Manu’alii A/H/Funca Dudhaa-2003


Karooraa Hojiwwan Misooma Funca Dudhaa Gaggeessuuf



Yüklə 276,29 Kb.
səhifə4/6
tarix18.08.2018
ölçüsü276,29 Kb.
#72832
1   2   3   4   5   6

Karooraa Hojiwwan Misooma Funca Dudhaa Gaggeessuuf




  • Qophii karooraaf ragaa fi odeeffannoo sassaabuu fi qindeessuu

  • karoora qopheessuu

  • karoora irratti marii’achuun waliigaluu

  • karoora qophaa’e hojii irra oolchuu

  • Hojii irra oolmaa karoorichaa hordofuu

  • Raawwii karooraa gamaaggamuu fi deeggarsa teeknikaa kennuu

  • Qaamaan argamuun

  • waltajjii qopheessuudhaan mari’achisuun

  • Saaphana odeeffannoon fayyadamuun

  • Gabaasa raawwii hojii qopheessuu fi dhiyyeessuu

  • Bu’aa gamaaggama raawwii irratti hundaa’uudhaan yaada furmaata kennuu fi

sirreffama gochuu

  • Sirreeffamni hojii irra ooluu isaa hordofuu

  • Hojiwwan funca dudhaa gabaa mirkaneessuu ittiin hojjetaman irraatti saaphana odeeffannoo Biiroo, Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaa Aanaalee, Writuu kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo fi qaamota dhimmi ilaallatu biroo kan wal-qunnamsiisu akka diriiru gochuu
  1. Ibsa Adeemsa Hojii Ijo Funca Dudhaa Gabaa


Hiikaa Funcaa Duudhaa:- Funca dudhaa qaamota adda addaatin hikni aadda addaa laatamee jira.Hiikawwan kennaman keessaa muraasni isaani akka armaan gaditti kayyaman;

  • Haala dhaabbataan (inistiotution arrengment) walitti hidhannaa gabaa dheedhii dhiyeessitoota sabsii, omiishtoota, daldaltoota, bilcheessitoota-bifa jijjiirtoota (prosessors), rabsiitoota fi soorattoota jidduutti tolfamuudha.

  • Adeemsa bittaa fi gurgurtaa jidduutti haala waliitti hidhiinsa qabuu ta’e fi daballi bu’aa (value addition) oomishni akka qabaatu taasisudha.

Walumaa galatti funcaan duudhaa haala diinagdee hirmaattootni waliin ta’anii qabeenya, yeroo fi beekumsa isaani hojiirra hoolchun faayidaa waliini itti cimsatan jedhamee hikamuu ni danda’a. kanaafu, AH Misoomni Funca Dhudhaa Gabaa gama tokkon rakkoo gabaa waliigalaa feedhii gabaa biyya keesaa fi kan biyya alaa irraa dorgomaa ta'an adda baasuu akka sabsiitti fudhachuun misooma Funca Dhudhaa ni gageessa. Misoomni Funca Dhudhaa kana keessatti omiishaaleen gabaa irratti barbaadaman, ulaagaalee gabaan barbaadu fi gabaan irratti xiyyefatamuu (target markets) addaan ni bahu. Tarsiimoo fuladura omishtootni/dhiyeesitootni gabaalee xiyyeefannoo kanaan wal-qunnaman ifaan kaa’un fi Wal-hidaminsa Gabaa akka mirkanaa’u fi itti fufinsa akka qabaatu ni taassisa. Hirmattootni gabaa hundi bu’aa walqixaa ta’e ykn wal fakkatu akka argatani jiruf jirenyaa issani foyefataan ni tasisaa. Harkaa qaleyyii, hojii dhabdoota, dargagootni fi dubarttoon akka hirmataan ni tasisaa.

8.1 Gareele Adeemsa hojii Ijo Funca Dhudhaa Gabaa:

  • Qorannoo Funca Dudha

  • Foyya’insa funcaa Dudhaa

  • Hordoofi fi deegarsa Funca Dudhaa


8.2 Sabsii(Input) fi Bu’aa (Output) Adeemsa Hojii Ijo Funca Dhudhaa


Sabsii (Input): Gabaa amansiisaa fi ltti fufiinsa qabuu

Bu'aa (0utput): Wal Qunamsisa Gabaa Mirkanaa’e fi itti fufinsa qabuu
  1. Bu'aa A/H/I/MFDG Irraa Eegamu (Desired Outcome)




  • Walitt-hidhamiinsii gabaa gahee xabatoota gabaa giddutti dagaagee, qaamnii hundiinuu gahee (fair share) isaa malu ni argatu.

  • Gurgurtaa biyya alaa irraa, gaheen naannichii sharafa biyya aalaa tiif gumaachuu akka ol-guddatuu (Export market share).

  • Omishtootnii haala gabaa adunyaa waliin deemuun, humnii isaan daldala irratti qaban cimee, gaheen isaan gatii gurgurtaa omishaa irra argatan ni foyya’aa

  • Walitt-hidhamiinsii Omishtoota fi Daldaaltootaa jiddutti ni mirkana'a (Demand- Supply integration, ensured).

  • Baasiin daldalaa (Transaction costs) haalaan akka hir'atu taasiisu,

  • Itti fayyadamtootnii, Omisha barbaadan baay'inaan, gatii foyyaa'aa ta'en fi qulqulinaan argatachuun jiruun isaani ni tasgaba'a



  1. Daangaa Maanu’alii


Biiroon Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa akka haaratiin erga hundaa’ee hojjii jalqabee yeroo gabaabaa yoo ta’ele, sadarkaa Ejansitiin qaama lammaa (Ejansii Misooma Gabaa Oromiyaa fi Ejansii Daldala Oromiya) ta’ani socha’a turan. Dameen Gabaa (Ejansii Misooma Gabaa Oromiyaa) kaayyoo ittin hundeefame galmaan gahuuf Adeemsa Hojii Ijo saditiin kan gurmaa’an keesa tokko Misooma funca dudhaa waan ta’ef bu’aan qorannoo kanaa adeemsa raawii hojjii dame Gabaa jijjiiruuf gahee olaanaa akka qabutti amanama. Kanaafu manu’alii kun kan qopha’ee hojiin Misooma funca dudhaa Gabaa caasaa sadarkkaa aadda adaa jiruu irraati maal hojatamuu akka qabu ibsuu dha. Maanu’aaliin kun Adeemsa Hojjii ijo Misooma funca dudhaa Gabaa kun hanga danda’ameetti haala dameen misooma gabaa amma hojjii isaa itti hojjachaa jiru irrati osoo hin ta’in jijjiirama fuladuura taasifamuu qaburatti kan xiyyeefatee dha. Kanaafis, Leenjii waa’ee Misooma funca dudhaa Gabaa muxannoo argamee “beenchi maarkingiif” gageefameera.

  1. Maappii Adeemsa Hojii Ijo M/F/ D/G (High level map)


[












-Biroolee, W/Raalee

-Seektara Qonnaa

Jala Hammataman

-IMX


-Miti Mootumaa

-AMIP


-ecbp

-AGP fi kkf






















  1. Yüklə 276,29 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin