Mootummaa naannoo oromiyaatii


Haal Duree Hojii Qorannoo JBAH Mijeessuu



Yüklə 413,82 Kb.
səhifə3/10
tarix24.11.2017
ölçüsü413,82 Kb.
#32730
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10

1.4. Haal Duree Hojii Qorannoo JBAH Mijeessuu

Jijjiirama bu’uuraa qulqullina, ga’umsaa fi itti-fufiinsa qabu mirkaneessuuf qorannoo jijjiirama bu’uuraa adeemsa hojii saffisaa fi qindoomina qabu haala amansiisaan geggeessuun murteessaadha. Kanuma dhugoomsuuf abbaataayitichi qorannoo JBAH geggeessuun dura qophiiwwanii addaa addaa taasiseera. Qophiiwwan duraa qorannoo JBAH raawwachuuf taasifaman keessaas:


Garee Tekinikaa Qorannoo JBAH hundeessuu: Garee tekinikaa qorannoo JBAH ogeessota 6 of-keessatti hammate dameewwaan tekinikaa fi Daggersaa abbaataayitichi hundaa haala hirmaachiseen hundeefamee jira. Gareen qorannoo JBAH kunis muuxannoo fi hubannoo hojiilee abbaataayitichaa, kaka’umsa hojii fi fedhii jijjiiramaa isaan qaban irratti hunda’uun manajimentiin ol-aanaa abbaataayitichaatiin kan filamaniidha. Leenjii sadarkaa hubannoo garee tekinikaa cimsu JBAH irratti guyyoota tokkof ogeeyyii ol-aannoo Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaattiin kennameera.
Koree Ol-aanaa (CZAR) Hundeessuu: - Koree ol-aanaan (CZAR) miseensota shan(5) of-keessatti hammate ooggantoota ol-aanaa abbaataayitichaairraa hundeeffameera.
Quunnamtii (Communication):- Barbaachisummaa JBAH fi hojiin qorannoo abbaa taayitichaakeessatti hojii eeggaluun duraa hubannoo uumuuf mareen yeroo lamaafooggantootaaabbaataayitichaawaliin geggeeffameera. Halumaa kanaan koreen teekinikaa koree CZARwaliin torbaaniitti guyyaa tokkoo (sanbataa xiqaa ) walga’uun mariin akka gaggeefamuu karoorfamee jira.

1.5. Kaayyoo Qorannoo JBAH

1.5.1. Kaayyoo Gooroo (General Objective)

Jijjirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii ATMJO irratti gaggeesuudhaan tajaajila saffisa, qulqullina, bu’aa qabeessaa fi itti-fufiinsa qabu maamiltootaaf kennu,



1.5.2. Kaayyoo Gooree (Specific Objectives)





  • Jijjirama ajaa’ibaa tajaajila irratti fiduu;

  • Baasii sadarkaa ol-aanaan hirrisuu;

  • Fedhii maamila keenya guutuun itti-quufinsa isaani mirkaneessuu;

  • Dorgommii cimaa fi jijjiirama ariifataa yeroo ammaa jiru wajjin deemuu danda’uu;

  • Bu’aa fi qulqullina hojii keenya daran dabaluu;

  • Sadarkaa kenniinsa tajaajilaa ol-kaasuu;


1.6. Daangaa Qorannoo

Daangaan qorannoo kana haala hojiimmata qorachuudhaan filannoowwaan barbaachisan hunda xiinxaluudhaan adeemsaalee hojii haaraa ummu fi hojii irraa oolchuu.


1.7. Tooftaalee Qorannoo





  • Aangoo, hojii, ergama fi galmoota tarsiimoo mana hojiichaa hubachuu

  • Hojiiwwaan amma hojatama jiran maalif akka hojjetama jiran hubachuu

  • Yaada fi fedhii maamiltoonnii fi dhimmamtoonnii bu’aa adeemsichaa irratti qaban sakata’uu

  • Maappii adeemsichaa qopheessuu fi Yaa’insa hojii haala amma jiruun kaa’u

  • Rakkoolee, Seerota fi Yaadamoota adda baasuu

  • Gurmaa’insa adeemsa hojii bifa haaraan gurmeessuu (redesign)

1.8. Gurma’ina Caasaa ATMJO Amma Jiruu fi Gahee Hojii

Hojiiwwaan gurguddoo Abbaatayitichaangaggeeffaman keessaa hojiiwwaan Qorannoo fi Dizaayinii, Bulchinsaa Kotraataa fi To’anno hojiiwwan Ijaarsaa, Bulchinsaa Iskimoota Jallisii, Hojii Eksteenshini Misooma Jallisii, hirmaanaa ummataa fi Qooda Fuudhatootaa fi kkfn sadarkaa duraa irratti kan caqafamaniidha. Hojiiwwan kan rawwachuun aangoo fi ergama itti kennamee fiixaan baasuuf abbaatayiticha yeroo ammaa Adeemsaahojii tekinikaa shan fi Adeemsaa Hojii Daggersaa shan gurma’ee jira. Waliigalaan yeroo ammaa Abbaatayitichi hojiiwwan armaan olitti caqafaman kan raawwatu dameewwan afur (4) fi tajaajiloota shan (5), akkasumasii Tajajilaa sera, dhimmaa kiroos katiingii (cross cutting) irrittii kan hojjeetaan gurma’uudhaan hojii isaa raawwachaa jira.



    1. Rakkoole Waligalaa Gurma’ina Hojii ATMJO Amma Jiruu

Akkuma waligalaa gurma’inni caasaa Abbaa Taayiticha amma jiru dipaartmeentiin waan ta’eef hanqinaaleen armaan gaditi dhiyaatan ni mul’atu:



  • Hojjiwwan ATMJO wal-fakkaatan kutaalee adda addaa keessatti bittina’anii hojjetamaa jiru. Kunis oggeyyii haala qinda’een itti-fayyadamu irratti dhiiba guddaa umee jira;

  • Hojiiwwaan keessatti wal-harkaa fuudhinsaa fi duubdeebin waan baayyatuuf gulantaalee heddu keessa darba, bu’aa bahii hedduu qabaachu

  • Gurma’insi jiru fedhii maamilaaa irratti kan huda’e ta’u dhabuu;

  • Hojiiwwaan cicatootaa fi bu’aa hojii ifatti kan hin mul’isneef madaaluuf mijaa’a ta’u dhabuu;

  • Oggeeyyin angefamuu dhabu

  • Hanqina bu’ura misooma (karaa, Ibsa, Bilbila, Kuusaa)

  • Hanqina tajajjilaa liqii fi qabeenya Q/buulaa xiqqaa ta’u (Hanqina kaapitaala)

  • Jijjirama Caasaa jallisii yeroo yeroon raawatamu

  • Sagantaa foyee’insaa sivil –sarvisii hojiirraa olchuu dhabuu

  • Itti fayyadamnnii teekinoolojii Qunnaamtii fi odeeffannoo hojii irraa olchuu dhabuu.

  • Keeninsi tajaajila seeraa gahaa ta’uu dhabuu

  • Bulchiinsii Qabeenyaa Namaa seera fi qajeelfamaa jiruu irratti hunda’ee raawwachuu dhabuu.

  • Karoorri Qopha’uu hirmmmachiisummaa gahaa kan hin qabnee fi hordoofiin hojii lafa ta’uu.

  • To’annoo fi horddooffiin fayiinaansii fi Qabeenyaa irraatti godhamuu lafaa ta’uu

  • Tajaajillii fayiinaansii fi Bittaa walxaaxaa fi yeroo dheeraa kan fudhatuu.

  • Tajaajilli gama Bulchiinsaa qabeenyaa fi Lojiistiikii keennaamaa turee feedhii maamilaa fi dadhabaa ta’uu .

  • Taajaajillii qunnamtii fi odeefannoo tasiifamuu hunddaa kan hammatee hin turree.

  • Hojii korniyaa idileesuu, darggagoo fi HIV/ADIS/tiif xiyeefannoo keennuun hojjeechuu dhabuu

  • Malaammaltummaa, hojummata badaa, hanqina naamusaa, midhaa fi loogii bulchinsa mana hojii keessaa mu’latan dhabamsisuu irratti haala qindoomina qabuu fi walitti dhiheenyaan hojjechuu dhabuu

Fakkii- Caaseffama Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa yeroo amma

A/H/Qorannoo fi Dizaayinii

A/H/ Ekisteenshinii Qonnaa Jallisii


A/H/Bulchiinsa Iskiimii

A/H/Bittaa fi Bulchiinsa faayinaansii

A/H dhimmaa Komunikeeshinii fi ICT

A/H/Bul.Kontiraataa, Ijaarsaa fi Too’annoo.


A/H. Odiitii keessa fi Inispekshinni
A/H/Bul.Qabeenyaa fi Loojistikii

A/H/Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya Namaa

Waajjira Misooma Jallisii Godinaa

Waajjira Misooma Jallisii Aanaa

I/A H/GaggeessaaEkisteenshinii Qonnaa misooma Jallisii
I/A Hojii Gaggeess Dhiyeessa Bishaan Jallisii

Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa


MNO

A/H/Karooraa fi Sagantaa

A/H/Hirmaannaa Ummataa fi qooda fudhatootaa

Tajaajila Seera

I/A Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Iskiimii


Yüklə 413,82 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin