Kutaa Tokkoffaa Seensa


Haala Dubartoota Magaalaa



Yüklə 166,91 Kb.
səhifə3/3
tarix09.01.2019
ölçüsü166,91 Kb.
#94560
1   2   3

Haala Dubartoota Magaalaa

Cimina

Haalli Dubartoota Magaalaa Haala Umama Isaatiniyu Hojii Gosa Gara Garaa Irratti Boobba’aaninifi Sadarkaa Gara Garaa Irra Kan Jiran Ta’u Isaa Nihubatama. Kana Irraa Ka’udhaan Tarsimoon Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartoota Magaalaa Ittin Mirkanaa’u Kan Baadiyyaattin Baayyee Ta’u Baatus Haanga Tokko Garaagarummaa Ni Qabaata. Paakeejiin Guddinnaafi Jijjirama Dubartootaatis Haaluma Kanaan Hoji Baadiyyaafi Magaalaatti Dubartoota Irratti Hojjataman Adda Baasee Kaa’eera. Akkaatama Paakeejicha Irra Taa’een Fi KGT Marsaa 2ffaa Keessatti Kalatti Taa’een Haala Qabatamaa Magaalaa Irratti Hundaa’uudhaan Hojin Balinna Qabu Hojjatameera. Hubannoo Ummata Magaalaa Cimsudhaan Dhimmoonni Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Danqan Akka Maqfaman Taasifamera.

Dubartootni Keenya Gareenis Ta’ee Dhuunfaadhaan Hoiilee Madda Galii Argamsiisan Irratti Bobba’uudhaan Diinagdee Isaanii Fooyyeeffachuudhaan Sochii Gara Garaa Taasisaa Turaaniru. Yeroo Ammaa Kana Carraa Hoii Ummuu Keessaattii Mootummaan Keenna Dirirsee Keessatti Akka Raga Bara 2008 Fi 2009 Hoji Dhabeeyyi Hojii Argatani Fi Hojii Garagaraa Irratti Bobbana Keessaa %56 Dubartoota Ta’un Akka Milkaa’innaatti Ka’un Nidanda’aama. Dubartoota Carraa Hojii Uummuu Keessatti Hirmaatanifi Idoo Omishaafi Gurgurtaa Qopheessun Keennun Fayyadamummaan Isaani Akka Dabalaa Dhufu Taasifameera. Gama Hoji Barnootaatinis Yoo Ilaalle Hirmaannaan Barnoota Shamarran Magaalaa Sadarkaa Walqixachu Irra Kan Gahaan Ta’u Fi Keessattu Sadarkaa Tokkoffaa (1-8) Inummayyu Iddoo Dubartootni Caalmaa Agarsisan Nijiru. Garaagarummaan Walgitinsa Magaalaa Keessatti Baayye Dhiphachaa Dhufn Isaa Bu’aa Jajjabeessadha. .

Gahumsa Barnootaatis Yoo Ilaallee Sagantaalee Deeggarsaa Adda Addaa Fudhatameen Dabalaa Deemu Bira Darbee Qabxi Ol’aanaa Argachudhaan Lakkofsii Badhaafamtoota Dubartootaa Dabalaa Dhufu Isaa Nihubatama. Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo Keessattis Hirmaannaan Dubartootaa Dabalaa Kan Dhufee Ta’un Dhugaa Ennumtu Hubachu Danda’udha.

Gama Fayyaattin Yoo Ilaallee, Sagantaalee Paakeeji Ekstenshini Fayyaa 18 Hojii Irra Olchufi Keessattu Du’aati Haadholee Fi Daa’immani Xiqeessuf Raayyaa Misooma Dame Dubartootaa Ijaarudhaan Hojiin Hojjatamee Baayee Gaaridha. Keessattu Haalloni Bu’uraaleen Misoomaa Magaalaa Keessatti Ijaaramani Jiran Dhimma Kanaaf Haala Mijataa Waan Umeef Haadholeefi Daa’imman Kaleennaan Tajaajila Fayyaa Argachun Isaani Sadarkaa Gaari Irra Jira Jeennee Kaasu Nidandeenna.

Haata’u Malee, Xinxala Kana Keessatti Yoo Ilaalu Dhimmoonni Karooraa Waggaa Lamaaf Wadhaakaa Keessatti Irratti Xiyyefatamee Hojjatamu Qabu Heeddun Akka Jiru Hubachun Nu Dandeechiseera. Fakkeennaaf, Sadarkaa Barnoota Yoo Ilaalle Kan Dubartootaa Gadi Aanaa Ta’un Isaa Gita Hoji Isaan Irratti Bobba’aanifi Mindaan Isaan Argatan Gadi Aanaa Ta’uf Gumaacha Mataa Isaa Qaba. Mudamas Yoo Ilaallee Lakkofsi Isaani Xiqaachun Hirmaanaan Isaan Siyaasa Keessatti Qaban Akka Xiqaatuf Gaheen Taphatu Salphaamiti. Kun Immo Ilaalchi Gama Kanaan Jiru Fula Duraatif Hoji Guddaa Akka Barbaadu Namatti Agarsisa



Haanqinaalee

Magaalaan Haala Mijataa Qabuun Hojiin Dubartoota Irratti Hojjatee Gaarii Ta’us Haanqinnaalee Baadiyyaa Keessatti Mul’atanin Gadi Kan Hintaanee Magaalaa Keessattis Akka Mul’achaa Jiran Dhimmonni Naamatti Mulisan Heeddu Kaasun Nidanda’ama. Fakkeennaaf; Dubartootni Hoji Dhabeeyyi Ta’aan Kan Barnoota Ol’aanoo Irraa Ebbifamanis Ta’ee Kan Dubartootni Hinbaratiin Balinnaan Magaalaa Keessa Kan Jiran Ta’u Isaa Beekun Barbaachisaadha. Warrumti Ijaaramani Hoji Gara Garaatti Bobba’aan Ciminaa Sadarkaa Itti Aanutti Cee’u Dadhabufi Daldaala Xixiqqaa Keessatti Yaroo Dheeraa Fudhachuun Njira. Omishini Isaanitiis Sababa Haanqina Walitti Hidhaminsa Gabaatiin Gatii Barbaadamufi Bu’aa Argachu Qaban Irratti Dhibbaa Ol’aanaa Kan Qabu Ta’un Isaattis Haanqinna Akka Magaalaatti Mul’atudha. Kanaan Walqabatee Qulqullinna Omishaattis Hordoofi Kan Barbaadu Ta’u Isaa Hubachun Murteessaadha.

Gama Biraatiin Hubannoon Balina Qabu Umamus Jijjiramni Ilaalchaa Sadarkaa Barbaadamun Dhufu Dhabu Irraa Kan Ka’een, Dubartootni Magaalaa Akka Kan Magaalaa Sanitti Waltajjitti Bahudhabu, Ijaarama Isaani Keessattu Raayyaa Misoomaa Dame Dubarootaa Cimsantani Hojjachun Bu’aa Barbaadamee Bira Gahu Dhabuun Ni Mul’ata.Waldaa Dubartootaanis Ijaarsi Isaani Laafinsa Kan Qabufi Humna Dhibbaa Umuu (Bargaining Power) Isaa Dadhabaa Ta’un Barmaatileen Dubartootaafi Daa’’imman Irratti Raawwataman Dhabamu Hindandeenne. Barmaatileen Midhaa Geesisan Keessattu Gudeeddiin Magaalaa Keessatti Lakkofsi Isaani Dabalaa Dhufun Rakkoo Yaroo Itti Aanutti Irratti Hojjatamu Qabudha.

Haala Dubartootaa Sivil Sarvaanti Keessatti

Baayinna Hojjattoota Sivil Sarvisi Godina Arsii 15427 Keessa Dubartootni 4622 (%38) Yoo Ta’aan Kan Haafan 12573 (% 44 ) Warra Dhiraati. Sivil Sarvaantii Keessatti Baayinni Dubartootaa %38 Irra Gahuun Lakkofsii Dubartootaa Haanga Tokkoo Akka Foyya’ee Kan Agarsisu Ta’a



Sochii Kana Keessatti Dhimma Akka Ciminaatti Ka’u.

Hoji Gama Sivil Sarvaantitin Hojjatamee Keessatti Dhimmi Akka Ciminaatti Ka’u Danda’u Yaroo Gara Garaa Leenjii Hubannoo Cimsufi Ogummaa Dubartoota Dabalu Keennuun Gutu Ta’u Baatullee Hoji Hirmaanna Dubartootaa Gama Kanaan Jiru Dabalu Waan Ta’ee Akka Ciminaatti Ka’u Nidanda’a. Kun Akkuma Jirutti Ta’ee Baayinni Dubartootaa Gahaa Ta’u Baatus Profeeshinaal Saayinsii Keessatti Dabalaa Dhufun Isaa Foyyee Qaba.



Akka Hanqinaatti

Lakkofsi Dubartootaa Haadabalu Malee, Dhibeentaa Bara 2007 (%23)Fi Bara 2008-2009(%) Walbira Qabnee Yoo Ilaalle Waggaa Lamaaf Walakkaa Kana Keessatti % Dabalaa Akkaa Jiru Mulisa. Dhugaan Jiru Caasaan Murtaa’aa Waan Ta’eef (Fixed), Yoo Lakkofsi Dubartootaa Dabalu Kan Dhiraa Gadi Hirachaa Deemun Isaan Waan Hin Oleedha. Kanaaf Immo Sababiin Isaa Tokkoffaa Caasaan Jiru Dhiraan Qabamaa Ta’u Isaa Mulisa. Iddooma Banaa Argamuttillee Gadaanisa Sirni Darbee Nudhisee Irraa Ka’udhaan Tajaajila Waggaa Dheeraa Kan Qabaatee Dhiyaatu Dhira Waan Ta’eef Iddoon Hin Afeeru. Tarkaanfi Sirreefamaa Fudhachufis Rakkoon Ilaalchaa Sadakaa Hundattu Waan Jiruf Sistamicha Keessa Galufu Gufutu Isaan Qunnama. Haata’u Malee Dubartootni Baratan Barnoota Ol’aanoo Irraa Ebefamn Sirni Kun Horatee Gosa Barnootaa Kaminiyu Gabaa Irra Balinaan Ni Argamu. Kun Ta’u Dhabu Isaatiin Ammalee Dubartooni Mindaa Gadi’aanaa Argachaa Jiru Hiyyummaa Gaggeessaa Akka Jiran Mulisa.

Gama Biraatin Dubartoota Mudamatti Dhufanis Yoo Ilaalle Lakkofsi Isaani Xiqqaadha. Dhimma Dubartootaafi Da’imman Keessatti Ittigaafatamtootaafi Itti Aantoota, Akkasumas Caasaa Jaarmiyaalee Dubartootaa (Waldaa, Ligi, Fedareeshini) Yoo Keessaa Baafnee Lakkofsi Dubartoota Hoggansa Hoji Raawwachiftu Keessa Jiran Gonkumaa Nijiran Kan Nama Hinjeechisifnee Ta’u Hubachun Barbaachisaadha. Raawwi Waggaa Lamaaf Walakaa Keessati Iddoon Itti Kufnee Jeenne Kaafnu Keessa Dubartoota Hoggansatti Fidu Dhabuu Isa Ol’aanaadha. Sababni Kanaas Rakkoo Ilaalchaa Hoggansa Sadarkaan Jiran Bira Jiru Ta’unis Beekun Dhimma Murteessaa. Kanaaf Torri Kun Karoora Waggaa Lamaaf Walakkaa Keessatti Toora Xiyyeefannoo Hoggansa Siyaasaa Sadarkaa Hundaa Barbaadudha.

C). Haala Daa’immani

Heera Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa Keeyyata 36 , Seera Yakkaa Biyya Keenyaa Fi Seeraa Maatii Oromiyaa Keessatti Akkkasumas Akka Mana Hojii Mootummaatti Guddina Fi Nageenya Daa’imman Godinichaa Kan Qindeessuu, Hordofuu Fi Waajjirrii Dhimma Dubartoota Fi Daa’immanii Aangeffamee Ka’amuun Isaa Daa’immaniif Xiyyeeffannoo Guddaan Kennamee Ta’uun Isaa Beekamaa Dha.

Dhimmi Daa’immanii Akka Addunyaattis Ta’e Akka Biyyaatti Eegumsa Seeraa Fi Xiyyeeffannoon Itti Kennamee Haa Jiraatu Malee Ammas Rakkoolee Hawaas-Dinagdee Cimaadhaaf Daa’imman Saaxilamuu Irratti Argamu. Miidhaan Daa’immanii Mana Keessaa Eegalee Bakka Hedduutti Kan Raawwatamuu Dha. Eegumsi Mirgaa , Kunuunsi Fi Deggarsi Daa’immanii Maatii Irraa Eegalee Hawaasaa Hunda Bifa Hirmaachiseen Beekumsa Fi Karaa Itti Gaafatamummaa Hordofsiisuun Kan Raawwatamaa Jiru Miti.

Daa’imman Qaamanis Ta’e Sammuudhaan Kan Hin Bilchaanne ( Mature ) Waan Ta’iniif Kunuunsa Fi Deggarsa Olaanaa Kan Barbaadan Qaama Hawaasaa Ti. Isaanis Abdii Borii Biyyattii Waan Ta’aniif Rakkoolee Isaan Quunnamuu Danda’an Hunda Karaa Tarsima’aa /Strategic/ Ta’een Irratti Hojjechuun Barbachisaa Fi Dirqama Qaama Hundaa Ti. Bara KGT 2ffaa ( Waggaa 2008-2009 2 Wadhaaka ) Keesstti Daa’imman Rakkinaaf Saaaxilaman 185,400 Keessaa Daa’imman 149,619 ( 80%) Qofa Deggaruun Danda’amee Jira. Deggarsi Taasifame Kunis Qindaa’aa Kan Hin Taane Fi Hirmaannaan Hawaasaa Akkataa Barbaadamuun Kan Keesstti Hin Mirkanoofne Dha.

Dhaabbilee Guddisa Daa’immanii Godinichaa Keesstti Argamanu 4 Ta’anu Daa’imman Rakkoolee Adda Addaatiif Saaxilamanu Giddu Galeessaan Fudhatanii Kunuunsu Fi Guddisuu Irratti Argamanu Deggaruu, Hordofuu Fi Akkataa Istaandardii Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii Fi Dargaggootaa Bara 2004 Baaseen Tajaajila Kennuu Isaanii Gamaggamuun Sirreessaa Deemuun Dhimma Ciminaan Irratti Hojjetmuu Qabuu Dha. Dhaabbiileen Miti-Mootummaa Daa’imman Irratti Eeyama Fi Waliigaltee Hojii Fudhatanii Hojjechaa Jiranus Hangam Daa’imman Fayyadaa Akka Jiranu Hordofuu Fi Deggaruun Qaawaa Guddaa Kan Qabuu Dha. Daa’imman Sababa Adda Addaatiin Maatii Isaanii Irraa Adda Bahan Fi Utuu Maatii Guddisu Qabanu Dhaabbilee Guddisa Daa’immanii Keessa Jiarnu Gara Maatii Fi Hawaasatti Makuun ( Reunification & Reintegration ) Hojjetamaa Ture Waggaa Lamaan Kana Keessatti Daa’imman 98 Raawwatame Ta’us Gara Fuladuraatif Rakkinichi Babalcahaa Waan Jiru Hirmaannaa Deggartoota Fi Qooda Fudhattoota Hunda Bifa Mirkaneesseen Xiyyeeffannoo Guddaa Itti Kennuun Hojjechuun Barbaachisaa Dha.

Akka Waligalaatti Daa’imman Eegumsa, Kunuunsa Fi Deggarsa Qaama Hundaa Akka Argatanuuf Hawaasa Giddu Galeessa Godhachuu Fi Dhimmoota Daa’immanii Seekteroota Hunda Keessatti Idileessuuf Karoora Waggaalama Keessatti Irratti Xiyyeeffatamee Hojjetamuu Qaba.



D). Haala Seektarooraa Mootummaa

Hirmaannaa Fi Fayyadammummaa Dubartootaa Gama Hundaan Dhugoomsuu Keessattii Gaheen Seektarootnii Mootummaa Sadarkaa Hundattii Jiran Qaban Kan Bakka Hin Buusamneedha. Fayyaddammummaa Dubartootaa Magalaa Fi Baadiyaa Gama Diinagdee,Hawaasummaa Fi Siyaastiin Jiru Akkaata Maandeetii Fi Amala Seektaraa Tokko Tokootiin Imaammattootaa Dubartootaa Fayyaduuf Bahanii Fi Paakeejii Misoomaa Fi Jjijiirama Dubartootaa(PMJD) Hojiiraa Oolchuun Isaanirraa Kan Eegamuudha. Dhimma Korniyaa Ajandaa Waliigalaa Mana Hojiichaa Taasisanii Fudhachuu Irraa Hojii Nama/Qaama Korniyaa Idileessuu Qofa Godhanii Ilaaluun Seektarootaa Sadarkaa Hundattuu Jiran Birattii Kan Bal’inaan Mulachaa Tureedha.

Humnaa Raawwii Cimsuun Bu’a Qabeessummaa Mana Hojii Dhugoomsuun Fayyadammummaa Dubartootaa Mirkaneessuu Ilaachisee Seektarootnii Haala Barbaadameen Nama Gahumsaa Fi Qophaa’ummaa Hin Qabne Dhimmaa Korniyaa Idileessuu Irratti Ramaduu, Hojettoota Mana Hojii Isaanii Fi Caasaa Mana Hojiichaa Sadarkaan Jiruu Akkasumas Dubartootaa Haala Manadeetii Mana Hojiichaatiin Fayyadamoo Taasisuu Irrattii Hubannoon Kenname Quubsaa Kan Hin Ta’iniifi Seektaroota Tokko Tokko Biratti Immoo Gonkumaa Kan Hin Jire Ta’uu, Hubanoon Dhimma Korniyaa Idileessuu Ilaachisee Qaamolee Dhimmii Ilaalatuun Kennamee Ilaacha Qajeeloo Ta’een Fudhachuun Xiiyyeeffannoo Ittii Kennanii Hojiirraa Ollchuu Irrattii Rincicinii Hamaan Akka Jiru Hubatameera. Seektaroota Sadarkaa Godina Irra Jiran 34 Keessaa Seektarootnnii 29(%26.4) Humna Namaa Abbummaan Ramadudhaan Miseensa Koree Maanaajmanti Gochun Akka Hirmaachisanifi Hojittis Galan Hubatameera. Sadarkaa Aanaati Haanga Tokko Iddoon Humna Namaa Ramdani Hojjisisuf Yaalan Nijira. Seektara Baayyeetti Garu, Hoji Dabalataa Gochuudhaan Kan Hojisisaa Turan Lakkoofsi Isaai Baayyeedha. Namoonni Abbumaan Ramadamu Dhabunifi Bakka Bu’insaan Ykn Hoji Dabalataan Keennamun Kaayyoon Korniya Idileessu Akka Galma Hingeennee Dhimma Taasisu Keessaa Isa Tokko. Gama Biraattin Gahumsumti Namootuma Abbummaanis Ta’e Dabalataan Ramadaman Kun Haala Ulfinaafi Hoji Dhimmichi Barbaadun Kan Baachu Dand’aani Miti

Gama Birootiin Qajeelfamaa, Hojimaata Fi Istaandaardii Idiileessa Korniyyaa Biiroo Keennaan Bahaan Irratti Seektarootnnii Humdumtuu Hubannoo Irrattii Uumuun Hojiirraa Akka Oolchan Taasifamulle Haala Babaadameen Qamooleen Seektarootaa Hundii Nafeeffatanii Kan Nama Hundaa Taasisauun Hojiirra Ollchuu Irrattii Qaawwii Bal’aa Kan Jiruudha. Koopiiwwaan Dokimeentootaa Kanaatiis Caasaalee Sektaroota Isaanii Sadarkaa Godinaa, Aanaalee Biraan Gahuun Hojitii Hiikuun Walqixxummaa Korniyaa Mirkaneessuu Irratti Hanqinnii Bal’innaan Kan Jiruudha.

Hojiilee Hordoffii, Deeggersa, Madaalii,Gamaaggamaa Fi Duub-Deebii Hojiirra Oolmaa Hojiimaata Korniyaa Idileessuu, Fayyadammummaa Dubartootaa Sadarkaa Seektarootaa Hundaattii Mirkaneeffachaa Deemuu Fi Walqixxummaa Korniyaa Mirkaneeffachuun Seektaraa Gara Seektaraattii Garagarummaan Haajiratu Malee Hojiicha Ittifufinsaan Raawwachuu Fi Gabaasu Irrattii Hanqinnii Bal’aan Sadarkaa Seektarootaa Hundattii Akka Jiru Hubatameera. Rakkoolee Gubbaa Irratti Ka’aan Kanaaf Ennumaa Caalaa Abbaan Gaggeessaa Manneen Hojii Sadarkaan Jirani Ta’un Isaa Nama Hinshakkisisu. Gageessaan Waayee Dhimma Idileessa Korniyaa Akka Waan Beekutti Waan Ilaaluf, Tokka Tokkaan Dokumantoota Dhimma Kanaan Walqabatani Bahaan Dubbisudhaan Hojiitti Akka Jijjiramu Haala Barbaachisaa Ta’ee Hunda Mijeessu Irra Focal Parsani Dhimma Korniyaa Irratti Gatuunifi Hoggansa Siyaasaa Keennu Dhabuun Dhimmichi Laafa Taasisee Jira.

Kanaafuu, Seektarootnii Sadarkaa Hundattii Jiran Hirmaannaafi Fayadamummaa Dubartootaa Mirkaneessuu Keessattii Haala Qabatamaa Mana Hojii Isaanitiin Hojiilee Raawwatamuu Qaban Karooraa Mana Hojiichaa Waligalaa Keessattii Sadarkaa Sagantaa Fi Projektii Ti Hamachiisuun Qopheessu, Hojiimaata Fi Istaandaardii Taa’een Hordofii, Gamaagamuu, Madaaluu Fi Gabaasuu Itti Fufiinsaan Raawwachuun Kana Irraa Eegamuudha. Hojiilee Humna Raawwii Dhimma Idileessa Korniyaa Irrattis Ramaddii Nama Gahumsaa Fi Qophaa’ummaa Amala Seektarichaatiin Walsimuu Kennuu , Sagantaalee Leenjiiwwanii Fi Hubannoowan Dandeettii Hojjetaa Fi Gaggeessaa Cimsu Diriirsuun Hojiilee KGT II Keessattii Xiyyeeffanoon Itti Kennamee Irrattii Hojjetamuu Qabu Yemmuu Ta’uu, Gama Caasaalee Waajjirii Dhimma Dubartootaa Fi Daa’immanii Sadarkaan Jiranis Hojiilee Humna Raawwii Seektarootaa Cimsuuf Qaawwaa Jiran Adda Baasuun Cimsa Deemuun, Meeshaalee Idileessa Korniyaatiif Qophaa’aan Caasaa Seektarootaa Hunda Bira Haala Gahuu Danda’uu Mijeessuun, Hordoffii Fi Deeggersa Walirraa Hin Cinnee Seektarootaaf Taasisuun Kan Irratt Hojjeatamu Ni Ta’a.

Kun Akkuma Jirutti Ta’ee Ijoon Dubbi, Hoggaan Siyaasaa Manneen Hojii Kamiyyu, Dursa Waayeen Dubartootaa Dhimma Ijoo Siyaasaa Fi Guddinaa Biyyatti Ta’u Hubatee, Mira Abbummaafi Gaafatamummaa Hordoofsiisu Danda’un Ajandaa Ijoo Seekrarichaa Godhatee Socho’u Qaba. Akkuma Gubbaatti Ibsamee Caasaan Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Sadarkaan Jiru Faanaa Bu’uun Hordoofu,Deeggaru, Gamaagamu, Sireessu Fi Sadarkeessun Akkasumas Seektaroota Raawwi Ol’aanaa Qaban Badhaasunifi Beekumti Keennun Seektaroota Raawwi Gadi Aanaa Qaban Akka Itti Gaafataman Gochu Irraa Eggama. Kana Keessatti Tarsimoo Muxannoo Gaari Babalisunis Hoji Itti Xiyyeefatamee Hojjatamu Qabudha.

. Rakkoowwan Adeemsa Raawwii Keessatti Nu Mudatee Fi Tarkaanfiiwwan Fudhatamee

. Rakkoowwan Qunnamu Danda’aan


  1. Karooricha Kallattii Riifoormii, Tarsimoo Fi Ijaaraswwan Raayyaan Raawwachiisuu Fi Raawwachuu Irrattii Karoorii Yeroo Yeroo Jijjiiramun Isaa Fi Activitiin Tokkoo Tokkoo Keessaa Haqamuun Nuu Qunamuu Danda’an.. .

  2. Karoora Guddinaa Fi Transfoormeeshinii Keessatti Fedhii Misoomaa Fi Faasilitiiwwan Bu’uralee Misoomaa Fiixaan Baasuuf Daanga’uumsi Qabeenyaa Fi Faayinaansii Qunnamuu Danda’aa

  3. Rakoowwan Gama Ilaalchaa,Dandeettii Fi Dhiyeessiin Jiruu Mirkana’uu Danda’uu Dhabuun Qunnamuu Danda’aa

. Tarkanfiiwwan Furmaata Fudhanee

  1. Ga’uumsa Raawwachiisummaa Qaamolee Ga’ee Qabaattootaa Cimsuun Raayyaa Misoomaa Jijjirama Bu’uura Cimaa Qabuu Akka Ijaaramuu Fi Karooricha Kutannoo Fi Amantaa Cimaan Hojirra Akka Oluu Taasisuu.

  2. Hariroo Qindawaa Dirirsuu Fi Hojii Koomunikeeshinii Bu’a Qabeessaa Raawwachuun Tarsimicha Raawwachiisuu

  3. Sirna Hordoffii Fi Deggersaa Dhaabbataa Fi Fufiinsa Qabu Dirirsuu Raawwiin Fooya’uumsa Qabu Akka Jiratu Taasisuu

  4. Qabeenya Murta’aa Mootummaa Sirnaan Hojirra Akka Oluu Fi Hirmaannaa Ummataa Fi Qaamolee Misooma Gabbisuun Sagantaleen Hojii Akka Milka’an Taasisu

. Sirna Hordoffii, Fi Deggersaa Fi Gamaaggamaa Sagantalee Tarsimawaa

Hojiin Hordoffii Fi Deggersaa Karooraa Fi Tooftaa Raawwii Sosochii Seektara Tokkoo Ittiin Madaaluuf Gargaaru Meeshaa Hoggansaa Dha.Ergamni Isaa Inni Ol’anaas Karoora Seektarichaa Toora Galmoota Kaayyeeffamaniin Raawwatamuu Isaa Kan Ittiin Ilaalamu Ta’ee Milka’iinsi Galmichaas Hirmaannaa Fi Fayyadamummaa Dubartoota Fi Da’imanii Mirkaneessuu Dha.Haaluma Kanaan Karoorichi Hirmaanna Ummataa Fi Qaamolee Ga’ee Qabaattootaan Karaa Bu’a Qabeessummaa Qabuun Hojirra Olchuuf Bara Tarsimichaatti Kallatiiwwan Deggersaa Fi Hordoffii Armaan Gaditti Tarreeffaman Hojirra Kan Olan Ta’uu



  1. Qophii Fi Raawwii Karooraa Irratti Dmeewwan Misooma Sadan Hubannoo Fi Amantaa Cimsatanii Kaka’uumsaa Fi Miira Abbummaan Hogganamee, Hirmaannaa Fi Fayyadamumma Ummataa Kallattii Mirkaneessuu Danda’uun Kan Raawwatamuu Ta’aa.Bu’uura Kanaan Karooricha Hoggantummaa Fi Abbummaa Ol’anaa DH,D,U,O Akka Gaggeeffamu Gochuu,Adeemsaa Fi Raawwii Karooraa Dameen Mootummaa Abbummaa Ol’anaatiin Akka Qooda Fudhatu Gochuu Fi Qophii Karooricha Abbummaa Fi Hirmaannaa Ol’anaa Damee Ummataatiin Akka Raawwatu Taasiffamee Jira.

  2. Karoora Waliigalaa GTP 2ffaa Akka Mana Hojiittii Ijaarame Bu’uura Godhachuudhaan Karoora Waggaa Sirna Gamaaggamaa Fi Walitti Dhufeenyaa Fi Bu’aa Fi Milka’iina Eegamu Giddu Galeessa Godhachuudhaan Akka Qopha’uu Taasiffamee Jira..Qaamoleen Qooda Qabaattoota/Caasalee,Jaarmiyaalee Fi Adeemsalee/ Sirna Qoodiinsa Bu’uura Godhachuudhaan Karoora Gooree/Specific/KGT 2ffaa,Kan Waggaa,Kurmaanaa,Ji’aa Fi Torbaniin Qooduu Fi Qopheessuun Galma Aggamame Milkeessiinee Jira...

  3. Sirna Karooraa,Hordoffii Fi Deggersaa Diriirsuun Hojiin Suppervishinii Fi Gamaaggama Qophii Ga’aan Deggerame Akka Gaggeeffamu Fi Bu’aa Raawwii Hojii Akka Xiinxaalamuu Fayyadamummaan Dubartoota Fi Da’imanii Madalamaa Toora Qabataa Akka Deemuu Taasiffamee Jira

  4. Cuunfaa Bu’aa Gamaaggama Fi Gabaasa Raawwii Hojii Waliigalaa Bu’uura Godhachuudhaan Duub-Deebii Sirreeffama Kennaa Human Raawwachiisummaa Seektarichaa Cimsaa Kan Deemamu Tasifameera.

  5. Akka Barbaachisummaa Isaatti Gamaaggamni Raawwii Giddu Galeessaa Bara Tarsimoo Akka Gaggeeffamuu Fi Akka Fooyya’uu Taasiffamee Jira

Cimina

  • Karoora Mana Qixa Barbaadameen Hojjirra Akka Ooluuf Humna Jirutti Tooftaa Adda Addaa Fayyadamuun Rakkoolee Ilaalcha,Dandeetti Fi Dhiyeesii Furuuf Humna Raawwachisumma Gaggesitootaa Fi Oggeesoota Cimsuuf Aanaalee 26 Karoora Isaan Qophessaan Irraattii Sirreefamaa Akkaa Tasisaan Godhamee Jira .

  • Hanga Dandaa’ameen Raawwataan Hundii Karoora Isaa Beekee Qabeenyaa Jiru Sakkattaa’uun Karoorfachuu Akka Qaban Kallattii Ka’amee Jira.

  • Raawwataan Mana Hojii Godina Koonyaa Koonyaan Qoodachuudhaan Deegarsaa Wal-Irraa Hin Cinee Akka Godhuu Taasifamee Jira.

  • Hojjii Gana Aanalee Irraa Bifa Qulqullina Qabuun Funanuu.

  • Cheekliistii Qopheessuu Aanaalee Cheek Liistiin Hoggaanuu.

  • Deggarsaa Aanaaleef Tasisuu .

Hanqinoota Adda Bahan

  • Dubartoota Hojii Madda Galii Adda Addaa Irratti Hirmaachisuuf Dhiheessii Tajaajilaa Liqii Gahaan Dhabamu.

  • Rakkoo Ibsaa Irra Kan Ka’ee Aanaaleen Baayeen Gabaasa Yeroo Barbadame Keessatti Kan Hin Dhiyeesine Tahu.

  • Mariin 1:5 Caasa Sadarka Sadarkaan Jiru Birratti Harcatti Gudda Kan Qabu Tahu .

  • Aanalee Tokkoo Tokkoo Rakko Networkittiin Hatamtamaa Raga Hojii Gana Kenuu Dhabbuu Kenuu Dhabu.

  • Aanaalee Tokkoo Tokkoo Ijaroomsaa Rayyaa Misooma Damee Dubartoota Ittii Deemuu Milkeessuu Dhabuu .

Sirnaa Hordooffii Fi Deggarsa

  • Hojjileen Karoorfamaa Galmaan Gahuuf Caasaalee Sadarkaa Sadarkaa Jiraaniif Hordooffi Deeggarsii Tasisuun Barbachisaadha Gama Waajjira Keenyaan Aannalleef Kenama Kan Jiru Ta’u .

  • Koonyaa Afraaniittii Rawwaata Qoduun Bilbiilaan Aanaalee Deggaaruu.

  • Ijaroomsaa Raayyaa Misooma Damee Dubartoota Irraattii Aanaaleef Deggarsaa Gochuu .

Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbadaan

  • Ammaas RMDD Ajaanda Hoggansaa Tasisuu .

Furmaataa Waligalaaf

  • Qindomina Seektarootaa Fi Jaarmiyalee Cimsuun Rakkoolee Walin Wali Hiikaa Deemuun .

  • RMDD Cimsuun Qammolee Dhimmii Ilaaluu Waliin Qindoominaan Hojjachuu Fi Hoggaansaa Jar Jallaa Hojjichaa Akkaa Xiyyeeffaannoo Ittii Kennaan Godhuu.

Kallaattii Gara Fulduura

  • Qindomina Seektarootaa Fi Jaarmiyalee Cimsuun Karooraa Waliin Waliinii Qopheessuun Fayyadamuuma Dubartootaa Fi Daa’immaanii Mirkaneessuu.




Yüklə 166,91 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin