Mootummaa naannoo oromiyaatii


Yaa’insa Adeemsa Hojii Haaraa Hordoffii fi Deeggarsa Odiitii Keessaa



Yüklə 413,82 Kb.
səhifə8/10
tarix24.11.2017
ölçüsü413,82 Kb.
#32730
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10

3.4 Yaa’insa Adeemsa Hojii Haaraa Hordoffii fi Deeggarsa Odiitii Keessaa




A. Yaa’insa Hojii Ooditii Faayinaansii





  1. Hordoffii gabaasa odiitii dura darbe raawwachuu

  • Gabaasa duraan darbe keessatti argannoowwanii fi yaada fooya’insaa dhiyaatan walitti-qabuu,

  • Argannoowwanii fi yaada fooyya’iinsaa tarkaanfiin irratti fudhatamanii fi hin fudhatamiin addaan baasuu,

  • Marii itti gala odiitii (entry confirance) gaggeessuu,

  • Gabaasa argannoo tarkaanfiin irratti hin fudhatamiin addaan baasuudhaan qopheessuu,

  1. Kooppii gabaasaalee faayinaansii fudhachuu

  2. Gaaffilee qopheessuudhaan guuchisiisuu

  3. Sagantaa odiitii qopheessuu

  4. Odiitii raawwachuu

  • Gabaasaalee madaallii herregaa (Trial Balance -TB) waliin ilaaluu,

  • Gabaasaalee Leejarootaa waliin ilaaluu

  • Leejera mirkaneessuu

  • Leejera galmee sochii herregaa waliin ilaaluu

  • Hojii hojjatameef argannoo argame waraqaa hojii (working paper) irratti galmeessanii qabachuu

  1. Hojiin hojjatame sagantaa ba’een raawwatamuu isaa mirkaneessuuf tartiiba hojii (check-List) waliin ilaaluu

  2. Garaagarummaa sirna to’annoo keessaa mana hojiitiin diriiree ittiin hojjatamaa jiruu fi haala hojjatamee argame addaan baasuu (comparing what should be with what is)

  3. Gabaasa qopheessuu

  • Wiixinee gabaasaa qopheessuu

  • Qulqqullinni gabaasaa eegamuu isaa gaggeessaa adeemsa hojii odiitiitiin akka mirkanaa’u gochuu,

  • Gabaasa qulqqullinni isaa mirkanaa’e mariin akka irratti taasifamuu gochu.

  1. Marii ykn konfiransii odiitii raawwachuu

  • Qabxiilee irratti marii’ataman qopheessuu,

  • Qabxiilee qophaa’an irratti marii’achuu,

  • Marii irratti ragaa qabatamaan dhihaate wiixinee gabaasaa qophaa’ee ture kan jijjiirsisu yoo mudate galmeessanii qabachuu

  1. Gabaasa xumuraa qopheessuu

Yaada marii irratti ragaa qabatamaadhaan dhihaate irratti walii galame itti dabaluudhaan gabaasa xumuraa qopheessuudhaan qamaa ilaallatitti dhiheessuu

  1. Hojii hordoffii (follow up) gabaasa odiitii

  2. Tarkaanfiin sirreeffamaa gabaasa odiitii keessatti ibsame raawwatamuu isaa hordofuu



B. Yaa’insa Hojii Ooditii Qabeenyaa




  1. Hordoffii gabaasa odiitii duraan darbee gochuu


  • Gabaasa duraan darbe keessatti argannoowwanii fi yaada fooyya’insaa dhiyaatan walitti qabuu,

  • Argannoowwanii fi yaada fooyya’insaa tarkaanfiin irratti fudhatamanii fi hin fudhatamiin addaan baasuu,

  • Marii itti gala odiitii (entry confirance) gaggeessuu,

  • Gabaasa argannoo tarkaanfiin irratti hin fudhatamiin addaan baasuudhaan qopheessuu,

  1. Ragaalee walitti qabuu

  2. Kooppii gabaasa qabeenyaa fudhachuu

  3. Gaaffilee qopheessuudhaan guuchisiisuu

  4. Sagantaa odiitii qopheessuu

  5. Odiitii raawwachuu

  • Gabaasa qabeenyaa galmee waliin ilaaluu,

  • Gabaasa qabeenyaa, qabeenya qaamaan jiru waliin ilaaluu,

  • Hojii hojjatameef argannoo argame waraqaa hojii (working paper) irratti galmeessanii qabachuu

  1. Hojiin hojjatame sagantaa ba’een raawwatamuu isaa mirkaneessuuf tartiiba hojii (check List) waliin ilaaluu

  2. Garaagarummaa sirna to’annoo keessaa mana hojiitiin diriiree ittiin hojjatamaa jiruu fi haala hojjatamee argame addaan baasuu (comparing what should be with what is)

  3. Gabaasaa qopheessuu

  • Wiixinee gabaasaa qopheessuu

  • Wiixinee gabaasaa qophaa’e, adeemsa hojii odiitiitiif dhiheessuu

  • Qulqqullinni gabaasaa eegamuun isaa gaggeessaa adeemsa hojii odiitiitiin akka mirkanaa’u gochuu,

  • Gabaasa qulqqullinni isaa mirkanaa’e mariin akka irratti godhamuuf qaama odiitii ta’eef qaama odiitii taasisiiseef dhiheessuu

  1. . Marii ykn konfiransii odiitii raawwachuu

  • Qabxiilee irratti marii’atamu qopheessuu,

  • Qabxiilee qophaa’an irratti marii’achuu,

  • Marii irratti ragaa qabatamaan dhihaatee wixinee gabaasaa qophaa’ee ture kan jijjiirsisu yoo mudate galmeessanii qabachuu

  1. Gabaasa xumuraa qopheessuu

Yaada marii irratti ragaa qabatamaadhaan dhihaate irratti walii galame itti dabaluudhaan gabaasa xumuraa qopheessuudhaan Qammaam Ilaaluu dhiheessuu

12. Hordoffii Gabaasa Odiitii (follow up Report)

Tarkaanffiin sirreeffamaa gabaasa odiitii keessatti ibsame raawwatamuu isaa hordofuu

C. Odiitii Raawwii (performace audit)

Garaagarummaan odiitii faayinaansii fi odiitii raawwii gidduu jiru, inni duraa galmeeffamoonni herregaa sirnaan galmaa’uu isaanii, galmeeffamoonni kunis: sirna qabiinsa herregaa (accounting principles) fi ulaagaalee odiitii (audit standards) eeggatee kan raawwatame ta’uu isaa kan gabaasu ta’ee, daangaan isaas yeroo baay’ee kan irratti hundaa’u yeroo murtaa’e keessatti, galmeewwan faayinaansii fi dhimmoota galmeewwan faayinaansii waliin wal-qabatanidha. Karaa biraa immoo, odiitiin raawwii (performance audit) hojiiwwan hojjataman, Diinagdummaa (economy), Bu’aa-qabeessummaa (efficiency) fi milkaa’ina hojii (effectiveness) tiin raawwatamuu isaa kan mirkaneessuu fi adeemsawwan hojii gara fuula duraatti raawwataman fooyyessuudhaaf kan gargaarudha. Haaluma kanaan, odiitiin faayinaansii hojii raawwatame kan madaalu ykn mirkaneessuuf kan gargaaru (retrospective) yoo ta’u, odiitiin raawwii immoo, irra caalaa gara fuula duraatti hojiiwwan hojjataman irratti fooyya’insa fiduudhaaf (oriented towards future) kan gargaarudha.


Yaa’insa Hojii Odiitii Raawwii

    1. Sadarkaa karoorsuu

    1. Karoora tarsimmaa’aa qopheessuu (strategic plan of performance audit)

      • Seecce’a walii galaa gaggeessuu (performing general survey)

      • Jijjiirama jiru galmeessuu (marking)

    1. Iddoo odiitiin irratti gaggeeffamu filachuu (selecting potential audit area)

    2. Qorannoo baasummaa gaggeessuu (feasibility study)

  • Kaayyoo fi daangaa qorannoo kaawwachuu

  • Ulaagaa kaawwachuu (establish evaluative criteria)

  • Yaada irra gahamuun malame addaan baasuu (identifying likely conclusion)

  • Yaada fooyya’insaa ta’uu malan kaa’uu (identifying expected recommendations)

  • Tooftaa qorannoo filachuu (Delimit methodology)

  • Ragaaleen jiraachuu isaanii sakata’uu (Assess required information)

  • Horataalee qorannicha fiixaan baasuuf barbaachisan jiraachuu isaanii mirkaneessuu (Assess required resources)

  • Sagantaa hojii, yeroo fi baajata qorannoof oolu qopheessu

  • Gabaasa baasummaa qopheessuu

  • Odiitii ni taasifamaa? (is it feasible or not?)

  • Hin taasifamu! bakkee odiitii biroo filachuudhaa fi saganticha odiitii addaatiin qulqulleessuu

  • Eeyyeen! qophii karooraa gad-fageenyaa qopheessuu

1.4 Karoora xiinxalaa qopheessuu (main investigation planning)

1.4.1 Karoora keessa deebi’uu

1.4.2 Gosaa fi madda ragaalee odiitii adda baasuu (identifying types & sources of audit evidence)

1.4.3 Tooftaa ragaaleen itti sassaabaman filachuu (select evidence gathering technique

14.4 Sagantaa odiitii gadi fageenyaa qopheessuu (prepare audit program)


2. Odiitii gad-fageenyaan raawwachuu (execution phase)


2.1 Ragaalee odiitii walitti qabuu (gathering audit evidences)

2.2 Ragaalee odiitii xiinxaluu (analyzing audit evidences)

2.3 Ragaalee odiitii (waraqaa hojii) sirriitti olkaa’uu (setting document evidences)

Sadarkaa kana irratti yaada xumuraa irra gahuudhaaf, ragaaleen quubsaan sassaabamuun isaa mirkanaa’ee jira. Kanaafuu, gaaffileen armaan gaditti tarreeffaman qorannoo gadi fageenyaa keessatti kanneen deebii argachuu qabanidha:



  • Hojichi maaliif hojjatama?

  • Maaliif haala amma hojjatamaa jiruun hojjatama?

  • Hojichi bu’aa dabalataa fidaa?

  • Raawwiin hojichaa akkamitti madaalama?

  • Hojichi diinagdummaa, ga’umsaa fi bu’aa-qabeessummaa qabaa?

  • Hojiin hojjatamaa jiru ga’umsaa fi bu’aa-qabeessummaa isaa otuu hin hanqisiin gatii gadi aanaadhaan raawwatamaa?

  • Hojii amma hojjatamaa jiruu ol ga’umsaa fi bu’aa-qabeessummaadhaan hojjatamuu danda’aa?

  • Odiitii taasisuudhaan faayinaansii (finacial impact) irratti jijjiiramni inni fiduu danda’u maal? qabxileen kanneen deebii argachuu qabu.

2.4. Gabaasa Ooditii Raawwii qopheessuu

2.4.1 Wixinee gabaasaa bu’aa oodiitii xumuraa qopheessuu (derive prelminary audit conclusions)

Qulqullinni gabaasaa eeggamuun isaa gaggeessaa adeemsa hojii odiitiitiin akka mirkanaa’u gochuu,

2.4.2. Marii ykn konfiransii ooditii raawwachuu



  • Qabxilee irratti marii’atamu qopheessuu,

  • Qabxilee qophaa’an irratti marii’achuu,

  • Marii irratti ragaa qabatamaan dhihaatee wixinee gabaasaa qophaa’ee ture kan jijjiirsisu yoo mudate galmeessanii qabachuu

3. Gabaasa xumuraa qopheessuu

  • yaada marii irratti ragaa qabatamaadhaan dhihaatee, irratti walii galame itti dabaluudhaan gabaasa xumuraa qopheessuudhaan ogganaa biirootiif dhiheessuu

3.1 Hojii hordoffii (follw up) gabaasa odiitii

  • Tarkaanfiin sirreeffamaa gabaasa odiitii keessatti ibsame raawwatamuu isaa hordofuu

3.2 Gabaasa goolabame qopheessuu (Wrap-up report)

D. Tajaajila Gorsaa Kennuu (Advisory Service)





        1. Bakka Rakkoon jiru seecce’uudhaan (Risk assessment) gorsa kennuu

Tajaajila gorsaa kennuun, ATMJO galma keewwatan irra gahuuf sodaa quunnamuu danda’u, gamaaggamuu fi sodaadhaaf deebii gahaa kennuudha. Sodaa gamaaggamuu jechuun sodaa qabatamaa addaan baasuu fi seecca’uu yoo ta’u, kunis, kaayyoo mana hojii tokko galmaan gahuuf sodaadhaaf furmaata kennuu jechuudha.
Kenniinsi tajaajilaa kun, badiin erga raawwatamee booda tarkaanfii sirreeffamaa ykn tarkaanfii fudhachuu (Detective control) irra, badiin osoo hin raawwatamiin dura, karaa badii maqsuu/ittisuu ykn dhiphisuu (Preventive control) wayya qajeeltoo (principle) jedhu hojii irra oolchuun akka danda’amuuf bakkawwan sodaa qaban addaan baasanii xiinxaluudhaan hambisuu haala dandeessisuun yaada furmaataa qopheessuudhaan dhiheessuudha.

        1. Ga’umsa sirna to’annoo keessaa diriire gamaaggamuudhaan (evaluating the adequacy of the system of internal control) gorsa kennuu.

Sirni to’anno ATMJO keessatti diriire gamaaggamamee, ciminnii fi dadhabbinni isaa addaan ba’ee, gabaafamuu qaba. Haaluma kanaan, gamaaggamni kun waggaatti si’a lama ta’ee, bifa gorsaatiin manaajmantiidhaaf dhihaata. Kunis, bu’aa qabeessa ta’uu isaa irrayyuu, to’annoo ittisaatiif (preventive control) meeshaa barbaachisaadha.



E. Odiitii Addaa Raawwachuu


  • Ajaaja addaa fudhachuu

  • Humna namaa odiitii tasiisu jirachuu isaa mirkaneesuu:

    • Xiinxala gadi fageenyaa raawwachuu

    • Man-kusaa meeshaa ykn kaazeenaa samsuu fi madaallii maallaqa baankii fudhachuu

    • Gaaffii too’annoo keessaa (Internal control questionnaire) guuchisiisuudhaan wal-amansiisa fudhachuu,

    • Saanduqa ykn man-kuusa meeshaa banuudhaan lakkoofsa maallaqa callaa fi kan akka maallaqa callaatti lakkaawwaman raawwachuu fi wal-amansiisa fudhachuu,

    • Ragaalee galii fi baasii herregaa fudhachuu,Gabaasa qopheesuu

    • Wiixinee gabaasaa qopheessuu,

    • Wiixinee gabaasaa irratti marii taasisuu,

    • Ragaan qabatamaa wiixinee gabaasaa jijjiirsisuu dandeessisu yoo jiraate galmeessanii qabachuu,

    • Gabaasa xumuraa qopheessuu fi qaama ajaja dabarseef dabarsuu Raawwii gabaasaa hordofuu,

Yüklə 413,82 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin