Mootummaa naannoo oromiyaatii


Ga’ee hojii Ademsaa Hojjii Odiitii Keessa



Yüklə 413,82 Kb.
səhifə4/10
tarix24.11.2017
ölçüsü413,82 Kb.
#32730
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10

1.10 Ga’ee hojii Ademsaa Hojjii Odiitii Keessa



Ga’een hojii seeraan laatameef keessaa isaan gurguddoon:


  • Qaamoleen raawwachiistuu Mootummaa Imaammatoota, Seerotaa fi Qajeelfamoota Ministeera Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Mootummaa Federaalaa fi Naannoo hordofanii hojjachuu isaanii to’achuudha.

  • Akkaataa qabiinsa herrega Mootummaa ni hundeessa, qaamolee raawwachiistuu mootummaatiin hojii irra ooluu isaa to’achuudhaa fi, sanadoota herregaa qorachuudha.

  • Odiitiin keessaa humna namaa gahumsa qabuun gurmaa’uu isaa ni hordofa. Bakka hanqinni jiruttis dhimmi ilaalu waliin mari’achuudhaan akka sirraa’u ni taasisa.

  • Gahee Ademsaa Hojjii Odiitii keessaa seeraan kenname keessaa inni tokko to’annoo gaggeessuudha. Gahee seeraan kennameef kana gaggeessuudhaaf qaamni abbummaan raawwatu jiraachuun barbaachisaa ta’a. Bu’uura kanaan, gahee kana kan raawwatu Adeemsa Hojii Odiitii Keessaa yemmuu ta’u, adeemsi hojii kun maamila alaa bal’aa kan qabuu fi gaheen hojii isaas gamaaggama hojii odiitii gaggeessuu fi dandeettii hojii odiitii cimsuudha. Akka waliigalaatti, gaheen adeemsa hojii kanaa, ATMJO keessatti raawwii hojii mirkaneessuu (asurance) fi tajaajila gorsaa (consultancy service) kennuudha.



Adeemsaa Hojjii Odiitii Keessaa qabeenya murta’aa ATMJO qabuu qusannaadhaan, karoora amansiisaa fi bu’aa-qabeessa ta’een sirni herregaa diriire kabajamee hojii irra ooluu isaa xiinxala herrega hammayyaa ta’een mirkaneessuu fi gamaaggamuudha. Walumaagalatti, hawwii guddina Misooma Diinagdee ATMJO mirkaneessuu keessatti, Sirna Hojii Odiitii Keessaa sirrii ta’e hojii irra oolchuu keessatti, rakkoolee hojiiwwanii qorachuu fi sadarkaadhaan addaan baasuu, hojii eegalame hordofuu, bu’aa argame gamaaggamuu fi tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamu hordofuudha. Haaluma kanaan, haalli amma hojiin odiitii ittiin hojjatamaa jiru, rakkoo adeemsicha keessatti mul’atuu fi haalli haaraan hojichi itti raawwachuu qabu; qorannoo kanaan akka hammatamu ta’eera.

KUTAA LAMA




  1. SADARKAA HUBANNOO (UNDERSTANDING STAGE)




2.1 Adeemsa Hojii Duraanii (Description of the old Process)

Adeemsi Hojii, Hojii Odiitii Keessaa, (oodiitii qabenyaa, oodiitii faayinaansii), hojii odiitii fi hordoffii, hubannoo cimsuu, akkasumas, odiitii addaa taasisuu, xiinxala hojii faayinaansii fi qabeenyaa kan raawwatudha.


Adeemsa Hojii Odiitii sadarkaalee sadii of keessatti qabata. Isaanis: sadarkaa karoorsuu (planning phase), sadarkaa raawwii (execution phase) fi sadarkaa gabaasaa, hordoffii fi dandeettii cimsuu (response phase) dha. Sadarkaa karoorsuu keessatti, kaayyoo, daangaa (scope) fi yeroo raawwii hojii qabata. Kana jechuunis, hojii odiitiitti otoo hin seeniin dura, karoorri hojii odiitii gadi fageenyaan xiinxalamee kan qophe'e dha.
Sadarkaa lammaffaa keessatti, kaayyoo odiitii galmaan gahuun akka danda’amu, ragaalee gahaa sassaabuu, adda baasuu, gamaaggamuu fi galmeessanii qabuu ta’a., sadarkaan sadaffaa fi inni murteessaan immoo argannoowwan mul’atan gabaasa gochuu, hordofuu fi dandeettii hojimaataa cimsuudha. Haaluma kanaan, argannoon odiitii karaa idileetiin (formal reporting) ni gabaafama. Argannoon odiitii, bu’aa hojii odiitii, faayidaa qabeessummaa, qulqullina, barbaachisummaa fi yeroo irratti hundaa’a.
Fakkii: Sadarkalee Odiitii Keessaa

Sadarkaa xiinxalaa

(Execution phase)



Sadarkaa karoorsuu (planning phase)




Sadarkaa gabaasaa, hordoffii fi dandeettii cimsuu (response phase)



  • Karoora hojii odiitii qopheessuu,

  • Kaayyoo odiitii kaa’uu,

  • Karoora hojii xiinxalaa, gabaasaa, hordoffii fi gamaaggamaa kaa’uu,

  • Raawwii odiitiitiif qabeenya (baajata) barbaachisu murteessuu,

  • Kutaa odiitii taasifamu (auditee) waliin marii taasisuu,

  • Karoora odiitii raggaasisuu,

  • Sagantaa hojii odiitii baasuu,

    • Xiinxala gaggeessuu (execution phase)

  • Hojiiwwan odiitii godhaman seenaa duubaa beekuu (argachuu)

  • Ragaalee herregaa fi qabeenyaa odiitiif barbaachisan walitti qabuu,

  • Xiinxala raawwachuu,

  • Argannoowwan irra gahame galmeessuudhaan qabachuu,

  • Gabaasa qopheessuu

  • Wiixinee gabaasaa qopheessuu,

  • Wiixinee gabaasaa irratti marii (exit conference) gochuu,

  • Gabaasa xumuraa qopheessuu,

  • Gabaasa odiitii dabarsuudhaan raawwii isaa hordofuu (follow up)

2.2 Hojiiwwan Gurguddoo Adeemsa Hojii Odiitii Keessaa




2.2.1 Xiinxala Faayinaansii


  • Saanduqa maallaqaa samsuu fi madaallii maallaqa baankii fudhachuu,

  • Gaaffii to’annoo keessaa (internal control questionnaire) guuchisiisuu dhaan wal-amansiisa fudhachuu,

  • Saanduqa banuudhaan lakkoofsa maallaqa callaa fi kan akka maallaqa callaatti lakkaawwaman raawwachuu fi wal-amansiisa fudhachuu,

  • Ragaalee galii fi baasii herregaa fudhachuu,

  • Xiinxala gaggeessuu,

  • Wiixinee gabaasaa qopheessuu,

  • Wiixinee gabaasaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin marii taasisuu,

  • Ragaan qabatamaa wiixinee gabaasaa jijjiirsisuu dandeessisu yoo jiraate galmeessanii qabachuu,

  • Gabaasa xumuraa qopheessuu dhaan oogganaa mana hojii fi ATMJO dabarsuudhaan raawwii isaa hordofuu,

2.2.2 Xiinxala qabeenyaa





  • Mana kuusaa meeshaa samsuu,

  • Gaaffii to’annoo keessaa guuchisiisuu dhaan wal-amansiisa fudhachuu,

  • Mana kuusaa meeshaa saaquudhaan lakkoofsa meeshaa raawwachuudhaan wal-amansiisa fudhachuu,

  • Ragaalee galii fi baasii meeshaa fudhachuu,

  • Xiinxala gaggeessuu,

  • Wiixinee gabaasaa qopheessuu,

  • Wiixinee gabaasaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin marii taasisuu,

  • Ragaan qabatamaa wiixinee gabaasaa jijjiirsisuu dandeessisu yoo jiraate galmeessanii qabachuu,

  • Gabaasa xumuraa qopheessuudhaan oogganaa mana hojii fi Biirof dabarsuudhaan raawwii isaa hordofuu,

2.2.3 Xiinxala Tasaa (Surprising audit)


a) Lakkoofsa raawwachuu

  • Saanduqa maallaqaa ykn mana kuusaa meeshaa samsuu,

  • Gaaffii to’annoo keessaa (internal control questionnaire) guuchisiisuudhaan wal-amansiisa fudhachuu

  • Saanduqa ykn Mana kuusaa meeshaa saaquudhaan lakkoofsa raawwachuu,

b) Xiinxala gaggeessuu

  • Sirrummaa Galmeewwanii fi leejarootaa mirkaneessuu,

  • Lakkoofsaa fi galmeewwan waliin madaaluu,

C) Gabaasa dhiyeessuu

  • Wiixinee gabaasaa qopheessuu,

  • Wiixinee gabaasaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin marii taasisuu,

  • Ragaan qabatamaa wiixinee gabaasaa jijjiirsisuu dandeessisu yoo jiraate galmeessanii qabachuu,

  • Gabaasa xumuraa qopheessuudhaan oogganaa mana hojiitiif dabarsuu

  • Raawwii gaabaasaa hordofuu,



2.2.4 Gamaaggama Gabaasa Hojii Odiitii fi Hordoffii /Follow-up





  • Gabaasa ATMJO dhiyaate ragaa gahaadhaan deeggaramuu isaa, sirrummaa isaa, qulqullina isaa fi sadarkaa gabaasa odiitii kan eeggate ta’uu isaa gamaaggamuudhaan mirkaneessuu,

  • Bu’aan gamaaggama odiitii argame: yaada fooyya’insaa odiitara keessaatiin dhiyaate (yoo jiraate), yeroo murtaa’e keessatti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamee sirraa’uu isaa hordofuu,

  • Qabxiileen akka sirreeffaman ibsaman hundi sirreeffamuu isaanii mirkaneessuu,

  • Tarkaanfiin otuu hin fudhatamiin yoo hafe,ATMJO maliif akka tarkaanfii fudhachuu dadhabeef qulqulleessuudhaan furmaata akka argatu gochuu.




Yüklə 413,82 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin