Xinxaala Raawwii karoora DhBBBO
Mootummaan naannoo Oromiyaa Dambii lakk. 84/1999 Waxabajjii bara 1999 Ejensii Too’ata Dhaabbatoota Bosona Oromiyaa yommu hundeessumisoomaa, kunuunsa, eegumsaa fi itti fayyadama bosonaa itti fufiinsaa qabu fiduuf akka ta’e ni yaadatama. Dhaabbatni Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa dambii122/2001Adooleessa 16 bara 2001tti yommu irra deebi’ee hundeessu immoo hojiilee Ejeenisichi hojjechaa turee akka hojjetuu fi dabalataaniis bosonaa hirmaannaa ummataatiin gaggeefamu guddissuuf gahee seekterri kuniis guddinaa hawwaasaa fi diinagdee keessatti qabu caalaatti ciimssuuf gumaachi sekteraa bosonaa 'GDP' biyyaa keessatti akka dabaluu yaadamee hundeefame.
Dhaabbatni kun bifa haaraatiin yommu hundeefamu qabeenya kaappitaala 1,495,422,000 fi lafa Bosona Umamaa, Bosona namaan misoomee fi kanneen biroo dabalatee waluma galatti hek Miil 1.75 galmeessee fudhatee dhaabbatee. Dhaabbatni kun manca'ina bosonaa xiqqeesuuf daangaa bosonaa fi qabeenya qonnaan bulaa adda baasuuf jecha bara 2001 irraa eegalee bosona seeraan akka bulchuuf itti kenname irra deebi’ee daangessa jira. KGT I keessa dhaabbatichi lafa bosona konseshiniin isaatiin akka bulchu itti kenname he 1,752,489 keessa he 1,752,349(%99.99) daangefamee kan xummuramu yommu ta’u, konseeshinii kennameefiin ala kan jiru bosona gammoojjii, leemmana/shimalaa fi Ixaana heek. 680,984.14 akka waliigalaatti hek 2,433,333.14 daangessee xummuramee jira. Bara 2008 kana keessa hanga ammatti bosona hek 57,506(%80) daangeessuun bosona waggootan darbaan danga’an irraatti dabalamee jira.
Hojiilee Gurguddoo dhaabbata kanaan hojjetamaan
-
Misoomaa fi kunuunsa bosonaa fooyyesuu
-
Manca’ina bosonaa xiqqeesuu
-
Ittifayyadama bu’aa bosonaa dabaluu
-
Omisha fi Omishtummaa Industirii Bosonaa Dabaluu
-
Ittifayyadamummaa uummataa mirkaneesuu
-
Misoomaa fi ittifayyadama bineensa bosnaa fooyyesuu
-
Galii Guddisuu fi investimantii babalisuu
-
Misoomaa fi kunuunsa bosonaa fooyyessuu
Dhaabbatni Bosonaa fi Bineensa Bosona Oromiyaa misooma bosonaa fooyyesuuf hojiilee adda addaa hojjechaa jira. Hojiilee kana keessaa inni guddaan sanyii mukaa gosa adda addaa walitti qabuu, biqiltuu qopheessuu fi biqiltuu dhaabuu. Mootummaan Naannoo Oromiyaa bosona misoomuuf galma KGTtiif kaayyatee keessaa sanyii mukaa funaanuukuntaala6,960yommu ta’u DhBBBO gama kanaan waggoota shan darbee keessattti sanyii mukaa gosa adda addaa kuntaala 1,287.11walittiqabuun fiixan ba’iinsa galma kanaaf %18.5gummachee jira.Gama biroon dhaabbatni kun uwwisa bosonaa babal’isuuf biqiltuu gosa adda addaa KGT I keessa biqiltuu lakk. 48,858,217 hek 10772(%85) koneseeshiin isaa keessa, biqiltuu lakk 29,040,953 hek 4910(%106) koneseeshiin isaa ala fi walumaagalatti biqiltuu lakk. 77,899,170 hek. 15,682 (90.9) dhaabbuun akka naannootti biqiltuu Biliyoona 15.5 galma KGT I tiif ni dhaabamaa jedhamee kaayaameef hanga tokko gumaachuu danda’eera.
Haaluma wal-fakkaatuun bara 2008 kana keessa hanga ammatti sanyii muka bara kana sagantaa adda addaaf barbaachisu Kun.374.64 (%109.5) raawwatameera. Akkasumaas biqiltuu qopheessuu raawwiin karoora hanga ammatti jiru lakk 15,020,521 (%80.93) milkaa’uu danda’eera.
-
Manca’ina Bosonaa xiqqeesuu
Dhaabbatni Bosonsaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaamancaatii bosonaa xiqqeessuuf waggoota shanaan darban keessatti hojii hirmaannaa Ummatatiin Bosona bulchu “Participatory Forest Management” (PFM) hojii irra olchaa jira. Haaluma kanaan dhaabbatni kun hojii hirmaannaa Ummatatiin Bosona bulchu “Participatory Forest Management” (PFM) KGT I hek. 1,189,080 karoorfatee kana keessaa bosona hek. 964,527.23 (%81) hirmaanaa uummataan bulchuu danda’eera. Bosona daangeessuun hek. 2,859,053 daangeessuuf karoora qabamee keessa hek. 2,779,348 fiixan baasuun hojii karoorfamee % 97.21 galmaan geessifameera. Akkasumaas bosona galmeessuu ilaalchisee KGT I hek. 93,574 galmeessuuf karoora qabamee keessa hek. 72,592 raawwachuun hojii karoorfamee % 77.58 galmaan geessisuuf yaalameera. Gama biroon KGT I keessa Dhaabbatichi sirna bulchiinsa bosonaa fooyyessuu bosona harkan namaan misoomee hek 61,340.67 fi bosona uummamaa hirmaanna uummataattin bula jiru he 964,527.23f dokumeentiinn karoora bulchiinsa bosonaa qophaassee jira.Qorannoo sadarkaa jijjirama Bosona Oromiyaa /change detection/ (1986-2014) A.L.A gaggeeffamaa ture xummuramee dokumeentiin isaa qopha’ee jira.Akka galamaa KGT irra taa’eetti wagga shaniitti al tokko inveentarii bosonaa fudhachuudhaan manca’insaa fi bosona dhaabbatee qabate qulqulleeffachuun ni raawwata jedhamee ibsamee wajjin yommu wal-cinaa qabnee madaaluu dhaabbatni kun manii KGT I irra taa’ee jiru guutummaa guutuutti (%100)fiixaan baasee jira.
Bara 2008 kana keessa hanga ammaatti Uummata wajjiin Bosona bulchuu /PFM/ hojii hojjetameen hektaara 130,938(%80) raawwateera, Daangessuun bosonaa 57,506(%80) raawwatameera, Qonnaan bultoota lafa daangaa bosonaa keessa jiran 757(%118) qabeenyi isaanii kan gelmeefame yoo ta’u lafti hek. 3,088(%37) qonnaan bultoota kanaa daangaa bosonaa keessa bosona waliin jiraachuu akka danda’aniif qabeenyi isaanii daangefameera. Dabalataan namoota karaa seeran alatiin lafa bosonaa keessaa galan baasuu lakk. 2,811(%54) bosona keessaa akka bahan ta’eera.
-
Ittifayyadama bu’aa bosonaa dabaluu
Bosona irra faayida eegamu argachuuf muka bosonaa adda addaa (Gudeelcha, Muka Utubaa, Muka Ijaarsaa fi Qoraan) qulqullinaa fi hamma barbaadamu gabaaf dhiheessuudha. Haaluma kanaan dhaabbatni KGT I keessa oomisha bu’a bosonaa M31,076,744 qopheessuun raawwii isaa %83 milkeessera. Gama ittifayyadama qabeenya bosonaa muka hintaanee (‘NTFPs’) babal’isuun madda galii dhaabbatichaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jira. Kanneen keessaas buna bosonaa KGT I kan kun. 7,647 hirmaannaa uummataan qopheesuun qonnaa bulaaf gabaa biyya alaaf dhiyeesuuf karoorfatamee kun. 4523(%23) dhiyeesuun danda'ameera. Akkasumsa oomisha Ixaanaa kun 821 oomishee gabaaf dhiyeesuuf karoorratee kun 1,121 (%138) dhiyeesuun danda’ameera.Akkuma waliigalaatti gama kanaan sochiin jiru gaarii ta’ullee hojii bal’aan akka afu haalli jiru ni agarsiisa. Bifuma kanaan bara 2008 kana keessa oomisha bu’a bosonaa M3 169,006 qopheessuun gabaaf dhiheessee jira. Dabalataan qabeenya bosonaa muka hintaanee (‘NTFPs’) keessa buna bosonaa kun. 1,176 hirmaannaa uummataan qopheesuun qonnaa bulaaf gabaa biyya alaaf dhiyeesuuf karoorfatamee utuu hin raawwatamiin hafeera. Akkasumaas oomisha Ixaanaa kun 100 oomishuuf kafroorfamee kun 37 (%37) oomishuun danda’ameera.
-
Omisha fi Omishtummaa Industirii Bosonaa Dabaluu
Dhaabbatni kun industiriin bosonaa naannichaa teekinooloojii ammayyaa, beekumsaa fi humna namaa haala qindaa’een fayyadamuudhaan fedhii maamiltootaa guutuun, nageenya industirii bosonaa haala amansiisa ta’een mirkaneessuun misooma naannoo keessatti hirmaachuun omishaa fi omishtummaa haala wal-irraa hincinneen akka guddatu taasisuuf tattaaffii guddaa gochaa jira. KGT I keessa gama industiriiwwan bosonaa babal’isuutiin sochii taasifamee keessa warshaalee mukaa dura turan 30 irratti warshoolee 3 haaraa fi dabaluun warshoolee 33n woorkishooppii meeshaalee manaa fi waajjiraa 3, fi warshaa oomisha veenerii tokkon hojiilee gama industirii bosonaan raawwatamani. Haaluma wal-fakkaatuun KGT I keessa xaawulaa m3198,157 oomishee gabaaf dhiyeessuuf karoorfamee m3 136,197 (%69) qofa qopheesuu danda'ameera. Meeshaa warkishoopii (Meeshaa manaa fi biiroo) qr 104,050,606 baasu danda'u oomishuuf karoorfamee kan qr 104,283,197 (%100) baasu oomishuun danda'ameera. Galii dhaabbatchi waliigala maddisiisuu keessaa oomishni industirii bosonaa KGT I keessatti qoodni isaa %53 ol ta’ee jira. Dhaabbatni kun bara 2008 kana keessa hanga ammaatti xaawulaa m3 17495(%66), Meeshaalee Workishooppii gosa adda addaa qr. 8,036,537(%26) baasan, Komporsaatoo lakk. 5,347(25%) fi Zayiitii baargamoo lt. 820(%63) omishuu danda’eera.
-
Fayyadamummaa uummataa
Dhaabbanni bosonaa fi bineensa bosona oromiyaa hiyyumaa dhabamsiisuuf hawaasa naannoo bosonaa jiraatuuf carraa hojii uumuuf, maddi galii isaan akka babal’atu taasisuun, rakkoo misoomaa isaan ijoo ta’an hiikuun, deeggarsa ogummaa kennuun jiruu fi jireenya hawaasichaa akka fooyya’uuf dhaabbatichi qooda isaa irra eegamuu akka naannooti gumaachaa jira. Kana malees ummata naannoo bosonaa jiraatuuf deeggarsa akaakuu adda addaa taasisuufiin jireenya isaanii akka fooyyefatanii taasisuuf hojjetama tureera.Hawaasa kanaafiis deeggarsi taasifamuuf hojii misoma fi ittifayyadama bosonaa fi bineensa bosonaa haala ittifufinsa qabuun akkaataa ittiin misoomsanii fi kunuunsaniif gumaacha gudda qaba. Bifuma kanaan KGT I keessa namoota 31,560 ol ta'aniif immoo misoomaa eegumsaa fi kunuunsa bosonaa fi bineensa bosonaa keessatti waldaan gurmaayanii hirmaachuu isaanitiin galii qr 23,6824,791ol argachuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyeeffachaa jiru. Kana malees uummata naannoo bosonaa jiraatan lakkoofsa 157,800(%103) ta’aniif carraan hojii uumudhaan fayyadamaa taasiseera.
Akkasumaas Ejensii Misooma IMX qindoomina waldoolee baayina miseensa giddugaleessatti nama 723ta'aniif waggaa waggaatti gatii ka'umsi caalbaasiin oomisha dhaabbatichaa gosa adda addaa gatiin ka’umsa caalbaasiin bitatan akka fayyadaman taasifameera. Gama biroon bu’uura misooma adda addaa kan akka Manneen barnoota teekiniikaa fi ogummaa (BLTO) 4 fi manneen barnootaa 4 ijaarramaa jiru. Haata’u malee KGT I keessa manneen barnoota 2 fi keellaan fayyaa beelladaa1 qofaatu xummuramee uummataaf tajaajila kennaa jira.
Bara 2008 kana keessa hanga ammaatti Bosona haawaasa naannoo Bosonaa jiraatu waliin hirmaannaa bulchuuf (PFM) irraa fayyadamaa taasisuuf hojiiwwan hojjetameen namootiin lakk. 18923 (dhiira 14072 fi Dubartoota 4851(%245) yoo ta’u qr. 3,398,971(%57) fayyadamaa ta’anii jiru. Akkasumaas hirmaannaa Uummataatiin Bineensa Bosonaa Bulchuu (PWM) akka irraa fayyadamaan taasisuuf hojjetameen namootiin lakk. 2584(Dhiira 1592 dubartii 992(%86) ta’an qr. 1,368,161(%128) fayyadamaa ta’anii jiru. Gama biroon carraa hojii umuuf hojii hojjetameen namoota 33,969(93%) ta’an carraan hojii uumameera. Kana keessaa IMX dhaan namoota 2,345 (95%) waldaalee IMX 125 jalatti gurmaahaniif carraan hojii uummammeera. Carraa hojii Uummame kana keessa gaheen dubartootaa 12,771(%37.5) ta’ee jira. Imaaxaaleen kun Omisha gosa adda addaa m3 27,446(64%) gatii ka’umsaa caalbaasii qr. 13,008,429(%92) tiin akka bitatan deeggarsi taasifameefira.
-
Misooma fi Itti fayyadama BineensaBosonaa
Guddina dinagdee fi hawaasummaa keessatti shoora olaanaa kan qabaan qabeenyi uumamaa keessaa inni tokko qabeenyi bineensa bosonaatti. Haaluma kanaan KGT I keessatti bakkeewwan eegumsa bineensa bosonaa paarkota osoo hin dabalanne iddoo 18 kan ture iddoo 5(%125) iddoon qorannoon adda bahee iddoo eegumsa bineesa bosona dhaabbatichaa 23 ol guddisee jira. Gama paarkotaatiin paarkonni sadeen (Paarkii Dhaatii Walal, Paarkii gaareewwan Arsii fi Paarkii Booranaa) ulaagaa paarkiin tokko guutuu qabu waan hin guunneef hojiin adda addaa eega irratti hojjatameen booda paarkotni kun Oromiyaa keessatti seenaa waggaa 40ttiin booda hundeefamaniiru. Uwwisa bakkeewwan eegumsa bineensa bosonaa km2 6,613.2( lafa oromiyan qabdu irraa %1.8) kan ture KGT I km2 5,684.45dabaluun yeroo ammaa km2 12,2976.65( lafa oromiyaan qabdu irraa %2.8) irra gaheera.
Bara 2008 kana keessa hanga ammaatti gama misooma eegumsa fi ittifayyadama bineensa bosonaan hojii hojjetameen gamaaggamma raawwii hojii lafa adamoo keessatti gaggeessuu yeroo 24 (%92) raawwatameera, To’annoo fi hordoffii hojii kununsa moree lakk.35 (%83) geggaffameera, Namoota seeraan ala daangaa paarkii/Lafa EBB keessa galan baasuu %216 raawwatamee jira.
Carraa Hojii uumuu: Dhaabbileen misoomaa mootummaa ergama misoomaa bahuu keessatti humna namaa gahumsa qabu horachuu bira darbee carraa hojii uumuun gaheesaanii bahaa turaniiru. Haaluma kanaan DhBBBO bara 2003 hanga 2007tti akka waliigalaatti lammiilee 143,923 ta’anii carra hojii uumee jira. Bara 2008 kana keessas hanga ammatti namoota 33,969 ta’anii carra hojii uumuu isaa ragaan jiru ni mirkaneessa.
-
Galii fi Investimentii
Dhaabbatni kun gama galii maddisiisuun KGT I keessatti qr 1,686,588,434 galchuuf galma kan kaawwate yoo ta'u qr 1,431,234,351 (% 85) galchuu danda'eera.
-
Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Bosona Oromiyaa akka dhaabbata misooma galii mataa isaatiin buluutti bara 2003 keessa galii qr mil. 181kan maddisee yommu ta’uu bara 2007 keessa galii qr. Mil. 319.86 argachuu danda’eera. Bifuma walfakkatuun ragaan hanga amma jiru akka agarsiisuutti bara 2008 kana keessas galii qr mil 260.75 galii taasifatee jira.
-
Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Bosona Oromiyaa akka dhaabbata misooma kaayyoo isaa galmaan ga’uu bara 2003 keessa baasii qr mil. 161 kan hojii irra oolchee yommu ta’uu bara 2007 keessa baasii qr. Mil. 224.86 baasii taasiseera. Bifuma walfakkatuun ragaan hanga amma jiru akka agarsiisuutti bara 2008 kana keessas baasii qr mil 233.03 akka hojii irra oolchee ni ragaasisa.
-
Galii dhaabbatichi maddisiisee baasii hirdhina dullumaa dabalatee hojiirra oole keessa hirdhifamee bu'aa qulqullun Bara 2003 dhaabbatichi argate qr. Mil 12 kan argatee yommu ta’uu irra bara 2007 keessa bu’a hin qulqulloofne qr mi 95 akka argate ragan jiru ni mul’isa. Bifuma walfakkatuun ragaan hanga amma jiru akka mul’isuutti bara 2008 kana keessas bu’aa qulqulluu qr mil 27.72 argatee jira.
-
Dhaabbatni kun bara 2003 irraa eegalee hanga bara 2006tti qr mil 15.5 hojii investimantii adda addaaf dhangalaasee jira.
-
Kaappitaalli dhaabbata kana bara 2003 qr mil 2,007.1 kan turee bara 2007 keessa gara qr. Mil 3,670.3tti ol-akka guddateeruu ragaan jiru ni mirkaneessa.
KGT I keessa dhaabbata kanaan Pirojektootaa ijaaramaa turanii fi sadarkaa isaan irra jiran:-
-
Hojiin dizzaayinii gamoo 5nan magaala Finfinnee Dhaabbata Dizaayinii fi Too'annoo Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa hojjetamaa jiru fi giddugaleessan %82.5 irra ga’ee jira.
-
Ijaarsi gamoo Jimmaa (G+4) bara 2006 calqabamee kan ture yoo ta’u yeroo ammaa kan % 36 irra gahee kan buleera.
-
Garaajii Dhaabbatichaa Babal'isuu hojiin bara 2005 calqabame bara 2007 %94 irra gahee buleera.
-
Mana kuusaa fi garaajii Arsii Bara 1999 kan calqabame ta'ullee kontiraaterichi hojii %85 irraan gadi dhiisee kan bahe yoo ta'u falmii yeroodheera gegefamaa turee mana murtii jira.
Bara 2008 kana keessa hanga ammaatti dhaabbatni kun galii 260,784,810(%71) maddisiisuun bu’aa hin qulqulloofnee 27,720,114(%65) argatee jira. Gama ijaarsi Gamoon Bolee G+21 fi gamoo Lidataa G+9 dhagaa bu’uuraa kaahuudhaan gara caalbaasitti ce’uu qofaatu hafa. Ijaarsii gamoowwaan magaalaa Finfinnee sadan hafanii sadarkaa adda adda irra haa jiraatu iyyuu malee dhaabbatni kun xiyyeefannoon itti deemaa jira. Gamoo Jimma G+4 yeroo ammaa waligala raawwii Fizikaalaa %60 irraa akka gahu taasiffameera. Kana malees ijaarsa piroojekitoota hawaasa keessa KBLTO lama xumuramanii tajaajila kennuuf wal-harkaa fudhiisa qofaa eegachaa jiru.
Xinxaala Raawwii karoora ISFO
Hawaasni qonnaan bulaa naannoo keenyaa bu’a fi faayidaa ASF waan hubateef fedhiin sanyii filatamaa daran waan dabalaa dhufeef Mootummaan Naannoo keenya fedha kana guutuuf karaa saayinsaawaa fi tarsiimo’aa ta’een rakkoolee dhiyeessa sanyii filatamaan wal-qabatan hiikuuf akka dandeessisuu ISFO Bitootessaa bara 2000, lakk. Dambii 108/2000 hundeessee jira. Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaafedhii qabatamaa SM1 wagga waggaan naannoo keenyatti barbaadamu keessaa %30 dhiheessuunqoodaa isaa misooma keessatti gumaachuu fiakka dhaabbata misooma mootummaa tokkotti hojii hojjetu irras galii maddisiisuun bu’aa qabeessa ta’ee akka jiratuuf dhaabbata hundeefame.
Sochii hojii sanyii facaasuu
ISFOn kaayyoo hundeeffameef galmaan gahuuf rakkoo bara 2001 kaasee waggaa afuriif hudhaa ta’ee isa qabee turee hanqina lafa sanyii midhaan baddaa fi badda daree irratti baayyatu dhabuu yommu ta’u rakkoo kana furuuf carraaqqii mootummaan naannoo Oromiyaa taasiseen bara 2006 rakkoo kun bu’uura irraa hiikamee jira. Raawwiin karoora lafa sanyii baayyisuu ISFO lafa isaa fi lafa qaamolee adda addaa irratti jiru barabaraan dabalaa dhufeera. Haaluma kanaan bara 2003 lafa hek 5,155 karoorsuun hek 3,401 (%65.98), bara 2006/07 lafa hek 14,122.49 karoorsuun lafa hek 13,941.3 (% 98.72) raawwata tureera. Bara 2003tti lafa ISFO sanyii irratti omishaa ture fi bara 2006/07 kan irratti omishee yommu ilaalamuu caalmaan lafa hek. 8786.3 ni agarsiisa. Kana malees Lafa bara 2006/07tti sanyii irra faca’ee jiruun alatti marsaa sanyii lafti hek. 7,338.82midhaan nyaataan lafa qonnaa Arsii Baalee irratti kan uwwisamee jira. Walumaa galatti bara 2006/07 keessaa dhaabbatni kun lafa hek. 21,880.71 qotee sanyii fi midhaan marsaa sanyiif uwwisuuf karoorfatee lafa hek. 21,280.1 raawwatee jira. Interpirayiziin kun bara 2007/08 kana keessa sanyii midhaan gosa adda-addaa [gosa 18 fi Akaakuu Sanyii Filatamaa (ASF) 59] oomishuuf galama kaayyatee hojiitti kan seenee yommuu ta’uu, kana keessaa gosa midhaanii 15 (%83.3) fi akaakuu sanyii filatamaa 57(%96.6) ffixan baasuu danda’eera. Haaluma wal-fakkatuun bara 2007/08 keessaa dhaabbatni kun lafa kan mataa isaa fi kan qaamoolee adda addaa irraa sanyii lafa hek. 18,677.28 fi midhaan marsaa sanyiif lafa hek. 5501.15 walii galatti lafa hek. 24,178.43 qotee fi facaasee ture. Dimshaashaan bara 2006/07 lafa misooma sanyii fi midhaan nyaataa addaa addaa oolchee turee irraa bara 2007/08 hek. 2,898.33 akka dabaluu taasisee jira. Interpirayiziin kun bara 2007/08 keessaa sanyiin facaasee kan bara 2006/07 wajjin wal-cinaa qabamee yommu ilaalamuu caalamaa lafa hek. 4,735.98 akka sanyii facaaseeruu agarsiisa. Akkasumaas Interpirayiziichi bara 2006/07 lafa waliigala misoomsee keessa qoodni sanyii % 65.51 yommuu ta’uu bara 2007/08 lafa waliigala misoomsee keessa qooda sanyii % 77.25 oli guddisuu danda’eera.
Sochii hojii Oomisha Sanyii
-
Raawwii hojii oomisha sanyii sassaabuun bara 2002/03 kun 42,468 kan ture bara 2006/07 keessa gara kun 308,164.04tti kan ol-guddate yoo ta’u garaagarummaan kun 265,696.04tiin caalmaa agarsiisee jira. Bara 2007/08 kana keessa hanga ammaatti sanyiin sadarkaa adda addaa kun. 456, 224.31 oomishamee sassaabameera. Sanyii sadarkaa adda addaa bara 2007/08 keessa sassaabame kan bara 2006/08 sassaabamee irraa caalmaan kun 148,060.27 walitti qabameera.Sanyii bara kana keessa walitti qabamee kan bara 2006/07 irraa % 48 caalmaa agarsiiseera. Kun kan ta’uu danda’eef lafa bal’aa sanyiin midhaan baddaa fi badda daree irratti omishamuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa bitee dhaabbata kanaaf waan kenneef.
-
Bara 2003tti calloomni sanyii Kun 12.49 kan turee bara 2007/08tti garuu Kun 24.43 ga’ee jira. Ragaa hanga ammaa qabnutti Oomisha sanyii bara 2006/07tti calloomni sanyii Kun 22.1 kan turee bara 2007/08tti kana keessa gara Kun 24.43 ol-guddisuun danda’ameera. Kanaafuu waggoota tokko keessatti qofaa calloomni omishaa hekitaara tokko irra argamuu kuntaala 2.33 akka dabalee ragaan jiru ni mul’isa.
-
Sanyii qulqulleessuun bara 2003 kun 52,948 kan ture bara 2006 tii gara kun 289,700 tti kan ol-guddatee yommu ta’u caalmaan kun 236,752 akka qulqullaa’ee ture ragaan jiru ni mullisa. Haaluma wal-fakkaatuun sanyii bara 2007/08 sanyii calla kun 456, 224.31 oomishamee keessa hanga ammatti qulqulla’ee kun. 174,804.036 qofaa yommu ta’uu sababa dhiphina mana kuusaatiin hanga raabsiin eegalamuutti buufata qulqulleessa tokko tokkotti hojiin kun dhaabbatee jira.
Sanyii Raabsamee fi mana kuusaa keessa bulee kuntaalaan
Akka fedhii qonnaan bultootaatti, sanyii qulqullinaa fi baayyinaan omishuun, sirna ekisteenshinii cimsuun hawwaasni qonnaa irratti boba’ee jiru itti fayyadamummaa sanyii filatamaa akka dabaluu taasisuun Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii biyyi keenya qabatee jirtu akka milkaa’uuf ISFO tattaaffii cimaa taasisaa jira. Haaluma kanaan ISFO bara baraan sanyiin omishaa jiruu fi raabsaa jiru guddachaa dhufeera. Keessumatuu bara 2006/07 keessa Murtoo tarsiima’aa ta’ee Mootummaan Naannoo Oromiyaa fudhateen dhaabbatni kun rakkoo lafa sanyii midhaan baddaa fi badda daree irratti baayyisu hiikuun Qonnaa Arsii fi Baalee bituun gara dhaabbata kanaatti naanneessuun rakkoon bara dheeraa akka furamuu taasisee jira. ISFOn bara 2006/07 keessa omishtoota naannoo keenyaaf sanyii gosa midhaan adda adda baayyinaan omishee gurgurtaan raabsuuf qopheessa jira. Dhaabbatni kun sanyii bara 2006/07 omishee keessaa %84.02 raabsuun hojii fooyya’ina qabuu kan hojjechaa jiru yommu ta’uu kan omishee keessaa kuntalli 49,236.9 mana kuusaa keessa akka bule gabaasni interpirayizii kana ni raggasisa. Gama biraatiin sanyiin bara 2003 kun 15,647mana kuusaa keessa bulaa ture bara 2006 tti oomisha oomishame keessaa kun 14,100tti kan bule ta’uu fi sanyii hedduu yeroo amma omishaa jiran waliin wal-cinaa qabamee yommu ilaalamu fooyya’iinsi guddaan kan jiru ta’uu raawwiin ni agarsiisa.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa qotee bulaa naannichaaf sanyii filatamaa gosa adda addaa bara 2002/03f kun. 172,287 karoora qabatee iraa %43.84 kan raabsee yommu ta’uu bara 2006/07f sanyii filatamaa gosa adda addaa raabsuuf kan qophaa’ee jiru wajjin wal-cinaa qabnee yommu ilaalu kun. 1,029,283 (%597) caalmaa agarsiisee jira. Haa ta’u malee Biiroon Qonna Oromiyaa sanyii filatamaa raabsuuf karoora wagga waggaan qabataa turee kan inni fiixaan baasaa turee bara 2002/03, 2003/04, 2004/05 fi 2005/06 %43.84, %67.96, %57.14 fi %64.97 wal-duraa duubaan yommu ta’u ammalee akka karoora qabateetti galmaa kaawwatee bira ga’uuf hojiin baayyeen kan isa hafu fakkaata. Kun kan agarsiisu haalli itti fayyadama sanyii filatamaa qotee bulaa naannichaa dabalaa dhufuu isaa namatti mul’isa. Bara 2006/07 Biiroon Qonna Oromiyaa sanyii filatamaa qonnaan bulaan naannoo oromiyaaf raabsuuf karoora kuntaala 1,201,570 qabatee irraa kuntaala 660,410(%54.96) (kan raabsamee keessaa sanyii C1 kun, 171,150 qofaadhaa) kan raabsee yommu ta’uu ISFO bara 2007/08 sanyii waliigala oomishee kun. 308,164.9 keessa kan qulqulla’ee kuntaala 223,810.48 kana malees sanyiin kuntaallii 174,573.58 tajaajila sanyiif akka ooluuf kan raabsamee yommu ta’uu sanyii qopha’ee keessa kuntaallii 49,236.9 mana kuusa keessa akka bulee ragaan jiru ni mirkaneessa. Bara 2007/08 Biiroon Qonna Oromiyaa sanyii kuntaala 196, 823 (C1 qofaa) raabsuuf kan karoorfatee yommu ta’uu, ISFO garuu kan BQO karoorfamee jiru kana dachaa lamaan kan caaluu sanyii qopheessee jira.
ISFOn sanyii filatamaa gosa adda addaa Biiroon Qonnaa Oromiyaa qotee bulaa naannichaaf bara 2002/03 eegalee raabsaa turee keessa ga’een isaa yommu ilaalamuu %34.78, %11.08, %11.41, %13.52, fi %22.3 bara2002/03, 2003/04, 2004/05, 2005/06 fi 2006/07f wal-duraa duubaan akka ta’e ni mul’isa. ISFOn galma bara 2007/08f kawwatee jiru sanyii filatamaa naannoo Oromiyaa keessatti raabsamuu keessa %30 qoodachuuf ture. ISFOn akka galma kaawwateetti bara 2007/08 akka naannoo oromiyaatti sanyii BQO dhiheessee raabsee olitti waan gurgureef galma kawwatee olitti raawwatee jira.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa bara 2002/03 sanyii galma KGT I bara sanaaf taa’ee keessaa %34.4 kan raabsee yommu ta’u kan raabsamee keessaa ga’ee ISFO %34.78 qofaadha. Bara 2005/06 sanyii galama KGT bara sanaaf akka raabsamuu taa’ee keessaa BQO %64.97 kan raabsee yommu ta’u kan BQO raabsamee keessaa ga’ee ISFO %13.52dha. Bifuma wal-fakkatuun BQO bara omishaa 2006/07 sanyii galma KGT ta’ee keessaa %54.96 kan raabsee yommu ta’u ISFO garuu kan gummachee %22.3 kan ta’u dha. Akka waliigalaatti waggaa shaniif KGT tokkooffaatiif sanyii filatamaa akka raabsamuuf galmi kaa’amee Kun. 4,453,670yommu ta’u BQO galmaa ta’ee kana keessaa Kun. 2,580,605 raabsee %57.94 fiixaan baasee jira.ISFO garuu galmaa KGT Itiif ta’ee keessaa kan dhiheessuu danda’ee Kun. 539,794 (%12.12)qofaadha. Kun kan mul’isuu ga’een/gumaachii ISFO raabsii sanyii naannoo keenyaa keesatti qabuu wayitii amma sanyii filatamaan baayyinaan yeroo barbaadamutti gadi bu’aa ta’uu isaatti. Kana malees ISFO sanyii omishaa turee fi kan BQO raabsaa turee wal-cinaa qabnee yoo madaaluu kan BQO raabsaa turee kan ISFO omishaa turee kuntaa hedduutiin akka caalu ni agarsiisa. Haqni kun utuu lafa jiruu sanyii ISFOn omishaa turee keessaa garuu wagga waggaan kuntaalli kumaatamatti lakka’amuu mana kuusaa keessa bula. Kanaafuu BQO fi ISFO dhimmaa kanaa xiyyefannoo itti kennuun qindoominaan hojjetaan sanyii omishamu kana utuu mana kuusaa keessaa hin buliin raabsamuuf hojjechuun isaan irraa eegama.
-
Interpirayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa akka dhaabbata misooma galii mataa isaatiin buluutti bara 2003 keessa galii qr mil. 64.5 kan maddisee yommu ta’uu bara 2007 keessa galii qr. Mil. 319.86 argachuu danda’eera. Bifuma walfakkatuun ragaan hanga amma jiru akka agarsiisuutti bara 2008 kana keessas galii qr mil 146.18 galii taasifatee jira.
-
Interpirayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa akka dhaabbata misooma kaayyoo isaa galmaan ga’uu bara 2003 keessa baasii qr mil. 62.1 kan hojii irra oolchee yommu ta’uu bara 2007 keessa baasii qr. Mil. 224.86 baasii taasiseera. Bifuma walfakkatuun ragaan hanga amma jiru akka agarsiisuutti bara 2008 kana keessas baasii qr mil 199.91akka hojii irra oolchee ni ragaasisa.
-
Galii dhaabbatichi maddisiisee baasii hirdhina dullumaa dabalatee hojiirra oole keessa hirdhifamee bu'aa qulqullun Bara 2003 dhaabbatichi argate qr. Mil 25.1 kan argatee yommu ta’uu irra bara 2007 keessa bu’a hin qulqulloofne qr mil 95 akka argate ragan jiru ni mul’isa. Interpirayiziin kun galii maddisiisuu fi baasii hojii irra oolchuu waan wal-madaala hin deemneef bara 2008 kana keessa bu’a hanga ammatti argatee adda baasuun hin danda’amne.
-
Kaappitaalli ISFO bara 2003 qr mil 62.52 kan turee bara 2007 keessa gara qr. Mil 1,917.4tti ol-akka guddateeruu ragaan jiru ni mirkaneessa.
Xinxaala Raawwii karoora DhGOQO
Dhaabbatni Gabaa Oomisha Qonnaa Oromiyaadambii 127/02 hundeeffamee hagayya bara 2003 hojii yommu eegaluu omishni qonnaa Naannoo Oromiyaa keessatti omishamee gara gabaa giddu galeessaa biyyattiiti dhiyaatu bu’aa bahii hin malleef osoo hin saaxilamiin bittaa fi gurgurtaa hammayyaa’aa ta’e keessa akka darbuu fi Qonnaan Bultoonnis bu’aa dafqa isaanii akka argatan haala mijata uumuuf. Akkasumaas dhaabbatni gabaa kun haala omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisu keessatti sadarkaa qophii omishaatii (pre harvest), Omishaa, boddee-mishaatti (Post-harvest) fi hanga fayyadamtootaatti, qonnaan bulaan ragaa ga’aa argachuun maal omishuu akka qabu, yeroo gabaatti dhiheese bu’a gaarii argachu danda’uu, omishinni isaa sadarkaa fi qulqulina qabaate gatii gaaritti akka gurguratuuf, haala itti gatii ofii isaatiin murteeffatee gurgurachuu danda’uu (Bargaining Power) omisha isaa haala itti kuusuu, omisha midhaanii yeroo hanqinaaf kuusuu"buffer stock", iddoo omishni irraa hafaa ta’erraa jiru gara hanqinni omishaa jirutti geessudhaan hanqina jiru furuu, gabaa tasgabeesudhaan damee dinagdee Qonnaa gara Agroo-Pirosasiitti akka guddatu dandeesisuf shoora isaa akka taphatuuf hundeefamee.
Dhaabbaticha keessatti bara 2003 irraa eegalee hanga bara 2007tti omishini seenee daldalame gosa omishaatiin adda bahuu baatus walumaa gala gosa omisha hundaan kuntaalaan gara miliyoona afurii kan ta’u dhaabbatichi keessatti kan daldalame yoo tahu kana keessaa perseentii guddaa qabatee kan jiru xaafii, misira fi boqolloo akkasumas baqelaadha. Dabalataanis bu'uura misooma gabaa dhiyeessu, odeeffannoo gabaa sasaabu, qindeessu fi tamsaasuu, walitti hidhamiinsi gabaa uumu fi gahee qabdoota gabaa walin qindominaan hojjechuun tureera. Haaluma wal-fakkatuun bara 2008 kana keessa hanga ammatti midhaan gosa adda addaa kuntaalli 350,082(%54.6) moora dhaabbata kana keessatti daldalamee jira. Rakko dhaabbatichaa hiikuuf Qorannoon yeroo adda adda qaama ilaalu waliin taasifame yaada fi furmaata akka argatuuf adeemsa deemamaa jiru cinaatti yeroo amma rakkoo dhaabbata kanaa fi fala isaa KPSO bu’uura irraa qoratamaa jira.
-
Galii/ Revenue generation capacity/: DhGOQO bara 2003 yommu hundeefamuu galii Qr miil 3.16 kan maddisiisee yommu ta’uu, bara 2007 keessa dhaabbatni kun Qr Miil 5.76 kan ta’uu walitti qabuu danda’eera. Bara 2008 kana keessa hanga ammatti dhaabbatni kun galii qr, 6.26 mil akka sassaabee gabaasni dhaabbata kanaa ni ragaasisisa
-
DhGOQO bara 2003 erga hundeefamee booda hojii adda addaaf Qr miil 5.17 baasii kan hojii irra kan oolchee yommu ta’uu, bara 2007 keessa dhaabbatni kun Qr Miil 5.53 kan hojii irra oolchee jira.
-
DhGOQO erga hundefamee bara 2003, 2005, 2006 fi 2007tti bu’aa utuu hin buufatnii kasaaraan kan soch’aa akka turee ragan jiru ni mul’isa. Haa ta’u malee bara 2004 keessa bu’aa xiqqaa qr 500,000 kan ta’uu qofaa akka buufatee gabaasni dhaabbata kana ni agarsiisa. Dhaabbatni kun bara 2008 hanga ammaatti galii maddisiisuu fi baasii hojii irra oolchuu waan wal-madaala qabnee yommu madaaluu baasii dullumaa utuu irraa hin hir’isiin qr 4,346692.56 bu’aa hin qulqulloofnee akka argatee gabaasni ni ibsa.
-
Kaappitaalli DhGOQO bara 2003 yeroo hundeefamuu qr mil 66.19 kan turee bara 2007 keessa gara qr. Mil 62.62tti akka gadi-xiqqaatee ragaan jiru ni mirkaneessa. Kun kan agarsiisu dhaabbatni kun bara baraan bu’aa utuu hin buufatnii kaappitaala isaa nyaachaa akka jirachaa jiru ni mul’isa. Walumaagalaattii faayinaansiin DhGOQO yeroo xinxaalamuu fayya-qabeessa akka hin taane hubachuun danda’aamee jira.
2.3.2. Rakkoolee gurguddoo adda bahan
Ilaalchaa -
ATTDhMMO, hundeeffama dhaabbilee misoomaa naannichaa booda bara 2003 kan hundeefamee ta’usaa irraa kan ka’ee, aadaa fi hojimaata baratamaa keessa bahanii ilaalcha bizinasii (Business concepts) qabaatanii dorgomanii akka jiraatan taasiisuu irratti hojiin ilaalichaa jijjiruu kan hojatamaa ture ta’u illee, ammas hojii ifaajjii guddaa gaafatu ta’ee argama.
-
Dhaabbilee miisooma dorgomaa ta’ee baasaa deemuu yeroo jedhamu qisasama yeroo, mallaqaa, qaabeenyaa fi human nama xiqqeessuun bu’aan argamu ol guddaatee fayyidaan hojjettootaas fooyya’ee amantaa guutun bifa wal fakkata ta’een kaka’umsa hojjetootaa gahumsa qabuu uumuu dadhabuu.
-
Dhaabilee misoomaa fi ATTDhMM biratti faayidaa hirimachisummaa xiiqqessanii ilaaluu irraa kan ka’ee boqqonaa qophii, raawwii fi gamaaggama xumuraa irratti haala gahumsa qbuun maree fi hirmaannaa guutuu gochuu dhabuu irraa kan ka’e hubannoof amantaa walfakkaatu sadarkaa hundaatti umamuu dhabuu.
-
Hojii keenya irratti jijjiirama karaa raayyaa qofa fiduu dandeenya jedhanii amantaa guutuun fudhachuu fi raawwataa amansiisanii hojiitti galchuu irratti harcaatiin kan jiru ta’uu.
Dandeettii -
Haala oggansa dhaabbilee misoomaa ilaalchisee gahee, aangoo fi ittigaafatamuummaa oggansa dhaabbilee misoomaa labsiidhaan ifatti kan ka’aame ta’u illee, ATTDhMM irraa kaasee hanga koree manajimantii dhaabbileetti (ATTDhMM, Boordii fi Oggansa DhM) sirna itti gaafatamuummaa isaanii gahumsaan bahuu dandeesiisuu hojii irra olchuu dhabuu fi qindominnii oggansa sadarkaa-sadarkaan jiru sadarkaa barbaadamu irra kan hin geenye ta’uu .
-
Dhaabbileen misooma mootummaa abbaa qabeenyummaa mootummaatiin kan hundeeffaman ta’aniillee, gabaa bilisaa keessatti dorgomanii kan hojatanii dha. Kanaafuu jijjirama gabaa keessatti dorgomaa (Competent) ta’anii haala itti fufinsa qabuun jiraachuuf, dandeetii haala jiru beekanii karoorsuu, ogganuu fi bizinasii bulchuu irratti sadarkaa walfakkatu irra kan hin qaqqabne ta’uu.
Dhiyeessii:
-
Dhabbataa dhaabbatatti garaagarumman mul’atu akkuma jirutti ta’ee dhiyeessii adda addaa irraatti baay’ina, yeroo fi qulqulina barbaadamuun dhiyeessuu dadhabuun dhimma fala argachuu qabu ta’ee mul’ata. Akkasumas DhM ijaarsaa biratti waliigaltee pirojaktti irratti hundaa’e “Bill Of Quantity” speesifikeeshinii barbaadamuun ija ogummaatiin ilaalanii karoora bittaa irraa eegalee hanga raawwii isaatti hanqinni guddaan kan mul’atu ta’ee argama. Kun akkuma jirutti ta’ee qabeenyi erga bitamees iddoo barbaachisutti erguu fi too’achuu irratti hanqinni kan jiru ta’uu isaatii fi akka ATT ttis hojimaataan deegaramuun rakkoowwan kana salphisuu dadhabuun ni mul’ata.
-
DhM hunda keessaatti raawwii hojii too’annoo keessaa hanga hojetamuu qabu kan hin hojjetamne ta’uu.
-
Adeemsii dhiyyeesii wal-xaxaa, biittinayaa fi bu’aa bayyii guddaa qabuu dhaabbilee misoma keessaa jiruu bifaa ga’umsaa qabuu fi guutuu ta’een adda baasan fuurmataa jijjiramaa bu’uraa fiduu dandeesisuu yeroon kennuu dhabuu.
-
Humnaa raawwachisumaa dhaabbilee misoomaa fkn maashineerii, human nama ga’umsaa qabuuf doorgomaa ta’ee bifa guutuu ta’een beekanii kallattii rakkoon dhiyyeesii ittiin hiikkatuun yeroon ka’anii deemuu irrattii hanqinni kan jiru ta’u.
Dimmoota Xiyyeeffannoo Addaa Barbaadan
-
Seera bulchiinsa kontraataa eeganii kontraata bulchuu dadhabuun akka sababatti kan dhiyaataa jiru abban hojii, kontraaktarrii fi gorsaan qaama mootumaa waan ta’aniif akkataa waliigaltee tiin hojjechuun rakkisaa akka ta’edha. Dhimmi kunis Dhaabbileen misoomaa erga hojii hojjetanii akkataa waligalteetiin gorsaadhaan mirkanaa’ee kaffaltiin abbaa hojiitiin kaffalamuu qabu haala guutuu ta’een kaffalamaa hin jiru, sababa kanaan hanqinni maallaqaa dhaabbilee misoomaa quunnamee akkataa barbaadamuun karoora qabatan raawwachuu irratti dhiibbaa uumaa jira. Kanaafuu,ilaachi kuni cabee seera fi waliigaltee kontiraataan harcaatii malee hojiira hangaa hin oolettii projektoonii hedduun otuu hin xuumuramiin baroota hedduu lakkofsisuu irraan kan ka’ee komiin uummata dabalaa deemuun waan hin oolee.
-
Abbootiin hojii (seektarootni isaan ilaallatu) hojii qaban hojii bara karoorichaaf qabatan keessaa humna raawwachiisumaa dhaabbilee misoomaa ilaaluun xiyyeeffannoon kennuun barbaachisaadha.
KUTAA II
Dostları ilə paylaş: |