|
KUTAA SADII
Adeemsaa Hojii Irra Deebii'anii Kuurfessuu (Redesigning)
|
səhifə | 7/10 | tarix | 24.11.2017 | ölçüsü | 413,82 Kb. | | #32730 |
| KUTAA SADII
Adeemsaa Hojii Irra Deebii'anii Kuurfessuu (Redesigning)
Adeemsa Hordoffii fi Deeggarsa Odiitii Keessaa odiitii keessaa sadarkaa hubannoo keessatti haaluma hubatameen tajaajilli amma kennamaa jiruu fi fedhiif haawwiin maamiltootaa jiru jidduu, garaagarummaan waan jiruuf JBAH Hojachuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.
Akkuma waliigalaatti, JBAH akka hojatamu kan barbaachisuuf, qajeeltoowwan sadiidha. Isaanis: Fedhii maamilaa, wal-dorgommii (competition) fi jijjiirama yoo ta’an, barreeffama kana keessatti xiyyeeffannoon kan kennameef fedhii maamilaa irratti dha.
Fedhii maamiltootaa
Fedhii maamiltootaa
Irra deebi’anii kurfeessuu
Hanqina raawwii
(Performance gap)
Haala amma hojjetamaa jiruun
Haala amma hojjetamaa jiruun
3.2 Barmaatilee moofaa cabsuu fi yaada haaraa burqisiisuu (Breaking the old assumptions and generating new idea)
Lakk.
|
Rakkoolee
|
Sababa rakkinichaa (Seera)
|
Yaadamoota amma jiran (existing assumptions)
|
Sababa yaadamtichi cabuuf
|
Yaadamoota haarawaa
|
1
|
Bu’aa odiitii irratti Tarkaanfii fudhatamu dhabuu
|
|
|
|
|
2
|
Odiitiin raawwatamaa jiru odiitii faayinaansii qofa ta’uu.
|
Seera hin barreeffamiin
(haala baratameen)
|
Odiitiin faayinaansii yoo raawwatame gahaadha jedhamee waan yaadamuuf
|
Odiitiin faayinaansii waa’ee galmeeffama sochii herregaa malee kaffaltiin maallaqaa raawwatame, diinagdummaa, ga’umsaa fi bu’aa-qabeessummaa isaa kan hin mirkaneessine waan ta’eef
|
Odiitii raawwii (performance audit) raawwachuun rakkoo kanaaf furmaata kennuun ni danda’ama
|
3
|
Raawwiin odiitii qulqullinaa fi hordofii dhabuu
|
Seera hin barreeffamiin
(haala baratameen)
|
Ragaalee hunda odiitii taasisuudhaan qofa badii hambisuun ni danda’ama jedhamee yaadamuudhaan
|
a) Dogoggora hojimaataa maaltu argame dhimma jedhamu malee sababiin dogoggorichaaf ka’umsa ta’e, maal akka ta’e waan hin ibsamneef,
b) Sirna diriirfame haala barbaadameen hojjetamuu isaa waan hin mirkaneessineef, kanaafuu,
badii hambisuu waan hin dandeenyeef
|
Sirna odiitii qulqullina mirkaneessuu fi badii hambisu diriirsuun ni danda’ama:
-
Ragaa hunda xiinxaluudhaan sirni diriire hojii irra ooluu isaa mirkaneessuudhaan badii hambisuu fi qulqullina eegsisu ni danda’ama,
-
Iddoo sodaa irratti xiyyeeffachuudhaan karoora keessatti dursa keenuudha karoorsuu ni danda’ama,
-
Qulqullina dhabuu irraa kan ka’e ol-iyyannoon dhihaatee hojiin odiitii doggoggora ta’uun isaa yoo mirkanaa’e, baasii bahe odiitarri akka kaffalu gochuun ni danda’ama.,
-
Hojii odiitiii keessaa akkaataa Istaandaardii ttin gamaaggamaa keessaa fi alaa gaggeffame qulqullina hojii mirkaneessu ni danda’ama ( mana hojii tokko keessatti hojjata ooguma odiitii qabuu, supariivaazarii dhiyoon fi odiitarrii ofiisaa, akkasumas, qaama alaa ogguma odiitii qabuu mani hojji tokko kan biroo,
|
4
|
Gurmaa’inni odiitii odiitaroota aangeesuu dhabuu.
|
Caaseffamni Itti-gaafatamaa odiitii keessaa Oogganaa mana hojiitiif waan ta’eef
|
Sirna to’annoo keessaa kan diriirsu manaajmantii (Oogganaa mana hojii waan ta’eef) odiitaroota sirnicha to’atan ni cimsa jedhamee yaadamuudhaan
|
Oogganaan mana hojii ajaja maallaqaa irratti waan hirmaatuuf odiitarri bilisa ta’ee kan Oogganaan isaa raawwate saaxila waan hin-baafneef
| -
Dhimma odiitaraa fi odiitii irratti murtoon kennamu koree Manaajmantiin taa’uu ni danda’ama
-
Koree odiitii dhaabuudhaan walabummaa odiitarootaa eegsisuun ni danda’ama
|
3.3 Kaayyoo Diriiraa Kaa’uu (Setting Stretch Objective)
3.3.1 Maddawwan Kaayyoo Diriiraa -
Fedhii maamiltootaa fi dhimmamtootaa,
-
Muuxannoo gaarii
-
Muuxannoo gaarii alaa
-
Muuxannoo gaarii keessaa
Rakkoolee fi hawwii maamiltootaa seektaroota adda addaa keessaa, gaaffii fi deebi’iidhaan, marii gochuu fi gaaffilee guuchisiisuudhaan ragaaleen sassaabamaniiru. Ragaalee fi odeeffannoo sassaabaman irraa akka hubatametti, fedhiinii fi hawwiin maamiltootaa baay’ee dha. Kanaafuu, fedhii maamiltootaa kana ulaagaalee kaa’uudhaan filachuun ykn calaluun barbaachisaa ta’ee jira. Haaluma kanaan, ulaagaaleen armaan-gadii taa’anii jiru.
3.3.2 Fedhiiwwan maamiltootaa filatamanii fi kaayyoo diriiraadhaaf bu’uura ta’an
-
Fedhiiwwan maamiltootaa fi dhimmamtootaan yeroo baay’ee deddeebi’anii ka’an,
-
Fedhiiwwan maamiltootni cimsanii kaasan,
-
Fedhii murteessaa ta’ee, fedhichi deebi’ii yoo argate, fedhiiwwan birootiif deebi’ii argamsiisuu danda’u,
-
Fedhiiwwan ykn hawwii dhimmamtoota murteessoo (key stakeholders) ta’aniin ka’an,
Bu’uura ulaagaalee armaan olitti ta’aniitiin fedhiiwwan maamiltootaa fi dhimmamtootaa cuunfaman akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru.
-
Gabaasa yeroo isaa eeggate argachuu,
-
Gabaasa sadarkaa (standard) isaa eeggatee fi qulqulluu argachuu,
-
Odiitiin raawwii akka gaggeeffamu fedhu,
-
Gabaasa odiitii irratti manaajmantiin tarkaanfiin akka fudhatamuu fi hojii irra akka oolu barbaadu.
3.3.3 Fedhii, Bu’aa, Milkaa’ina Galmaa Fi Kaayyoo Diriiraa
Lakk.
|
Fedhii Maamilaa /Dhimmamtootaa
|
Bu’aa (output)
|
Milkaa’ina galmaa (desired outcome)
|
Kaayyoo diriiraa (stretch objectives)
|
1
|
Gabaasa odiitii qulqulluu fi sadarkaa isaa eeggate yeroon argachuu,
|
Gabaasa qulqulluu, sadarkaa isaa eeggatee fi yeroodhaan dhihaate
|
Hojimaata sirraa’ee qabeenyi ATMJO akkaataa kaayyoo kaa’ameen hojii irra oolee argame
|
Gabaasa odiitii hojjatame, gabaafamu garaagarummaa tokko malee bu’aa wal-fakkaatu irra gahee kan argamee fi gabaasa dhugaa, ifaa, al-loogummaa of-keessaa hin-qabne, barumsa kennuu haala danda’uun, guutuu fi yeroodhaan kan dhiyaate ta’ee itti-quufiinsa maamiltootaa kan mirkanaa’e
|
2
|
Odiitiin raawwii
Gabaasa odiitii irratti tarkaanfiin akka fudhatamuu fi tarkaanfichi hordofamee akka hojii irra oolu barbaadu.
|
Gabaasa
Tarkaanfii sirreeffamaa fudhatamee hojii irra oole
|
Maallaqa fi Qabeenya Deebi'ee argame.
|
Gabaasa odiitii Battalatti Murtii Argatee Maamiltoota ol'aantummaan itti quufinsa argatan.
|
3
|
Oodiitiin raawwatamu kan faayinaansii qofa osoo hin tain kan Qabeenyaas akka dabalatu barbaadu..
|
Ooditii Faayinaansi fi Qabeenya irratti raawwate.
|
Ooditii raawwateen Qabeenyaa fi Maallaqa Qisaasama irraa bilisa ta'e .
|
Ooditii faayinaansii fi Qabeenyaa Qulqullinnaan, Yeroo fi Baasii Madaalawaan raawwachuun itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuu.
|
Dostları ilə paylaş: |
|
|