Maanuwaalii adeemsa hojii ijoo bulchinsa kontiraataafi hojiiwwan ijaarsaa



Yüklə 1,18 Mb.
səhifə3/15
tarix27.10.2017
ölçüsü1,18 Mb.
#16485
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15

Hojimaata Adeemsichaa


Hojimaatin adeemsa hojichaa hojii haala fi ifa ta’een raawwachuuf akka gargaarugadi-fageenyaan akka armaan gadiitii ibsamera.
    1. Hojimaata Adeemsa Hojii Bulchinsa Kontiraataa


      1. Hojii Barbaaduu fi Fudhaachuu

Hojii barbaadanii fudhachu kessaatti hojiiwwan barbaadanii dorgumuu irraa eegalee hanga waliigalteen mallaattaa’ee bakka hojii walharkaa fudhamu of kessaattii qabata.

Hojiin kun osoo addaan hin citiin ittii fufiinsaan Adeemsa Bulchinsa kontiraata fi kutaalee hojii adda addaa waliin qoraannoo taasiissun intarpiraayiiziichaaf carraa hojii jiru adda baasuudhaan qopheessudha.




      1. Barbaachisummaa

Barbaachisummaan isaa fedhii fi dandeettii wajjirri hojiwwaan ijaarsaa/suphaa qabuu beeksiisuudhaan hojii dorgomuun fudhachu dha. Adeemsichi kun wajjiirri dorgomaa ciimaa ta’e gaba kessa akka turu, gatii madalawaa qorachuu fi karoora biziinasii sirri ta’e qopheessuudhaan hojiiwwan fedhii maamilaa gutuu gaggeessuudha.
Hojii dorgommiin fudhachuun haala armaan gadiitiin raawwatama.


      1. Piromooshinii Gaggeessu

  • Bakka piroomoshiniin taasifamu karaa Adeemsa hojii biizinasii adda baasu.

  • Gaaffii piroomoshinii dhiyyeessuu

  • Gaaffiin piroomoshinii yoo fudhatama qabaate waligaltee taasiisuu

  • Piroomooshinii gaggeessuu

      1. Gabaa Qayyabachuu

      1. Dokumantii caalbaasii xinxalu

  • Abbaa Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontiraataa baay’inaa fi gosa hojii (bill of quantity), diizaayii fi ispeesifikeeshinii xinxalu

  • Dokumantiin caalbaasii mahandisan xinxalamee gadifageenyaan akka ilaalamuuf abba adeemsa hojii bulchiinsa kontiraataaf dhiyachuu qaba.

  • Abbaan adeemsa hojii bulchiinsa kontiraataa garee bakka hojii qoratuu ramadudhaan akka deeman taasiisuu

  • Abbaan adeemsa hojii bulchiinsa kontiraataa fi gareen bakka hojii qoratuu haalaa fi bakka qorannoo irratti marii taasiisuu

      1. Qorannoo Bakka Hojii(Site Visit)

  • Gareen ramadame bakka hojii kennamee sirritti adda baafachuun beekuu

  • Gareen ramadamee hojii qorannoof meeshaa barbaachiisan adda baafachuun gaafachuu.

  • Gareen ramadamee survayiingii irraatti odeeffannoo gahaa sassaabu The surveyor will Collect sufficient information on Surveying

  • Tokkon tokko miseensii garee odeeffannoo gahaa fi barbaachiisa ta’e funaanuu

  • Tokkon tokko miseensii garee raga funaaname xinxaluudhaan gabaasa qindessun dhiyeessu

  • Gareen dokumantii caalbaasii fi gabaasa dirre walbira qabuun xiinxalu

  • Baay’inaa fi ciimina hojii tilmaamuu

  • Dhuma irratti gabaasa xiinxalaa qorannoo bakka hojii taasiifamee qopheessu




      1. Gatii bat-tokkee qopheessu

  • Abban Adeemsa hojii bulchiinsa kontiraataa irraa deebi’e gosa hoji(Bill of Quantity) xinxaluu

  • Abban Adeemsa hojii bulchiinsa kontiraataa gabaasa Dirree fi dokumentii caal-baasii wal-biraa qabee xinxaalu

  • Abban Adeemsa hojii bulchiinsa kontiraataa haala gositti hojii barbadun adda baasuu

  • Qoratan gaba gatii gaba yeroo ikuppimentti, meeshaa fi humna nama adda baasuun qopheessuu.

  • Abban Adeemsa hojii bulchiinsa kontiraataa gatii ikuppimentti, meeshaa fi humna nama qindeessun qopheessuu

  • Abban adeemsa Hojii Bulchiinsaa Kontiraata fi Hojiiwwan ijarsaa baasii fi bu’aa murteessun kenna.

      1. Yeroof Saganta (Tentative work Schedule) Qopheessuu

  • Abban adeemsa Hojii Bulchiinsaa Kontiraata haala ulifina hojii adda baasaa.

  • Yeroo kontiraata kontiratii dokumentii irraa ni fudhatama

  • Qabeeny hojii raawwachuuf gargaaru adda baafama.

  • Sagantaan hojiin itti rawwatu fi qabeeny hojiif barbaachisuu ni qophaa’a.

      1. Gatii Guutu (Tender Pricing & Offering)

  • Abban adeemsa Hojii Bulchiinsaa Kontiraata gatii gosa hojiitin gutudhan gatee waligala qopheessaa.

  • Abban adeemsa Hojii Bulchiinsaa Kontiraata fi Hojjiwwan ijaarsa gatii guutamee irraa deebi’ee xinxaaludhan yaada itti kenna.

  • Seena intaarpiraayizii ( the company profile) fi mahallaqa kabachisaa caali-baasii qopheessun Hoji Gaggeessaa Ol’aanaaf dhiyeessu.

  • Erga gatii caali-baasii Hoji Gaggeessaa Ol’aanaan mirkanaa’ee chaapaan rukkutame dokumenti caal-baasii haala maamil barbaden saamsame yeroon ergama.

      1. Dokumaantii Caalbaasii Mallatteessuu

  • Ergaa xalayaan injifanno/affera gahee waligalteen ni mallattefama.

  • Ergaa waligalteen mallattefame dokumeentiin adda adda qindeefamee ni qabama.




      1. Guyyaa Hojiin Bulchiinsa Kontiraataa Eegalamu

  • Abbaa Adeemsa hojii bulchiinsaa fi hojiwwan ijaarsaa marii waliigaltee mallatteessuun dura irratti argamun ibsa barbaachiisa kenna.

  • Hojii gaggeessaa ol’aanaan waligaltee erga mallatteessa booda dokumantiin abbaa adeemsa hojiiwwan ijaarsaaf hojiin akka egalamu kennama.


Maappii Yaa’iinsa Hojii Hojii Barbaaduu fi Fudhachuu




    1. Yüklə 1,18 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin