Komishinii Siviil Sarviisii Oromiyaa


B. Gosa Jijjirraa Hojjetootaa



Yüklə 1 Mb.
səhifə2/10
tarix07.04.2018
ölçüsü1 Mb.
#46989
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10

B. Gosa Jijjirraa Hojjetootaa
a) Jijjirraa keessaa
Jijjiirraa keessaa jechuun mana hojii tokko keessatti dameewwan manai hojichaa qabu keesaatti hojjatoota gita hojii tokko irraa gara gita hojii walfakaatu kan biroo irraatti hojiidhaf jecha ga'umsaa fi dandeettii hojichi barbaadu irratti hundaawuudhaan hojjetaa jijjiruun ramaduudha.


Jijjiirran keessa yeroo raawwatamu qaphxiiwwan armaan gadii hubannoo argachuu qabu. Isaanis:-


  • Jijjiirran keessaa waggaatti si’a lama dorgommii irratti hundaa’ee kan raawwatamuu,

  • Yeroon jijjiirraan keessaa itti raawwatmu waggatti al lamaa fi dorgommii irratti hundaa’uun akkuma jirutti tahee jijjiirran dhimmoota adda addaa (dhimma maatii walitti fiduu, dhukkuba fi piroofeeshinaalota adda thanii) yeroo turmaataa kana osoo hin eegiin haala qaajeelfma raawwii jijjiirraa keessatti ibsamuun ni raawwatama,

  • Jijjiirraan raawwatamu tokko barbaachisummaa hojichaaf jedhamee malee hojjataa adabuuf ykn fayyaduudhaf ta'uu hin qabu,

  • Jijjiirraan hojjttootaa kan raawwatamu garee bulchiinsa human namaa manneen hojii sadarkaa addaa addaa keessatti dhaabbatuun taha.

Yaa’insa Hojii Jijjirraa Keessaa


  • Karoora humna namaa manneen hojii /adeemsaalee/ irraa dhiyaachuu isaa mirkanessuu.

  • Gitni hojii duwwaa, lakk. eenyummaa fi sadarkaa gita hojii akkasumas bajata qabaachuu isaa mirkaneessuu

  • Beeksisa baasuu fi dorgomsisuu

  • Dorgomtoota filaman xalayaadhaan ramaddii isaanii beeksisu


b) Jijjirraa Alaa
Jijjiirraa alaa jecchuun jijjiirraa hojjattoota mana tokko irraa gara mana hojii birootti ykn jijjiirraa Naannoo irraa gara Naannootti taasifamufamudha. Adeemsi jijjiirraa alaa haaluma jijjiiraa keessaa jalatii ibsame waliin kan wal-fakkaatu ta'ee akkaataan raawwii isaa haala armaan gadiin tareefameera.


  • Jijjiiraan manneen hojii Naannichaa giduutti taasifamu haaluma jijjiirraa keessaf ibsameen waggaatti si’a lama kan raawwatamu yoo tahu, jijjiirraan Naannoo irraa gara Naannootti taasiffamu garuu waggatt al-tokko qofa adeemsifama.

  • Jijjiirran dhimmoota adda addaa (dhimma maatii walitti fiduu, dhukkuba fi piroofeeshinaalota adda tahanii) yeroo turmaataa kana osoo hin eegiin haala qaajeelfma raawwii jijjiirraa keessatti ibsamuun ni raawwatama,

  • Hojjataa tokko jijjirraadhaan waajjira tokko irraa gara waajjira biraatti fudhachuun kan danda’amu duraan duursee mana hojii jijjirraan hojjetaa fudhatu kessa hojjatoota jijjirraadhaan ykn guddina sadarkaatiin ramaduun kan hin danda’amne ta’uun isaa yoo mirkanaa’e qofadha.

  • Jijjirraan hojjatootaa waajjira tokko irraa gara waajjira biraatti raawwatamu mana hojii jijjiraan fudhatu fi mana hojii jijjirraa hayyamu giddutti waligalteen henna taasifamuu fi hojjataan jijjiramus irratti yoo waligale qofadha.

  • Hojjataan haaraa qaxarame tokko jijjiirraa gaafachuuf/dorgomuuf yoo xiqqate bakka ramadamee jiru irratti waggaa tokko tajaajiluu qaba.

  • Hojjataan tokko iddoo fageenya qabu irraa yoo jiraate jijjiirra gaafachuu ykn beeksisa bahuuf dorgomuuf qaamaan argamuuf osoo hin dirqamiin baakkuma jiruu meeshaalee ”IT”n fayyadamee akka galmaa’u taasifamuu qaba.


Yaa’insa Raawwaii Jijjirraa Alaa


  • Karoora humna namaa jiraachuu mirkaneesuu

  • Gita hojii duwaa bajata qabaachuu, lakk. Eenyummaa fi Sadarkaa gita hojii qabaachuu mirkaneessuu

  • Hojjatoota keessaa guddina sadarkaatiin ykn jijjirraadhaan ramaduuf kan hin danda’amne ta’u isaa mirkanessuu,

  • Beeksisa gita hojii duwwaan jijjirraa barbaadootaa baasuu fi galmeessuu

  • Ragaa dorgoomtoota jijjirraa barbaadan qulqulleessuu fi qormaata barbaachisaa ta’e kennuudhaan waraqaa qulqullina mana hojii isaa irraa erga fidee booda ramaduu


5.4.3 Guddina Sadarkaa
Guddina sadarkaa jechuun hojjataa Mootummaa tokko sadarkaa gita hojii qabate irraa gara sadarkaa gita hojii ol-aanaatti dandeetti (ability) irratti hundaa’un guddisuudha ykn faayidaa dabalataa gitni hojichaa ol’aanaan argamsiisu akka argatu gochuudha. Guddinni sadarkaa kennamu kunis kan kennamu hojjatooni dandeettii fi ga'umsa guddaa qaban bu’aa hojii galmeessisan waliin faayidaa wal-gitu akka argatanii fi caalmaatti kaka’umsa hojii horatanii raawwanaan hojii mana hojiichaa foyyeessuuf jedhameeti.
Haala raawwii guddina sadarkaa hanga ammatti manneen hojii mootummaa keessatti raawwatamaa jiruun aangoon raawwachiisummaa guutummaatti manneen hojiif kan kennamee jiru ta’u illee, haala qulqullina fi iftoomina qabuun hojii irra oolaa jira jechuuf sadarkaa dandeessisu irra hin turre. Haala waligalaatiin yerroo ilaalamu maddi rakkina kanaa qajeelfamni raawwii iftoominaa fi qulqullina qabu qophaa’ee hojii irra ooluu dhabuun isa tokko yoo ta'u raawwii manneen hojii keesattis dandeettii fi ga'umsa hojjattootaa fi barbaachisummaa guddina sadarkaa kennamu irratti xiyyeeffachuu irra loogii fi firummaan ykn aantummaan wal-fayyaduun kan itti baay’atu ta’uu isaa qorannoowwna yeroo adda addaa taasifaman ni mul’isu.
Hanqina kana furuuf manneen hojii mootummaa sadarkaa adda adda irra jiran hundi raawwii hojii guddina sadarkaa guutummaatti ofitti fudhatanii akka raawwatn kan aangeffaman yoo ta'u adeemsi hojii BHN sirna guddinni sadarkaa itti raawwatamu diriisuuu, gorsuu fi deeggarsa ogummaa barbaachisaa ta'e kennuu irratti kan xiyyeeffatu ta'a.
Guddini Sadarkaa Akkaata Itti Raawwatmu


  • Qormaata beekumsa, dandeetti addaa hojichaaf barbaadamu /barreeffamaan ykn gochaan)

  • Bu’aa madaallii raawwii hojii dorgomiif gahaa ta’ee fi isaa ol

  • Muuxannoo hojii kallatidhaan gaafatu.

  • Sadarkaa barumsa hojiichaaf barbaachisan wajjin deemuu

  • Qulqullinaa kuusaa

  • Hojjetoota dorgoman keesa kan dandeetti hojichaaf qabuu ni filatama.

  • Xalayaan ramaddii ni kennamaaf


Yaa’insa Hojii Raawwii Guddina Sadarkaa


  • Karoora humna namaa irratti hundaa’uun manneen hojii /adeemsaalee/irra qophaa’e dhiyaachuu isaa mirkanessuu.

  • Gitni hojii duwwaa, Lakk. Eenyummaa fi sadarkaa gita hojii qabaachuu isaa mirkanessuu

  • Baajata qabachuu isaa mirkaneessuu

  • Beeksisa gita hojii duwwaa baasuu fi hojjattoota bakkichaaf guutuu danda’an galmeessuu

  • Ragaa dorgomtoottaa qulqulleessuu fi qormaata barbaachisaa ta’e kennuudhaan guddina sadarkaa raawwachuu

5.4.4 Ramaddii Hojjattootaa Gaggeesuu
Ramaddii hojjattootaa jechuun mana hojii mootummaa caasaan irra deebi’amee qoratamee bifa haaraan hojii iirra oolu ykn man hojii haaraa hundeeffamu ykn gita hojii hojjetaan irra jiru yoo cufame hojiiwwan jiraniif hojjataan akkaataa gahumsaa fi dandeettii hojichi barbaaduun hojjattota duraan hojii irra jiran dorgomsiisuudhaan kan gaggeeffamudha.
Yeroo ammaatti manneen hojii Mootummaa Naannichaa keessaa 20 kan than qorannoo JBAH gaggeessaa turan xummuruudhaan caasaa haaraa mana hojii isaaniif barbaachisu diriirsaa jiru. Caasaa haaraa diriiru kana keessattis hojiiwwan uumamaniif hojjattoota dandeettii fi ga'umsa qaban ramaduun milkaa’ina mana hojichaaf murteessaadha. Kanaafuu, manneen hojii qorannoo kana xummuran ramddii hojjattootaa raawwatanis ta'ee yeroo akkaataa armaan olitti tuqameen ramaddii hojjetootaa gaggeesuun barbaachisaa ta'ee argame, haali hojichi itti raawwatamu agarsiisuun barbaachisaa waan taheef akka armaan gadiitti dhiyaateera:-

  • Duraan dursee “profile” hojjattootaa mana hojichaa guutummaatti addaan bahee galmeeffame qabamuu qaba,

  • Akkaataa bu’aa qorannoo JBAH’n hojiiwwaan garee ykn dhuunfaadhaan raawwatamaniif dandeettiiwwna barbaachisan (Criteria of competition) adda bahee beekamuu qaba,

  • Hojjatoota mana hojichaa keessaa kanneen hojiiwwan jiraniif dorgomuu danda’an addaan bahanii galmeeffamu,

  • Hojattootni dorgomnmiif filataman akkaataa qajeelfama dhimma kanaaf bahuutiin dorgomsiifamanii kanneen qaphxii caalmaa argatan ni failatamu,

  • Hojjattootni filatamani ramaddaman ibsii fi leenjiin barbaachisaa tahe kennameefii bakka hojii haaraa irratti hojii ni jalqabu,

  • Hojjattooni hojii haaraa irratti ramadaman hojii irrati ramadamaniif ga'een hojii isaanii akka beekan ni taasifama,

  • Hojjatootni mana hojii isaanii keessatti ramaddii dhaban;

    • Dameewwan man hojii isaanii keessatti bakka dandeettii isaani heyyame irratti ni ramadamu,

    • Akkaataa danbii/qajeelfama raawwii qophaa’uun manneen hojii biraa keessatti akka ramadamani ni taassifama,

    • Akkaataa danbii/qajeelfama raawwii qophaa’uun hojjattotni soorama ba'uu danda’an (Early Retirement) mirgi soramaa itti ba'an akka kabajamuuf ni taasifama,

    • Hojjattoota haala qaphxiiwwan armaan olitti ibsaniin ramaddii argachuu hin dandeenye akkaataa danbii/qajeelfama raawwii qophaa’uun haalli hojii biraatti bobba’uu danda’an ni mijaa’a,

  • Sababa qorannoo JBAH’n manneen hojii walitti makaman yoo jiraatan hojjattootni mannneen hojii walitti makaman keessa jiran hundi hojiiwwan bifa haaraan gurmaa’an irratti akka dorgoman ni taasifama,

  • Hojjattotni muudama irraa bu’anii akkaataa dandeettii fi ga'umsa qabaniin fi qajeelfama raawwii bahuun kan raawwatamu taha.


5.4.5 Hojjetoota Hojii Irraa Addaan Ba'ani Turan Hojiitti Deebisuu


  • Iyyata hojjetoota sababaa adda addatiin /humna isaani ol ta’en) hojii irraa addaan ba'an ragaa qabatamaa waliin dhiyaachuu isaa mirkaneesuu

  • Ragaa dhiyaate amansisaa (sirrii) ta’u mirkaneesun murtee kennuu

  • Gita hojii duwaa Bajata qabu jiraachuu isaa mirkaneesuu

  • Hojjitti deebisani ramaduu


5.5 Madaalii Raawwii Hojii Gaggeessuu
Manneen hojii qorannoo JBAH gaggeesanis ta’ee fuuladuratti kan itti galuuf deeman hundi hojiiwan raawataman akka dhunfatis ta’e akka gareetti madaalun jijjirama mul’atanii fi rakinaalee jiran adda baasuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan hojjetoota keessatti kaka’umsa hojii umuuf, dudhaalee hojjetootni mana hojii isaanii irratti qaban gabbisuu fi omishitumaa (productivity) dabaluuf hojiin madaallii raawwanaa sirnaan gaggeefamu qaba.

Adeemsa Madaaliin Raawwii Hojii Itti Raawwatu

  • Karoora hojii fi safartuu raawwii qopheessuu,

  • Adeemsaaleen hojji raawwii hojii hojjetoota fi adeemsa isaani guyyaa guyyaan akka sakkata'an deegarsa gochuu

  • Adeemsaaleen hojii cuunfa madaalii (bu'aa) adeemsichaa fi hojjetoota isaanii yeroo karooran raawwatamu keessattii akka dhiyeefatan deegarsa ogummaa gochuu/kennuu

  • Bu'aa hojii garee fi dhuunfaa madaalamee argame qindeesuun murteef dhiyeessu

  • Akkaataa bu'aa argameen leenjii, badhaasa, tarkaanfii gorsaa ykn hojii irraa gaggeessuu raawwachuu

Walumaagalati haali maddaaliin raawwanaa hojii itti gaggeefamu irratti qajeelfamni KSSO'n qophaa'ee waan ba'uuf qajeelfamicha sirnaan itti fayyadamuun raawwachuun barbaachisaadha.


5.6 Leenjii Qindeessuu fi Kennuu/Kennisiisuu



  • Leenjii akka kennamu dursa argachuu qabu adda baasuu.

  • TOR qopheessuun dhiheessuu.

  • Akkaataa qajeelfama leenjitiin qaama leenjii argachuu qabuu fi leenjii kennuu qabu adda baasuu.

  • Madda baasii leenjichaaf barbaachisu murteessuu ykn argachuu.

  • Dokumantii leenjiif barbaachisu qopheesssuu ykn akka qophaa'u gochuu.

  • Sagantaa leenjii qopheessuu.

  • Qajeelfama leenjii humna namaa hordofuun leenjifamtoota ulaagaalee jiruun filachuu.

  • Mala tamsaasa odeeffannoo adda addaatiin garaagarumaa leenjifamtooni saganticha dursanii akka argatan gochuu.

  • Guca madaallii leenjichaa qopheessuu.

  • Leenjii kennuu,

  • Milkaa’ina leenjiichaan argame sakatta’uu /Impact assessments/

5.7 Naamuusa Hojjetootni Hojii Irratti Qaban Hordofuu
Adeemsi hojii bulchiinsa humna namaa dirqamaa fi naamusa hojjetoota kamiyyuu gocha seeraan alaa ykn amala yaraa ykn gocha hin barbaachifne kamiyyuu irraa fagaachuudhaan, tajaajila maamiltootaaf kennuun naamusa hojii gaarii hordofanii yeroo hojiidhaf akka oolchan adeemsi BHN hordofuun gargaaruu, gorsuu, fi hubannoo akka argatan haala mijeessuudhaan dirqama isaanii akka ba'an gochuu qaba. Gara biraatiinis hojjetaan kana darbe hir’ina naamusaa raawwaatu akkaataa seeraa fi qajeelfama jiruun akka itti gaafatamu ni taasissa.
5.7.1 Naamusa Hhojjetoota Mootummaattin Hordofamuu Qabu



  • Yeroo Hojii Mootummaa hojii qofaaf olchuu

  • Icitti eeguu (confidentiality)

  • Maamiltootaaf deebii hatattamaa kennuu

  • Iftoomina (Transparency)

  • Itti Gaaffatamummaa (Accountability)

  • Haqummaa

  • Angoo seeraan fayyadamu

  • Yeroo hojii faayidaa ummataatiif olchuu

Hojjataan Mootummaa kamiyyuu gochoota seeraan ala hojii isaa waliin wal-qabatee balleessaa yoo raawwatee akkaata labsii Bulchiinsa Hojjetoota Mootummaa Naannichaatiin ni adabama.
5.7.2 Gosoota Addaabbii Naamusaa:-
Gosoonni adabbiiwwan Naamusaa salphaa fi Naamusa Cimaa jedhamanii bakka lamatti ramadamu


  • Adabbiiwwan Naamusaa Salphaa Jedhaman:-

    • Akeekkachisa afaanii

    • Akeekkachisa barreefamaa

    • Adabbii mindaa hanga ji’a tokko gahuudha.

  • Adabbiiwwan Naamusaa Cimaa Jedhaman:-

    • Adabbii mindaa hanga ji’a lamaa ol ta'e

    • Sadarkaa hojii fi mindaa irraa gaddii buusuu (waggaa lamaaf qofa)

    • Hojii irraa gaggeessuudha.


5.7.3 Akkaata Koree Raawwannaa Naamusaa Hojjetoota Mootummaa

Manneen Hojii Sadarkaa adda addaa irratti dhaabbatu
a) Sadarkaa Naannootti
Sadarkaa Naannootti koreen Naamuusaa manneen hojii Mootummaa hunda keessatti ni hunda’a. Baayiinni miseensoota koree kanaas 3/sadii/ ta’e walitti qabaan koree gaggeessaa mana hojiichaatiin kan bakka bu’uu fi miseensootni 2/lama/ ammo hojjetoota mana hojichaa keessatti filataman tokko, fi tokko immo adeemsa hojii Bulchiinsa humna namaa keessaa kan ramadamuudha.


a) Sadarkaa Godinaa fi Aanaatti

Koreen Naamusaa sadarkaa kanatti manneen hojii mootummaa hunda keessatti osoo hinta’iin kan manneen hojii (seektaroota) hundaa bakka tokkotti hundeefamee itti waamamni isaa I/gaafatammaa Bulchiinsa godinaa ykn Aanaaf ta’ee baayinni miseensota koree kanaa nama 5/shan/ of-keessaa ni qabaata. Miseensootni korichaa manneen hojii armaan gadditti tarreeffaman keessaa kan bakka bu’an ta’ee isaan keessaa yoo xiqaatee tokko dubartii ta’uu ni mala.



  1. Waajjira Bulchiinsa Godinaa /Aanaa keessa ……….. 1

  2. Waajjira Barnoota Godinaa /Aanaa keessaa ……….. 1

  3. Waajjira Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa Godina/

Aanaa keessaa ………………………………………………….. 1

  1. Waajjira Hojjetaa dhimmicha ilaalattuu keessaa ………… 2

Walimaa galatti …………………………………………………. 5




5.7.4 Gahee Hojii Koree Naamusaa


  1. Koreen Naamusaa sadarkaa Manneen hojii hunda irraa jiru dhimmoolee Naamusa hojjetaa fi mana hojii hunda irraa dhihaatuuf qulqulleessuun murtee seeraa ni kenna.

  2. Koreen naamusaa sadarkaa manneen hojii hunda irra jiru dhimmoolee naamusa hojjetaa fi mana hojii hunda irraa dhihaatuuf ilaalee murtee ni kenna, raawwatamuu isaas ni hordofa, didaa raawwii murtichaa akkaataa qajeelfaa ba'uun ni raawwachiisa.

  3. Koreen naamusaa dhimmoolee naamusa hojjetootaa fi manneen hojii irra dhihaate ilaaluun murtee seera qabeesa ta’e kennuu isa dandeesissuu seeraa fi qajeelffamoota bulchiinsa humna namaa siriiti hubatanii beekuu fi qabachuu qabu. Akkasumas hiikoo seeraa irratti wliigalteen yoo dhabame ykn dhimma ifa hin taanne barreeffamaan ykn bilbillan ykn faksiin KSSO irra ni qulqulleessa.

  4. Gaaffiin ol’iyyannoo yoo dhihaatee garagalcha murtee gama itti gaafatama mana hojjichaan ykn Bulchiinsa Godinaa ykn Bulchiinsa Aanaattiin abbaa dhimmaaf guyyaa 5 keessatti akka kennamu ni taasisa.



5.8 Komiiwwaan Hojjetoota Irraa Dhiyaatu Keessumeessu
Komiiwwan adda addaa hojjetootni mootummaa dhimmoota mirga isaanii waliin wal-qabatee dhiyaatu fkn kan akka qaxara, jijjirraa, guddina sadarkaa, hojii irraa dhorkamuu, mindaan jalaa qabamuu, angoon seeraan ala fayyadamuu fi kkf irratti dhiyaatuqorachuudhan deebii kennuu.

    • Komii maamiltoota irraa kallatitti dhihaatuuf deebii barbaachisuu ariitiidhaan kennuu.

    • Ka’umsaalee dhimma komiiwwanii qorachuun furmaata kennuu

    • Adeemsi bulchiinsa humna namaa qunnamti wal-irra hincinne hojjetoota waliin gochuun hojii irratti garaagarummaan akka hin jiraane seeraa fi qajeelfamoota bulchiinsa humna namaa sirritti akka beekan hojjetootaaf leenjii hubannoo cimsu kennu.

    • Hanqina hojjetooni qaban irratti gargaaruu fi gorsudhaan komiiwwan dhihaatan hundeedhan akka dhabaman taasissuuf irraatti hojjechuun ni barbaachisa.


Ga'ee Hojjetoota Ykn Komii Dhiheeffatoota Irraa Eegamu


  • Mirgaa fi dirqamaa seeraan kennameef addaan baassee beekuudhaan hojii isaa raawwachuu,

  • Dandeetiin qaxaramuu, jijjirramuu fi guddina sadarkaa kan manni hojii hojiichaaf jecha baasee dorgomsissu irratti dorgomuun mirga waan ta’eef, mirga kanaas karaa seera qabeessa ta’e qofaan argachuu akka qabu beekuu fi hubaachuu qaba ykn karaa seeraan ala ta’een argachuu yaaluu irraa of-quusachuu qaba.

  • Mootummaan imaammatoota baasuu galmaan ga'uuf malawwan hojii haala haaraa (new system/ dirriirsuu keesatti damaqinaan hubatee hirmaachuu fi kaka’umsa qooda isaa taphachuu qaba.



5.9 Tajaajila Dheereessuu fi Raawwii Sooramaa Keessumeesuu
5.9.1 Tajaajila Dheereessuu

Hojjetaa Mootummaa tokko sooramaa bahuuf daangaa uumurii seeraan murta’eef irra erga ga’ee booda tajaajilli akka dheerreeffamu ni taasifama. Kun kan ta’uu danda’u oguummaa hojjetichi qabu yeroodhaaf hojjetaa birootiin bakka buusuun yoo hin danda’amne, dandeettin fi beekumsi hojjetichi qabu mana hojichaaf faayidaa yoo qabaateedha.



Haala Raawwannaa Gaaffii Soorama Dherreessuu

  • Tajaajila gaafatame dheerreessuun dura ogeesi hojjeticha bakka bu’uu gabaa irraa dursaan barbaadamee dhabamuun isaa erga mirkanaa'ee booda ta'uu qaba.

  • Hojjetaan tajaajilli dheeratuuf fedhii qabaachusaa barreeffamaan mirkannaa’uu qaba.

  • Fayyuummaan hojjetichaa haakiimaan mirkana’uu qaba.

  • Gaaffiin soorama dherreessuu yeroo soorama ba'uu ji’oota 6 dura dhiyaachuu qaba.

  • Gaaffiin dhihaatu foormii kanaaf qopha’ee irratti guutamee ni dhiyaata.

  • Bu’aa ragoota haakimaa, fedhii hojjetichaa itti walii-galu fi hojjetaa bakka bu’uu dhabbamuussa agarsiisuu formichaa waliin dhihaata.

  • Gaaffiin Sooramaa dheressuun KSSO’f dhiyaate murtee ni argata.

  • Tajaajila dheerreessuun fudhatama yeroo argate hojjetichaaf sorama ba'uun ji’oota 3/sadiin/ dura xalayaan qaqabee hojii akka jalqabu ni taasifama.

5.9.2 Sooramaa Baasuuf Dhimmoota Xiyyeeffanoo Argachuu Qaban
Hojjetan mootummaa kamiyyuu ykn maatiin isaa mirgaa durgoo soorammaa labsiin heyyamameef hanga soroma ba'u argachuu kan danda’u, haala dhuunfa hojjeticha, mana hojiichaa keessatti tajaajila keenne fi haala maatti isaa sirritti ibsame gama mana hojjichaatiin foormii irratti guutamee abba taayitaa haawwaasuummaaf dhihaatee lakkoofsa sooramaa yoo argatee qofadha.
Kanaafuu, bulchiisi humna namaa manneen hojii mootummaa kamiyyuu dhimmoolee soorama hojjetoota isaanii ilaalchisee qaxara irraa kaassee hanga dhummatti abbaa taayitaa haawwasummaa wajjiin wal-qunnamti walirraa hincinnee gochuun:

  • Seenaa jireenyaa hojjetan yeroo duraa qaxaramu kan guute,

  • Xalayaa qaxara yaalii fi dhaabbii,

  • Foormii (Xu-1) guutudhaan lakkoofsa sooramaa kennisiisuu,

  • Ragaalee jijjirama adda addaa hojjetichaa yeroo gara-garaa taasifame (ragaa fuudhaa fi heerumaa, maattii, mindaa, mana hojii tokkoorraa gara tokkootti jijjirraa taasifame, hojii gadi-lakkisanii deebi’anii qaxaramuu fi kkf) hordoffanii raga barbaachisaa waliin beeksiisuu,

  • Dhummarratti ji’oota 36 keessatti mindaa kaffalmaa tureef beeksiisuu fi hojjetaan sooramma ba'uuf ji’ooni 3 hennaa haafuu xalayaan beeksiffame boqqonnaa ji’a 3/sadii/ kennameefii yoo raawwate gaggeessuudhaan galmee dhaabii irraa haquudha.

5.9.3 Dirqamaa Tajaajilamaa (Hojjetaa Sorama Ba'uu)

  • Foormii Seenaa jireenyaa guutamuu irraatti haaqa irratti hunda’e guutuu,

  • Odeeffannoowwan jijjirama isaa fi maattii irratti yeroo adda addaa keessatti foormii dhimma kanaaf qophaa'e irratti ragaa garaa-garummaa qabu guuturraa of-quusachuu

  • Hojjetaan soorama ba'u waa’ee ragaa sooramaa ilaalchisee gaafatamumaa hundaaf dhimma isaa ta’uu beekee ragaa /deebii atattammaa ta’e kennuuf dirqama qaba.

  • Hojjetaan soorama ba'u raga dhiheessuu fi foormii guutuuf gaafatamef deebii kennuu diidee durgoo sooramaa yoo dhabe qaamni isaaf gaafatamu waan hin jireef of-eegannoo gochuu qaba.



VI. Istaandaardii Gurmaa'inaa fi Haala Raawwii Hojii Jalqabaa Hanga Xummuraatti Sadarkaa adda addaa Jiru Agarsiisu

8.11 Gabatee Gurmaa'inaa fi Haala Raawwii Hojii Jalqabaa hanga Xummuraatti Sadarkaa

Naannootti jiru Agarsiisu

Lakk

Galtee (Input)

Yaa'insa Hojii (Series of Activities)

Bu'aa (Out put)

Iddoo Itti Raawwatu

Yeroo Itti Raawwatu

Istaandaardii Itti Raawwatu

Kaayyoo Agaamame

1

Gaaffii Ragaalee bulchiinsa humna namaa

Odeeffannoo Ragaa Humna namaa qopheessuu

Odeeffannoo ragaa humna namaa qindeessuu fi qaamolee qunnamtii qabaniif yeroo kaa'ameen gabaasuu




  • Ragaan humna namaa sirnaan bifa ammayaa'een funaanuu fi galmeessuun (computerized) qabuu

  • Xinxaalii ragaa gaggeessuu fi qindeessuu

  • Odeeffannoo qindaa'ee qaamoolee barbaadaniif akkaataa karooraa keessatti kaawwameen, yeroodhaan fi meeshaa ammaayyaatiin deegaramuun tamsaasuu.




Odeeffannoo bulchiinsa humna namaa qindaa'ee tamsaa'e

Manneen hojii sadarkaa Naannoo keesatti

Guyyaa guyyaan galmeesuu fi ji'a ji'aan odeeffannoo haala bulchiinsa humna namaa qaama ilaaluuf ni tamsaasa.

Ji'a tokko keessatti

Odeeffannoo humna namaa qulqullina qabu, yeroo isaa eeggatee fi haala amayyaatiin qopheessuun tajaajila barbaadameef akka oolu sirna qopheessuu

2

  • Imaammata

  • Rakkoolee gurmaa'insaa fi ramaddii mul'atan

Gurmaa'insaa fi ramaddii hojii gaggeessuu


  • Imaammata, haala naannoo, mandetii fi kaayyoo mana hojii hordofuun akkasumas fedhii maamiltootaa irratti ragaa qorannoof ta'u funaanuu

  • Ragaalee fuaanaman xinxalun rakinaalee fi fedhii jiru adda baasuu,

  • Hojiiwwan mana hojii kana keessatti raawwatamu osoo hin cictini calqabaa hanga xumuraatti haala hojjetamuu danda'uun adeemsan gurmeessuun mirkaneessisuu,

  • Humna namaa adeemsaaf barbaachisu kaa'uun murteessisu,

  • Ulfina, baayina fi walxaxinsa hojii irratti hunda'uun sadarkaa murteessuu,

  • Gurmaa'insa fi ramaddii gitoota hojii baasuun hojii irra oolchuu.

Gurmaa'insa caasaa fi ramaddii gitoota hojii qophaa'e

Manneen hojii sadarkaa Naannoo irra jiran

Yeroo barbaachisaa ta'ee argame

Ji'a tokko keessatti

Gurmaa’insi manneen hojii haala qabatamaa mana hojii isaanii % 100 guute argame qophaa’e

3

Ragaalee bulchiinsaa humna namaa funaaname

Karoora humna namaa qopheessuu


  • Fedhii humna namaa adda baasuu

  • Humna namaa hojii irra jiru sakata'uun garaagarummaa addaan baasuu,

  • Baajata humna namaaf barbaachisuu muteessuu

  • Karooraa humna namaa qopheessuun hojii irra oolchuu




Karoora humna namaa qophaa'e

Maanneen hojii sadarka Naanoo irra jiran

Ji'a Eblaa guutuu

Ji'a tokko keessatti

Karoora humna namaa mana hojjichaa qopheessuun hojjetoota karoora tarsiimmoo mana hojii isanii fiixa baasanii fi ga’umsa dandeetti fi ogummaa qaban lakkoofsaa fi iddoo barbaadameetti akka argamu amansiisaa gochuu.

4

Karroora Bulchiinsaa Humna nama mana hojii fi iddoowwan duwwaa jiran

Foo'annoo fi filannoo gaggeessuu


  • Haala ramaddiin itti raawwatu adda baasuu (guddina, jijjiraa ykn qaxara)

  • Beeksisa Fo'annoo fi Filannoo (guddina, jijjiraa ykn qaxaraa) qopheessu

  • Hojjetoota galmeessuun addan baasuu,

  • Hojjetoota keessattiin iddoon guutamu yoo jiraate jijjira ykn guddina sadaarkan ykn ramaddiin guutachuuf duursa kenuu

  • Qormaata kennuu, soruu fi formii hojii kanaaf qophaa'e irratti waliigala jiru guutuu

  • Hojjetaa qaxaramu ykn guddatu ykn jijjiiramuun argame haala hojii hubachiisuuf odeeffannoo kennuu fi hojii jalqabsiisuu.

Hojjetoota hojii irratti ramadaman

Waggatti yeroo lama

  • Dhimma qaxara guyyoota 10 hin caale keessatti

  • Jijjira guyyoota shan hin caale keessatti




Sirna raawwii qaxara, ramaddii, jijjirraa fi guddina sadarkaa loogii irraa bilisa ta’e hojii irra oolchu rakkoolee duraan turan % 100 hambisuu

5

Karoora adeemsa hojii fi hojjetaa qopheessuun madaalii hojiif haala mijeessuu

Maddalii raawwii hojii gaggeessuu


  • Karoora hojii fi safartuu raawwii qopheessuu,

  • Adeemsaaleen hojji raawwii hojii hojjetoota fi adeemsa isaani guyyaa guyyaan akka sakkata'an deegarsa gochuu

  • Adeemsaaleen hojii cuunfa madaalii (bu'aa) adeemsichaa fi hojjetoota isaanii yeroo karooran raawwatamu keessattii akka dhiyeefatan deegarsa ogummaa gochuu/kennuu

  • Bu'aa hojii garee fi dhuunfaa madaalamee argame qindeesuun murteef dhiyeessu

  • Akkaataa bu'aa argameen leenjii, badhaasa, tarkaanfii gorsaa ykn hojii irraa gaggeessuu raawwachuu




Bu'aa raawwii hojii adeemsa hojii fi hojjetaa madaalamee

Mannen hojii sadarkaa hunda irra jiran keessatti

Hordoffii fi deegaarsa guyyaa guyyaan hojjetootaaf taassifame bu'uura gochuun ji'oota ji'a jahan gaggeeffama

Hojjetaan bu'aa raawwii hojii yeroo hunda beekuu qaba.

Manneen hojii mootummaa haala hojjetoota tursiisuu fi harkisuu danda’u mijeessuun hojjetooni % 95 akka itti quufan gochuu.

6

Karoora bulchiinsa humna namaa fi bu'aa madaalii raawwii hojii

Leenjii qindeessuu fi kennuu/kennisiisuu


  • Hojjetoota leenjiin barbaachisaa ta'ee argame adda baasuu (fedhii leenjii adda baasuu)

  • Qaama leenjii kennu murteessuu leenjii gabaabaa yoo ta'e barreeffamni leenjii akka qophaa'uu deegarsa kennuu

  • Leenjii qindeessuu, gaggeessuu

  • Leenjiin seraan kennamuu isaa hordofuu, deegarsa kennuu

  • Bu'aa leenjii irraa argame duukaa bu'uun hojii irratti madaluun galmeessanii qabuu, gabaasa hojjechuu.




Hojjetootaa leenjii argatanii hojii irratti boba'an

Manneen hojii sadarkaa hunda irra jiran keessatti

Bu'aa madaallii hojii irraa argamee fi jijjiramoota hojjemataa fi tekkinooloojjii irratti hundaa'uun akka barbaachisummaa isaatti (Teelee konfiraansiin fayyadamuu)

Yeroo karooraa n qabame keessatti raawwata.

Leenjiin kennamu hundi % 100 akkaataa karoora humna namaa fi ulaagaa lafa kaawwameen raawwachuu qaba.

7

Hirinaalee naamusaa fi komii hojii irratti maamila irraa hojjetoota irratti dhiyaatu

Naamusa hojjetooni hojii irratti qaban hordofuu


  • Dudhaalee fi ammantaan mana hojjichaa maal akka ta'e hojjetooni akka beekan deegarsa gochuu,

  • Hojjetaa naannoo hojii irraa balleessaa raawwate ragaa qabatamaa waliin qaama namusa ilaaluuf dhiyeessuu,

  • Murtee raawwii haaqina naamusaa sirreessuuf fudhatame hojiiirra oolchuu.




Gorsa fi sirreeffama taassifame

Manneen hojii sadarkaa hunda jiran keessatti

Yeroo hunda

Yeroo hunda




8

Komii fi iyyata hojjetoota irraa dhiyaatu

Komiiwwan hojjetoota irraa dhiyaatu keessumeessuu


  • Sirna komiin itti dhiyaatu yeroo yeroon mijeessuu

  • Iyyataa fi komii dhiyyatu fudhachuun qulquleessuu

  • Komii fi iyyata dhiyaateef furmaata laachuu,

Murtee kenname hojii irra oole ykn ol'iyyannoon irratti gaafatame

Manneen hojii sadarkaa hunda irra jiran keessatti

yeroo hunda.

Guyyaa tokko keessatti raawwatu




9

Fedhii hojjetaa fi gaaffii adeemsaa hojii irra yeroo tajaajila dheeressuu ykn sooroma ba'uuf dhiyaatu

Tajaajila dheeresuu fi sooroma ba'uu keesumeesuu


  • Hojjetoota soorama ba'an addaan baasuu

  • Tajaajila dheeressuu yoo gaafatame ragaalee jiran qorachuun murteessuu

  • Tajaajila dheeressuuf yoo murtaa'e hojjetaa deebisani ramaduu,

  • Tajaajila dheeressuun yoo hafe ragaalee dhimma sooramaaf barbaachisu qopheessuun qaama ilaaluuf xalayaa erguu,

  • Iddoo hojii banaa ta'e galmeessuun beekuu,

Hojjetaa yeroo tajaajila dheerateef ykn sooroma ba'e

Manneen hojii sadarkaa hund irra jiran keessatti

Akkaataa barbaachisee fi yeroo gaafatame

Gaaffiin dhiyaate guyyoota lama keessatti xumuramuu qaba.




8.12 Gabatee Hojiilee Iddoo Tokkotti Gurmaa'an Agarsiisu Organized Activities)

1. Hojii Gurmaa'insa Caasaa, Ramaddii Hojii, Karoora fi Odeefanoo


La

kk

Yaa'insa Hojii (Series of Activities)

Hojiilee wal fakkaatan walti fidu (regroup Related activities)

Dandeettii barbaachisu

Barumsa

Muuxannoo

Leenjii adda


Eenyun raawatama

Waamamaa hojii

Baayina




Odeeffannoo Ragaa Humna namaa qopheessuu

Odeeffannoo ragaa humna namaa qindeessuu fi qaamolee qunnamtii qabaniif yeroo kaa'ameen gabaasuu




  • Ragaan humna namaa sirnaan bifa ammayaa'een funaanuu fi galmeessuun (computerized) qabuu

  • Xinxaalii ragaa gaggeessuu fi qindeessuu

  • Odeeffannoo qindaa'ee qaamoolee barbaadaniif akkaataa karooraa keessatti kaawwameen, yeroodhaan fi meeshaa ammaayyaatiin deegaramuun tamsaasuu.




Hojii kana raawwachuuf Mala tekinolojii ammayyatti fayyadamuun waajirakeessaa ta'anii qopheessuun ni danda'ama.

Bakka barbaachisaa ta'eetti argamuun ragaa qabatamaa walitti qabuun hojjechuun ni danda'ama






I Barumsa Diploma Mgt. (istastiksii)

II Muuxannoo waga 4

III leenjii computara

I I. Barumsa BA fi isaa ol



  • Sayinsii Hawasumaa((social sceince)

II Muuxannoo waggaa 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Gurmeesaa ragaalee BHN

1




Gurmaa'insaa fi ramaddii hojii gaggeessuu


  • Imaammata, haala naannoo, mandetii fi kaayyoo mana hojii hordofuun akkasumas fedhii maamiltootaa irratti ragaa qorannoof ta'u funaanuu

  • Ragaalee fuaanaman xinxalun rakinaalee fi fedhii jiru adda baasuu,

  • Hojiiwwan mana hojii kana keessatti raawwatamu osoo hin cictini calqabaa hanga xumuraatti haala hojjetamuu danda'uun adeemsan gurmeessuun mirkaneessisuu,

  • Humna namaa adeemsaaf barbaachisu kaa'uun murteessisu,

  • Ulfina, baayina fi walxaxinsa hojii irratti hunda'uun sadarkaa murteessuu,

  • Gurmaa'insa fi ramaddii gitoota hojii baasuun hojii irra oolchuu.

Rawwataa hojii BHN (Gennralist

2




Karoora humna namaa qopheessuu


  • Fedhii humna namaa adda baasuu

  • Humna namaa hojii irra jiru sakata'uun garaagarummaa addaan baasuu,

  • Baajata humna namaaf barbaachisuu muteessuu

  • Karooraa humna namaa qopheessuun hojii irra oolchuu







I Barumsa BA fi isaa ool

  • Sayinsii Hawasumaa((social sceince)

II Muuxannoo waggaa 4

III leenjii addaa



  • Basic computer training

Rawwataa hojii BHN (Gennralist)



2. Adeemsa Hojii Itti Fayyadama Humna Namaa, Maddaalii Raawwannaa Hojii Fi Hordofii Raawwii Naamusaa






Foo'annoo fi filannoo gaggeessuu


  • Haala ramaddiin itti raawwatu adda baasuu (guddina, jijjiraa ykn qaxara)

  • Beeksisa Fo'annoo fi Filannoo (guddina, jijjiraa ykn qaxaraa) qopheessu

  • Hojjetoota galmeessuun addan baasuu,

  • Hojjetoota keessattiin iddoon guutamu yoo jiraate jijjira ykn guddina sadaarkan ykn ramaddiin guutachuuf duursa kenuu

  • Qormaata kennuu, soruu fi formii hojii kanaaf qophaa'e irratti waliigala jiru guutuu

  • Hojjetaa qaxaramu ykn guddatu ykn jijjiiramuun argame haala hojii hubachiisuuf odeeffannoo kennuu fi hojii jalqabsiisuu.




    • Dhimmota fo'annoo fi filannoo ilaalchisee akkaataa qajeelfama KSSOtiin karoora irratti hunda'an raawwachuu.




    • Madaalii raawwana hojii haala qajeelfama ''BSC' Balance score card tiin ni raawwatama.




    • Leenjii gagabaabaan qaamaan ykn ''Telecom'' dhaan raawwachuu ni danda'a.

I Barumsa BA fi isaa ol

  • Sayinsii Hawasumaa((social sceince)

II Muuxannoo waggaa 4

III leenjii addaa



  • Basic computer training

Rawwataa hojii BHN (Gennralist)







Maddalii raawwii hojii gaggeessuu


  • Karoora hojii fi safartuu raawwii qopheessuu,

  • Adeemsaaleen hojji raawwii hojii hojjetoota fi adeemsa isaani guyyaa guyyaan akka sakkata'an deegarsa gochuu

  • Adeemsaaleen hojii cuunfa madaalii (bu'aa) adeemsichaa fi hojjetoota isaanii yeroo karooran raawwatamu keessattii akka dhiyeefatan deegarsa ogummaa gochuu/kennuu

  • Bu'aa hojii garee fi dhuunfaa madaalamee argame qindeesuun murteef dhiyeessu

  • Akkaataa bu'aa argameen leenjii, badhaasa, tarkaanfii gorsaa ykn hojii irraa gaggeessuu raawwachuu




I Barumsa Diplomaa fiisaa ol

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)

3





Leenjii qindeessuu fi kennuu/kennisiisuu


  • Hojjetoota leenjiin barbaachisaa ta'ee argame adda baasuu (fedhii leenjii adda baasuu)

  • Qaama leenjii kennu murteessuu leenjii gabaabaa yoo ta'e barreeffamni leenjii akka qophaa'uu deegarsa kennuu

  • Leenjii qindeessuu, gaggeessuu

  • Leenjiin seraan kennamuu isaa hordofuu, deegarsa kennuu

  • Bu'aa leenjii irraa argame duukaa bu'uun hojii irratti madaluun galmeessanii qabuu, gabaasa hojjechuu.







I Barumsa Diplomaa fiisaa ool

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)



Naamusa hojjetooni hojii irratti qaban hordofuu


  • Dudhaalee fi ammantaan mana hojjichaa maal akka ta'e hojjetooni akka beekan deegarsa gochuu,

  • Hojjetaa naannoo hojii irraa balleessaa raawwate ragaa qabatamaa waliin qaama namusa ilaaluuf dhiyeessuu,

  • Murtee raawwii haaqina naamusaa sirreessuuf fudhatame hojiiirra oolchuu.







I Barumsa Diplomaa fiisaa ol

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)




Komiiwwan hojjetoota irraa dhiyaatu keessumeessuu


  • Sirna komiin itti dhiyaatu yeroo yeroon mijeessuu

  • Iyyataa fi komii dhiyyatu fudhachuun qulquleessuu

  • Komii fi iyyata dhiyaateef furmaata laachuu,




I Barumsa Diplomaa fiisaa ool

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)




Tajaajila dheeresuu fi sooroma ba'uu keesumeesuu


  • Hojjetoota soorama ba'an addaan baasuu

  • Tajaajila dheeressuu yoo gaafatame ragaalee jiran qorachuun murteessuu

  • Tajaajila dheeressuuf yoo murtaa'e hojjetaa deebisani ramaduu,

  • Tajaajila dheeressuun yoo hafe ragaalee dhimma sooramaaf barbaachisu qopheessuun qaama ilaaluuf xalayaa erguu,

  • Iddoo hojii banaa ta'e galmeessuun beekuu,







I Barumsaa diploma fi isa ool

II Muuxannoo wagga 4

III Leenji addaa

Computer


Gorsa Dhimamtoota (custmer Advisor)


8.13 Gabatee Gurmaa'inaa fi Haala Raawwii Hojii Jalqabaa hanga Xummuraatti Sadarkaa

Godinaa fi Aanaatti jiru Agarsiisu

Lakk

Galtee (Input)

Yaa'insa Hojii (Series of Activities)

Bu'aa (Out put)

Iddoo Itti Raawwatu

Yeroo Itti Raawwatu

Istaandaardii Itti Raawwatu

Kaayyoo Agaamame

1

Gaaffii Ragaalee bulchiinsa humna namaa

Odeeffannoo Ragaa Humna namaa qopheessuu

Odeeffannoo ragaa humna namaa qindeessuu fi qaamolee qunnamtii qabaniif yeroo kaa'ameen gabaasuu




  • Ragaan humna namaa sirnaan bifa ammayaa'een funaanuu fi galmeessuun (computerized) qabuu

  • Xinxaalii ragaa gaggeessuu fi qindeessuu

  • Odeeffannoo qindaa'ee qaamoolee barbaadaniif akkaataa karooraa keessatti kaawwameen, yeroodhaan fi meeshaa ammaayyaatiin deegaramuun tamsaasuu.




Odeeffannoo bulchiinsa humna namaa qindaa'ee tamsaa'e

Waajjiraalee Godina fi Aanaa

Guyyaa guyyaan galmeessuu

Ji'aa ji'aan qindaa'e tamsaasuu



Ji'aa tokko keessatti

Odeeffannoo humna namaa qulqullina qabu, yeroo isaa eeggatee fi haala amayyaatiin qopheessuun tajaajila barbaadameef akka oolu sirna qopheessuu

2

  • Imaammata

  • Rakkoolee gurmaa'insaa fi ramaddii mul'atan

Gurmaa'insaa fi ramaddii hojii gaggeessuu


  • Imaammata, haala naannoo, mandetii fi kaayyoo mana hojii hordofuun akkasumas fedhii maamiltootaa irratti ragaa qorannoof ta'u funaanuu

  • Ragaalee fuaanaman xinxalun rakinaalee fi fedhii jiru adda baasuu,

  • Hojiiwwan mana hojii kana keessatti raawwatamu osoo hin cictini calqabaa hanga xumuraatti haala hojjetamuu danda'uun adeemsan gurmeessuun mirkaneessisuu,

  • Humna namaa adeemsaaf barbaachisu kaa'uun murteessisu,

  • Ulfina, baayina fi walxaxinsa hojii irratti hunda'uun sadarkaa murteessuu,

  • Gurmaa'insa fi ramaddii gitoota hojii baasuun hojii irra oolchuu.

Gurmaa'insa caasaa fi ramaddii gitoota hojii qophaa'e

Waajjiraalee Godina fi Aanaa

Ji'aa Caamsaa

Ji'aa tokko keessatti

Gurmaa’insi manneen hojii haala qabatamaa mana hojii isaanii % 100 guute argame qophaa’e




Karroora Bulchiinsaa Humna nama mana hojii fi iddoowwan duwwaa jiran

Foo'annoo fi filannoo gaggeessuu


  • Haala ramaddiin itti raawwatu adda baasuu (guddina, jijjiraa ykn qaxara)

  • Beeksisa Fo'annoo fi Filannoo (guddina, jijjiraa ykn qaxaraa) qopheessu

  • Hojjetoota galmeessuun addan baasuu,

  • Hojjetoota keessattiin iddoon guutamu yoo jiraate jijjira ykn guddina sadaarkan ykn ramaddiin guutachuuf duursa kenuu

  • Qormaata kennuu, soruu fi formii hojii kanaaf qophaa'e irratti waliigala jiru guutuu

  • Hojjetaa qaxaramu ykn guddatu ykn jijjiiramuun argame haala hojii hubachiisuuf odeeffannoo kennuu fi hojii jalqabsiisuu.

Hojjetoota hojii irratti ramadaman

Waajjiraalee Godina fi Aanaa

Waggaatti yeroo lama

  • Qaxaraa guyyoota 5 hanaga 10tti

  • jijjiraa guyyoota 3 hanga 5tti

Sirna raawwii qaxara, ramaddii, jijjirraa fi guddina sadarkaa loogii irraa bilisa ta’e hojii irra oolchu rakkoolee duraan turan % 100 hambisuu

4

Karoora adeemsa hojii fi hojjetaa qopheessuun madaalii hojiif haala mijeessuu

Maddalii raawwii hojii gaggeessuu

  • Karoora hojii fi safartuu raawwii qopheessuu,

  • Adeemsaaleen hojji raawwii hojii hojjetoota fi adeemsa isaani guyyaa guyyaan akka sakkata'an deegarsa gochuu

  • Adeemsaaleen hojii cuunfa madaalii (bu'aa) adeemsichaa fi hojjetoota isaanii yeroo karooran raawwatamu keessattii akka dhiyeefatan deegarsa ogummaa gochuu/kennuu

  • Bu'aa hojii garee fi dhuunfaa madaalamee argame qindeesuun murteef dhiyeessu

  • Akkaataa bu'aa argameen leenjii, badhaasa, tarkaanfii gorsaa ykn hojii irraa gaggeessuu raawwachuu




Bu'aa raawwii hojii adeemsa hojii fi hojjetaa madaalamee

Mannen hojii sadarkaa hunda irra jiran keessatti

Hordoffii fi deegaarsa guyyaa guyyaan hojjetootaaf taassifame bu'uura gochuun ji'oota ji'a jahan gaggeeffama

Hojjetaan bu'aa raawwii hojii yeroo hunda beekuu qaba.

Manneen hojii mootummaa haala hojjetoota tursiisuu fi harkisuu danda’u mijeessuun hojjetooni % 95 akka itti quufan gochuu.

5

Karoora bulchiinsa humna namaa fi bu'aa madaalii raawwii hojii

Leenjii qindeessuu fi kennuu/kennisiisuu


  • Hojjetoota leenjiin barbaachisaa ta'ee argame adda baasuu (fedhii leenjii adda baasuu)

  • Qaama leenjii kennu murteessuu leenjii gabaabaa yoo ta'e barreeffamni leenjii akka qophaa'uu deegarsa kennuu

  • Leenjii qindeessuu, gaggeessuu

  • Leenjiin seraan kennamuu isaa hordofuu, deegarsa kennuu

  • Bu'aa leenjii irraa argame duukaa bu'uun hojii irratti madaluun galmeessanii qabuu, gabaasa hojjechuu.




Hojjetootaa leenjii argatanii hojii irratti boba'an

Manneen hojii sadarkaa hunda irra jiran keessatti

Bu'aa madaallii hojii irraa argamee fi jijjiramoota hojjemataa fi tekkinooloojjii irratti hundaa'uun akka barbaachisummaa isaatti (Teelee konfiraansiin fayyadamuu)

Yeroo karooraa n qabame keessatti raawwata.

Leenjiin kennamu hundi % 100 akkaataa karoora humna namaa fi ulaagaa lafa kaawwameen raawwachuu qaba.

6

Hirinaalee naamusaa fi komii hojii irratti maamila irraa hojjetoota irratti dhiyaatu

Naamusa hojjetooni hojii irratti qaban hordofuu


  • Dudhaalee fi ammantaan mana hojjichaa maal akka ta'e hojjetooni akka beekan deegarsa gochuu,

  • Hojjetaa naannoo hojii irraa balleessaa raawwate ragaa qabatamaa waliin qaama namusa ilaaluuf dhiyeessuu,

  • Murtee raawwii haaqina naamusaa sirreessuuf fudhatame hojiiirra oolchuu.




Gorsa fi sirreeffama taassifame

Manneen hojii sadarkaa hunda jiran keessatti

Yeroo hunda

Yeroo hunda




7

Komii fi iyyata hojjetoota irraa dhiyaatu

Komiiwwan hojjetoota irraa dhiyaatu keessumeessuu


  • Sirna komiin itti dhiyaatu yeroo yeroon mijeessuu

  • Iyyataa fi komii dhiyyatu fudhachuun qulquleessuu

  • Komii fi iyyata dhiyaateef furmaata laachuu,

Murtee kenname hojii irra oole ykn ol'iyyannoon irratti gaafatame

Manneen hojii sadarkaa hunda irra jiran keessatti

yeroo hunda.

Guyyaa tokko keessatti raawwatu




8

Fedhii hojjetaa fi gaaffii adeemsaa hojii irra yeroo tajaajila dheeressuu ykn sooroma ba'uuf dhiyaatu

Tajaajila dheeresuu fi sooroma ba'uu keesumeesuu


  • Hojjetoota soorama ba'an addaan baasuu

  • Tajaajila dheeressuu yoo gaafatame ragaalee jiran qorachuun murteessuu

  • Tajaajila dheeressuuf yoo murtaa'e hojjetaa deebisani ramaduu,

  • Tajaajila dheeressuun yoo hafe ragaalee dhimma sooramaaf barbaachisu qopheessuun qaama ilaaluuf xalayaa erguu,

  • Iddoo hojii banaa ta'e galmeessuun beekuu,




Hojjetaa yeroo tajaajila dheerateef ykn sooroma ba'e

Manneen hojii sadarkaa hund irra jiran keessatti

Akkaataa barbaachisee fi yeroo gaafatame

Gaaffiin dhiyaate guyyoota lama keessatti xumuramuu qaba.




8.14 Gabatee Hojiilee Godinaa fi Aanaatti jiru Iddoo Tokkotti Gurmaa'an Agarsiisu Organized Activities)

1. Hojii Karoora fi Odeefanoo


La

kk

Yaa'insa Hojii (Series of Activities)

Hojiilee wal fakkaatan walti fidu (regroup Related activities)

Dandeettii barbaachisu

Barumsa

Muuxannoo

Leenjii adda


Eenyun raawatama

Waamamaa hojii

Baayina

1

Odeeffannoo Ragaa Humna namaa qopheessuu

Odeeffannoo ragaa humna namaa qindeessuu fi qaamolee qunnamtii qabaniif yeroo kaa'ameen gabaasuu




  • Ragaan humna namaa sirnaan bifa ammayaa'een funaanuu fi galmeessuun (comptarazed) qabuu

  • Xinxaalii ragaa gaggeessuu fi qindeessuu

  • Odeeffannoo qindaa'ee qaamoolee barbaadaniif akkaataa karooraa keessatti kaawwameen, yeroodhaan fi meeshaa ammaayyaatiin deegaramuun tamsaasuu.




Hojii kana raawwachuuf Mala tekinolojii ammayyatti fayyadamuun waajirakeessaa ta'anii qopheessuun ni danda'ama.

Bakka barbaachisaa ta'eetti argamuun ragaa qabatamaa walitti qabuun hojjechuun ni danda'ama






I Barumsa Diploma Mgt. (istastiksii)

II Muuxannoo waga 4

III leenjii computara


Gurmeesaa ragaalee BHN

1

Rawwataa hojii BHN (Gennralist

2

2

Karoora humna namaa qopheessuu


  • Fedhii humna namaa adda baasuu

  • Humna namaa hojii irra jiru sakata'uun garaagarummaa addaan baasuu,

  • Baajata humna namaaf barbaachisuu muteessuu

  • Karooraa humna namaa qopheessuun hojii irra oolchuu







I Barumsa BA fi isaa ool

  • Sayinsii Hawasumaa((social sceince)

II Muuxannoo waggaa 4

III leenjii addaa



  • Basic computer training

Rawwataa hojii BHN (Gennralist)


2. Hojii Itti Fayyadama Humna Namaa, Maddaalii Raawwannaa Hojii Fi Hordofii Raawwii Naamusaa



1

Foo'annoo fi filannoo gaggeessuu


  • Haala ramaddiin itti raawwatu adda baasuu (guddina, jijjiraa ykn qaxara)

  • Beeksisa Fo'annoo fi Filannoo (guddina, jijjiraa ykn qaxaraa) qopheessu

  • Hojjetoota galmeessuun addan baasuu,

  • Hojjetoota keessattiin iddoon guutamu yoo jiraate jijjira ykn guddina sadaarkan ykn ramaddiin guutachuuf duursa kenuu

  • Qormaata kennuu, soruu fi formii hojii kanaaf qophaa'e irratti waliigala jiru guutuu

  • Hojjetaa qaxaramu ykn guddatu ykn jijjiiramuun argame haala hojii hubachiisuuf odeeffannoo kennuu fi hojii jalqabsiisuu.




    • Dhimmota fo'annoo fi filannoo ilaalchisee akkaataa qajeelfama KSSOtiin karoora irratti hunda'an raawwachuu.




    • Madaalii raawwana hojii haala qajeelfama ''BSC' Balance score card tiin ni raawwatama.




    • Leenjii gagabaabaan qaamaan ykn ''Telecom'' dhaan raawwachuu ni danda'a.

I Barumsa BA fi isaa ol

  • Sayinsii Hawasumaa((social sceince)

II Muuxannoo waggaa 4

III leenjii addaa



  • Basic computer training

Rawwataa hojii BHN (Gennralist)

3


2

Maddalii raawwii hojii gaggeessuu


  • Karoora hojii fi safartuu raawwii qopheessuu,

  • Adeemsaaleen hojji raawwii hojii hojjetoota fi adeemsa isaani guyyaa guyyaan akka sakkata'an deegarsa gochuu

  • Adeemsaaleen hojii cuunfa madaalii (bu'aa) adeemsichaa fi hojjetoota isaanii yeroo karooran raawwatamu keessattii akka dhiyeefatan deegarsa ogummaa gochuu/kennuu

  • Bu'aa hojii garee fi dhuunfaa madaalamee argame qindeesuun murteef dhiyeessu

  • Akkaataa bu'aa argameen leenjii, badhaasa, tarkaanfii gorsaa ykn hojii irraa gaggeessuu raawwachuu




I Barumsa Diplomaa fiisaa ol

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)

3

Leenjii qindeessuu fi kennuu/kennisiisuu

  • Hojjetoota leenjiin barbaachisaa ta'ee argame adda baasuu (fedhii leenjii adda baasuu)

  • Qaama leenjii kennu murteessuu leenjii gabaabaa yoo ta'e barreeffamni leenjii akka qophaa'uu deegarsa kennuu

  • Leenjii qindeessuu, gaggeessuu

  • Leenjiin seraan kennamuu isaa hordofuu, deegarsa kennuu

  • Bu'aa leenjii irraa argame duukaa bu'uun hojii irratti madaluun galmeessanii qabuu, gabaasa hojjechuu.







I Barumsa Diplomaa fiisaa ool

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)

4


Naamusa hojjetooni hojii irratti qaban hordofuu


  • Dudhaalee fi ammantaan mana hojjichaa maal akka ta'e hojjetooni akka beekan deegarsa gochuu,

  • Hojjetaa naannoo hojii irraa balleessaa raawwate ragaa qabatamaa waliin qaama namusa ilaaluuf dhiyeessuu,

  • Murtee raawwii haaqina naamusaa sirreessuuf fudhatame hojiiirra oolchuu.







I Barumsa Diplomaa fiisaa ol

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)




Komiiwwan hojjetoota irraa dhiyaatu keessumeessuu


  • Sirna komiin itti dhiyaatu yeroo yeroon mijeessuu

  • Iyyataa fi komii dhiyyatu fudhachuun qulquleessuu

  • Komii fi iyyata dhiyaateef furmaata laachuu,




I Barumsa Diplomaa fiisaa ool

  • Management

II muxxanoo hojii wagga afur 4

III leenjii addaa

Basic computer training


Raawwataa hojii BHN (case performer)

5

Tajaajila dheeresuu fi sooroma ba'uu keesumeesuu


  • Hojjetoota soorama ba'an addaan baasuu

  • Tajaajila dheeressuu yoo gaafatame ragaalee jiran qorachuun murteessuu

  • Tajaajila dheeressuuf yoo murtaa'e hojjetaa deebisani ramaduu,

  • Tajaajila dheeressuun yoo hafe ragaalee dhimma sooramaaf barbaachisu qopheessuun qaama ilaaluuf xalayaa erguu,

  • Iddoo hojii banaa ta'e galmeessuun beekuu,







I Barumsaa diploma fi isa ool

II Muuxannoo wagga 4

III Leenji addaa

Computer


Gorsa Dhimamtoota (custmer Advisor)



VI. Yaada Xumuraa (Conclusion)
Sirni hojiin bulchiinsa humna namaa manneen hojii mootummaa Naannichaa keessatti armaan dura gaggeeffamaa ture addaan cicitaa fi tutuqaan kan itti baayatu ture. Adeesa kana geederuudhaan hojiin iddo tokkotti akka raawwatamuu fi humna namaa dandeetti qabu angeessuun tajaajila saffina qabu maamiltootaaf kennuuf akka danda’amu, qorannoo jijjirama bu’uura adeemsa hojii gaggeeffameen irra ga'ameera.
Haaluma kanaan dhimmolee bulchiinsa humna namaa kamiyyuu qorannoo JBAH irratti hunda’uudhaan maaniwaallin adeemsa hojii bulchiinsa humna namaa itti hordoffamuu qabu rakkinaalee armaan dura ka'aa turan hiikuuf, bu’aalee hojii irratti argame madaaluu fi hojemaata hojichaa fooyyeesuuf akka gargaaru ta’e kan qophaa’e yoo ta'u dhimmole maaniwaalii kana keessatti hin tuqamiin qajeelfamoota ba'an irratti ifati waan kaawwamanii ittiin gargaaramuun ni danda'ama.
Dhuma irrattis hojiin JBAH yeroo tokkoon hojjetame kan dhaabatu waan hin taaneef qaamni hunduu hanga danda’ameti yeroodha yerootti fedhii maamilaa qubsuufi tajaajila gahaa laachuuf of-qopheeseetuu hund irraa eegama.

Yüklə 1 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin