Mootummaa naannoo oromiyaatii


KUTAA SADII Adeemsaa Hojii Irra Deebii'anii Kuurfessuu (Redesigning)



Yüklə 413,82 Kb.
səhifə7/10
tarix24.11.2017
ölçüsü413,82 Kb.
#32730
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10

KUTAA SADII




  1. Adeemsaa Hojii Irra Deebii'anii Kuurfessuu (Redesigning)

Adeemsa Hordoffii fi Deeggarsa Odiitii Keessaa odiitii keessaa sadarkaa hubannoo keessatti haaluma hubatameen tajaajilli amma kennamaa jiruu fi fedhiif haawwiin maamiltootaa jiru jidduu, garaagarummaan waan jiruuf JBAH Hojachuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.


Akkuma waliigalaatti, JBAH akka hojatamu kan barbaachisuuf, qajeeltoowwan sadiidha. Isaanis: Fedhii maamilaa, wal-dorgommii (competition) fi jijjiirama yoo ta’an, barreeffama kana keessatti xiyyeeffannoon kan kennameef fedhii maamilaa irratti dha.


Fedhii maamiltootaa

Fedhii maamiltootaa

Irra deebi’anii kurfeessuu

Hanqina raawwii

(Performance gap)





Haala amma hojjetamaa jiruun

Haala amma hojjetamaa jiruun



3.2 Barmaatilee moofaa cabsuu fi yaada haaraa burqisiisuu (Breaking the old assumptions and generating new idea)


Lakk.

Rakkoolee

Sababa rakkinichaa (Seera)

Yaadamoota amma jiran (existing assumptions)

Sababa yaadamtichi cabuuf

Yaadamoota haarawaa

1

Bu’aa odiitii irratti Tarkaanfii fudhatamu dhabuu













2

Odiitiin raawwatamaa jiru odiitii faayinaansii qofa ta’uu.

Seera hin barreeffamiin

(haala baratameen)



Odiitiin faayinaansii yoo raawwatame gahaadha jedhamee waan yaadamuuf

Odiitiin faayinaansii waa’ee galmeeffama sochii herregaa malee kaffaltiin maallaqaa raawwatame, diinagdummaa, ga’umsaa fi bu’aa-qabeessummaa isaa kan hin mirkaneessine waan ta’eef

Odiitii raawwii (performance audit) raawwachuun rakkoo kanaaf furmaata kennuun ni danda’ama

3

Raawwiin odiitii qulqullinaa fi hordofii dhabuu

Seera hin barreeffamiin

(haala baratameen)



Ragaalee hunda odiitii taasisuudhaan qofa badii hambisuun ni danda’ama jedhamee yaadamuudhaan

a) Dogoggora hojimaataa maaltu argame dhimma jedhamu malee sababiin dogoggorichaaf ka’umsa ta’e, maal akka ta’e waan hin ibsamneef,

b) Sirna diriirfame haala barbaadameen hojjetamuu isaa waan hin mirkaneessineef, kanaafuu,



badii hambisuu waan hin dandeenyeef

Sirna odiitii qulqullina mirkaneessuu fi badii hambisu diriirsuun ni danda’ama:

  1. Ragaa hunda xiinxaluudhaan sirni diriire hojii irra ooluu isaa mirkaneessuudhaan badii hambisuu fi qulqullina eegsisu ni danda’ama,

  2. Iddoo sodaa irratti xiyyeeffachuudhaan karoora keessatti dursa keenuudha karoorsuu ni danda’ama,

  3. Qulqullina dhabuu irraa kan ka’e ol-iyyannoon dhihaatee hojiin odiitii doggoggora ta’uun isaa yoo mirkanaa’e, baasii bahe odiitarri akka kaffalu gochuun ni danda’ama.,

  4. Hojii odiitiii keessaa akkaataa Istaandaardii ttin gamaaggamaa keessaa fi alaa gaggeffame qulqullina hojii mirkaneessu ni danda’ama ( mana hojii tokko keessatti hojjata ooguma odiitii qabuu, supariivaazarii dhiyoon fi odiitarrii ofiisaa, akkasumas, qaama alaa ogguma odiitii qabuu mani hojji tokko kan biroo,

4

Gurmaa’inni odiitii odiitaroota aangeesuu dhabuu.

Caaseffamni Itti-gaafatamaa odiitii keessaa Oogganaa mana hojiitiif waan ta’eef


Sirna to’annoo keessaa kan diriirsu manaajmantii (Oogganaa mana hojii waan ta’eef) odiitaroota sirnicha to’atan ni cimsa jedhamee yaadamuudhaan

Oogganaan mana hojii ajaja maallaqaa irratti waan hirmaatuuf odiitarri bilisa ta’ee kan Oogganaan isaa raawwate saaxila waan hin-baafneef

  • Dhimma odiitaraa fi odiitii irratti murtoon kennamu koree Manaajmantiin taa’uu ni danda’ama

  • Koree odiitii dhaabuudhaan walabummaa odiitarootaa eegsisuun ni danda’ama

3.3 Kaayyoo Diriiraa Kaa’uu (Setting Stretch Objective)




3.3.1 Maddawwan Kaayyoo Diriiraa


  • Fedhii maamiltootaa fi dhimmamtootaa,

  • Muuxannoo gaarii

  • Muuxannoo gaarii alaa

  • Muuxannoo gaarii keessaa

Rakkoolee fi hawwii maamiltootaa seektaroota adda addaa keessaa, gaaffii fi deebi’iidhaan, marii gochuu fi gaaffilee guuchisiisuudhaan ragaaleen sassaabamaniiru. Ragaalee fi odeeffannoo sassaabaman irraa akka hubatametti, fedhiinii fi hawwiin maamiltootaa baay’ee dha. Kanaafuu, fedhii maamiltootaa kana ulaagaalee kaa’uudhaan filachuun ykn calaluun barbaachisaa ta’ee jira. Haaluma kanaan, ulaagaaleen armaan-gadii taa’anii jiru.

3.3.2 Fedhiiwwan maamiltootaa filatamanii fi kaayyoo diriiraadhaaf bu’uura ta’an





  • Fedhiiwwan maamiltootaa fi dhimmamtootaan yeroo baay’ee deddeebi’anii ka’an,

  • Fedhiiwwan maamiltootni cimsanii kaasan,

  • Fedhii murteessaa ta’ee, fedhichi deebi’ii yoo argate, fedhiiwwan birootiif deebi’ii argamsiisuu danda’u,

  • Fedhiiwwan ykn hawwii dhimmamtoota murteessoo (key stakeholders) ta’aniin ka’an,

Bu’uura ulaagaalee armaan olitti ta’aniitiin fedhiiwwan maamiltootaa fi dhimmamtootaa cuunfaman akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru.

  1. Gabaasa yeroo isaa eeggate argachuu,

  2. Gabaasa sadarkaa (standard) isaa eeggatee fi qulqulluu argachuu,

  3. Odiitiin raawwii akka gaggeeffamu fedhu,

  4. Gabaasa odiitii irratti manaajmantiin tarkaanfiin akka fudhatamuu fi hojii irra akka oolu barbaadu.

3.3.3 Fedhii, Bu’aa, Milkaa’ina Galmaa Fi Kaayyoo Diriiraa





Lakk.

Fedhii Maamilaa /Dhimmamtootaa

Bu’aa (output)

Milkaa’ina galmaa (desired outcome)

Kaayyoo diriiraa (stretch objectives)

1

Gabaasa odiitii qulqulluu fi sadarkaa isaa eeggate yeroon argachuu,

Gabaasa qulqulluu, sadarkaa isaa eeggatee fi yeroodhaan dhihaate

Hojimaata sirraa’ee qabeenyi ATMJO akkaataa kaayyoo kaa’ameen hojii irra oolee argame



Gabaasa odiitii hojjatame, gabaafamu garaagarummaa tokko malee bu’aa wal-fakkaatu irra gahee kan argamee fi gabaasa dhugaa, ifaa, al-loogummaa of-keessaa hin-qabne, barumsa kennuu haala danda’uun, guutuu fi yeroodhaan kan dhiyaate ta’ee itti-quufiinsa maamiltootaa kan mirkanaa’e


2

Odiitiin raawwii

Gabaasa odiitii irratti tarkaanfiin akka fudhatamuu fi tarkaanfichi hordofamee akka hojii irra oolu barbaadu.



Gabaasa

Tarkaanfii sirreeffamaa fudhatamee hojii irra oole



Maallaqa fi Qabeenya Deebi'ee argame.

Gabaasa odiitii Battalatti Murtii Argatee Maamiltoota ol'aantummaan itti quufinsa argatan.

3


Oodiitiin raawwatamu kan faayinaansii qofa osoo hin tain kan Qabeenyaas akka dabalatu barbaadu..

Ooditii Faayinaansi fi Qabeenya irratti raawwate.

Ooditii raawwateen Qabeenyaa fi Maallaqa Qisaasama irraa bilisa ta'e .

Ooditii faayinaansii fi Qabeenyaa Qulqullinnaan, Yeroo fi Baasii Madaalawaan raawwachuun itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuu.




Yüklə 413,82 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin