoo haala waliigalaa/ Over all institutional capacity assessment / tokko ni gaggeefama.

  • Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa hundinuu “Karoora tarsiimoo gabaa (Market strategy), akka qopheeffatan deeggarsaa fi hordofiin ni taasifama.

  • Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa hundinuu Maanuwaalii karooraa fi raawwii pirojektootaa / project management/ akka qopheefatan deeggarsaa fi hordoffii taasisuu

  • Dhaabbileen misoomaa “Risk management strategy”, fi “Environmental Management system” akka qopheefatan ni deegaramu, hordoffiinis ni taasifama.

  • Tarsiimoo Raawwii Investimantii Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa ittiin ogganaman haala qabatama hojii dhaabbilee misoomaatiin dokumantiin qorannoo tokko qoratamee ni qopha’aa, hojiirras ni oola.

    1. Qorannoo qaawwaa gabaa, rakkoolee fi sadarkaa Dhaabbolee hiikan geggeessuu

  • Qorannoo duraa “heavy duty truck, accessories and spare parts, manufacturing industry” tokko hojjetamee murtii mootummaaf ni dhiyaataa.

  • Qoranno bu’a qabeessuma pirojaktii hundeffama Mana Qalma Foon (Bucher or Slaughter House) Magaaloota Oromiyaa 12 irratti qorannoo duraa gaggeessuu.

  • Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa rakkoo haawas-dinagidee naannichaa hiikuu keessatti faayidaa isaan guma’achaan irratti qorannoon samuda tokko ni hojjetama.

    1. Sirna walitti hidhamiinsa fi qindoomina dhaabbilee misooma gidduu fi qaamoota adda adaa cimsuu

  • Walitti hiidhamiinsaa dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbilee barnoota ol’anaa wajjin uumamee itti fufiinsaan hordoffii fi deeggarsii ni taasfamaa

  • Walitti hidhamiinsaa fi qindoomina dhaabbilee misoomaa Mootummaa fi qoda fudhatoota gidduutti akka uumuu taasisuu.

    1. Dhimmoota sektara hedduu xiyyeeffannaan akka raawwatamuu taasiisuu

  • Dhaabbilee misoomaa hundaa keessattii carraan hojii dhaabbii fi yeroo lammiilee 242,055 (dhiira 164,365 fi dubartii 77,689) akka uumamuu deeggarsaa laachuu.

  • Humna misoomaa guddaa kan ta’an dubartootnii fi dargaggootnii carraa hojii uumamu hunda keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii amma % 34 irraa jiruu dhuma bara karoora 2009 tti % 45 irra akka gahu deeggarsii fi hordoffiin ni taasisuu.

  • Mana hojii ATTDhMM fi DhM keessatti hirmaannaan dubartootaa fi dargaggootaa oggansa keessattii bara dhuma karoora 2008 tti % 10 irra jiru dhuma bara 2009 tti gara %12 tti akka guddatu ni hojjetama.

  • DhM hunda keessatti pirojektoonni tajaajila ummataaf hojjetaman karooraa irraa kaasee fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa akkasumas ija koorniyaa gidduu gala godhateen sadarkaa ol’aanaadhaan akkaataa mirkaneessuu danda’uun hojiirra akka oolan hordoffii fi daaggarsi ni taasifama

  • Koomishiinii Naamusaa fi farra mallamaltummaa Oromiyaa waliin qindoomina uumudhaan brooshaarii gara garaa maxansuun hojetaa biraan akka gahuu fi hubannoo ummu

  • Hojjetoota turanii fi haaraa qaxaramniif leenjii kennuun gochaa mallaamaltummaa yoo argan akka eeran gochuun bakka mallaamaltummaaf qaawwa qaban irratti qo’annoo gaggeessuu

  1. Kenna Tajaajilaa Fooyessuu

  • Dhaabbilee misoomaa Kaayizanii fi “QMS” (ISO) akka hojii irra oolu deggeruu fi hordofuu.

  • ATTDhMMNO fi DhMMO hunda keessatti dookimentiin charterii lammiilee akka qophaa’u taasisuun hojii irraa oolmaa isaa hordofuu fi deggaruu.

  • ATTDhMMNO fi DhMMO hunda keessatti tarsimoo kiraa-saassaabdummaan ittiin gogu akka qophaa’u taasisuun hojii irraa oolmaa isaa deggaruu fi hordofuu.

  • JBAH’n mana hojii ATTDhMMO irra deebi’uun qorachuu (BPR recalibration).

  • Karoora adda dureewwan baasuu qoph'eessuun hojjettoota keessa addaa duree 10 (kudhan) baasuu.

IV. Kallattii Ijaarsa Dandeettii

Haala SMBKTtiin ijaarsi dandeetti bu'uura kallattiiwwan hundaa yoo ta'u kaayyoolee tarsomo’aa sadii (3) ofi keessatti hammatee kan jiru yeroo ta’u hojiiwwan gurguddoo bara karoora kanaa keessatti hojjetamani haala kaayyoo isaaniitiin akkaata armaan gadiitti taa’e jira.



  1. Aadaa fi Naannoo Hojii Fooyyessuu

Aadaa fi naannoo hojii mana hojichaa yoo fooyya'e hojjattoonni kaka’umsa horachuun haamilee fi humna isaanii guutuun hojjachuu waan dandaa’aniif ATTDhMMO ergama itti kenname galmaan gahuuf aadaa fi naannoo hojii isaa fooyyefachuun murteessadha.Kanaaf, hojjattootaaf haala hojii mijeessuu, faayidaa hojjatootaa eeguu, waltajii marii uumuu, bulchiinsa gaarii diriirsuu fi kenna tajaajilaa fooyyesuun dhimmota gurguddoo irratti hojjatamuu qabaniidha.Akkasumas, naannoo hojii hoggansa fi hojjetaa hawwachuu, tursiisuu fi hamilee hojjetaa eeguu danda’u akka uumamu hojimaata fooyya’aa ta’e diriirsuu fi meeshaalee hojiif gargaaran guutuu barbaachisaa dha. Dabalataan, sagantaa leenjii qopheessuun dandeettii hojjetaa fi hoggansaa cimsuu fi ilaalcha duubatti hafaa keessaa bahee hojii raawwatu hundumaa ofitti fudhachuun raayyaa fi dhunfaan eeggatummaa keessaa bahee aadaa raayyaan hojjechuu, naamuusa hojii gaarii, kutannoo hojii fi jijjiiramaaf hojjechuu, yeroo isaa hojiif qofaa oolchuun akka hojjetu, yeroo hojii ala dandeettii ofii cimsuuf humna misoomaa cimaa akka ta’u gochuu irratti hojjechuun aadaa hojii waliigalaa mana hojichaa fooyyessuuf ni hojjetama.

Walumaagalatti, hojii kaayyoowwan tarsimo’aa kana keessatti hojjetamna:

  • Hojjettootni abbumaan hojii qulqullinaa fi saffina qabu akka hojjetan waltajjii marii hojjettoota hundaaf kurmaanaa kurmaanaan qopheessuu,

  • Meeshaalee jijjiiramaa hojii irra oolaa jiran irratti leenjii hubannoo waggaattii yeroo lama hojjettoota ATTDhMMOf ni kennamuu,

  • Dookimentii paakeejii bulchiinsa gaarii hojii irra ooluu isaa hordofuu fi deggeruun kurmaanaan dub-deebbii kennuu.

  • Gurmaa’insi raayyaa jijjiramaa mana hojii ATTDhMMO sadarkaa sadarkaadhaan cime akka lafa qabatu torbee lama lamaan deggarsaa fi hordoffiin taasisuu.

Hojiiwwan armaan olitti tarreeffaman yoo hojjataman galmi armaan gadii kun galmaayuu ni danda'a.

  • Ittiquufinsa hojjattotaa %73 irran gahuu

  • Gadi lakkisa hojjataa bara hojii 2008 tiit % 9 irra ture gara % 5 tti gadi xiqqessuu (Hojjattota amma jiran 57 keessa yoo baay'ate nama 3(sadii) caala akka gadi hin dhiisne gochuu).

  1. Dhiyeessaa fi itti fayyadama teeknoloojii fooyyessuu

Teknoloojitti fayyadamuun hojii kamiyyu bu’a qabeessa taasisuurra darbee itti quufinsa maamilaa akka dabaluu gargaara. Haaluma kanaan teeknolojii qunnamtii odeeffannotti hojjettootaa fi hoggantoota ATTDhMMO hundi akka itti fayyadamaniif ni hojjetama. Kana malees, tekinoloojii yeroo yeroodhaan bahu waliin humni hojjetaa akka walsimu leenjiisuu, softiweerii hammayyaa’aatti gargaaramuu. Akasumaas qaamolee itti fayyadamanii fi mana hojichaa gidduutii sirna oddeffanno cimaa diriirsuun kenna tajaajilaa fi sirna qabiimsa ragaa bu’aa qabeessa taasisuun itti fayyadama tekinolojii guddisuuf ni hojjetama.

Bu’uuruma kanaan hojiiwwan bara kana keessa hojjetaman:

  • Leenji komputeraa bu’uuraa hojjettoota 10 kennuu

  • Geggeessitootaa fi ogeeyyii ATT 30 (soddoma) ta’aniif leenji “excel, access, SPSS & etc” irratti kennuu

Haaluma kanaan hojiileen kun yoo hojjetaman:

  • Humna namaa teeknoloojiitti (komputeratti) fayyadamu (% 93) irraan gahuun ni dandaa’ama,

  • Uwwisa dhiyeessi teknooloojii (%65) ttiguddisuun ni dandaa’ama.

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu;

Karoora manni hojii qabate galmaan gahuuf wantoota nama dandeessisan keessaa beekkumsa hojichaa qabaachuu yoo ta’u, inni biraa immoo dandeetti hojicha hojjachuuf barbaachisu cimsuu ta’a. Gama kanaan gahumsa hojjettootaa sadarkaa sadarkaan jiran cimsuuf haala wal irraa hin cinneen leenjii yeroo gabaabaa kennuun dandeettii raawwachisummaa isaani fooyyessuuf ballinaan ni hojjetama.

Gama biraatiin beekumsaa fi dandeetti qofaan hojii tokko galmaan gahuu waan hin danda’amneef dabalataanis ilaachi sirrii ta’e jiraachuun murteessaadha. Kanaafuu, hoggansi fi hojjattootni mana hojichaabeekumsa, dandeetti fi ilaalcha gaarii akka gonfatan qorannoo fedhii leenjii waggaatti yeroo tokko gaggeessuudhan leenjii akka kennamu ni taasifama.




Agarsiistonni galma gahiinsa kaayyoo kanaa akka armaan gadii kanatti dhiyaateera:

Gahumsa hojattootaa cimsuuf feedhii leenjii gaggabaaboo tokko adda baasuu, Hojjattootaa shantamii Toorbaa (57) yeroo amma jiraniif Bara 2009 keesaaa qacarrii fi jijjiraadhaan dabalamanii yaadaa keesaa galchuun leenjii yeroo gabaabaa kennun gahumsa raawwii isaanii akka dabaluuf ni hojjetama.


Hojjettoota kanaaf fedhii leenji funaanameen qaawwi ogummaa raawwii isaanii adda bahee mata dureen leenjii irratti kennamuu qabu karoorfameera. Mata dureewwan leenji kanaasi:

  • “Corporate governance” irratti hojjettoota ATT. hundaaf

  • “Corporate finance” irratii hojjettoota ATT. hundaaf

  • “Finance for non-finance manager” irratii geggeessitootaa fi hojjettoota 33 ta’aniif

  • “Change Management” irratii hojjettoota ATT. hundaaf

  • Enterprise resource planning” irratii geggeessitoota fi hojjettoota 33 ta’aniif

  • “Project management supervision & evaluation” irratii hojjettoota hojjettoota 33 ta’aniif

  • “Kaizen” irratii hojjettoota ATT Hundaaf Leenjii kennuu

  • Meeshaalee jijjiiramaa irratti waggatti ali tokko hojjettoota ATT hundaaf

  • “Quality Management System” hojjettoota 10 ta’aniif

  • Karoorsuu, gamaaggamuu fi dub deebbii keenu irratti gahumsa hojjettootaa Abbaa Taayitichaa cimsuuf leenjin ogeessota 30f kennuu,

  • “Construction Management and supervision hojjettoota 10 ta’aniif

Hojiin kun haala karoorfameen yoo raawwate gahummsa raawwii hojjettootaa % 89 irraan gahuun akka danda'amu raawwiin waggoottan darban irraa kaa’amee xiinxaluun ni dandaa’ama.

Yüklə 1,01 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin