Komishinii bulchiinsa manneen sirreessaa oromiyaatti


Hojiiwwan Bittaa Raawwataman Ilaalchisee



Yüklə 0,68 Mb.
səhifə2/9
tarix27.10.2017
ölçüsü0,68 Mb.
#15367
1   2   3   4   5   6   7   8   9

Hojiiwwan Bittaa Raawwataman Ilaalchisee

  • Loojestiksii guuttachuun walqabatee Waggaa shanan kana keessa bittaawwan gurguddoo kan akka konkolaataawwan adda addaa (8), motor sayikilii (11),meeshaa waraanaa, kompitara (89), laap-toopii (22), kaameeraa suuraa (10), LCD (3),tiraaktara qonnaa (3) akisaserii isaa waliin ,maashinii Boqqolloo calleessu (1) fi meeshaleen ijaarsaaf oolan adda addaa bitamanii tajaajila irra akka oolan taasifame jira.


14.1.3. Kallattii Madaallii Adeemsa Keessaatiin

  • Sirreeffamtoota Seeraa Sirreessuu Ilaalchisee;-

Namoota ajaja manneen murtitiin ergaman simachuun mirgaa fi dirqama isaanii hubachiisuun tajaajila gorsaa,barumsa idilee, leenjii ogummaa fi teknikaa kennuu fi hojii misooma qonnaa fi beeyiladaa irratti hirmaachisuun galiin akka of danda’anii fi mana hojiichaas galii keessaatiin cimsuun yakka raawwatanitti gaabuun jijjirama amalaa fidanii lammii omiishaa akka ta’an taasisuu dha.



Haaluma kanaan hojiin sirreessuu ergamaa fi mul’ata mana hojichaa galmaan gahuu fi guddina dinagdee biyyattii itti fuufsisuu keessatti gumaacha guddaa waan qabuuf sirreeffamtoota seeraa manneen sirreessaa keessaa jiraniif kallattii adda addaatiin hirmaanaa isaanii cimsuuf hojiwwan garagaraa hojjetamaa turanii jiru.

  1. Hojiiwwan Sirreessaa Keessaa Tajaajilawwan Adda Addaa KGT-I Keessatti Karoorfamanii fi Raawwataman:-

  • Tajaajila Gorsaa Ilaalchisee:-

  • Karoora Dhi.24,173 Dub.1,372 waliigala ………………………….30,831

  • Raawwii dhi.29323 dub.1539 walisigala ……………………….....30,744(%99.71)

  • Baruumsa Hubannoo Ilaalchisee

  • Karoora dhi. 131,396 Dub. 4,233 waliigala …………………………135,629

  • Raawwii dhi.114,989 dub.4954 waliigala ……………………………119,943(88%)

  • Baruumsa Bu’uuraa Ilaalchisee

  • Karoora Dhi. 37,813 dub.795 waliigala …………………………………………..38,608

  • Raawwii dhi. 32911 dub.837 waliigala ……………………………………33,873(%88)

  • Baruumsa Idilee Saayikilii 1ffaa Ilaalchisee

  • Karoora dhi. 29251 dub.430 waliigala……………………………………….. 29,681

  • Raawwii dhi. 22970 dub.298 waliigala …………………………………23268(%80)

  • Baruumsa Idilee Sadarkaa 2ffaa Ilaalchisee

  • Karoora Dhi.16210 Dub.145 waliigala …………………………………………16,168

  • Raawwii dhi. 9961 dub. 75 waliigala ……………………………………10,036 (%63)

  • Baruumsa Idilee Sadarkaa Qophaa’inaa (11-12)Ilaalchisee

  • Karoora Dhi.205 dub.10 waliigala ……………………………………………………………215

  • Raawwii dhi. 120 dub. waliigala ………………………………………………………………120




  • Leenjii Ogummaa fi Teknikaa Ilaalchisee

    • Karoora Dhi.65891 Dub.1338 waliigala ……………………………………67229

    • Raawwii dhi. 62940 dub.794 waliigala ………………………………63734(95%)

  • Barumsa Ogummaa Qonnaa fi Misooma Ilaalchisee

  • Karoora …………………………………………………………………………………………..78,804

  • Raawwii ……………………………………………………………………………………………78,804(%100)

  • Lafa akka waliigalaatti qabnu hek.679.365kan qonnaaf oolee hek.422.625 kan hin qotamne hek.256.74 dha.

  • Sirr/Seeraa tiif Hojii Uumuu (Gurmeessuu) Ilaalcisee




  • Sirr/seeraa baay’een harka qal’eeyyii waan ta’aniif hojii uumanii akka of danda’an gochuun murteessaadha. bu’uuruma kanaan akkaataa fedii fi beekkumsa qabaniin nama 5-10tti gurmeessuudhaan hojii keessa akka galan taasifamaa tureera. Bara KGT tokkoffaa kana keessatti sirr/seeraa murtoo qaban gurmeessuudhaan hojiitti galchuuf kan karoorfame waggaatti 5,800 yemmuu ta’u, waggaa shan keessatti sirr/seeraa 29,000 gurmeessuuf karoorfamee, raawwiin isaa yemmuu ilaalamu waggaa shanan (2003-2007)tti sir/seeraa 28,500 gurmaa’uudaan madda galii uummatanii akka hojjetan taasifamaa tureera.

  • Akkasumas bu’aan isaa yemmuu madalamu qarsii achirraa argataniin ofii fi maatii isaanii gargaaruu irra darbee aadaa waliin jiraachuu fi waliin hojjachuu akka gabbifatan tasifameera. Kanamalees Aadaan qusannaa waliinis akka walbaran yemmuu taasifamu maallaqa argatan Baankiitti qusachaa kan jiran ta’uu isaati. manneen sirreessaa 36 qabnu keessatti tokko tokkoon yemmuu ilaalamu waggaatti hanga nama 158tti gurmeessuun danda’ameera.

  • Waldaa Tajaajila Hawasummaa Sirr/Seeraa Ilaalcisee




  • Hawaasni kamiyyuu waldaa walgargaarsaa (Iddirii) akkuma qabu mooraa mana sirreessaa keessattis sirr/seeraa waldaa walgargaarsaa ykn waldaa tajaajila hawaasummaa uummachuudhaan kan namni tokko alatti argachuu qabu mooraa mana sirreessaa keessattis rakkoo hawaasummaa isaanii hiikkachuudhaaf dhiyeessiiwwan adda addaa kallattii ittiin dhiyeenyatti argatan uumuudhaaf kan hundeeffatanii dha.

  • Fkn.Tajaajila shaqaxa adda addaa itti argatan, tajaajila mana bashannanaa ,hidhannoo ispoortii fi waantota jajjabina qaamaaf oolu kan ittiin guuttatan , yeroo murtii xumuuranii ba’an geejiba kan ittiin gaggeeffaman, namootniharka qal’eeyyii ta’an hanga of danda’anitti huccuun kan ittiin bitamuuf akkasuma sirr/seeraa tokko tasa yoo du’es kafanaa fi saanduuqa reenfaa bituun sirna awwaalcha isaa kan ittiin raawwatanii fi kkf ittiin gargaaramanii dha. kan armaan olitti xuqame kun qajeelfamaa fi ittiin bulmaata mata isaa dandaa’e kan qabuu fi maddi galii fi baasii isaas qajeelfama faayinaansii eegee kan gaggeeffamu karaa iftoomina qabuun yerooyeroodhaan to’annaa fi hordoffii taasifamuun bu’aan oodiitii isaa sirr/seeraa hundaaf dhiyaataa kan jiruudha.

  • Qabiinsa Mirga Namoomaa fi Fedhii Bu’uuraa Sirreeffamtoota Seeraa

Qabiinsa mirga namoomaa ilaalcisee sir/seeraa manneen sirreessaa keessatti argaman Bu’uuraheeraa fi seerota biyya keenyaatiin waantotni guutamuufii qaban kan akka nyaata qulqulluu argachuu, iddoo ciisichaa ga’a ta’e argachuu, yaala ga’aa, maatii fi firoottan isaaniitiin daawwatamuuakkasumas miidhaan qaamaa fi sammuu kamiyyuu akka irra hin geenyee fi dhimmoota isaanii kan akka karoora(Amakiroo),Jijjiirraa fi oliyyannoo yerooyeroon akka raawwatamuuf xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa tureera.


  • Daa’imman Maatii Waliin Mana Sirreessaa Seenan Ilaalcise

  • Hanga danda’amaa ta’etti baajata ramadamuun nyaata daa’immaniif mijatu akka argatan taasifamaa tureera, kana malees da’imman kun yakka isaanii malee haadha waliin mana sirreessaa galanii waan jiraniif mirga barachuu haaqabataniyyuu malee waggaa shanan (KGT) dura xiyyeeffannoon addaa itti kennamee barachaa kan in turre yemmuu ta’u KGT 1ffaa irraa eegalee haalli nyaata isaanitii fi iddoon oolmaa isaanii karoora wagga waggaa keessatti karoorfame irratti xiyyeeffatamee akka hojjatamu taasifameera.

  • FKNF manneen sirreessaa hunda keessatti hojiin kun kan hojjatamaa jiru yoota’ellee bara KGT kana keessatti manneen sirreessaa Go/Arsii, Kaaba Shawaa, Harargee bahaa, Arsii Lixaa, Shawaa Lixaa , Jimmaa fi Wall/bahaa keessatti oolmaan da’immanii karaa guutuuta’een hojjetamee barataa turaniiru.




  • Dhiyatinsa Nyaata Sir/Seeraa Ilaalchisee

  • Qorannoo KGTtiin duratti akkaataan dhiyeessii nyaata sir/seeraa qulqullinii fi iftominni isaa sadarkaaa barbaadamurra kan in turre yemmuu ta’u KGT 1ffaa irraa eegalee waggaa waggaadhaan qulqullinaa fi dhiyaatinsa isaa irratti karoorsuudhaan iftoomina akka qabaatu taasifameera.

  • Innis bittaa isaatiin walqabatee armaan dura koree mana hojichaatiin qofa kan gageefamaa ture yommuu ta’u waggoottan 5nan darban kana keesatti garuu koree qaama alaa(virtual teamidhaan) karaa hirmachisuu danda’uun akka irratti hirmaatan ta’ee ,qulqullina isaas eeguudhaaf akkaataa qorannoo nyaata biyyatti irratti hundaa’uun meenoon nyaataa sire/sera guyyaa guyyaan akka qopaa’u godameera,

  • Akkasumas olka’iinsa gabaa qorachuudaanis baajata nama tokkof qarshii 8.80 ture gara qar.11.18tti akka ol gudatu taasisuudhaan dhiyaatinsi fi qulqullinni nyaata isaanii hanga danda’ametti akka dabalu taasifamaa jira. akkasumas shakkii nyaata walin wal-qabatu hambisuudhaaf qorannoo JBAH irratti hundaa’uudaan manneen sirreessaa keenya hunda keessatti waldaalee IMXtti akka darbu taasisuudhaan hojii dhabeeyyiis keessatti qooda fudachuudaan simatamani nyaata akka dhiyeessan tasifamaa jira.

  • Manneen sirreessaa 36 qabnu keessaa manneen sirreessaa 24 IMXdhaaf dabarsanii kan kennan yemmuu ta’u Aanaaleen 8 qofan sababa adda addaa tiin Fknf Nyaata dhiyeessuuf humni sirr/seeraa ni xiqqaata jechuudhaan,bakka tokko tokkottis kanfaltii VATii gaafatamuudhaan akkasumas Waldaaleen IMXdhaan gurmaa’e waan hin jirreef nyaata IMXtti dabarsuun hin danda’amne

  • Tajaajila Yaalaa Ilaalchisee

  • Bara KGT-I dura kilinika qabnu keessatti ogeessota yaalaa 10 hin caalleen gaggeeffamaa kan ture yemmuu ta’u humni jiruu fi ogeessoni tajaajilicha kennan kan wal hin madaalle ture. Haata’u malee, KGT 1ffaabooda wagga waggaan irraatti karoorsuudhaan Ogeessa 10 irraa gara 39tti ol guddisuudhaan Godinaalee fi Aanaalee qabnu hunda keessatti ogeessi yaalaa yoo xiqqaate hanga nama tokkootti akka ramadamu ta’ee jira. akkasumas bakka humni namaa dabalaa jiru keessattis ogeesi akka dabalamu ta’ee jira.

  • Kanaafuu, Bu’aan irraa argames yemmuu madaalamu ogeesonnihanga ammaatti gutuuf yaaliin taasifame ga’aa ta’uu baatus waantota dhibee adda addaatiif ka’umsa ta’uu danda’an kan akka qulqullina moraa, qulqullina dhuunfaa fi kkf akka salpatu taasifamee jira.

  • Akkuma beekamu manni jireenya sir/seeraa naannoo keenyaa sirna hayilasillaasee keessa kan hundaa’e ta’uun isaa beekamaadha. kanaan walqabatee manni yeroo sana keessa ijaaramee jiru kun qabiinsa sirr/seeraatiif majataa kan hin taanee fi sababa dullumaatiin jijjigaa kan jiruu fi dhibee adda addaatiif sirreeffamtoota kana saaxilaa kan turee dha. Rakkoon kun bifa kanaan you itti fuufe qabiinsa mirga namoomaa irraatti dhiibbaa uumuu waan danda’uuf dhimma xiyyeeffanoodhaan hojjetamuu qabu ta’uunisaa hubatameera kanaafuu bara KGT kana keessatti wagga waggaadhaan suphaa fi pirojeektiidhaan irratti karoorsuun hanga danda’amaa ta’etti rakkoo kana salphisuudhaaf itti deemamaa tureera .

  • Hojiilee Adda Addaa Hirmaannaa Ummataa fi Qooda Fudhattootaan Raawwataman Ilaalcisee

  • KGT 1ffaattin dura yemmuu ilaalaamu hojiin hojjetamaa ture hundi hirmaachisummaa uummataa bifa mirkaneesuun kan hin turre ta’uun hubatameera .Haata’u malee,hojiin hojjatamuu qabu kamiyyuu beekkamtii fi hirmaannaa uummataa malee galma barbaadamu bira ga’uun kan hin danda’amne ta’u isaa hubachuudhaan KGT 1ffaa keessatti waggaa waggaadhaan akka irratti karoorfamu ta’ee geggeeffamaa tureera. haaluma kanaan hojiiwwan hirmaannaa uummataatiin raawwatamuu qaban adda baasuun ijaarsaa fi kenniinsa adda addaa irraatti arjoomuun qooda akka fudatan irraatti karoorfameera.

  • Akkaatuma kanaan waggaa waggaan ijarsaa fi deeggarsa adda addaa meeshaalee dhaan kennaman wajjin hanga mil.25tti qooda fudhattootnii fi hawaasini akka irraatti hirmaatan karoorfameera. haaluma kanaan bu’aan argame yemmuu madalaamu waggoottan shanan kana keessatti hanga qarshii 20, 719,908.02 irra ga’amee jira.

  • Dhiifama Sirreeffamtoota Seeraa

  • Sirreeffamtoota seeraa amala gaarii argisiisanii fi yakka raawwatanitti gaabban mootummaan naannichaa dhiifama taasisaa turee jira. Haaluma kanaan, qindoomina qaamolee nageenyaa fi haqaa sadarkaan jiraniitiin ulaagaalee boordii dhiifamaa irratti hundaa’uun sirreeffatoota seeraa ulaagicha guutan calalamanii waggaa waggaan dhiifamni taasifamaafii turee jira.

  • Baay’ina Sirreffamtoota Seeraa Waggaa Waggaan Dhiifamaan Hiikaman

  • Bara 2003-2007tti sirreeffamtoota seeraa dhiira 20,773 dubartii 969 walumaagala namootni 21,742 dhiifamaan hiikamanii jiru

Nageenya Manneen Sirreessaa Mirkaneessuu Ilaalcisee

  • Ergama KBMSO kessaa inni ijoon sir/seeraa ajaaja manneen murtiitiin ergaman simatee murtee isaanii raawwachiisuu dha. Ergama itti kenname kanas raawwachaa kan turee fi ammas raawwachaa kan jiru yemmuu ta’u humna sir/seera yeroo yeroon dabalaa dhufe irraa ka’uudhaan baay’inaa fi qulqullinaan humna miseensa keenyaa cimsuun murteessaa dha. Akkaatuma kanaan bara 2002 keessa baay’inni lakkoofsaan yemmuu ilaalamu Sir/Seeraa 29,099 fi baay’ini humna miseensa keenyaa ture 1,424 wal biraatti yeroo madaalamu haala yeroosana tureen reeshiyoon sir/seeraa miseensaa 1/20 (miseensi tokko sir/seeraa 20) eegaa kan turee dha.

  • Haata’u malee, yeroo ammaa kanatti humni poolisii eegumsaa keenya 2999 irra ga’ee kan jiru ta’uu isaati.

  • Hidannoo fi meehaalee eegumsaa guuttachuun wal-qabatee KGT tokkooffaan dura %19 qofa irraa kan ture yemmuu ta’uu haala kana foyyeesuudhaaf meeshaan waraanaa waggaa waggaadhaan irratti karoorfachuun hanga tokko akka bitamee guutamu tattaaffii godhamaa tureen yeroo ammaa kana %37 irra ga’ee jira.

  • Akkasumas nageenya keessaa fi alaa amansiisaa gochuudhaaf sir/seeraa bellama mana murtiitti ,mana yaalaatti , Dhadacha MMWO fi dhadacha MMFtti, iddoo misoomaatti,deddeebisuuf eegumsa isaanii amansiisa gochuudhaaf konkolaataan KGT 1ffaa ‘n dura harka keenya ture 8 yemmuu ta’u kana keessaa konkolaattonni 6 tajaajilaan ala ta’anii jiru. Haata’u malee rakkoo kana hiikuudhaaf komishiniin keenya waggaa waggaadhaan yoo irratti karoorfame illee bittaan konkolaataa murtee mootummaa waan barbaaduuf akkaataa barbaadamuun milkaa’uu kanhin dandeenye ture.

  • Kana irraa ka’uudhaan bara baajataa 2007 keessahaala qabatamaa mana hojichaa mootummaaf dhiyeessuudhaan galii keessaatiin bituudhaaf gaaffii manni hojii keenya dhiyeesse irratti hundaa’ee murtoo motummaan kenneen miini-baasii(servisii 7) fi piikaapiin 1 bitamanii tajaajilaaf akka oolan taasifamee jira.

  • KGT 1ffaa’n duratti Nageenyaa fi Eegumsa manneen sirreessaa ilaalchisee haalli ture ilaalcha jijjiiruu irratti kan xiyyeeffate osoo hin taane meeshaa waraanaatiin qofaatiin marsanii eeguu irratti kan xiyyeeffate ture. Haalli kunis badiinsa sir/seeraa hambisuu kan hin dandeenye ta’uun isaa hubatameera

  • Kana irraa ka’uudhaan yeroo gabaabaatiin asitti haalli eegumsa keessaa fi alaa gurmaa’insa raayyaa nageenyaatiin qofa akka gaggeefamuu qabu bu’uura irraatti waligalameen akkaataan ijaarsa isaas:- hojjattoota qabnu keessatti tokko shanee 421 raayyaa jijjiiramaa 37 addaduroota 519 yemmuu ta’an sir/seeraa tokko kudhaniin 3940 tiin ijaaramanii ergamni komishinichaa karaa ijarsa kanaan qofa akka galma ga’u taasifamaa jira.

  • Akkaataan ijaarsa raayyaa kunis miseensaa fi sirreeffamaa seeraa hunda keessatti hojii irraa akka oolu erga taasifamee booda bu’aan irraa argames yemmuu madaalaamu badiinsa sir/seeraa kan hir’ise ta’uun isaa mirkanaa’eera.

  • Walumaagalatti mana sirreessaa hunda keessatti rakkoon nageenyaa osoo hin uumamne nageenyi mirkanaa’ee hojiin amala sirreessuu hojjatamee jira.

14.1.4. Kallattii Ijaarsa Dandeettiitiin

  • Ga’umsaa fi Dandeettii Raawwachiiftummaa Cimsuu Ilaalchisee

  • Ga’umsaa fi dandeettii raawwachiiftummaa miseensotaa fi hojjettoota mana hojichaa cimsuuf bara KGT (2003-2007) keessatti hojii bal’aan karoorfamee hojjetamaa turee jira. Keessattuu humna namaa ga’umsa qabu horachuun ga’umsa dhaabbatichaa cimsuu irratti xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa kan ture keessaa:-

  • Jijjiirraa fi ramaddiin hojii fi hojjetaa walitti fiduufis ta’e rakkoo hawaasummaa miseensotaa karaa hiikuu danda’uun kan raawwatamaa ture ta’uu,

  • Dambiin ittiin bulmaata miseensota poolisii komishinichaa irra deebiin akka fooyya’ee ragga’u kan taasifame yammuu ta’uu dambii kana irratti hundaa’uun qajeelfamni garagaraa qophaa’ee ittin hojjetamaa kan jiru ta’uu isaa,

  • Dandeettiin miseensotaa akka cimuuf leenjii fi barumsa idilee akka argatan taasifamaa turee jira.




  • Ga’umsaa fi Dandeettii Raawwachiiftummaa Cimsuu Ilaalchisee

  1. Qacarrii Miseensotaa Ilaalchisee

  • Karoora dhi. 1190 dub. 250 ida’ama …………………………………………..1,440

  • Raawwii KGT 2003-2007 dhi. 1279 Dub. 198 ida’ama …………………1477

B. Qacarrii Ogeesssotaa Ilaalchisee

  • Karoora …………………………………………………………………………………………..68

  • Raawwii…………………………………………………………………………………………..51

C. Leenjii Hojii Irraa Ilaalchisee

  • Karoora dhi.6219 dub. 1275 ida’ama……………………………………….. 7494

  • Raawwii dhi.5339 dub. 1182 waliigala ……………………………………...6521

D. Carraa Barmsaa KennameIlaalchisee

  • Karoora …………………………………………………………………………………………180

  • Raawwii ………………………………………………………………………………………….193

E. Gadi-lakisa Hojii Ilaalchisee

  • Bara KGT-I keessatti dhi. 69 dub. 12 ida’ama nama 81 hojii gadi lakkisanii jiru

  • Hojii Dhimmoota Kominikeeshinii Ilaalcisee

  • Bara KGT dhaan duratti hojiin PRii xiyyeeffannoon itti kennamee hojjatamaa kan hin turree yemmuu ta’u Bara KGT tokkoffaa keessatti hojiin kun barbaachisummaa isaa fi faayidaan isaa guddaa ta’uun qoratamee hojirraa akka oolu godamee jira. Haata’u malee adeemsi dhimmoota kominikeeshinii akka mana hojii keenyaatti bara 2004 booda kan hundaa’es yoo ta’u erga Adeemsi kun hundaa’ee asitti hojiiwwan jajjabeessaa ta’an hojjatamanii jiru. manahojii tokkoof odeeffannoo dabarsuun ykn fudhachuudhaan gara hojii qabatamaatti jijjiiruun murteessaadha.

  • Hojiiwwan komishinii kana keessatti hojjataman hunda miidiyaadhaan ,Birooshariidhaan ,qaamaan daawwachiisuudhaan akkasumas kabaja ayyaana adda addaa ,dhiifama sir/seeraa fi guddina gulantaa gonfoo miseensotaa yeroo adda addaatti raawwatamaa turan uwwisa miidiyaa akka argatan taasifamaa tureera.

  • Kara biraatiinis mana hojichaa beeksisuudhaaf baruuleen sochii hojii manichaa ibsuu danda’u waggaatti yeroo lama akka maxxanfamu taasifamaa jira.

  • Hojii Dagaagina Naamusaa fi Farra Malammaltummaa Ilaalchisee

Caasaalee mana hojii keenya keessatti miseensota hojimaata cabsanii rakkoo namusaa cimaa keessa galan tarkaanfii bulciinsaa fi seeraa akka irratti fudhatamu ta’eera. Isaanis Godinaa fi Aanaan yeroo ilaalaman Godina Shawaa bahaa,Harargee bahaa, Lixa Arsii,Iluu abbaa booraa ,GAONF,GGLOTSSA, Adaamii tulluu,Baddallee,Eejeree,Jimmaa Arjoo fi kkf’n naamuusa badaa naannoo sanaatti uumameen mgt hanga raawwataatti tarkaanfiin seeraa akkuma jirutti ta’ee of eeggannoo irraa kaasee hanga hojii irraa gaggeessuutti nama 942 irraatti tarkanfiin fudatamee jira.

14.2. Ciminaalee fi Hanqinaalee Waliigalaa

14.2.1. Ciminaalee

  • Loojestiksii fi humna namaa xiqqaa jiru qindeessuun hojiiwwan heddu raawwachuu fi keessattuu hojiin nageenya manneen sirreessaa mirkaneessuu akka milkaa’u gochuu keessatti hojiin hojjetamee gaarii ta’uu.

  • Hojii sirreesa sirreeffamtoota seeraa irratti xiyyeeffachuun sirreeffamtootni seeraa tajaajila gorsaa, barumsaa qalamaa fi leenjii ogummaa adda addaa argataniin yakka raawwatanitti gaabbanii jijjiirama ilaalchaa fi amalaa fiduun bahanii hawaasatti akka makaman hojiin hojjetamaa ture jajjabeessaa ta’uu.

  • Heera, seerota biyyattii (naannichaa) kabajuu fi kabchiisuudhaan qabiinsi mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa akka kabajamu gochuun fedhiiwwan bu’uuraa fi tajaajilootni hawaasummaa sirreeffamtoota seeraa akka guutamu taasifamaa ture jira.

  • Hojiiwwan hundi akkaataa karooraan qabamaniin akka raawwataman gochuun hanqinaaleewwan raawwii keessatti mudatan akka sirraa’an duub-deebii fi deeggarsa kennun hordoffiin wal irraa hin citne kennaamaa kan ture ta’uu

  • Dandeettii raawwachiistummaa hooggantootaa fi raawwattoota sadarkaa sadarkaan jiran cimsuun walqabatee hojiin hedduun raawwatamaa kan ture gaarii ta’uu isaa.

  • Walumaagalatti dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaa keessattuu qaamolee haqaa fi nageenyaa wajjin qindoomina uumuun rakkoo hawaasummaa sir/seeraa hiikuun wal qabatee, nageenya manneen sirreessaa mirkaneessuufis ta’ee hojiin sirreessa sirreeffamtoota seeraa akka milkaa’u gochuu bal’inaan hojjetame akka ciminaatti fudhachuun ni danda’ama.

  • Rakkowwan gama bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaatiin ture hiikamaa kan dhufe ta’uu isaa.

  • Ilaalcha mankaraaristummaa gama amantaatiin manneen sirreessaa keessatti mul’achuu danda’u dursamee irratti hojjechuun hojiin raawwatame gaarii ta’uu isaa.

14.2.2. Hanqinaalee Waliigalaa

  • Rakkoo hudhaalee 3’n(gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessiitiin) jiru guutumaan-guutuutti caasaa keenyaa keessaa dhabamsiisuu fi hiikuu dhabuu.

  • Hojii sirreessaa sirreeffamtoota seeraa irratti hojjetamu manneen sirreessaa keenya hunda keessatti bifa wal fakkaatuun wal qixa dhaqabamaa taasisuu dhabuu.

  • Hojiiwwan karoorfame keessaa darbee-darbee waantotni muraasa ta’an hanqiana baajataatiin walqabatee akkaataa barbaadamutti guutumaan-guutuutti raawwatamuu dhabuu.

  • Miseensota keenya biratti hanqina naamusaa darbee-darbee calqisuu fi hanqina to’anaa fi hordofii hooggansa bira jiru irraa kan ka’e badiinsa sirreeffamtoota seeraa guutuumaa-guutuutti dhabamsiisuu dhabuu.

  • Dandeettii raawwachuu fi raawwachiistummaa hooggantoota biratti jijjiirumsi jiru wal-fakkaachuu dhabuu.

14.2.3. Rakkoolee Waliigalaa

  • Sadarkaa komishinitti biiroon mijata ta’e jiraachuu dhabuu

  • Humna namaa fi loojestiksii adda addaa fi baajata gahaa ta’e dhabuu

  • Dhiphina manneen jireenyaa sirreeffamtoota seeraa fi kkf.

  • Sirreeffamtoota seeraa erga bahaanii booda sadarkaa irra jiran qaama adda baasuu fi hordofu jiraachuu dhabuu

  • Da’imman haadha faana mana sirreessaa galaniif bakka jirrenya mijataa ta’e uumuu(qopheessuu) dhabuu.




  1. Kallattii Raawwii KGT–II (2008-2012 )

Kallattiin karoora komishinii bulchiinsa manneen sirreessaa OromiyaaKGT-II kaayyoo misoomaa, nageenyaa fi dimokiraasii irratti bu’uureeffatamee akka raawwatamuu qabu ifatti ka’amee jira.

Haaluma kanaan galmi fooyya’insa hojii sirreesaa sir/seeraa, qabiinsa mirga sir/seeraa fi nageenya manneen sirreesaa mirkaneessuun kaayyoo kana milkeessuu waan ta’eef kallattiiwwan akka mootummatti ka’aaman kana hordofuudhaan karooricha galmaan gahuuf hojiiwwan arman gaditti tarreeffaman irratti hundaa’uudhaan ta’a.

1.Komishinii kaasee hanga Aanaaleetti hojiiwwan hundi yeroo hojjetaman karaa ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa dhabamsisan irratti xiyyeeffannaa gochuun hojii ilaalcha jijjiirraa amala sir/seeraa irratti fidanii fi lammii oomishaa taasisan raawwachuu.

2.Hojiiwwan sadarkaa sadarkaan raawwataman karaa raayyaa jijjiiramaa ijaaruun raawwatamuu akka qabanii fi barbaachisumaa fi bu’aa faayidaa raayyaa jijjiiramaatiin hojjechuu sirriitti hubachiisuun kallattii bu’uuraa akka ta’e qaamni hundi hubatee karoora kana kallattii kanaan akka raawwatamu taasisuu.

3. Karoora KBMSO karaa maamiltootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisaa ta’een raawwachuu, Keessattuu hojjettoota mana hojichaa fi sir/seeraa waliin qindaa’uun ol’aantummaa seeraa fi nageenya mirkaneessuu keessatti ga’uumsaan akka hirmaatan taasisuu.

4.Hojiiwwan adda addaa yeroo raawwatamu karaa dandeettii raawwachiistummaa hooggansa sadarkaa sadarkaan jiranii fi hojjettootaa cimsuu danda’uun raawwachuu yammuu ta’u tokkoon tokkoon hojiiwwaniis rakkoo hudhaalee sadaniin wal qabatee sadarkaa sadarkaan mul’atan hiikuun raawwachuu.

5. Karoorichi meeshaalee riiformiiwwan jijjiiramaa ta’aniin akka deeggaramu gochuudhaan kenna tajaajila keenya karaa qulqullinaa fi itti gafatamummaa qabuun raawwachuu.

6. Raawwii karoora keenyaa keessatti maamiltoonni (sir/seeraa fi hojjettoota) dubartootaa fi dargaggoota balleesittoota kallattii hirmaachiseen fayyadamuummaa isaanii bifa mirkaneessaa deemuu danda’uun raawwachuu.

7. Hojiiwwan keenya bifa qindoominaa fi wal deeggarsa qaamolee nageenyaa mirkaneessuu fi mul’ata mana hojichaa galmaan gahuu danda’uun hojjechuu.

8. Hojiilee sirreessaa fi qabiinsa mirga namoomaa keessatti hojjetaman hunda karaa heera mootummaa, seerotaa, dambii fi hojimaata mana hojichaa jiran qofaan hojjechuu, kabajuu fi kabachiisuudhaan hawaasa irraa amantaa gonfachuu fi fayyadamummaa uummata bifa mirkaneessuu danda’uun hojjachuun barbaachisaa dha.



Yüklə 0,68 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin