Komishinii bulchiinsa manneen sirreessaa oromiyaatti


Kallattii Adeemsa Keessaatiin



Yüklə 0,68 Mb.
səhifə40/51
tarix10.01.2022
ölçüsü0,68 Mb.
#98840
1   ...   36   37   38   39   40   41   42   43   ...   51
Kallattii Adeemsa Keessaatiin

  1. Hojiiwwan Qabiinsa Mirga Namoomaa Sir/Seeraa Ilaalchisee Hojjetamuuf Karoorfaman:-

Qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa akeekawwan qabiinsa mirga namoomaa addunyaa biyyattiin mallatteessite kabajuu fi kabachiisuu, fedhii bu’uuraa fi tajaajila hawaasummaa isaanii guutuudhaan qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa akka mirkanaa’u taasisudha. Bu’uruma kanaan bara KGT 2ffaa kana keessatti mul’ata gama qabinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seraa mirkaneesuuf kaa’ame milkeessuuf :-

  • Heeraa fi Seera biyyattii hojiirra oolchuudhaan olaantummaa seeraa fi qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa mirkaneessuu.

  • Dargaggoota balleessitoota mana sirreessaa hunda keessa jiran sirreeffamtoota seeraa kaan irraa manaa fi mooraan adda baasuun akka qabaman gochuu.

  • Daa’imman haadha waliin gara manneen sirreessaa galan firoottanitti ykn qaama fudhatee guddisutti qaama ilaallatu waliin ta’uun akka kennaman haala mijeesuufidha.

  • Sirreeffamtoota seeraa manneen sirreessaa keessa jiran hunda gorsitoota seeraa, abbootii amantaa fi ogeessota yaalaa akkasumas maatii fi firoottan isaanii wajjin torban guutuu akka wal-argan ykn dubbisan gochuu.

  • Kenniinsa tajaajila hawaasummaa Sirr/seeraa kan akka amakiroo, ol’iyannoo, jijjiirraa fi kkf kan seeraan eyyamamuuf qulqullinaan raawwachuun rakkoo jiru akka hiikamu taasisuu.

  • Bakka jireenya sirreeffamtoota seera akkaataa barbadamuun mijeessuuf manneen sirreessaa magaalaan marfamanii jiran magaala keessaa baasuun bifa haaraan ijaaruun tajaajilaaf akka oolu taasisuu.

  • Manneen sirreessaa hedduun bara dheeraa kan lakkoofsisanii fi dulloomaa waan ta’aniif baay’inni sirreeffamtoota seeraa dabalaa dhufuu isaatiin rakkoon dhiphina mana jireenyaa fi bakka ciisichaa adda baasuun suphuu fi haaromsuu.

  • kilinikoota manneen sirreessaa keessatti argaman hunda sadarkaa isaanii ol guddisuun ogeessoota yaalaa jiran dandeettii isaanii cimsuudhaan yaala akka argatan yommuu taasifamu kanneen humnaa ol ta’an gara manneen yaalaa ol’aanaa sadarkaan jiranitti yaala guutuu akka argatan taasisuu.

  • Nyaatni sirreeffamtoota seeraaf dhiyaatu nyaata ga’aa fi qulqulluu ta’e ,yeroo isaa eeggatee fi fayyaa dhala namaa tiif mijataa ta’e ,qisaasamaa fi kiraa sassaabdumaa irraa bilisa ta’ee fi madaalamaa ta’e maanneen sirreessaa hunda keessatti guutummaa guutuutti waldaa IMX tiin akka dhiyaatuuf xiyyeeffannaan ol’aanaa itti kenname akka raawwatamu taasisuu dha.

  • Siree ciisichaa irraa fi jalaan ciibsuu fi Firaashii ispoonjii bituudhaan sirreeffamtootni seeraa tajaajila gaarii akka argatan gochuu.

  • Dubartoota, daa’imman haadha waliin mana sirreessaatti argaman qaama miidhamtoota, maanguddoota, namootaa dhibee adda-addaa hin fayyineen qabamanii fi dargagoota balleessitootaaf xiyyeeffannaan addaa kennamee dhaabbilee dhuunfaa, mootummaa fi mit-mootummaa waliin ta’uun haala mijaawaa uumuun deggartoota horachuu fi Kan jiran cimsuun kan hojjetamu ta’a.

  • Dargaggoota balleessitoota Gi/Ga/le/og/fi teekiniikaa Adaamatti argamaniif kununsa ,leenjii fi hojiiwwan jijjiirama amalaa fidan irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu isaa.

  • Manneen sirreessaa mana baruumsaa hin qabne lama keessatti hanga saayikilii lammaffaatti banuu (GAONF fi Aanaa Najjoo)

  • Daa’imman haadha waliin mana sirressaa keessatti argaman manneen sirreessaa hunda keessatti bifa wal-fakaataa ta’een bakka oolmaa daa’immanii akka hojjetamu taasisuu.

  • Manneen sirreessaa mijataa ta’e keessatti hojiin ijaarsaa fi tajaajila Baayoo gaazii akka babal’atu taasisuu.

  • Manneen sirreessaa hunda keessatti bakki bashannanaa sirreeffamtoota seeraa fi jajjabina qaamaa kan itti gaggeeffamu akka guutaman gochuu.


Yüklə 0,68 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   36   37   38   39   40   41   42   43   ...   51




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin