Kutaa Tokkoffaa Seensa



Yüklə 166,91 Kb.
səhifə2/3
tarix09.01.2019
ölçüsü166,91 Kb.
#94560
1   2   3

5.2 Taarsiimoo Raawwiichaa


Karoora KGT Mana Hojiichaa Akka Milka’uu Gochuuf Raayyaa Jijjiramaa Sadrakaan Jiruun Jijira Dhaabbatummaa Guutuu Akka Raawwatamuuf Kan Hojjaatee .Gareen Raayyaa Dame Dubartootaa Ijaaramee Jiruu Jabaatee Akka Itti Fufuu Fi Jaarmiyaaleen Gara Human Raawwii Gidduugaleessaa Irra Akka Ga’aaniifi Raawwii Karoora Kanaafis Qaama Murteessoo Akka Tajaajilan Taasifamera . Dhimmi Daa’immanii Dhimma Hunda Galeessaa Fi Deebii Gama Hundaan Barbaaduu Kan Beekamuu Ta’ee Bara Karoora KGT II Kanatti Walta’iinsaa, Qindoomina Fi Human Waltumsuun Kan Raawwatamuu Waan Ta’eef Hojiilee Gama Kanaan Raawwataman Sagantaalee Fi Pirojeektoota Addaa Addaa Qopheessuun Qabeenya Walitti Qabuun Hojiilee Xiyyeeffannoon Hojjetamanii Jiran Ta’u Isaattii .Muxaannoo Fi Hojiilee Gaarii Gama Kanan Jira Qindeessuun Babaliisuu Hojiilee Sadarkaa Olanaadhaan Hojjetaman Yeroo Ta’uu Qorannoowwaan Addaa Addaa Geggeessuun Ragaalee Waalta’aa Ta’aan Maddisiisuu, Itti Fayyadamuufi Sirna Qabiinsa Raga Amayyaa Ta’ee Jajjabeessuu Fi Waliinga’iinsaa Ragaa Babalisuu Irratti Xiyyeeffannoon Kan Hojjetamee Ta’uu Isaattii.

Human Raawwii Fi Raawwachistummaa Dubartootaa, Daa’immanii Fi Gurmaan’iinsa Hawaasaa Cimsuun Gama Hundaan Gahee Isaanii Akka Ba’haan Gochuun Hirmannaa Fi Fayyadamuummaa Isaanii Mirkaneessuudha. Adeemsa Kana Keessatti Hojii Kominikeeshinii Bal’aa Hojjechuun Hojiilee Ilaalcha Jijjiruu Mirkanessuun Hirmannaa Hawaasaa Guddisuu Fi Ijaarsa Ilaalchaa Irraatti Xiyyeeffannoodhaan Kan Hojjetamuu Ta’a.Gama Kanaan Galmaa Fi Kaayyoolee Ka’aam Raawwatamuu Isaanii Fi Hirmannaa Fi Fayyadamuummaa Dubartootaa Akkasumas Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii Kabajamuu Mirkaneeffachuuf Hordoffii Fi Gamaggama Wal Irraa Hin Cinnee Akkasumas Sirni Duub Deebii Kan Qopha’ee Kennamee Ta’uu Isaatii..



Raawwi Kana Keessatti Cminootaa Fi Haanqinoota Xinxalaman

Akka Mana Hojichaatti

  1. Raawwi Aangoo Fi Gahee Hojii Seektarichaa Hoji Irra Olchu Ilaalchisee

Sochin Mana Hojichaa Kan Irraa Ka’u Angoofi Gahee 17n Labsii Lakk.163/2003 Keewwata 29 Jalatti Keennameef Waan Ta’een Ciminaafi Haanqinna Jiru Xinxalun Toora Xiyyeefannoo KGT II Taasisun Dhimma Murteessaadha. Kanaafu Aangoofi Gahee Mana Hojii Keennaa Imaammata Dubartootaafi Paakeeji Misoomaafi Jijjirama Dubartootaa Waliin Haala Walitti Hidhameen Hojiwwan Heeddun Raawwatamaniru. Raawwi Raawwataman Kanneen Keessatti Bu’aan Heeddun Kan Argaman Yoo Ta’u Dhimmonni Akka Haanqinaatti Ilaalamanis Nijiru.

Akka Ciminaatti Dhimmonni Ilaalaman, Geheewwan Keewwata 29/1, 29/3, 29/12, 29/17 Ala Ta’aan Haanga Danda’aameen Karooratti Jijjirudhaan Hoji Irra Olchudaan Fayyadamummaa Dubartootaafi Da’immani Mirkaneessuuf Yaali Taasifameen Haanga Tokko Sadarkaa Foyyee Irra Jira Haal Jeedhun Xinxala Keenna Gaggeesineera.



Akka Haanqinaatti Keewwatttoota 29/1, 29/3, 29/12, 29/17 Ilaalchisee, Hojiwwan Hojjataman Jiraatanis, Haala Barbaadamuuna Hojiirra Oolchu Irratti Haanqinni Kan Jiru Ta’uu Isaa Hubatameera.

  • Keeyata 29/1 Qorannoon Yeroo Yeroon Gaggefamee Rakkollee Hawaasa Diingdee Dubartootaa Fi Daa’immanii Adda Bahee Yaada Furmaataa Qaamaa Dhiimi Ilaalatutti Dhiyeessuuun Argannoowwan Qorannicha Hojiirra Akka Oolu Guchuu Irratti Akkataa Fi Haala Barbaadamuun Gaggeefamuu Dhabuu Fi Hanqinaalen Jiraachuun Isaanit.

  • Fakkeennaaf:- Seerri Maatii Oromiyaa Bakka Tokko Tokkotti Haawas-Aadaa (Socio-Cultural) Naannichaa Giddu Galeessa Godhachuun Seerawwan Aadaa Yaada Keessa Iddon Itti Hingalchin Jiraachu, Aadaa Guddifachaa Hawaasni Raawwachaa Ture Sana Yoo Mana Murtiitti Dhiyaate Malee Fudhatama Akka Hin Qabne Ibsuun Sun Qaawwa Seeraa Kan Mul’isu Ta’uu,(The Modern Legal System Did Not Give Due Consideration For The Ingenious Cultural Practices Of The Society Like Guddifachaa,).

  • Gama Biraatiin Aadaa Namoota Fi Godinicha Keessatti Argamanifi Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii Fi Dubartootaa Kabachiisan Qoratee Adda Baasuun Godinichaakeessatti Akka Baballatan Gochuu Irratti Haanqinni Jiraachu, Fakkeennaaf:- Seera Yakkaa Keessatti Gudeeddiin Yoo Ragaan Dhiyaate Malee Murtiin Hin Kennamu, Kunimmoo Dhugaan Osoo Jiruu Raga Sababeeffachuun Miidhaan Dubartootaa Fi Daa’imman Irra Ga’u Akka Babal’atu Kan Karaa Bane Ta’uu Mul’isa Waan Ta’eef Irratti Hojjetamuu Kan Qabuu Ta’uu.

  • Kana Malees, Daa’imman Mana Sirreessaatti Haadha Waliin Hidhaman Ilaalchisee, Haati Yakka Raawwattee Adabaan Mana Sirreessaa Yoo Galtee Fi Daa’imman Baati 18 Gadii Yoo Qabaatteefi Namni Kununsuuf Hinjiraattin Haala Guddinna Daa’ima Sanitif Jeecha, Haadha Waliin Mana Sirreessaa Keessa Akka Turu Yoo Murtaa’u Haanga Umrii Haammami Akka Turu Qabu Garu Wanti Ibsu Hinjiru. Kun Ta’u Dhabu Isaattin Yoo Haati Umri Gutu Irratti Murtaa’ee Daa’imni Sun Haanga Waggaa 18 Turu Dhimma Isa Dhorku Hinjiru Waan Ta’eef, Haalli Daa’imni Sun Keessa Turu Xinsammu Daa’imichaa Midhu Danda’aa Waan Ta’eef,

  • Labsi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaattin Walqabatee, Tokkoffaa Dhaaltummaa Lafa Maatitiin Haalli Jiru, Nama Maati Sana Biratti Kaleennaan Argamuuf Mirga Kan Keennu Waan Ta’eef, Dubartootni Heerumaan Qa’ee Maatii Isaaniti Gara Qa’ee Biraatti Waan Deemanif Fayyadamtoota Ta’u Hindandeennee. Haala Qabatamaa Amma Jirun Qa’ee Keessatti Fudhee Kan Jiraatu Ilma Dhiraa Waan Ta’eef, Dhaaltumaaf Kan Abbaa Mirgaa Of Taasisu Ilma Dhiraa Maatitti Kaleennaan Jiraatu Sanadha. Kanaaf Dhimmi Kun Ilaalamee Xinxalamee Qajeelfamni Raawwi Jiraachu Dhabuun,

  • Yaroo Diggaan Gaa’eelaa Raawwatamu Qoda Qabeennaa Irratti, Lafa Qonnaa Heektaara Walakkaafi Sani Gadi Ta’ee Fi Lafa Jallisi Heektaara Kurmaanafi Sani Gadi Ta’ee Omishtummaa Lafichaaf Jeecha, Qodamu Kan Hindanda’aamneefi Walin Akka Fayyadaman Haalli Itti Taa’ee Jira. Haata’u Malee Ammas Qa’ee Abbaa Manaa Addaan Bahaan Sana Dhuftee Fayyadamuf Haalli Rakkisaan Waan Dubartoota Qunnamaa Jiruf, Kana Ilaalchisee Hojimaanni Raawwi Taa’u Dhabuun Dubartoota Midhaa Kan Jiru Ta’u Isaa,

  • 29/3 Ragaaleen Mana Hojiichaa Ibsuu Danda’an Akkaakuu Fi Baayyinaan Bifa Guutuu Ta’een Qindaa’aanii Kan Hin Jirreefii Qaamolee Ragaalee Barbaadan Bira Akka Barbaadametti Kan Hin Geenye Ta’uu Isaa (Foormaatiiwwan Dhaabbatawaa Ta’an Kan Ittiin Ragaa Dubartootaa Fi Daa’immanii Sassaabanii Qindeessan Dhabamuu)

  • 29/15 Hojiirra Oolmaa Convenshinii Fi Chaarterii Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii Fi Dubartootaa Kabachiisuuf Bahee Kaneen Akka (UNCRC, ACRWC, CEDAW Fi Kkf) Ilsaalchisee Haala Gutu Ta’een Hoji Irra Olchu Dhabuun Kan Mul’atu Ta’uu (Fknf. Akka UNCRC Keewwata 21 A) Fi B) Jedhutti Daa’imti Tokko Yoo Rakkoo Humnaa Olii Ta’e Malee Maatii Isaa Keessatti Akka Guddatu Qaamni Aangoon Kennameef Haala Mijeessuu Fi Hordofuu Qaba Jedha. Kunis Haala Barbaadameen Itti Deemamaa Kan Hin Jirre Ta’uun Isaa Nibeekkama. Akka Ragaan Ibsutti Dhaabbileen Guddisa Daa’immanii Filannoowwan Hunda Caalaa Guddifachaa Biyya Alaa Irratti Xiyeeffachuu Isaanii Fkn Tokkodha.

  • 29/12 Irratti, Falmii Hariiroo Hawaasaa Fi Yakka Dubartootaa Fi Daa’immanii Haala Seeratiin Raawwatamu Kan Jeedhuuf Haalli Raawwii Isaa Ifa Ta’e Diriiruu Dhabuun Hanga Ammaatti Kan Itti Hindeemamin Ta’uun Isaa,

Xinxala Maandeeti Mana Hojichaa Ilaalamee Keessatti Haanqinoota Mul’atanidha. Kanaafuu Gara Fuulaaduratti Gahee Mana Hojiichaaf Kenname Qixaan Hojiirraa Oolchuun Dubartootaa Fi Daa’imman Fayyadamtootaa Taasisuun Kenna Tajaajila Maamiltoota Mana Hojiichaa Fooyyeessuun Ittiifufiinsa Caasichaatiif Gumaacha Gudaa Kan Taasisuu Waan Ta’eef Xiyyeeffannoon Ittii Deemuuun Murteessaadha.

Ciminaa Fi Haanqinna Gama Caasaa Keessaatti Raawwi Waggaa Lamaa Wadhaakaa Keessatti Mul’atan

Akka Seektarichaatti, Yaroo Yaroodhaan Haanqinna Keessoo Isaa Madaalaa Deemun Humna Raawwachisumaa Isaa Cimsachudhaan, Karoora Xinxala Haalaa Irratti Hundaa’ee Baafachudhaanifi Raawwachisudhaan, Maamiltootaafi Dhimmamtoota Isaa Adda Baafatee Qindoominaan Walin Hojjachu Yaalun, Hoji Riformii Lafaan Gahu Keessatti Raayyaa Jijjiramaa Cimsachun Hojitti Galun, Raayyaa Misoomaa Dame Dubartootaa Ijaaree Hoji Hundaa Irratti Garagaggalee Akka Hojjatu Kallatti Kaa’ee Hojitti Galchee Hordofii Taasiseen Jijjiramni Dhufuun Isaa Dhimmoota Akka Ciminaatti Ka’u Danda’aan Keessaa Isaan Ijoodha.

Haata’u Malee Ammas Haanqinoonni Gama Ilaalchaa, Dandeettifi Dhiyeessitin Hoggantootaa Fi Raawwataa (Ogeessota) Sadarkaan Jiran Bira Jiru Dhimma Akka Salphaatti Ilaalamu Miti. Hoggantoota Seektaricha Keessatti Sadarkaan Jiran Biratti Ilaalchi Qophi Karooraatirraa Calqabee Haanga Xumuraatti Waan Hunda Qobsoon Hogganuu Fi Ajandaa Dubartootaafi Daa’immani Kan Kallatti Siyaasaattin Hikkoon Itti Keennamee Irratti Hojjatamuf Tora Xiyyeefannoo Ta’ee Akka Ilaalamu Taasisu Irra Waayee Dhimma Korniya Idileessutin Ilaaluun Kan Jiru Ta’un Haanqinna Guddaadha. Dhimmi Kun Yaroo Itti Aanutti Dhimma Jijjirama Barbaadudha.

Kana Malees Dandeettinis Walqabatee Hoggansi Keenna, Hojiin Dubartootaa Fi Daa’immani Haala Qabatamaa Yaroon Barbaadu Waliin Hikko Maal Qaba Jeedhani Hikko Siyaasaa Keennun Waan Hunda Sakkata’aani Xinxalani, Haala Xinxala Irratti Hundaa’een Karoorsu Irra Dhimmootumaa Waligalaa Irratti Xiyyeefannoo Ittii Kan Kennaa Jiran Ta’uun Isaa Xinxaludhaan Qabatamaa Yaroon Barbaadu Walin Karaa Walsimatu Danda’un Furmaata Keennaa Deemuu Fi Waan Waligalaa Irraa Dandeettifi Beekkumsa Gadi Fageenna Qabu Yoo Argatee Waan Ta’eef, Gama Kanaan Foyyaa’insiii Kan Qabuu Ta’uu Isaattii .

Gama Ogeessaattini Foyyaa’insii Jiru Garii Kan Ta’ee Waan Ta’ee Yaroo Heeddu Karooraafi Gabaasa Hojimaata Isaa Eggatee Qophaa’uu Isaa Adeemsi Kun Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootni Keenna Gama Hundaan Argachu Qabani Fi Mirgaa Fi Nageenna Daa’immani Egsisani Haalli Guddina Isaani Akkaataa Dhala Ba’aa Biyyaa Boru Baachu Danda’un Akka Ta’u Gochu Keessatti Sochii Guddaa Kan Taphaatan Ta’uu Isaniittii . Waggootan Hafaan Lamaan Keessatti Humna Raawwachisummaa Mana Hojichaa Gama Hundaan Jiru Cimsuun Tora Xiyyeefannoo Godhaanee Kan Ittii Demnuu Ta’aa.

Raawwi Waggootan Laman Wadhaaka Keessatti Xinxala Haala Hirmaannaa Ummata, Dubartootaafi Daa’immani

Raawwi Waggaa Lamaaf Wadhaakaa Kana Keessatti Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Gama Hundaan Jiru Mirkaneessufi Mirgaafi Nageenna Da’immani Egu Keessatti Hirmaannaan Ummataa Gahee Ol’aanaa Qaba. Dabalataanis Akkuma Paakeeji Misoomaafi Jijjirama Dubartootaa Irratti Taa’ee Adda Durumaan Qabsoo Dubartootaa Fininsun Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Mirkaneessu Keessatti Gahee Ol’aanaa Akka Qabutti Taa’eera. Gama Kanaan Hojin Balinna Qabu Bara Karoorichaa Kana Keessatti Raawwatamaniru. Waggaa Lama Wadhaaka Itti Aanutifis Haala Xinxalun, Ciminaafi Haanqinna Adda Baasudhaan Galtee Karoorichaa Gochun Dhimma Murteessaadha. Haaluma Kanaan Xinxala Gaggeefamee Akka Armaan Gaditti Kaa’un Danda’aameera.



Haala Hirmaannaa Ummata Waligalaan

Ummanni Keenna Jaarraa Dheeraaf Ummata Cunqursaan Irra Gahee Ta’us Qabsoo Haadhaawaa Wareegama Lubbu Kafalchiseen Sirna Gita Bittaa Of Irraa Cunqursudhaan Sirna Walqixxumma Ummataa Bu’ura Godhatee Socho’u Akka Diriruf Gahee Salphaa Hinta’in Baheera. Walqixxummaa Ummataa Mirkaneessu Keessattis Gahee Ol’aanaa Haala Qabaachu Danda’un Hojiwwan Achi Asis Hojjataman Heeddudha. Ilaalcha Gad Aantummaa Dubartootaa Calaqisan Haambisu Irraa Kaa’ee Haanga Bu’ura Seeraattin Rakkoo Hikuf Deemeetti Hojin Bal’aan Ummata Keenna Biratti Hojjatamaa Tureera. Kana Irraa Ka’udhaan Haawaasaa Humna Misoomaa Ta’u Danda’u Umuudhaan Fuleeffannaan Gara Misoomaatti Kan Galagalu Danda’eefis Kanuma Irraa Ka’udhani.

Kun Akkuma Jirutti Ta’ee Haala Walqixxummaa Sirna Korniyaa Irratti Haambaan Sirnna Gita Bittaa Irraa As Cee’ee Ummata Keenna Haalli Itti Qoraa Ture Nimul’atu Ture. Hata’uu Malee Yeroo Ammaa Dubartootaa Keenyaa Irraattii Hubbanoon Ergaa Kenamuu Jalqabamee Dubartootaa Hirkaatummaa Dinagdee Jala Sochiin Jiru Baadiyyaa Fi Magaalaatti Garaagarummaa Kan Qabu Ta’us .

Halii Jiruu Garii Ta’uu Agarsissaa . Gama Biraatiin Barmaatileen Dubartoota Irratti Midhaa Geessisan Sadarkaa Gaari Jeedhamun Haawaasni Irratti Qabsaa’ee Salpisuf Yaalun Jiraatullee Ammas Dubartootaafi Daa’imman Barmaatilee Kun Akkaa Hafuu Hawwaasaaf Hubbanoon Kenamee Balaleefachuu Seeraa Addaa Akkaatumatan Gochuu Akkaa Hafuu Ilaalamee Jira.

Hundee Irra Waayeen Walqixxummaa Dubartootaa Haawaasa Hundaa Biratti Gutumaam Gututti Jijjiramni Ilaalchaa Dhufee Fi Nafeenfamee Dhimmi Dubartootaa Dhimma Keenna Karaa Jeedhuun Osoo Hin Ta’in Waan Seeraan Deeggarameef, Seeraa Kabajuf Jeecha Akka Ta’ee Agarsiftuwwan Namatti Mulisan Nijiru. Yakki Dubartootaafi Daa’imman Irratti Yoo Raawwatamu Raga Bahu Dhabuun, Ragaa Sobaattin Dubartoota Irra Midhaan Gahu, Gaa’eelaaf Egumsi Godhamu Dhabuun Kana Irraa Kan Ka’ee Diggaan Gaa’eelaa Baayyachunifi Daa’imman Sababa Kanaaf Rakkoof Saaxilamuun Heeddu Ta’un Dhimmoota Akka Fakkeennaatti Kaasuu Da’ndeennudha. Ummata Kana Yaroo Yaroodhaan Faana Bu’ani Hubannoo Isaa Cimsudhaan Jijjirama Aamalaa Fidee Hoji Hojjatamufu Humna Godhani Fayyadamu Irratti Haanqinni Guddaan Gaggeessaa Bira Kan Jiru Ta’u Hubachun Dhimma Murteessaa Ta’aa.

Haal Ummata Magaalaatiis Yoo Ilaalle Akkuma Ummata Baadiyyaa Walqixummaa Dubartootaa Mirkneessu Keessatti Gaheen Bahaa Turee Dhimma Akka Salphaatti Hin Ilaalamneedha. Keessattu Ummanni Magaalaa Haala Odeeffannootti Kalu Jirun Taarkaanfiwwan Mirga Dubartootaa Kabajuf Fudhataman Hundaa Kaleennatti Dhagahee Hojitti Hiku Keessatti Gahee Ol’aanaa Qaba. Haata’u Malee Waan Hundaa Akka Waan Beekutti Waan Ilaalamuf Hubannoon Magaalaa Sadarkaa Barbaadamee Bira Akka Hingahiin Mallattoo Heeddun Ni Mul’atu. Fakkeennaaf, Dubartootaafi Daa’imman Irratti Rakkoon Yoo Gahu Dhimmi Kun Kiyya Mira Jeedhun Tarkaanfin Sirreefamaa Akka Fudhatamu Gahee Bahu Irra Rincicun, Ragaa Dhimma Sanif Keennu Deemun Yaroo Isaan Jalaa Akka Qisaasutti Waan Ilaalanif Ammallii “Maaltu Nagalchee” Ni Mul’ata. Kana Irraa Kan Ka’een Toora Magaalaatti Gochi BMG Baadiyyaa Caalaa Ni Mul’ata. Kun Akkuma Jiruttii Ta’ee, Magaalaa Keessatti Gamtaan Jiraachu Caalaa Dhunfaan Jiraachuun Yaroo Gara Yarootti Dabalaa Waan Deemaa Jiruf, Dhimma Ollaa Isaa Keessaatti Raawwatee Quba Qabaachuu Dhabuun Rakkon Kun Akka Babal’atu Taasisu Keessatti Gahee Salphaa Hin Taanee Qaba. Akkuma Ummata Baadiyyaa Humna Ol’aanaa Misoomaa Kana Hubannoo Cimsuun Itti Fayyadamun Ammas Haanqinni Kanuma Gaggeessaa Sadarkaan Jiru Ta’a.

Kanaafu Wagaa Lamaaf Wadhakaa Kana Keessatti Waayeen Dubartootaa Ajandaa Qaama Hundaa Akka Ta’eefi Waayee Seeroota Garagaraa Irratti Hubannoo Haawaasaa Haala Balinna Qabuun Umu Fi Mira Na Ilaallattaa Hunda Keessatti Akka Jiraatu Gochuun Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Sadarkaa Ol’aanaatti Ceesisunifi Mirgaafi Nageenne Daa’immani Eggamee Haala Naamusa Qabuun Akka Guddatan Gochun Dirqama Ta’a

Haala Jaarmiyaalee

Milkaa’ina Guddina Godina Keenyaatiif Paakeejii Misoomaa Fi Jijjiirama Dubartootaa Karaa Guutuu Ta’een Hojiirra Oolchuun Murteessaa Ta’uun Kan Wal Nama Gaafachiisu Miti. Kana Dhugoomsuuf Immoo Karaa Ijaarameen Ga’een Jaarmiyaaleen Dubartotaa Human Misoomaa Keessatti Qaban Murteessaa Waan Ta’eef Haala Jaarmiyaalee Xiinxaluudhaan Cimina Isaanii Itti Fufsiisuu Fi Hanqinajiru Hiikaa Adeemuun Akkaataa Armaan Gadiitiin Dhiyaatee Jira.



Haala Waldaa Dubartoota Godina Arsii

Waldaan Dubartoota Godina Arsii Ergama Hundeeffameef Ba’achuuf Sochii Bal’aa Taassisaa Tureen Bu’aa Guddaa Galmeessisee Jira. Innis Humna Namaatiin Waldicha Cimsuuf Dubartoota 95,000 Ijaaruu Danda’ee Jira. Miseensota Kana Keessaa Kaayyoo Waldaa Isaanii Irratti Hubannoo Hanga Ta’e Kan Qaban %85 Yammuu Ta’an %15 Immoo Dirqama Miseensummaa Isaanii Ba’achuu Irratti Argamu. Haaluma Kanaan, Aanaalee 26 Caasaa Isaa Irratti Miindessuudhaan Caasaa Waldichaa Of Dandeessisee Jira. Akkasumas Waldichi Sochii Raayyaa Misooma Damee Dubartootaa Keessatti Geggeessummaa Tokko Shanee Fi Garee Irratti Miseensotni 16013 Akka Hirmaatan Taassisee Jira. Dhimmootni Armaan Olitti Ibsame Hojii Gaarii Waldichaan Hojjetame Yammuu Ta’u Hanqina Gama Kanaan Mul’atu Paakeejii Misoomaa Fi Jijjiirama Dubartootaa, Sagantaa Fi Seera Ittiin Bulmaata Waldichaa Irratti Hubannoo Dubartootaa Miseensa Waldichaa Qaban Gabbisuu Dhaabuu Fi Dubartoota Bal’aa Mariisisanii Fedhii Itti Uumuun Human Namaatiin Waldicha Cimsuu Dhabuu Dha .

Miseensotni Waldichaa Kallattii Paakeejii Misoomaa Fi Jijjiirama Dubartootaa Fi Akkaataa Seera Ittiin Bulmaataa Isaatiin Yeroo Waltajjii Maree Idilee Kabajaan Ibsaman Geggeessuu Dhabuu, Bakka Waltajichi Itti Geggeffamuttis Karaa Hojimaata Isaa Eeggate Hubannoo Miseensotaa Cimsee Ergama Itti Aanuuf Isaan Qopheessuun Waltajjiin Hundi Kan Itti Miseensi Irraa Baratuu Fi Ittiin Qaroomaa Adeemu Ta’uu Dhabuu Fii Kkf Taniidha. Dabalataanis Ammas Aanaalee 21 Keessatti Caasaa Waldichaa Waan Of Danda’ee Hin Jiru.

Dubartootnis Miseensota Jiran Keessaa %20 Dirqama Miseensummaa Isaanii Kan Hin Banee Ta’uu Isaanii Irraan Kan Ka’u Waldichi Galma Ga’iinsa Kaayyoo Ijaarameef Akka Harkifatuu Fi Ga’umsi Hirmaannaa Fi Fayyadamummaa Dubartootaa Sadarkaa Olanaatti Hin Mirkanoofne Waldaa Dhaga’ama Qabuu Fi Mirga Dubartootaaf Cimee Qabsaa’u Wabii Dubartootaa Ta’uu Hin Dandeenye. Inumayyuu Miidhaan Dubartootaa Irratti Yammuu Ga’u Maqaan Keenya Waan Baduuf Dhimmichi Akka Dhokatu Yammuu Taassifamu Of Irraa Qolachuu Dadhabuun Ni Mul’ata. Kana Irraa Kan Ka’e Miseensotni Tokkichummaa Ilaalchaa Fi Gochaa Fiduudhaan Ergama Isaanii Beekumsaaf Ga’umsaan Waldaa Isaanii Cimsuu Hin Dandeenye.



Haala Liigii Dubartootaa

Liigiin Dubartootaa Dhimmii Ijoon Kaayyeffatee Ka’e Dubartoota Gama Siyaasaa, Diinagdee Fi Hawaasummaadhaan Fayyadamtoota Gochuuf Ga’ee Adda Durummaa Fi Sochii Dubartoota Walii Gala Mootora Ta’e Sochoosuun Milkaa’ina Saffisiisuudha.

Haaluma Kanaan Miseensota 77,525 Kan Horate Yammuu Ta’u Jaalala Liigii Isaaniitiif Qaban Agarsiisuuf Buusii Miseensummaa Buusuudhaan Haalli Itti Dirqama Isaanii Ba’achaa Jiran Haala Boonsaa Dha.

Sochii Raayyaa Misooma Damee Dubartootatiin Adda Duree 16,013 Baasuudhaaf Hojiin Hojjetame Jajjabeessaadha. Bo’oo Liigii Qophaa’ee Gadi Bu’u Irrattis Hanga Ta’e Sadarkaa Gandaatti Maree Geggeessuuf Yaaliin Taassifamaa Jiraachuu Isaa Akka Ciminaattii Ilaalamuu Kan Danda’uudha. Geggeesummaa Liigii Cimsuudhaaf Sadarkaa Fi Baay’ina Humna Namaa Dabaluun Yaaliin Taassifame Haala Gaarii Ta’uu Isaa Hubachuun Danda’amee Jira.

Haata’u Malee Miseensotni Liigiichaa Ergama Liigii Sirriitti Beekuudhaan Hubannoo Guutuu Qabatanii Ergama Isaanii Haala Ba’uu Danda’aniin Maree Qayyabannaadhaan Ga’oomuu Dhabuu, Yeroon Maree Isaanii Akkaataa Seera Ittiin Bulmaataa Jiruun Kabajuu Dhabuu, Dubartoota Raayyaa Misooma Damee Dubartootaatti Ijaaramanii Jiran Keessaa 66,765 Miseensi Liigii Yammuu Ta’an Adda Durootni 7502 Kan Ta’anii Fi Baay’inni Kun Haalaan Gadi Aanaa Ta’uu Isaatiin Olitti Raayyicha Sadarkaa Garee Fi Takko Shaneetti Hunda Bira Ga’uudhaan Ga’ee Liigii Akka Hin Bane Taassisee Jira.

Haala Federeeshinii Dubartootaa G/Arsii

Akkuma Beekamu Ga’een Federeeshinii Dubartootaa Ijaarsota Gara Garaatiin Kaayyolee Adda Addaa Qabatanii Ijaaraman Gama Tokkotti Fidee Of Jalatti Ijaaruudhaan Rakkoo Gama Ilaalcha Dandeettii Fi Dhiyeessiin Jiru Akka Hiikkataniif Kallattii Hundaan Gahoomsuun Mul’ata Waliiniitiin Hirmaachisuu Fi Fayyadamoo Taassisuun Saffisaan Jireenya Dubartootaa Fooyyssuu Fi Guddina Biyyaatiif Ga’e Irraa Eegamu Gumaachuudha. Gama Kanaan, Federeeshinichi Sochii Taassiseen Miseensota Jaarmiyaalee Afur Sadarkaa Godinattii Horachuu Danda’ee Jira.

Akkasumas Sosochii Dubartoota Bal’aa Konfiraansiin Uumuudhaan Haala Yeroo Irratti Dubartootni Hubannoon Akka Argatan Godhamee Jira. Gama Biraatiin Hojii Tol-Ooltummaa Irratti Dubartoota Hirmaachisuu, Hojii Kunuunsa Godinaa Fi Keessatti Ga’ee Isaanii Akka Ba’ataniif Hojjetee Jira.

Dabalataanis Rakkoo Lojistisii Fi Faayinaansii Waldichaa Hiikuuf Tarsimoo Gara Garaa Fayyadamuun Sochiin Gara Garaa Karaa Abdachiisaa Ta’een Taassifamaa Turee Jira. Yeroo Ammaa Kana Caaseffamnii Isaa Sadarkaa Naannoo Irraa Sadarkaa Godinaa, Aanaa Fi Gandattii Akka Hojii Dabalaattii Osoo Hin Ta’iin Of Danda’ee Akkaa Hojjatuu Fi , Waajjira Kan Hin Qabnee Akkaa Kenameefi Hojjiittii Akkaa Galaan Tasifamee Jira,Mindaa Isaaniittiin Wal Qabattee Seektarii Duraan Irraattii Hojjaatan Irraa Kan Kaffalamuufi Sadarkaa Fi Fayyidaa Mana Hojii Sana Keessaattii Akkaa Argatuu Ta’ee Jira

Walumaa Gala Paakeejii Misoomaa Fi Jijjiirama Dubartootaa Milkeessuuf Sochiin Jaarmiyaalee Murteessaa Ta’ee Tarsimoo Isa Angafa Ta’e Kaa’amee Jira.Haalumaa Kanaan Milkaa’ina Kallattii Hundaan Dubartootaa Biraatti Dhufe Keessatti Ga’een Jaarmiyaalee Guddaadha Yoo Jedhames Galma Bira Ga’amuu Qabuun Yammuu Madaalamu Karaa Fagoon Kan Hafu Ta’uu Isaa Hubachuun Ni Danda’ama. Sababiin Isaas Rakkoon Ilaalchaa Al Walqixummaa, Dandeettii , Dhiyeessii Fi Rakkoo Oggansaa Fi Qindoomina Galtee Ta’uu Sadarkaan Dhabamuun Kan Mul’atu Waan Ta’eef Hanqinaalee Kan Xiyyeeffannoon Ilaalamanii Dhimmoota Fala Argachuu Qabanii Dha.

B). Haala Dubartoota

Bu’aawwan Sochi Hirmaannaa Fi Fayyadamummaa Dubartootaa Mirkaneessuf Taasifamee Kana Keessatti Argaman Keessaa Bu’ura Irraa Ilaalchaafi Gocha Haawaasa Keessatti Gadi Aantummaa Dubartootaa Calaqisan Gutumaan Guututti Akka Haafan Taasifamu Baatus Sadarkaa Gaari Irraa Ni Mul’isa Kun Ta’u Isaattin Immoo Dubartootni Keenna Qoda Fudhannaan Isaan Hojii Haawaasummaa, Dinagdeefi Siyaasaa Keessatti Qaban Yaroo Yarootti Kan Dabalaa Dhufeefi Jiru Fi Jireenna Isaani Akka Jijjiramuf Gahee Ol’aanaa Kan Ta’phte Ta’un Isaa Ni Hubatama. Kun Akkuma Jirutti Ta’ee, Kan Dubartootaa Akkuma Kan Ummataatti Magalaafi Baadiyyatti Qodun Ilaalun Barbaachisaadha.

Haala Dubartoota Baadiyyaa

Cimina

Dubartoota Lakkoofsaan Haamma Gubbaatti Ibsamee Kana Cinaatti Dhisani Hoji Misoomaa Kamiyyu Galmaan Gahun Waan Hindanda’aamneef, Sagantaalee Misoomaa Waggaa Lamaaf Wadhaakaa Kana Keessatti Dirirudhaan Hoji Irra Olan Keessatti, Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Baadiyyaa Mirkaneessuun Akka Utubaa Tokkotti Fudhatamee Irratti Hojjatamaa Tureera. Kanaanis Bu’aawwan Heeddun Argamaniru. Kan Armaan Gaditti Ibsamanis Akka Fakkeennaatti Fudhachun Nidanda’aama.



  • Bu’ura Dinagdee Baadiyyaa Kan Ta’ee Lafa Irratti Abbaa Qabeennummaa Isaani Abbaa Manaa Fi Warri Mana Bulchan Akka Dhunfaa Isaanitti Dubartootni Kummatamaan Lakkaawaman Mirkaneefachun Danda’aameera. Hojiwwan Misooma Qaonnaa Keessati Sochi Omishaafi Omishtummaa Dabaluf Taasifameefi Bu’aawwan Argaman Keessatti Hirmaannaafi Fayyadamummaan Dubartootaa Foyya’aa Dhufun Isaa Wal Nama Hingaafachisu.

  • Bu’aawwan Haawaasni Keenna Hojiwwan Bu’uraalee Misoomaa Gara Garaa Irraa Argate Irraa Dubartootni Keenna Kallattinis Ta’ee Kallattiin Aala Fayyadamtootota Ta’un Isaani,

  • Baadiyyattis Humna Dinagdee Dubartootaa Cimsudhaafi Hoji Hojjattameen Haarra Dubartootni Keenya Dinagdeen Of Danda’udhaan Jiru Maati Isaani Jijjiru Bira Darbee Qabeenna Horachudhaan Guddinna Dinagdee Nannoo Keessatti Gahee Isaani Bahaa Akka Jiran Dhugaa Lafa Irratti Mul’atudha.

  • Ijaarama Dinagdee Gara Garaatiin (Garee Walgargaarsaa Irraa Kaasee Haanga Yuniyanitti) Ijaaramudhaan Hojii Adda Addaa Irratti( Daldaala Garagaraa, Horsisa Loni, Hoji Qonnaa Fi Kkf ) Bobba’un Dingdeen Of Danda’aa Akka Jiranis Nibeekkama.. Dubartoota Gubbaa Irratti Lakkoofsi Isaanii Ibsame Keessaa Hanga Yoonaatti Dubartootni Lakkofsi Isaani 161,918 Ta’u Garee Wal Gargaarsaatiin, Dubartootni 2257 Garee Liqii Fi Qusannootiin, Dubartootni 16,335 Hojii Waldaa Gamtaatiin, Akkasumas Dubartootni 63,272 Yuuniyenii Fi Maykiroo Fayiinansii ,Mitii Mottuumaa ,Qusanaa Isaniirraa Liqeefachuun Fayyadamtoota Liiqii Ta’uu Bu’a Guddaa Galmeesisaa Kan Jiranuudha.

  • Dubartootni Keenna Dubartootni Baadiyyaa Raayyaa Misoomaa Dame Dubartootaatin Ijaaramudhaan Mirga Isaanitif Falmachuun Hirmaannaafi Fayyadamummaan Gama Hundaan Jiru Akka Cimu Taasisu Keessaatti Karaa Gurmaa’een Bahaa Jiran Dhimma Fakkeennummaa Qabu Akka Ta’ee Nibeekama.

  • Dubartootni Baadiyyaa Gama Raayyaa Isaanifi Waldaa Isaanitiin Hoji Bulchinsa Gaari Irratti Fi Hoji Misoomaa Naannoo Isaani Irratti Mira Abbummaattin Hirmaachun Jijjiramas Galmeesisisu Danda’aaniru. Kanumaan Walqabatee BMG Akka Maquf Sochin Taasisan Baayee Ol’aanaadha.

  • Gama Dinagdeetinis Taanaan Dubartootni Haala Garagaraattin Ijaaramani Hoji Madda Galii Adda Addaatti Hirmaachuun Dubartootin Dinagdeen Sadarkaa Sadarkaadhaan Iddo Cee’aamu Qabutti Cee’aan Lakkoofsi Isaani Dabalaadhuuf Isaa Sochii Garaa Fulduraa Jiruu Keesaattii Hirkaatuu Dinagdee Jalaa Bahuuf Sochiin Isaan Tasisaan Olanadha.

Haanqinna

Bu’aawwan Gubbaa Irratti Ibsaman Kun Akkuma Jirutti Ta’ee Haanqinnaaleen Baayyeen Gara Fula Duraatti Karoora Waggaa Lama Wadhaaka Keessatti Qabamani Hojjatamu Qaban Heeddun Nijiru. Haanqinaaleen Kanneen Keessaa, Dubartootni Keenna Waldaan Ijaaramuun Isaani Akkuma Jirutti Ta’ee Waldaan Kun Cimee Dhibbaa Mirgaa Dubartoota Irra Gahu Akka Haafu Humna Dhibbaa Geessisu Danda’u Ta’u Dhabuun Dhimma Akka Haanqinnaatti Ilaalamufi Yaroo Itti Aanutti Irratti Hojjachun Murteessaa Ta’eedha. Raayyaan Misoomaa Dame Dubartootaa Hoji Bal’inna Qabu Akka Hojjachaa Jiru Wal-Nama Hingaafachisu. Haata’u Malee Iddo Hundatti Haala Walfakkaattun Hojitti Galu Dhabunifi Haarcaati Kan Qabu Ta’un Haanqinna Tokko Ta’ee Warrumtii Ciminaan Hojjachaa Jiran Mataan Isaani Osoo Wal Hin Haarcaasiin Gara Waldaa Dubartootaatti Cee’u Dhabuun Haanqinna Irratti Hojjatamu Qabudha.

Gama Barmaatilee Midhaa Geesaninis Yoo Ilaallee Haallii Irra Jiru Yaroo Gara Yarootti Gadi Bu’aa Deemuun Isaa Ni Hubatama. Haata’u Malee Dugugamee Hundee Irraa Dhabamu Dhabuun Isaa Haarras Dubartootnifi Daa’imman Gocha Kanaan Midhamaa Jiran Lakkofsi Isaani Salphaa Miti. Keessattu Fudha Irratti Fudha Ilaalchisee Yaroo Gara Yarootti Lakkofsi Isaa Hirrachaa Deemus Haafu Hindandeenne. Reebichis Lakkofsii Isaa Dabalaa Dhufeera. Dhimmoota Kanaafi Kana Fakkaatan Irratti Dubartootni Walirrattis Ta’ee Gochicha Irratti Karaa Waldaa Isaanitis Ta’ee Karaa Shanee Isaanitin Qabsaa’aani Akka Haafu Gochu Nidand’aan Turee. Haata’u Malee Bakkaa Bakkatti Sochiin Gama Kanaan Jiru Akkuma Jirutti Ta’ee Haala Walfakkaattun Raawwatamu Dhabuun Isaa Barmaatileen Midhaa Geessan Kun Umriin Isaa Akka Dheeratufi Ammas Midhaa Akka Geessu Gahee Taphateera Jeedhamee Kaasuun Nidanda’aama. Kanaaf Humna Qabsoo Dubartootaa Akka Cimufi Karaa Ijaarama Isaanitin Akka Waan Hunda Qabsoon Hikaa Deemanifi Waldaa Isaani Cimsudhaan Hoji Raayyaa Misoomaa Dame Dubartootaa Sadarkaa Ol’aanutti Ceesisun Hoji Karoora Waggaa Lamaaf Wadhaakkaa Keessatti Irratti Xiyyeefatamee Hojjatamu Ta’u Beekun Barbaachisaa Ta’aa.


Yüklə 166,91 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin