Komishinii Siviil Sarviisii Oromiyaa



Yüklə 1 Mb.
səhifə1/10
tarix07.04.2018
ölçüsü1 Mb.
#46989
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10

BULCHIINSA MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI

KOMISHINII SIIVIL SARVIISII OROMIYAA

Maanuwaalii Adeemsa Hojii Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa (HRM Support Process Manual)

Onkoloolessa 2000

Finfinnee


I. SEENSA
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Misooma dinagdee fi hawaasummaa Naannichaa saffisiisuun yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa fooyya’insa barbaadamu irra akka gahu gochuuf imaammatootaa fi sagantaalee misooma dingdee fi hawaasummaa baasuudhaan galmoota, kaayyoowwanii fi tarsiimoolee raawwii qopheessee sochii cimaa gochaa jiraachuun isaa ni beekama.
Milkaa'ina kanaaf immoo manneen hojii Naannichaa kaayyoo hundeeffamaniif galmaan gahuuf maallaqa, meeshaalee fi qabeenyi humna namaa barbaachisaa ta’uun isaanii irratti waliigalamu illee, qoodni qabeenyi humna namaa qabu murteessaa fi ol-anaadha. Sababbiin isaas humni namaa qabeenya si’aa (active resource) fi qabeenyoota kan biroo sochoosee hojiirraa waan oolchuufiidha.
Haa ta’u malee, haalli qabatamaan manneen hojii mootummaa Naannichaa keessa jiru bulchiinsi humna namaa tajaajila harkifataa, iftoomina kan hin qabne, hanqinni gahumsaa kan keessatti mul’atuu fi odeeffannoowwan dhimmoota hojjattootaatiin wal-qabatanii qindaa’uu qaban haala, yeroo fi iddoo barbaaddametti kan irraa hin argamne akkasumas dandeetti hojjattootaa guddisuuf tattaaffiin taasifamu laafaa fi sirna quubsaa ta'e kan hin qabne ta’uun isaa hubatameera.
Kanaaf, rakkoolee wal-xaxaa kana keessaa bahuuf bulchiinsi qabeenya humna namaa xiyyeeffannoo guddaa fi duuka bu’iinsa wal- irraa hin citne godhamee fi manneen hojii mootummaa bifa sirna qabun (systemaized) ta’ee, haala qabatamaa manneen hojii ilaalcha keessa galchuun maandeetii (kaayyoo) hundeeffamaniif galmaan gahuun akkaataa isaan dandeessisun bifa haaraatiin diriirsuun tajaajila saffisaa, gahumsa qabuu fi gaafatamummaa bifa mirkaneessun akkasumas feedhii manneen hojii giddu galeessa godhachuun adeemsa hojii haaraan gurmeessuun barbaachiseera.
Bu'uuruma kanaan maanuwwaaliin kun hojilee gurguddoo adeemsa hojii bulchiinsa qabeenya humna namaa keessatti raawwataman, haala itti raawwataman, yeroo fudhatanii fi sadarkaa itti raawwataman dabalatanis uunkaalee (gucoota) adda addaa hojiif gargaaran kan agarsiisu ta’ee manneen hojii mootummaa sadarkaa Naannoo irraa hanga Aanatti akka itti fayyadaman ta'ee qophaa'era.

II. Kaayyoo Maanuwaalichaa

  • Manneen hojii mootummaa bulchiinsa humna namaa bifa sirna qabessa ta’ee fi haala qabatamaa mana hojii isaaniitiin gaggeessuu fi hojiirra oolchuuf akka gargaaru,

  • Aangoo fi gahee hojii BHN daangaa hojiilee adeemsichaa gargar baasuun tajaajilamtoonni hubannoo argachuudhaan fayyadamoo akka ta’an akkasumas raawwattootni (performers) adeemsichaa hojichaa angoo fi gahee isaanii hubachuudhaan dirqama isaan irraa eegamu akka bahan gochuuf,

  • Bulchiinsa humna namaa ilaalchisee, manneen hojii mootummaa fi hojjetootni Labsii, Dambii fi Qajeelfama irratti hunda’anii tajaajila maamiltootaaf keennuu akka danda'an gargaaruuf,

  • Hojiiwwan BHN adeemsa hojii kanaan raawwatamu haala walfakatuu fi istandardii qabuun hojii irra akka oluu tasisuuf.

III. Hiika Jechootaa

Jechoottiin adda addaa, hiikaa gara biraa kan kennisiisu yoo ta'een ala, maanuwalii kana keesatti:




  • Karoora Humna Namaa:- Jechuun humna namaa mana hojii tokko keessatti gosa barbaadameen yeroo barbaadame akka argamu akkassummas haala waliigala humna namaa hojii irra jiru kan ibsuu fi murteelee bulchiinsa humna namaa taassifamuf odeeffannoo barbaachisu kan of-keessatti qabateedha.

  • Gurmaa’insa fi Ramaddii Hojii jechuun mana hojii mootummaa labsii/danbii/chaartaraan dhaabbate tokkoof kaayyoo itti dhaabbate galmaan geessisuuf haala dandeessisuun caasaa fi ramadii gitoota hojii hayyamamuuf/barbaachisuuf jechuudha.

  • Itti Fayyadama Humna Namaa jechuun ergamni mana hojii tokko akka fixaa bahu sirni boba’insa hojjetoota mootummaa (qaxaraa, guddina, Jijjiraa fi kkf) itti diriiree hojii irra ooludha.

  • Durgoo Naannawinsaa jechuun naannoo magaalaa keessatti naannawudhaan hojjataa hojii mootummaa raawwatuuf hojiichaaf tajaajila geejjibaa dhiyeessuu ykn baasii geejjibaaf barb.aachisuuf durgoo kaffalamudha.




  • Mana Hojii Mootummaa jechuun, of-danda’ee labsiidhaan ykn danbiidhaan kan hundeeffamee fi guutummaan guutuutti ykn gar-tokkoon baajata mootummaan ramadamuun kan bulu jechuudha.

  • Hojjetaa Mootummaa jechuun, Hojjetaa mana hojii mootummaa keessatti dhaabbataan ykn yeroodhaaf qaxaramee hojjetuudha.

  • Komii jechuun, hojjetaan waa’ee mirga isaa irratti Mana hojii isaa wajjin marii taasisuun dhimmolee waliigaluu hin dandeenyee fi adeemsa qulqulleessuu idileetiin deebii argachuu qabu jechuudha.

  • Ol’iyyannoo jechuun, hojjetaan mootummaa tokko seeraa ala miindaa ykn kanfaltii jalaa qabame, hojii irraa dhorkame, adabbii naamusa cimaatiin adabamee fi miidhaa hojii isaarratti irra gaheen mirgi isaa sarbame tokko adeemsa hojichaatti komii dhiyeeffatu jechuudha.

  • Diddaa Raawwii jechuun, ajaja ykn murtee Adeemsa hojiichaan ykn KSSO’n hojii BHN irratti kenname raawwachuu ykn hojii irra olchuu dhiisuu jechuudha.

  • Ramaddii gita hojii jechuun, gitni hojii tokko haala akaakuu tajaajilicha, hojii ogummaa ykn ga'ee hojii, ulfinaa fi wal-xaxummaa hojichaa, itti gaafatamummaa qabuun qixa barumsaa fi muuxxannoo, beekumsaa fi dandeettii gaafatuun madaalamee gareen fi sadarkaan ramaduu jechuudha.

  • Guddina sadarkaa jechuun, hojjetaa mootummaa sadarkaa gita hojii amma qabatee jiru irraa dandettiin madaalamee gara sadarkaa itti aanuu fi isaa oliitti guddisuu jechuudha.

  • Qaxara jechuun, mana hojii mootummaa keessatti gita hojii duwwaa jiru irratti hojii waajjirichaa akka hojjetuuf sadarkaa barumsaa, muuxxannoo fi dandeetti isaa ilaalanii dorgomtoota affeeramani qormaata fudhatan keessaa qabxii caalmaa argatan qaxaruu jechuudha.

  • Jijjirraa jechuun, hojjataa Mootummaa tokko mana hojii isaa keessatti gita hojii tokko irra gita hojii birootti, mana hojii tokko irraa gara mana hojii birootti, gita hojii wal-fakkaatu irratti ykn gita hojii sanaa gaditti (fedhii hojjetichaa yoo ta’e) fudhatee hojjechiisuu jechuudha.

  • Mindaa jechuun, kanfaltii ka’umsa gita hojii tokkoof murta’ee fi dabala yeroo yerootti kennamu jechuudha.

  • Ramaddii Hojjatootaa jechuun dandeetti fi gahumsa hojjetaan qabu irratti hundaa’uun gita duwwaa jiru irratti hojjataa ramaduu jechuudha.




  • Durgoo Sooramaa jechuun:- Hojjetaa Mootummaa kamiyyuu manneen hojii Mootummaa adda addaa keesatti tajaajila kenne hunda walitti eda’ame herregudhaan kaffalamuudha.

  • Foo’annoo fi Filannoo Jechuun:- Adeemsa mana hojii tokko keessatti gita hojii duwaa jiru irratti qaxaraan ykn jijjirraa ykn guddina sadarkaatiin ramaduudhaaf, iyyattoota ga’umsa qaban addaan baasanii beekuu fi dorgomtoota affeeruudhaan, dorgomsiisanii filuudha.




  • Misooma /Leenjii/ Humna Namaa:- jechuun hojjetooni hojii irratti jijjiramoota jiran waliin akka deeman yeroo irra gara yerootti leenjii gabaabaa fi dheeraa kennuun misoomsuu jechuudha.



IV. Hojiilee Gurguddoo Adeemsa Hojii Bulchiinsa Humna Namaa


  • Manneen hojii gurmaa’insa caasaa Seektara isaani sadarkaa Naannoo irraa kaasee hanga Aanaatti qorachuu.

  • Humna namaa fi ramaddii gitoota hojii barbaachisan sirna diriree irratti hundaa’un seektara isaaniif qorachuu

  • Karooraa humna namaa akka seektaraatti barbaachisu qopheessuu

  • Fo’annoo fi filannoo hojjetootaa (qaxara, guddina sadarkaa, jijjiraa fi kkf) gaggeesuun humna namaa sirnaan fayyadamuu.

  • Odeeffannoo hojjetootaa qindeesuu, ammayeesuu fi qaama ilaaluuf gabaasuu.

  • Madaallii raawwannaa hojii gaggeesun hanqinaa fi cimina hojjetootaa raawwii irratti beekuu fala kaa'uu.

  • Bu'aa madaalii argameen iddoo hanqini mulatutti leenjii hojjetoota qindeesun kennuu ykn kennisisuu

  • Hojjetoota raawii ol-aanaa qaban kakaasuu (badhaasuu) fi hojjetootaa raawwii gadi aanaa qaban irratti murtee laachuu.

  • Iyyannoo fi komii hojjetootaa dhageefachun furmaata kennuu, naamusaa hojjetootni hojii irratti qabanis yeroodhaa yeerootti akka foyyeesan gorsuu.

  • Gaaffiilee tajaajila sooramaa dheeresuu dhiyaatan irratti murtee kennuu, kanneen yeroo sooramaa ga'ee fi gaaffii sooramaa ba'uu irrtti dhiyaatu keesumeesuu.

  • Ragaa Bulchinsa humna namaa mana hojjichaa yeroo yeroon qideessuu, gurmeessuu fi xiinxaluun istaatistiksii bulchinsa humna namaa qopheessuu fi faayidaalee adda addaatiif akka oolu gochuu.

  • Sirna odeeffannoo bulchinsa humna namaa diriirsuun manneen hojii sadarkaa Godinaa fi Aanaa seektara offii akkasumas KSSO waliin walqunnamtiin gahaan akka jiraatu taasisuu.

  • Fedhii fi dhiheessa humna namaa seektara offii kan sadarkaa hudaa qorachuu, fedhii gargar baasuu fi karoora humna namaa yeroo gabaabaa fi dheeraa qopheessuun qaama ilaaluf akka dhihaatu gochuu.

  • Karoorri humna namaa manneen hojii mootummaa qophaa’u galmootaa fi kaayyoowwan karoora tarsiimoo waliigala Mootummaa Naannichaatiin kaa’aman galmaan ga’uu akka dandeessisu feedhii fi dhiheessa humna namaa adda bahee ,humna namaa barbaadamu lakkoofsaan, ogummaa fi yeroo barbaadamu keessatti akka argamu taasisuudha.

  • Leenjii fi misoomni humna namaa adeemsa sirna qabeessa ta’ee fi sagantaaleen leenjii gaggeeffaman kan humna namaa ogummaa barbaachisu goonfate, jijjiirama amalaa fi ilaalcha hojiin barbaadu wajjiin deemuudhaaf qophaa’aa ta’e uumuudhaaf gargaaru akka jiraatu gochuudha.

V. Hojii BHN Akka Waliigaatti Raawwattaman Facaatiidhaan
5.1 Odeeffannoo Ragaa Humna Namaa Qopheessuu

A. Odeeffannoo Qindeesuuf Ragaalee Xiyyeeffannoo Argachuu Qaban

Odeeffannoo bulchiinsa humna namaa ammansiisaa ta’e qabaachuuf ogeesoni bulchiinsa humna namaa ragaalee armaangaditti tarreeffaman sirnaan jiraachuu fi yeroo hunda sirreefamuu (update) ta’uu akka qaban hubatamuu qabu. Ragaaleen kusaan duunfaa hojjetaa Mootummaa kam iyyuu of-keesatti qabaachuu malu kanatti aansuun tarreefamanii jiru.



1. Ragaalee Qaxara Haaraa


  • Beeksisa qaxaraa

  • Yeroo qaxari raawwatame qaboo yaa’ii.

  • Seenaa jireenyaa – (Foormii guutame).

  • Ragaa muuxannoo hojii (Yoo barbaachise).

  • Ragaa Kiliiraansii (Yoo barbaachise).

  • Ragaa fayyummaa mana yaalaa irraa dhihaatu.

  • Xalayaa qaxara yaalii.

  • Xalayaa qaxara dhaabbii.

  • Ragaa kakuu.

  • Ragaa ashaaraa qubaa (kan poolisii irraa dhihaatu).

  • Foormii wabii soorataa (Xuu-1).

  • Foormii seenaa jireenyaa fi wabii soorataa Waajjira wabii hawaasummaa dhimmi ilaaluuf akka ga’u fi ga’uu isaatiis mirkaneessuu.

  • Xalayoota qaxara yaalii fi dhaabbii teessoon hojjetaa qaxarameef ta’ee waajjiricha keessatti kutaalee hojii dhimmi ilaaluuf, Waajjira Maallaqaa fi Misooma Diinagdeetiif garagalchiin akka beeku taasisuu.

2. Ragaalee Jijjiirraa

Ragaalee Jijjiirraa Keessaa

  • Beeksisa jijjiirraa keessaa.

  • Foormii wal-dorgomtoonni jijjiirraa irratti guutan.

  • Xalayaa jijjiirraa

Ragaalee Jijjiirraa Waajjira irraa gara mana hojii biraatti taasifamu


  • Xalayaa waliigaltee waajjiricha hojjetaa jijjiirraan fudhatuu.

  • Xalayaa waliigaltee waajjiricha hojjetaa jijjiirraan gadi-lakkisuu.

  • Xalayaa jijjiirraa hojjetichaa.

  • Xalayaa gadi-lakkisuu

  • Xalayaa jijjiirraa hojjetichaaf teessoon, kutaalee hojiilee dhimmi ilaaluuf fi Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdeetiif garagalchiin barreeffame.

  • Waajjirichi hojjetaa gadi-lakkse kuusaa hojjetichaa guutuu of-harkaa qabu waajjira hojjetaa jijjiirraan fudhateef dabarsuuf dirqama qaba.

  • Kuusaan waliif dabru xalayaa I/gaafatamaa waajjiricha hojjetaa gadi-lakkiseetiin mirkanaa’ee kan gaggeeffamu yammuu ta’u, ragaaleen gurguddoon kuusaa keessatti argamanii fi baay’ini fuula ibsamuu qaba.

  • Waajjirichi hojjeticha fudhatees, kuusaan hojjetichaa haala guutuun kan isa ga’e ta’uu isaa waajjiricha ergeef dirqama beeksisuu kan qabu yammuu ta’u kuusaa ergameef keessatti hir’inni ragaa kan jiraatu yoo ta’e waajjiricha hojjetaa gadi-lakkise wajjiin walqunnamuun ykn karaa biraatiin ragaa hojjetichaa guutuuf dirqama ni qaba.


3. Ragaa Guddina Sadarkaa

  • Beeksisa guddina sadarkaa

  • Foormii akaakuu waldorgomtootaa fi qabxii.

  • Qaboo yaa’ii guddini sadarkaa ittin raawwate.

  • Xalayaa guddina sadarkaa


4. Ragaa Dabala Mindaa

  • Xalayaa dabala Mindaa

5. Ragaa hojiirraa gaggeeffamaa:
Fedhii /gaaffii/ hojjetaatiin

  • Iyyata gaaffii hojiirraa gaggeeffamuu

  • Xalayaa hojiirraa gaaggeeffamaa hojjetichaaf kenname.

  • Waraqaa qulqullinaa hojjetichaaf kenname.

Hojjetaan Hojjiirraa waan badeef

  • Beeksisa waamichaa 1ffaa.

  • Beeksisa waamichaa 2ffaa.

  • Hojjetichi hojii Mootummaa irraa gaggeeffamuu isaa xalayaa barreeffame.


Hojjetaan hir’ina naamusaatiin yeroo gaggeefamu.

  • Xalayaa murtee naamusaa qabate.

  • Xalayaa gaggeeffamaa.

Hojjetaan haala adda addaatiin yeroo gaggeefamu.

  • Gaggeeffamaaf sababa kan ta’e murtee barreeffamaan ibsu.

  • Teessoodhaan hojjetichaaf xalayaa barreeffamaa kenname

6. Iyyataa fi Komii Hojjetaa

  • Iyyanni ykn Komiin teessoodhaaniis ta’e garagalchiidhaan barreeffamu kuusaa dhunfaa hojjetaa irratti hidhamuu qaba.

7. Bu’aa Madaallii Raawwii Hojii

  • Bu’aan madaallii raawwii hojii hojjetichaa kuusaa dhunfaa hojjetaa irratti hidhamuu qaba.



B. Odeeffannoo Bulchinsa Humna Namaa Qindeessuuf Adeemsi Hordofamu

  1. Gosaa fi madda/Iddoo/ ragaan irraa argamu adda baasuun galmeessanii qabachuu.

  2. Guca ragaan ittiin sassaabamu qopheessuu.

  3. Mala adda addaatiin fayyadamuun haala ragaan ittiin sassaabamuu danda’u murteessuu.

  4. Ragaan sassaabamu qulqulluullina, gahumsaa fi amantummaa kan qabu ta’ee yeroon walitti akka qabamu qophii gahaa gochuu.

  5. Guca ragaan bulchinsa humna namaa ittiin sassaabamu qaamoota raga irraa argannuuf raabsuu.

  6. Walitti qbinsa raga hordofuu.

  7. Mala ragaan bulchinsa humna namaa sassaabame ittiin kuufamu ykn kompuutaraan qabamuu danda’u hundeessuun fi yeroo yeroon jijjiirama jiru faana fooyyessuu.

  8. Ragaa bulchinsa humna namaa walitti qabame bifa qophii karooraa fi fedhii leenjii humna namaa seektarichaa fi qorannoo bulchinsa humna namaa adda addaatiif ta’unn adda baasanii qindeessuun qaamota ilaaluuf rabsuu/gabaasuu.

5.2 Gurmaa'insaa caasaa fi Ramaddii Hojii Gaggeesuu

Gurmaa’insii kaayyoo manni hojii tokko itti dhaabate galmaan gahuf kan dandeesisu caaseefama, itti gaafatamummaa, humna namaa barbaachisuu fi qunamti hojii keessaa fi alaa jiraachuu qabu walumaagalatti sirna hojimaata hojii manni hojii tokko hordofuu qabu ifatti mulisu jechuudha.


Akkaataa jijjirama bu’ura adeemsa hojii (JBAH)tti, manneen hojii adeemsa hojii irratti hundaa'uun (process based) gurmaa’insaa fi humna namaa isaani qoratamanii murteesuu hojjimaata isaani fedhii maamilaa irratti hundaa’un ni dirirsuu. Yeroo calqabaafis ta’e irra deebi’ani gurmaa’insa mana hojii isaani qorachuuf murteesaan haala-dureewan armaan gadi kaa’amaniin fayyadamuu ni danda’u.
Haaluma kanaan, rakinaalee gurmaa’insa irratti mulatan furuun fedhii maamilaa guutuf qorannoon bulchiinsa humna namaa irratti xiyeefachuun manneen hojii hojjemaataa gahaa ta’e dirirsun hojii irra ni oolchuu.
5.2.1 Haal-Dureewwan Gumaa’insa fi Ramaddii Hojjii Qorachuuf Ka'umsa Ta'an


  • Jijjirama (murtee) immaamataa

  • Jijjirama ergama mana hojjichaa

  • Jijjirama balinaa fi wal-xaxinsa hojii

  • Jijjirama hojjimaata hojii mani hojii itti fayyadamaa turee

  • Jijjirama teeknolojii haaraa

  • Fedhii maamilaa fi haala naannoo (economic, social, political etc) kkf


5.2.2 Adeemsii BHN Qorannoo Gurmaa’insaa Sadarkaa Naannoo Irratti

Yeeroo Gaggeesuu Qabxiiwwan Irratti Xiyeefachuu Qaban


  • Karoora hojii qorannoo Gurmaa’insaa ni qophaa’a.

  • Ergamni mana hojichaa maal akka ta’e hubachuu

  • Fedhiin maamilootaa maal akka ta’e adda baafachuu.

  • Rakinaalee gurmaa’insa duraan irra jiran maal akka ta’an adda baaffachuu

  • Hojiiwwan cicitani kutaa kutaan hojjetamaa turan adeemsatti jijjiruun calqabaa hanga xumuraatti kaa’un milkaa’ina (out come) isaani mulisuu

  • Hojiiwwan bu’aa hin dabale (non-value added) fi tutuqaan itti baayatu maqfamu qabu.


5.2.3 Qorannoon Adeemsii Hojii BHN Ramaddii Hojii Sadarkaa Naannoo Irratti

Yeeroo Gaggeefamuu Qabxiwan Irratti Xiyeefachuu Qaban
Ramaddii hojii jechuun, hojjiwwan akkaataa amala, ulfina wal-xaxinsaa, sadarkaa itti gaaffatamumaa fi dandeeti barbaadanin waamama gita hojii gosa tajaajilaa, sadarkaa fi faayidaaleen bu’aan hojii kuni argamsisuu murteesuu jechudha.


  1. Balina, Ulfinaa fi wal-xaxinsaa hojii hubachuu

  2. Hojiiwan calqabaa hanga xumuraatti deemun bu’aa mulisan safaramuu kan danda’an ta’uu hubachuu (individual as well as collective output/outcome with in a process/

  3. Teeknolojiiwwan itti fayyadaman hojii kana raawwachuf barbaachisan hubannoo keessa galchuu

  4. Haala naannoo hojii irratti qorannoo siritti gaggeesuu,

  5. Dandeetti hojichi gaaffatu /barumsaa fi leenjii ykn ogumaa addaa / xinxaaluu

  6. Gabaa humna namaa naannoolee fi biyyooleessaa hubannoo keessa galchuu

  7. Qorannoo gama ramaddii hojiin manneen hojii raawwatan KSSO’n wal-qunnamuun mirkaneefachuu.

  8. Seektara dhimmi ilaalu hanga Aanaatti ramaddii gita hojii irratti hirmaachisuu.

5.3 Karooraa Humna Namaa Mana Hojjichaa Qopheessuu

5.3.1 Qophi Karoora Humnan Namaa

  • Odeeffannoon bulchinsa humna namaa kuufamee jiru ykn kompuutaraan qabamee jiru qophii karoora humna namaa seektarichaaf gahaa ta’uu isaa mirkaneessuu.

  • Ragaa bulchiinsa humna namaa dabalataan af-gaaffiin ykn bar-gaafffiin ykn daawwii gaggeessuun haala ittiin argachuun danada’amu murteessuun qophii gahaa gochuu.

  • Ragaa bulchinsa humna namaa qophii karoora humna namaa seektara mana hojjichaa qopheessuuf gahaa ta’e gurmeessuu fi qindeessuun xiinxala fedhii fi dhiheessa humna namaa gaggeessuu.

  • Xiinxala garaagarummaa fedhii fi dhiheessa humna namaa gaggeessuun dokumantii qopheessuu fi qaamoota dhimmi ilaaluuf dhiheessuu fi raawwii isaa hordofuu.



5.3.2 Qophii Karoora Fedhii Leenjii

  • Odeeffannoo bulchinsa humna namaa kuufamee jiru ykn kompuutaraan qabamee jiru fedhii leenjii humna namaa gaggeessuuf gahaa ta’uu isaa mirkaneessuu.

  • Odeeffannoo dabalataan af-gaaffiin ykn bar-gaaffiin ykn daawwii gaggeessuun haala ittiin argachuu danda’amu murteessuu fi walitti qabuun qindeessuu.

  • Ragaalee armaan olitti argaman irratti hundaa’uun fedhii leenjii adda baasu fi karoora leenjii humna namaa qopheessuun murteef dhiheessuu.

  • Karoora leenjii mirkanaaa’e Damee seektara offii fi KSSO beeksisuu fi raawwii isaa hordofuu.

5.4 Fo'annoo fi Filannoo Gaggeessuu
5.4.1 Qaxara Hojjattootaa
Raawwiin qaxaraa irratti kanaan dura manneen hojii mootummaa aangeffamanii ofiif hojjachaa kan turan ta’u illee, hojiin kun karoora buclhiinsa humna namaa irratti kan hin hundoofne, qajeelfama rawwii ifa tahee fi ga,umsa qabuun kan hin deegaramne waan taheef loogii fi rakkinni adda addaa akka itti baay’atu qorannoodhan hubatameera. Kanaafuu, rakkinaalee gama kanaan uummaman hundeedhaan buqqisuuf dhimma kanaaf qophaa’u irratti hundaa’uun haala qabiyyee armaan gadiitiin ni raawwatama.
Manni hojii kam iyyuu qaxara hojjattootaa gaggeessuun dura qaphxiiwwan armaan gadii hubachuu qaba. Isaanis:-


  • Qaxari hojjattootaa karoora bulchiinsa humna namaa irratti hundaawuudhaan ni raawwatama,

  • Gitni hojii duwwaa, lakk. eenyummaa fi sadarkaa gita hojii fi baajata qabachuu isaa mirkaneessuu.




  • Ragaa hojii barbaadootaa qulqulleessuu fi qoramaata barbaachisaa ta’e kennuudhaan qaxara raawwachuu




  • Hojiin calqabaa hanga xumuraatti bakka tokkotti bulchiinsa humna namaa manneen hojii keessa jiruun ni raawwatama,

  • Pirofeeshinaalota ogummaa addaa barbaadanii fi gabaa irratti argachuun rakkisu akkaataa barbaachisummaa isaatti beeksisa baasuun osoo hin barbaachisiin qaxara raawwachuun ni danda’ama. Haa ta’u malee bayy’inni qaxaramtootaa hanga barbaadamuu ol tahee argamnaan dorgommi irratti hundaa’ee raawwatamuu qaba,

  • Manni hojii mootummaa sadarkaa adda addaa irra jiru hojjataa qaxareef ragaalee qaxaraa barbaachisan qindeessee kan qabatu tahee, garagalcha isaa dame mana hojii isa ol’aanaa ni dabarsa. Dameen mana hojii ol’aanaatiis ragaalee qaxaramtootaa gurmeessee ni qabata, akkasumas akkaataa foormaatii qophaa’ee isa gahuun ragaalee istaatistiksii qaxaramtootaa KSSOf jijjiiramoota taasifaman ni erga,

  • Haala walii gala adeemsa raawwii qaxaraa irratti qajeelfamni qophaa’ee manneen hojiif ni ergama.




5.4.2 Haala Jijjirraan Hojjetootaa Itti Raawwatu
Hojjetootni mootummaa ga’ee hojii irraa barbaadamu fedhii fi kaka’uumsaan misooma Naannichaa keessatti ga’ee isaanii taphachuuf sirni jijjiirraan itti gaggeefamu loogii irraa bilisa ta’ee, seeraa fi qajeelfamoota hordoffee raawwatamu barbaadu. Kanaafuu, bulchiinsi humni namaa, manneen hojii seeraa fi qajeelfamaa hordoffanni akka armaan gadditti raawwachuu qabu.
A. Haal dureewwan Jijjiiraa Hojjetootaa Gaggeesuuf Guutaman




  • Walii galtee manneen hojii erguu fi fudhatuu

  • Fhedhii Hojjetichaa

  • Sadarkaa fi mindaa walfakkaatuu

  • Xalayaan jijjirraa qaama ol-aanaa mana hojiichaatiin mirkana’uu

  • Hojjetaa dhaabbatatti galma’e




  • Sadarkaa barnootaa fi dandeetti hojichaaf qabu

  • Guyyaa jijjiraa fi mindaa dhuma irratti kaffalame

  • Sadarkaan gitni hojii ibsamee fi duwwaa ta’uu isaa kan mirkanaa'e.

  • Jijjiraan waajjira mootummaa tokkoof hojii isaaf barbaachisaa ta’e yoo argame.

  • Hojjetaa sababa dhibeeteen ragaa mana yaalaa irraa yoo dhiheese.

  • Akkasumas qajeelfamaan haalawwan biroon yoo heyyamame jijjiran ni raawwatama.

Yüklə 1 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin