Manu’alii A/H/Funca Dudhaa-2003


Tooftaa Qophii Maanu’alii



Yüklə 276,29 Kb.
səhifə2/6
tarix18.08.2018
ölçüsü276,29 Kb.
#72832
1   2   3   4   5   6

Tooftaa Qophii Maanu’alii




  1. Dokumantiiwwaan JBHA dame misooma gabaattiin qopha’ee irra hunda’udhaan sakata’un haala jiru hubachuu.

  2. Jijjirama fedhii gama motummaa, qooda qabdootaa, fi maamiltotaatin jiru sakata’un, ergamaa fi aangoo Biirichaa irra deebi’anii ilaalu

  3. Ragaa gama adda addaatin guurame qindeessuu fi xiinxaluu

  4. Yaada furmaataa kaa’u fi wixinnee tokkoffaa qopheessuu

  5. Akkaataa yaada kennameen gabaasa jalqabaa qophaa’e irra deeb’anii fooyyessuun Dokumantii xumuraa qopheessuu
  1. Ergama, Mul'ataa fi Duudhaalee


Ergamni barbaachisummaa hundeeffama jaarmiyaa kan agarsiisuu yoo ta’u, mul’anni immoo jaarmayichi waggoota dhufan keessatti jijjiirama kallattii hundaan fi duudhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Haaluma kanaan ergamni fi mul’anni Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa kanatti aansee dhiyaate jira.

    1. Ergama (Mission)

Sirna daldala fi gabaa hammayya’aa fi haaqa- qabeessa ta’e diriirsuun ummaannii fayyadamaa akka ta’u taasisuu dha.

    1. Mul'ata (Vision)

Bara 2012tti Naannoo Oromiyaa keessatti misoomni daldala fi gabaa dagaagee jiruu fi jireenyi uummataa Oromiyaa fooyya’ee gara biyyoottan galii gidduugaleessa argatanitti akka guddattu gochuu dha.

    1. Duudhaalee (Core Values)

Duudhaaleen galma gahiinsa mana hojichaatiif garggaaran haala armaan gadiin ibsamaniiru.

        1. Ittigaafatamummaa (Accountability)

        2. Iftoomina (Transparency)

        3. Tajaajila gahumsa fi bu’aa qabeessummaa qabu (Efficiency and Effectiveness)

        4. Hirmaachisummaa (Participatory)

        5. Jijjiiramaaf hojjechuu (Work for Change)

        6. Qindoominan hojjachuu(cooperation)

        7. Malaanmaltummaa irratti kutannoon qabsaa’uu
  1. Angoo fi Ga’ee Hojii Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa

Akkaata Heera Mootumma Naanichaa Fooyya’ee bahe, Laabsii Lakk. 163/2003 irrattti ibsameen angoo fi hojii Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa akka armaan gaditti ibsame jira.



  1. Seeronni hojii daldalaa toa’ chuuf bahaan hojii irraa ooluu isaanii ni mirkaneessaa hojiin daldalaa seeraan alaa akka hin raawwatamne ni to’ata; tarkaanfii seeraa ni fudhata.

  2. Hojiin daldalaa bu’ uura imammata mootummaatiin qajeelfamuu isaa ni to’ata.

  3. Raabsiin meeshaalee daldalaa, yeroo itti fayyadamaa isaa fi sirrummaa madaalii safaartuu meeshaalee daldala akkasumas gatii fi taariifni murtaa’e kabajamuu isaa ni to’ata.

  4. Namootaa, dhaabbataa fi waaldalee hojii daldala irraattii bobba’ uu barbaadaniif heyyamaa hojii daldalaa ni kennaa, ni haroomsaa ni too’ ata kenna.

  5. Dubartootnii fi dargaggoonni hojii daldalaa irrattii waldaadhaan akka gurmaa’ an ni jajjabeessa; gorsaa fi deggarsaa teekniikaa ni kenna;

  6. Qunamitii daldalaa, nannoolee biro waliin taasifmuu, haala wal deeggaraa ta’een akka babal’atuu fi cimuu haala ni mijeessaa.

  7. Egzibiishinootaa bu’aawwan hojii daldalaa babali’isuu fi beeksisuuf gargaraan ni qopheessaa , kan qaamonnii biroo qopheessaan irrattii ni hirmataa , deggarsaa ni taasisaa, ni qindeessaa;

  8. Galmee daldala naanichaa ni hundeessaa, ni bulchaa, daldaltootaa dhuuunfaa fi waaldaalee daldalaa ni galmeessaa.

  9. Misooma hojii daldalaa ilaalchiisee qoranowwaan ni gaggeessaa, odeeffannowwaan walittii ni qaba, ni qindeessaa, qamaa dhimmii ilaaluuf ni tamsaasaa.

  10. Waldaalee dame, mannii mana mare waldaalee dame, manni mare daldalaa fi waaldaleen haaraan akka hundeefamaan ni taasisa, dameewwaniif deggarsaa oggummaa, ni to’ata, ni eega.

  11. Galmee dhaabbilee daldala wabiin qabamaan ni qindeessaa; ni to’ata; ni eega.

  12. Sagantaalee adda adda qopheessuudhaan imaammata, tarsiimoo fi seeroota misooma daldalaa ilaallatan qamoota dhimmii ilaaluu hunda birattii hubannoon akka uumamu ni tasiisaa.

  13. Daldallii hammayyaa’ee fi sadarkaa isaa eeggatee akka babal’tuu fi hoggansi hojii daldalaa akka ciimuu haawaasa daldalaf deggarsaa ni kenna.

  14. Walittii dhufeenyaa daldala magaalaa fi badiiyyee giddu jiru akka ciimuu deeggarsaa barbachiisu ni keenna.

  15. Qorrannoo fedhii gabaa ni gaggeessaa, bu’aa qorannoo hirmaattonnii fi qooda fudhatootnii gabaa akka hubataan ni tasiisaa, hojii irraa ni olchaa;

  16. Omishaalee biyyaa alaa fi biyyaa keessaa amansiisaa fi kanneen intaarpirayizootaa maaykiroo xixiqqaa fi giddu galeessaa hirmaachisuu danda’ an qoraatee taarsiimoo gabaa ni qopheessaa.

  17. Omishaalee biyya alaati galan kan bakka bu’ uu danda’ an addaan baasuun naannicha keessattii omishaamuuf carraa jiru ni qorata, hojittii akka jijjiramuu tarsiimoo ni qopheessaa.

  18. Omishaalee carraa gabaa biyyaa alaa bal’ aa fi amansiisaa qabanii fi bu’ aa qabeessaa ta’ an akkasumas nannichaaa keessaattii omishamuu danda’ an ilaalchisee carraa fi fedhii jiru qoratee addaan ni basaa haala babal’achuu danda’ u irrattii ni hojjataa.

  19. Omishaalee carraa babali’inaa agro-industriitiif gumaachuu danda’an nannichaa keessattii omishaanii dhiheessuuf dandettii fi fedhii jiru qorate addaan ni basaa , tarsiimoo baballinaa omiishaalee kanaa ni qopheessaa , haala hojittii jijjiiramuu ni mijeessaa

  20. Omishaalee guddinaa dinagdeetiif gummachaa ola’anaa gochuu danda’ anii fi carraa galii adda uumuu danda’an ni qorata, bu’aan qorranichaa hojii irraa ni olchaa, hojii irraa akka oluu ni tasiisaa.

  21. Koree qindeesituu dhimmaa gabaa sadarkaa hundattii ni hundeessaa, ni qindeessaa, ni hordofaa.

  22. Walittii hidhamiinsaa gabaa ciimaa fi itti fufiinsaa qabu hirmatootaa gabaa sadarka adda adda irra jiran omishtootaa sassaabdota, daldaltootaa jilma fi qiinxaaboo , ergitootaa biyya alaa , industriwwaan fayyadamtootaa fi kkf gidduuttii akka jiratu ni tasiisa , ni qindeessaa , hi hordofaa .

  23. Gabaan omishaalee naannicha akka babala’atu fi bifa itti fufiinsaa qabuun fedhii fi dhiiyeessii akka walittii hidhamuu ni tasiisaa.

  24. Omiishaalee naannichaa gabaa biyyaa keessaa fi biyya alaa irrattii akka beekamaan taasisuuf bareeffamoota adda adda qopheessee ni raabsa, egzibishinii ni qopheessaa, egzibishinii biyya keessaa fi biyyaa alaattii qophaa’ u irattii ni hirmataa.

  25. Bittoota biyyaa alaa fi biyyaa keessaa omishaa bituu danda’an addaa ni basaa , ni qindeessaa, walqunnamsiisaa, gabaa ni uuma:

  26. Iddowwaan gabaa omishaa sadarkaa jalqabaa , sadarkaa lammaafaa fi sadarkaa sadaffaa naannichaa keessaattii bakka barbachiisuu hundattii ni hundeessaa, sirna ittin bulmataa ni diriirsaa qamaa abbummaan bulchuttii ni diriirsa, qamaa abbumaan bulchuttii ni dabarsaa rawwii isaa ni hordafaa.

  27. Wirtuulee sassaabbii fi tamsaasaa odeeffannoo gabaa ni hundeessaa , sirna sassaabbii fi tamsaasaa odeeffannoo gabaa hammaaya’ aa ni diriirsaa , dandeettii ittii fayyadamaa teeknolojii fi human namaatin ni cimsaa , odeffaannoo gabaa yeroo fi qulqullinaan qamaa dhimmii ilaaluu irraa ni sassaaba, ni qindeessaa ni tamsaasaa.

  28. Rakkoo walittii hidhamiinsaa gabaa intaarpiraayizii maaykiroo fi xixiqqaa qaban nii qorataa , yadaa furmataa ni dhiheessaa , carraa gabaa amansiisaa akka argataan deggarasaa oggummaa ni kenna

  29. Sirna gabaa bunaa, saliixaa, fi boloqqee fi kanneen biro ni diriirsaa.

  30. Dhaabataa ykn namootaa dhuunfaa dhiheessii fi tajaajilaa omishaa qonnaa fi industrii bobba’aniif waraqaa gahumsaa ni kennaa, ni to’ata, ni haqa.

  31. Omishaalee qonnaa fi industrii seeraan alaa akka hin sochoone ni hordofa, ni to’ataa tarkaanfii ni fudhataa akka fudhatamuu ni tasiisaa.

  32. Gochaa fi hojiimataa tasgabii sirna gabaa jeeqan madda isaanii waliin yeroo yeroon qorachuun furmataa waliin qamaa dhimmi ilaaluuf ni dhiheessaa , yammuu hayyamamu hojii irraa ni olchaa.

  33. Hirmatootaa fi qooda fudhatootaa gabaa naannichaa haala gabaa addunyaa yeroo yeroon jijjiiramuu irrattii dandettii hirmaannaa isaanii akka ciimuu gochuf leenjii ni kenna.

Jijjiiramaa gabaa gatii omiishaalee waliin walqabatee uumamu ni qoorata , yadaa furmaataa waliin qamaa dhimmii ilaaluuf ni dhiheessaa , yammuu mirkanaa’ u hojii irraa ni oolcha , hojii irraa akka oolu ni taasisa, nihordofa, ni to’ata.

[


  1. Maamiltootaa fi Dhimmamtoota (Customer and Stakeholder Identification)

Fedhii hawaasaa bu’uureffachuun tajaajila saffisaa fi itti fufiinsa qabu kennuuf akkasumas rakkoo misooma hawwas-diinagdee Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa hiikuuf maamiltoota kallatiidhaan tajaajila Biiroocha irraa barbaadanii fi dhimmamtoota milkaa’ina, ergamaa fi mul’ata Biirichaa galmaan ga’uu keessatti shoora ol’aanaa qaban adda baafachuun beekuun barbaachisaa dha.

Dabalatanis, maamiltootni/ dhimmamtoonni Biiroocha irraa tajaajilli isaan eegan, amala maamiltonni/dhimmamtootni qabaachuu qaban jiraachuu ni mala. Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko fedhii walii guutuu dhabuun komii kan uumamu yoo ta’u, dhimmi kun immoo gama kenniinsa tajaajilaa fi akka waliigalaatti hirmaannaa hawaasichaa ida’udhaan misooma ariifachiisuu keessatti dhiibbaa mataa isaanii ni qabaata. Kanaafuu, dhimmota kana addaan baasanii ilaaluu fi xiinxaluun hubachuudhaan akkasumas xiyyeeffannaa itti kennuun hojjechuuf haala gargaaruun maamiltootaa fi dhimmamtoota Biirichaa sadarkaan tarreessuun murteessaa waan ta’eef akka armaan gadiitti dhiyaateera.



  1. Maamila (Customers )

  • Uummata

  • Hawaasa Daldaaltoota

  • Fayyadamtoota (consumers)

  • Omishtoota

  • Abbootii qabeenyaa/Dhabbilee Misooma

  • IMX /Intarpiraayizii Maayikroo fi Xixiqqaa/

  • Hojjattoota Biirroo



  1. Dhimmamtoota (Stakeholders)

  • Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Bulchinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Biirroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

  • Biirroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee

  • Biirroo Qonnaa Oromiyaa

  • Biiroo Haqaa Oromiyaa

  • Biiroo Barnootaa Oromiyaa

  • Biiroo Siviil Sarviisii Fi Bulciinsaa Garii

  • Biiroo Beeksiisaa fi Qunnamtii Uummataa

  • Komishinii Poolisii

  • Mana maree Daldaltootaa fi waldalee seektaroota

  • Ministeera Daldalaa

  • Naannoolee olla

  • Abbaa Taayitaa Gumurukaa

  • Abbaa Taayitaa Qulqullinaa fi sadarkaalee

  • Biirroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa

  • Komishinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa

  • Ejansii Misooma, Egumsa fi Fayyaa Beeyleda Oromiyaa

  • Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa

  • Ejensii Misooma ICT

  • Inistituti Qorannoo Qonnaa Oromiyaa

  • Komishinii Investimantii Oromiyaa

  • Komishinii BLTO Oromiyaa

  • Ministeera Daldalaa

  • Abbaa Taayitaa Omisha Gabaa Itiyophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange Authority)

  • Omisha Gabaa Itiyophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange)

  • Dhaabbilee Barnoota olaana

  • Abbaa Taayitaa Gumurukaa fi Galiiwwanii Fedeeraalaa

  • Abbaa Taayitaa Qulqullinaa fi Sadarkaalee

  • Dhaabbilee Mootummaa fi Miti-mootummaa/ Arjomtootaa

  • Instituyutii Pilaanii Magaalotaa,

  • Manneen Hojii Biroo (others)

  • Waajjiralee Bulchiinsa Godinaa, Aanaa, Magaalaa fi Gandaa


Maamiltootaa fi Dhimmamtoota

A
    1. XIINXALA MAAMILTOOTAA fI DHIMMAMTOOTAA EJANSII GABAA OROMIYAA


mala isaan irraa barbaadamu



(behavior we desire)

Fedhii Maamiltootaa

/Their needs/

Rincica ka’uu danda’u

/resistance issues/

Dhibbaa inni fidu

/Their influence/

1.7.1 Maamiltoota

Omishtoota


  • Omishaa qulqullinaa qabuu dhiyeessu

  • Seera qabeessa ta’uu

  • Gosa omishaalee gabaa irratii barbaadamuu omishuu

  • Hubannoo sirna gabaa hamay’aa



  • Odeeffannoo gabaa wayitawwaa fi ga’aa ta’e,

  • Gabaa Amansiisaa , bu’aa qabeessa ta’e fi itti Fufiinsa Qabu

  • Gosa omishaalee gabaa irratii barbaadaman

  • Tajaajila bu’ura gabaa mijaa’aa fi gahaa ta’e argachuu

  • Gorsa, baruumsaa fi deeggarsa teeknikaa itti-fufiinsaan argachuu

  • Deeggarsa wal-qunnamsiisa fi walitti-hidhamiinsa gabaa argachuu

  • Hubannoo sirna gabaa argachuu

  • Hirmaannaa gabaa xiqqeessuu

  • Barmaatilee sirna gabaa dubatii hafaan gadi lakkisuu dhabuu




  • Hojiileen misoomaa Gabaa Ejansiichaa ni gufata

  • Dhiyeesii omishaa gabaa xiqeesuu

Daldaaltoota

  • Fedhii deeggarsaa qabaachuu

  • Seera qabeessa ta’uu

  • Deggarsa ogummaa gahaa ta’e argachuu

  • Dhiyeessii Omishaa

  • Tajaajila bu’ura misooma gabaa

  • Deeggarsa wal-qunnamsiisa fi walitti-hidhamiinsa gabaa

  • Gorsa, baruumsaa fi deeggarsa teeknikaa argachuu

  • Fedha Qonna/Gabaa kontiraataa

  • Tajaajila odeeffannoo gabaa

  • Seera kabajuu dhiisuu




  • Dhiheessi omishaa qulqullina dhabuun galii Mootummaa xiqeessuu

  • Bu’aa omishitoonii argachuu qaban xiqqessuu.

Fayyadamtoota (consumers)

  • Hirmaannaa ho’aa

  • Oddeefannoo gabaa qabaachuu

  • Seera qabeessa ta’uu

  • Gabaa tasgaba’aa fi bu’aa qabeesa ta’e

  • Tajaajila saffisaa, gahumsa, qulqullinaa fi itti fufiinsa qabu

  • Dhiyeessa Omisha qulqul’iina barbaadamu fi gatii dorgomaa ta’en egee

  • Deeggarsa wal-qunnamsiisa gabaa

  • Barmaatilee sirna gabaa dubatii hafaan gadi lakkisuu dhabuu

  • Hirmaannaa xiqqeessuu

  • Hojiileen misoomaa Gabaa Ejansiichaa ni gufata

  • gabaa irraa amantaa dhabuu

Intarpiraayizii Maayikroo fi Xixiqqaa

  • Iddowwan gabaa mijaa’aa fi gahaa ta’eti akka fayadaman

  • Carraa gabaa bal’aa uumuu

  • Gahumsa horatee gabaa hojii keessatti dorgamaa ta’ee argamuu

  • Gorsa, baruumsaa fi deeggarsa teeknikaa itti-fufiinsaan argachuu

  • Deeggarsa wal-qunnamsiisa fi walitti-hidhamiinsa gabaa argachuu

  • Gabaa Amansiisaa , bu’aa qabeessa ta’e fi itti Fufiinsa Qabu

  • Odeeffannoo gabaa wayitawwaa fi ga’aa ta’e

  • Ilaalcha eeggattumma

  • Barmaatilee sirna gabaa dubatii hafaan gadi lakkisuu dhabuu




  • Hojiileen misoomaa Gabaa Ejansiichaa ni gufata

  • Gaheen IMAXn gabaa keesati qabu gadi bu’uu fi guddina dinaagdee xiqqaachuu




Abbootii

Qabeenyaa

Abbaa qabeenyaa misomawwaa fi Hirmaannaa ho’aa

Teeknoloojii haaraa naannoo wajjin walsimuu

Caraa gabaa bal’aan akka uumaamuu fi hawaasni akka fayyadamaa ta’u

  • Tajaajila si’oominaa fi haqa qabeesa ta’e,

  • Bu’uraalee misoomaa gabaa babala’ate,

  • Odeeffannoo gabaa wayitawwaa fi ga’aa ta’e,

  • Gabaa tasgaba’aa fi bu’aa qabeesa ta’e

  • Kiraa sassabdummaan duromuuf yaaluu




  • Carraan Gabaa dhiphisuun hojii Ejansii gufachisuu




Uuummata

  • Hirmaannaa ho’aa hojii Ejansii misooma gabaa itti fufiinsa akka qabatu

  • Hirmannaa miira abbummaa

  • Aadaa hojii gaarii fi qusannaan akka cimu

  • Ol’aantummaa seeraa kabajuu fi raayyaa misoomaa fi nageenyaa ta’uu

  • Tajaajila saffisaa, gahumsa, qulqullinaa fi itti fufiinsa qabu

  • Hoggansa mula’ataa fi gahumsa qabu

  • Gabaa tasgaba’aa fi bu’aa qabeesa ta’e

  • Carraa wal-qixa (Equity)

  • Hirmaannaa xiqqeessuu

  • Barmaatilee sirna gabaa dubatii hafaan gadi lakkisuu dhabuu




Maamiltootaa fi Dhimmamtoota

Amala isaan irraa barbaadamu

(behavior we desire)

Fedhii Dhimmamtootaa

/Their needs/

Rincica ka’uu danda’u

/resistance issues/

Dhibbaa inni fidu

/Their influence/

1.7.2 Dhimmamtoota

Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Labsiiwwan, imaammataa fi tarsimoowwan hawwasummaa fi dinagdee Ejansichaa guddisuu danda’u qopha’e,




  • Imammataa, tarsiimoo fi qajeelfamoota bahan hojii irra ooluu

  • Ejansichi guddina dinagdee fi hawaasummaa keessatti gahee isa gumaachee argamuu

  • Yeeroodhaan raawatamuu dhabuu

  • Kufaatii misooma Ejansichaa




Bulchinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Dambiiwwan barbaachisaa ta’e yeroon baasuu

  • Karoora misoomaa yeroon mirkanaa’ee

  • Sirna onnachiftuu diriiree hojiirra oole

  • Baajataa fi leeccalloo hojii misoomaa yeroon labsame

  • Galma gahiinsa mul’ata fi ergama Ejansiichaa

  • Karoorri qopha’ee bu’aa qabeessummaan hojii irra ooluu

  • Baajataa fi leeccalloo ramadamu dhimma barabaadameef akka oolu,

  • Sirni gabaa fooyya’aa fi gahuumsa qabu akka diriiruu

  • Walitti-hidhamiinsii gabaa, Qonnaa fi Industrii giddutti umame

  • Qindoominni hojiin itti raawwatamu dhabamuu

  • Baajata fi leccallo gahaa haala hojiin gaafatuu ramadu dhabuu.

  • Ergama fi mul’ata mana hojiichaa galma gahiinsa dhorka.

Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

  • Qajeelfama barbaachisaa ta’e yeroon dabaarsuu

  • Hordooffii fi Deeggarsa ittifufinsa qabu

  • Qunamtii g aarii




  • Galma gahiinsa mul’ata fi ergama Ejansiichaa

  • Bu’ura misooma gabaa dirirsuu

  • Gabaasa raawwii karooraa yeroo yerodhaan

  • Karoora tarsiima’aa dhaan hoogganamuu

  • Hordoffii fi deeggarsaa laafa

  • Xiyyeefanaa keennuu dhabuu

  • Ergama fi mul’ata mana hojiichaa galma gahiinsa dhorka.




Biiroo Qonnaa Oromiyaa


  • Oddeffannoo omishaa fi omishtuumaa

  • Bu’aa Qonnaa gabaa irratti xiiyyafate

  • Sirnii gabaa Misooma Qonnaa fi Industriif gumaachuu danda’u akka diriiru fi dagaagu

  • Qaamolee gabaa keessatii gahee tabatan giddutti walitti-hidhamiinsa bu’aa qabeessa ta’e akka jiraatuu fi dagaagu

  • Hojii eksteeenshiini bu’aa gadi raawwachuu

  • Qunnamitii laafaa

  • Hanqina odeeffannoo

  • Omisha gabaa irrati xiyyefachuu dhabuu

  • Ergama fi mul’ata mana hojiichaa galma gahiinsa ni gufata

Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa

  • Bu’ura gabaa ijaaramuuf haala mijeessuu

  • Degarsaa yeroo ijaarsaa keenuu

  • Bu’ura misooma gabaa dirirsuu




  • Qindoominni hojiin itti raawwatamu dhabamuu

  • Ergama fi mul’ata mana hojiichaa galma gahiinsa dhorka.

Ejansii Misooma, Egumsa fi Fayyaa Beeylada Oromiyaa


  • Oddeffannoo omishaa fi omishtuumaa

  • Beeylada fi Bu’aa Beeylada gabaa irratti xiiyyafate

  • Sirnii gabaa Misooma beeyladaa fi bu’aa beeyladaa akka diriiru fi dagaagu

  • Sirna qindoominaa diriiree

  • Odeeffannoo gabaa wayta’a ta’e

  • Qaamolee gabaa beeylada fi bu’aa beeylada keessatii gahee tabatan giddutti walitti-hidhamiinsa bu’aa qabeessa ta’e akka jiraatuu fi dagaagu

  • Qindoominni hojiin itti raawwatamu dhabamuu

  • Omisha gabaa irrati xiyyefachuu dhabuu




  • Ergama fi mul’ata mana hojiichaa galma gahiinsa dhorka




  • Bu’aa galmeeffamuu qabuu xiiqqeessa

Komishinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa


  • Oddeffannoo omishaa fi omishtuumaa

  • Beeylada fi Bu’aa Beeylada gabaa irratti xiiyyafate

  • Sirnii gabaa Misooma beeyladaa fi bu’aa beeyladaa akka diriiru fi dagaagu

  • Sirna qindoominaa diriiree

  • Odeeffannoo gabaa wayta’a ta’e

  • Qaamolee gabaa beeylada fi bu’aa beeylada keessatii gahee tabatan giddutti walitti-hidhamiinsa bu’aa qabeessa ta’e akka jiraatuu fi dagaagu

  • Qindoominni hojiin itti raawwatamu dhabamuu

  • Omisha gabaa irrati xiyyefachuu dhabuu




  • Ergama fi mul’ata mana hojiichaa galma gahiinsa dhorka

  • Bu’aa galmeeffamuu qabuu xiiqqeessa



Komishinii Investimantii Oromiyaa

  • Carraa investimantii fi qabeenya naannichaa addaan baasuun misooma gabaa irrati investimantii babal’isuu

  • Deeggarsaa, tajaajila fi hordoffii qulqullina qabu kenname

  • babal’isa agro-industrii, fi kkf irraati waliin hojjachu




  • Qindoominni hojiin itti raawwatamu dhabamuu




  • Qoodni abbootii qabeenyaa xiqqaachuu




Instituyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa

  • Tajaajiila fi degarsa quliqulina qabu

  • Odeeffannoo Pilaanii

  • Ragaa pilaanii

  • Sirna gabaa hammayya’aa ta’e fi ittifufiinsa qabu diriiru

  • Tajaajila haqa qabeessa ta’e dhabuu

  • Qunnamitii laafaa

  • Qulqullina pilaanii hiri’sa.

  • Hojiileen misoomaa Gabaa Ejansiichaa ni gufata

Komishinii BLTO Oromiyaa

  • Ogeessa gahumsaa qabuu fi gabaa keessatti dorgomaa ta’e baasuu




  • Sirna gabaa hammayya’aa ta’e fi ittifufiinsa qabu diriiru

  • Sirna qindoominaa diriiree

  • leenjifamtoota gabaatti bobbaasu

  • Qophii Karikulamii barumsa gabaa fi leenjii gabaa irratti hirmaachuu

  • Leenjiin gahumsa dhabuu




  • Hojiileen misoomaa Gabaa Ejansiichaa ni gufata

Ministeera Daldalaa


  • Labsiiwwan, imaammataa fi tarsimoowwan Seera qabeessummaa daldalaa guddisuu danda’u qopha’e,




  • Sirna qindoominaa diriiree

  • Sirna gabaa hammayya’aa ta’e fi ittifufiinsa qabu diriiru

  • Qunnamitii laafaa

  • Raawwii ergama mana hojii ni hiri’sa

Ejansii Daldalaa Oromiyaa

  • Seera qabeessummaa daldalaa mirkanaa’e

  • Sirna qindoominaa diriiree

  • Sirna gabaa hammayya’aa ta’e fi ittifufiinsa qabu diriiru

  • To’annoo laafaa




  • Raawwii ergama mana hojii ni hiri’sa

Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa


  • Omishitoota gurmeessu

  • Hojii qindomiina

  • Hirmaana gabaa keessatii qaban guddisuu

  • Odeeffannoo Gabaa

  • Hojii hubannoo gabaa uumuu

  • Deeggarsa wal qunnamsiisa gabaa

  • Gabaa omisha qonnaa mijeessuu fi qindeessu

  • Qunnamitii laafaa

  • Hanqina odeeffannoo

  • Bu’aa galmeeffamuu qabuu xiiqqeessa

Inistituti Qorannoo Qonnaa Oromiyaa

  • Qorannoo omishaa fi omishitumaa dabalu

  • Odeeffannoo omisha gabaarratti barbaadamuu,

  • Qorannoo Gabaa (Market Research)

  • Intalijansii Gabaa (market intelligence)

  • Qunnamitii laafaa

  • Hanqina odeeffannoo

  • Bu’aa galmeeffamuu qabuu xiiqqeessa

Abbaa Taayitaa Daandiwwanii fi Geejjiba Oromiyaa

  • Babal’inaa bu’ura misoma

  • Qunnamitii hojii ciimaa ta’e

  • Odeeffannoo fi ragaa



  • Qunnamitii laafaa

  • Hanqina odeeffannoo

  • Bu’aa galmeeffamuu qabuu xiiqqeessa

  • Walitti hidhaminsa gabaa laafisaa

Abbaa Taayitaa Omisha Gabaa Itiyophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange Authority)




  • Odeeffannoo gabaa wal-jijjiruu

  • walitti-hidhamiinsa gahumsa qabuu

  • sirna gabaa ammayyaa dirire

  • Deeggarsa fi qindoominaa

  • Qunnamitii laafaa

  • Hanqina odeeffannoo

  • Walitti hidhaminsa gabaa laafisaa

  • Bu’aa galmeeffamuu qabuu xiiqqeessa

Omisha Gabaa Itiyophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange)

  • Deeggarsa fi qindoominaa

  • Odeeffannoo gabaa wal-jijjiruu




  • Odeeffannoo gabaa wal-jijjiruu

  • Walitti-hidhamiinsa gahumsa qabuu

  • Sirna gabaa ammayyaa dirire

  • Deeggarsa fi qindoominaa

  • Qunnamitii laafaa

  • Hanqina odeeffannoo

  • Walitti hidhaminsa gabaa laafisaa

  • Bu’aa galmeeffamuu qabuu xiiqqeessa

Dhaabbilee Miti-Mootummaa

  • Waliigaltee adda addaa uumuun hojii qindoominaa hojjechuu (partnership)




  • Haala mijaa’aa uumuu fi hirmaachisummaa

  • Qindoomina hojii

  • Sirna gabaa foyyeessu irratii deeggarsa faayinaansii fi ijaarsa dandeetti

  • Imaammataa fi tarsimoo mootummaa itti amananii fudhachuu dhabuu

  • Hirmaannan isaan misooma Gabaa keessatti qaban xiqqaachuu

Hojjettoota Mootummaa Ejansichaa

  • Naamusa, dandeettii fi beekumsa gaarii qabaachuu,

  • Imaammata, tarsiimowwan fi riiformiiwwan mootummaa fudhachuun hojiitti hiikuu,

  • Miira tajaajiltummaa qabaachuu

  • Jijjiirama aadaa hojii/hojiif ofkennuu/commitment/




  • Iddoo hojii mija’aa

  • Bulchiinsa gaarii

  • Humna dandeettii raawwachisummaa cimsachuu

  • Mindaa haala hojii fi yeroo wajjin adeemuu danda’uu fi faayidaalee adda addaa

  • Sirni badhaasaa akka jiraatu

  • Aanga’ee hojjechuu

  • Jijjiramaaf qophii ta’uu dhabuu

  • Rifoormiwwani fi tarsiimoowwan jijjiramaa amananii fudhachuu dhabuu

  • Hojii dadhabsiisuu,

  • Hojii gadi lakkisuun babal’achuu (turnover)

Manneen Hojii Biroo (others)

  • Hojiilee Ejansichaa barbaachisan qindoominaan gumaacha irraa eegamu bahuu

  • Imammata, hojimaataa fi seerotni hojicha galmaan gahan jiraachuu

  • Sirna iftoominaa fi ittigaafatamummaa qabu diriiree hojiirra oole

  • Sirna qindoominaa diriiree

  • Karoorri qabame galma gahuu dhabuu

  • Qooda irra eegamu bahuu dhabuu

  • Hirmaannan isaan misooma Gabaa keessatti qaban xiqqaachuu





5.2 Fedhii Maamiltoota fi Qooda qabdoota Calalame Bahe


Lakk

Maamiltoota/Qooda Qabdoota

Fedhii (Needs and Expectations)

1.

Maamiltoota




1.1.

Omishtoota

  • Gatii gaarii fi gabaa amansiisaa




1.2.

Daldaaltoota

- Dhiyeessa Omisha Qonnaa sadarkaa qulqul’iina barbaadamu egee, baay’ina barbaadamuun, yeroo barbaadamu, haala amansisaa fi itti-fufiinsa qabuun, gatii dorgomaa ta’en akka dhiyaatu.

1.3.

Itti-fayyadamtoota omishaa (consumers)

Tamsa'innii dhiyeessa Omishaa haala saffisaa fi tasgabba'aa (efficient distribution system and price stability) akka ta'u ni barbaadu

1.4

IMXii

  • Gatii gaarii fi gabaa amansiisaa

2.

Qooda Qabdoota




2.1.

Caffee fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

-Sirna gabaa omisha qonnaa fooyya'aa fi gahuumsa qabu naannich keessatti akka diriruu fi dagaaguu barbaada.

2.2.

Qooda qabdoota kan biroo Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

-Biiroo Qonnaa Oromiyaa

-Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa

-Ejansii Misooma, Egumsa fi Fayyaa Beeylada Oromiyaa

-Komishinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa

-Komishinii Investimantii Oromiyaa

-Instituyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa

-Komishinii BLTO Oromiyaa

-Ministeera Daldalaa

-Ejansii Daldalaa Oromiyaa

-Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa

-Inistituti Qorannoo Qonnaa Oromiyaa

-Abbaa Taayitaa Daandiwwanii fi Geejjiba Oromiyaa

-Abbaa Taayitaa Omisha Gabaa Itiyophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange Authority)

-Omisha Gabaa Itiyophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange)

-Dhaabbilee Miti-Mootummaa

-Hojjettoota Mootummaa Ejansichaa

-Manneen Hojii Biroo (others)




-Bifa qiindoomina qabuun waliin hojjachuu( Odeeffannoo wal-jijjiru, hubannoo umuu,kkf)



  1. Yüklə 276,29 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin