Manu’álii hojii


Ibsa Yaa'insa Sochii Hojii ‘Bulchinsa Odeefannoo Gabaa’



Yüklə 432,84 Kb.
səhifə6/6
tarix18.08.2018
ölçüsü432,84 Kb.
#72833
1   2   3   4   5   6

Ibsa Yaa'insa Sochii Hojii ‘Bulchinsa Odeefannoo Gabaa’:

  1. Fedhii Odeeffannoo Gabaa adda baasuu (Gosa odeef. Fi madda adda baasu)

Odeefannoo gabaa sasaabu qindeesuu fi tamsaasuu keesatti hojiin durfamee hojjatamu, feedhi odeefannoo gabaa irratti jiru qorachuu ta’a. qorannoon kunis feedhi maamiltootaa fi qoda fudhatoota adda nibaasaa, odeefannoo akkam gabaa kamirratti sasaabamaa (gabaa biyya keesaa fi biyya alaa), toftaa kamiin sasaabamee midiyaa kamiin tamsaa’a kan jedhu qorannoo kanaan adda kan bahu ta’a.

Tartiiba Hojilee Gurguddoo sochii hojii kana keessatti hammataman

  • Fedhii maamitoota garaagaraa adda baasuu

  • Omishaalee odeeffannoon gabaa irratti guuramu adda baasuu

  • Gabaalee odeeffannoon irraa sassaabaman (biyya keessaa fi alaa) adda baasuu

  • Toftaalee odeeffannoon itti sassaabamuu fi tamsa’u adda baasuu (mediyaa dabalatee)

  • Media tamsa’ina filachuu/foyyessuu

  1. Sirna odeefannoon itti sassaabamuu fi tamsa’u diriirsuu

Erga gosni, maddi odeefannoo fi haali ittin sasaabamu fi tamsaa’u adda bahee booda hojiin ittin ansu dhan hojjatamuu, Sirna odeefannoon itti sassaabamuu fi tamsa’u diriirsuu ta’a. sirna kanaanis waajiraaleen/wirtuleen ni hundaa’u, meeshaan ni deegaramu, hojjatoni ni qaxaramu, ni leenji’u kana malees sirni hojjachisu danda’u (unkaalee odeefannoon ittin sasaabamuu fi tamsaa’u, yaa’insi odeefannoo esa irra gara esatti haala kamiin kan jeedu, net workiin waliin hidhuu, hordofii fi deegarsaa fi kkf) ni diriiraa.

Tartiiba Hojilee Gurguddoo sochii hojii kana keessatti hammataman

  • Waajjiraalee hundeessu

  • Meeshaalee wirtulee ittin gutuu

  • Humna namaa qaxaruu fi leenjisuu

  • Sirna odeeffannoon itti sassaabamuu fi tamsa’u qopheessuu/foyyeessu



  1. Odeeffanno Sassaabuu Qindeessuu, xinxaluu fi tamsaasuu

Wirtuleen odeefannoo dhabatani sirnii hojjachisuu danda’u erga diriiree booda itti ansu dhan sadarkaa Magaalootaa, Aanaa fi Godinaatti ragaaleen odeefannoo gabaa (gatii, baayin, qullqullinaa fi kkf) guramanii sadarkaa sadarkaatiin qindaa’ani gara Biirooti ni dhangalaa’u. ragaaleen wirtu irra sasaabaman sadarkaa naanootti maddi fi qulqullini isani erga mirkanaa’e booda bifaa bifaatiin (gosa omishaan, aanaan, magaalaan, godinaan fi kkf) qindaa’ani kan tamsaasamu qaban ni tamsaa’u, kan haafan akka ragaatti (databese) ni qabamu.

Tartiiba Hojilee Gurguddoo sochii hojii kana keessatti hammataman

  • Odeeffannoo gabaalee irraa guuruu fi naannoof dabarsuu

  • Odeeffannoo gabaalee irraa darban qindeessuu

  • Xiinxalla odeeffannoo gabaa yeroo adda addaa gaggeessu

  • Odeeffannoo mediyaa adda addaatin tamsaasuu (gatii, qulqul’ina, dhiheessaa fi fedhii omishaa irratti)


    1. Sochii Hojii ‘Babalinaa fi Wal-qunamsiisa (Promotion and Linkege)’


Kaayyoon Sochii Hojii Walqunnamsiisaa fi Babal’isa Gabaa' omishaalee fedhii gabaa irratti hundaahanii sochii adeemsa hojiichaatiin omishaman ulaagaa gabaan barbaaduun akka guutan mijeessu, hubanoo umuu.Akkasumas bu’uraalee deeggarsa gabaa diriiran fayyadamuun omishni bakka omishamerraa gara qaama bituutti akka darbu mijeessuu fi deeggaruudha. Sochiin hojii 'Walqunnamsiisaa fi Babal’isa Gabaa' bu’aalee Hojii garee Bulchinsa Odeefannoo Gabaa akka sabsiitti fayyadamuun kan socha’u yemmuu ta’u, bu’aan isaas omishni omishame gabaa yaadame bira gahee omishtootnis omisha isaan gatii gaariin gurguurachuun bu’aa gaarii argachuu fi itti fufiinsaan omishuufis kaka’umsaa fi haala mijaahaa qabaachuudha. Yeroo omishtootnii omisha gabaan barbaadu (baay'inaa fi sadarkaa qulqul'inaa barbaadamuun, yeroo barbaadamu keessatti, iddoo itti barbaadamu, gatii dorgomaa ta'en) haala ittifufiinsa qabuun omishanii dhiheessan, daldaaltootnii sadarkaa adda addaa irratti gahee xabatan, akkasumas ittifayyadamtootnii omishaa (final consumers) bifuma wal-fakkaatun ni fayyadamu.

Hojilee gurguddoo Sochii wal-qunnamsiisaa fi Babal'isa Gabaa:


  • Exihibishinii qopheessuu

  • W/tajjii marii mijeessuun kan omishuu fi kan bituu giddutti w/qunnamtii mijeessu

  • Midiyaa adda addaa fayyadamun hjojii beeksiisaa fi promoshinii hojjachuu

  • Maxxansa adda addaatin hojii beeksiisaa fi promoshinii hojjachuu, profaayilii omishaalee qopheesuu

  • Barulee qopheesuu dhaan haala gabaa naanichaa yeroo yeroo dhan baasuu

  • Haala gabaa fi gatii hordofuu dhan yeroo yeroo dhan motumaa naannoo fi qamoolee ilaalatuun beeksisuu fi yaada dhiheesuu

  • Hordoffii fi deeggarsaa taasisuu

Yaa’insa sochii hojii “wal-qunnamsisa fi babal’isa Gabaa”


Lakk

Hojiiwwan Hojjataman



Hojii babal’isa gabaa fi w/qunamsisa gabaa



Exihibishinii qopheessuu



W/tajjii marii mijeessuun kan omishuu fi kan bituu giddutti w/qunnamtii mijeessu



Midiyaa adda addaa fayyadamun hjojii beeksiisaa fi promoshinii hojjachuu



Maxxansa adda addaatin hjojii beeksiisaa fi promoshinii hojjachuu, profaayilii omishaalee qopheesuu



Barulee qopheesuu dhaan haala gabaa naanichaa yeroo yeroo dhan baasuu



Haala gabaa fi gatii hordofuu dhan yeroo yeroo dhan motumaa naannoo fi qamoolee ilaalatuun beeksisuu fi yaada dhiheesuu



Hordoffii fi deeggarsaa



Gamaagama hojii gaggeessuun kan fula duraa foyyeessu



Waljijjirraan odeeffannoo qamolee omishuu fi kan bituu giddutti akka umamuu haala mijeessu



Hordoffii fi gamaagama TOG



Toftaan yaada/ komiin maamiltoota/qooda qabdoota irraa ttin sassaabamu qopheessu



Maamiltoota/qooda qabdoota irraa duub-deebii sassaabuu



Waltajjii adda addaa umuun ittiqufiinsa maamiltoota/qooda qabdoota madaaluu



Yaada foyya’insa TOG fuladuraatif maddisisuu




Bu’aa AH ijoo TOG – W/quti omishtootaaf bitattoota giddutti mijaawe

Ibsa Yaa'insa Sochii Hojii ' Wal-qunnamsiisaa fi Babal'isa Gabaa'


  • Yaa’insii hojii kanaa adeemsootni ijoo hojii isaani hojjatani yeroo Piroomoshiniin barbaachisuu fi odeefannoon gabaa sasaabamee qindaa’e erga kufamee booda, akka sabsitti fudhachuun Tajaajila Wal-qunnamsiisaa fi Babal'isa Gabaan hojii isaa ni jalqaba.

  • Omishtoota adda dure ta’an, IMXii, WHG, fi yuniyetnoon warshaa agro-industrii sadarkkaa adda addaa (small scale, and medium scale) dhaabutii, akkasumas hojii bu’aa dabalataa qaban kan akka paakeejingii, fi kkf irratti akka hirmaatan hojii hubannoo umuu fi hojii babal’isa gabaa hojjachu

  • Omishtaalee qorannoon adda bahaan omishamaa jiru irratti hojii babal’isa gabaa hojjachuu.

  • Xiyyeffannaan omishaalee qorannoon adda bahaan irratti haa ta’u male, omishaalee muraasa murteessaa ta’an irrattis, akka barbaachisummaa isaatti, hojiin babal’isa gabaa ni hojjatamaa.

  • Maloota Pirpmoshinii kan akka: igzibishinii fi baazarii fayyadamuun, omishtootnii omishaalee qonnaa fi industrii omishan daldaaltoota sadarkaa adda addaa irratti argaman waliin wal-arguun sochii bittaaf gurgurtaa keessa akka seenan mijeessu.




  1. Adeemsa hojii TOBG Hojiiwwan Raawwataman, Yoom Akka Hojjataman, Istaandaardii Hojii Fi Bakka Itti Hojjataman




Lakk

Hojiiwwan Raawwataman

Yoom akka hojjatamu

Istaandaardii hojii yeroo tokkof (sa’aatiidhaan)

Bakka itti hojjatamu

Kaayyoo diriire



Odeefannoo gabaa sasaabuu, qindeesuu fi tamsaasuu




8870









Fedhii Odeeffannoo Gabaa adda baasuu (Gosa odeef. Fi madda adda baasu)














Fedhii maamitoota garaagaraa qorachuu fi adda baasuu

  • Ragaalee barbaachisan sasaabu

  • Ragaalee sasaabaman qindeesuu fi xinxaaluu

  • Shortlistii feedha odeefannoo gabaa qaamoolee adda addaa qopheessuu

  • Dokumantii qophaa’e irratti manejimantii waliin mari’achuu

  • Dokumantii dhumaa qopheesuu

Jalqaba wagaa irratti

106

Naannoo



Gabaalee odeeffannoon irraa sassaabaman (biyya keessaa fi alaa) adda baasuu

  • Ragaalee barbaachisan sasaabu

  • Ragaalee sasaabaman qindeesuu fi xinxaaluu

  • Dokumantii wixinee qopheessuu

  • Dokumantii qophaa’e irratti manejimantii waliin mari’achuu

  • Dokumantii dhumaa qopheesuu

Feedhiin maamiltootaa erga adda bahee booda kan hojjatamuu ta’a

106

Naannoo



Toftaalee odeeffannoon itti sassaabamuu fi tamsaa’u adda baasuu (mediyaa dabalatee)

  • Ragaalee barbaachisan sasaabu

  • Ragaalee sasaabaman qindeesuu fi xinxaaluu

  • Dokumantii wixinee qopheessuu

  • Dokumantii qophaa’e irratti manejimantii waliin mari’achuu

  • Dokumantii dhumaa qopheesuu

Iddo odeefannoon ittin sasaabamuu erga adda bahee booda

114

Naannoo



Sirna odeff. Itti sassaabamuu fi tamsa’u diirsuu

Toftaa odeefannoon ittin sasaabamuu fi tamsaa ‘u adda bahee booda









Wirtu odeefannoo gabaa ittin sasaabamuu fi tamsaa’u hundeessu

  • Qaamoolee waajira keenuu danda’an wajji mari’achuu

  • Waajira haayamsisuu fi iddoo qopheessuu

Toftaa odeefannoon ittin sasaabamuu fi tamsaa ‘u adda bahee booda

84

Naannoo/Goodina/Aanaa




Humna namaa qaxaruu

  • Sadarkaa fi muxannoo barbaachisuu qopheessuu

  • Beeksisa baasuu fi dorgomtoota galmeessuu

  • Dokmantii dorgoomtootaa calaluu

  • Dorgomtoota filataman waamu

  • Dorgomtoota filataman qorachuu

  • Dorgoomtoota qorannoo darban waamuu

  • Dorgoomtoota moo’atan wajii waligaltee seenuu

Erga Wirtu odeefannoo gabaa ittin sasaabamuu fi tamsaa’u hundaa’e booda


296

Naannoo/Goodina/Aanaa




Hojjatoota TOG haaraan qaxaraman fi kan turan Leenjjisuu

  • Maanuwaalii leenjii qopheessuu

  • TORii qopheessuu

  • Iddoo leenjiin ittin keenamuu qopheessuu

  • Hojjatoota leenjii’aniif waamicha dabarsuu

  • Leenjii keenuu

Hojjatootni TOG erga qaxaramanii booda

200

Naannoo



Wirtulee Meeshaan deegaru

  • Meeshaaleen barbaachisan akka bitaman ‘spheesifikeeshni’ qopheessuu fi gaafii dhiheesuu

  • Meshaalee geejibu fi raabsuu

Hojjatootni TOG erga qaxaramanii booda

560

Naannoo/Goodina/Aanaa




  • Sirna odeeffannoon itti sassaabamuu fi tamsa’u qopheessuu/foyyeessu












Odeeffanno Sassaabuu Qindeessuu, xinxaluu fi tamsaasuu

  • Toftaalee odeeffannoon itti sassaabamuu fi tamsa’u adda baasuu

  • Odeeffannoo gabaalee irraa guuruu fi naannoof dabarsuu

  • Odeeffannoo gabaalee irraa darban qindeessuu

  • Xiinxalla odeeffannoo gabaa yeroo adda addaa gaggeessu

  • Odeeffannoo mediyaa adda addaatin tamsaasuu (gatii, qulqul’ina, dhiheessaa fi fedhii omishaa irratti)

Erga Hojjatootni TOG leenji’an booda



7424

Naannoo/Goodina/Aanaa





Hojii babal’isa gabaa fi w/qsisa gabaa




5455









Exihibishinii qopheessuu

Erga wamamni hirmaatootaaf godhamee booda

480

Naannoo/Godina




W/tajjii marii mijeessuun kan omishuu fi kan bituu giddutti w/qunnamtii mijeessu


Sodaan rakoo gaba yoo mul’atu

1440

Naannoo/Godina/Aanaa




Midiyaa adda addaa fayyadamun hjojii beeksiisaa fi promoshinii hojjachuu


Erga ragaaleen xinxaalaman booda

480

Naannoo/Goodina/Aanaa




Maxxansa adda addaatin hjojii beeksiisaa fi promoshinii hojjachuu, profaayilii omishaalee qopheesuu


Erga ragaaleen xinxaalaman booda

480

Naanno




Barulee qopheesuu dhaan haala gabaa naanichaa yeroo yeroo dhan baasuu


Erga ragaaleen xinxaalaman booda

480

Naannoo




Haala gabaa fi gatii hordofuu dhan yeroo yeroo dhan motumaa naannoo fi qamoolee ilaalatuun beeksisuu fi yaada dhiheesuu


Erga ragaaleen xinxaalaman booda

365

Naannoo/Godina/Aanaa




Hordoffii fi deeggarsaa


Kurmaan akurmaanaan

320

Naannoo/Goodina




Gamaagama hojii gaggeessuun kan fula duraa foyyeessu


Erga hordofiin gaggeefamee boda

320

Naannoo/Goodina/Aanaa




Waljijjirraan odeeffannoo qamolee omishuu fi kan bituu giddutti akka umamuu haala mijeessu

Kurmaan akurmaanaan

320

Naannoo/Goodina/Aanaa




Hordoffii fi gamaagama TOG











10.1.

Toftaan yaada/ komiin maamiltoota/qooda qabdoota irraa ttin sassaabamu qopheessu


Jalqaba wagaa irratti

100

Naannoo/Goodina/Aanaa


10.2.

Maamiltoota/qooda qabdoota irraa duub-deebii sassaabuu


Erga odeefannoon tamsaa’e booda

200

Naannoo/Goodina/Aanaa


10.3.

Waltajjii adda addaa umuun ittiqufiinsa maamiltoota/qooda qabdoota madaaluu

Kurmaana kurmaanaan

320

Naannoo/Goodina/Aanaa


10.4.

Yaada foyya’insa TOG fuladuraatif maddisisuu


Waltajiin erga gaggeefamee booda

150

Naannoo





BIIROO DALDALA FI MISOOMA GABAA OROMIYAA


Yüklə 432,84 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin