Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə2/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Haala Alaa-Carraa fi Sodaa

  1. Carraa


  • Caaseffamni hojjechiisuu danda’u sadarkaa hundatti diriiruu isaa (Process Based Organizational Structure)

  • Imaamatni misooma magaalaa hojjechiisan jirachuu isaa.

  • Hawaasa fedhii misoomaa qabu fi humni dargaggoo guddaan magaalota keenya keessa jiraachuu.

  • Rakkoo manaa jireenyaa naannichaa hiikuuf qajeelfamni fi dambiin misooma manneenii 40/60, 20/80 fi 10/90 bahee hojii irra akka oolu ta’uu.

  • Kutannoon siyaasaa misooma itti fufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessu jiraachuu dha.

  • Ilaalchaa fi gocha kiraa-sassaabdummaa irratti hawaasni magaalaa dammaqinaan hirmaatee qabsaa’uu egaluu.

  • Caasaan ogeessota (engineers) fi kan biroos hawwatu qorannaa irrattii hundaa’uun biiroo keenyaaf eyyamamuu isaa.
      1. Sodaa


  • Baajataa fi loojistikii jiru bal’ina hojii waliin wal simu dhabuu ni danda’a.

  • Magaalumman babal’achaa deemuun uummanni godansa gara magaalaatti godhu dabaluun walqabatee dhiyyeessii bu’uuraalee misooma waliin walsimuu dhabuun jiraachuu ni danda’a.

  • Qala’insi gatii jirachuun jiruu fi jireenya hawaasa magaalaa ulfessuun hirmaannaa hawaasa xiqqeessuu danda’a.
    1. Dandeesistoota (Haala Mijataa) fi Hudhaalee

      1. Haala Mijataa


  • Humna dandeettii raawwachiisummaa sektarichaa cimsaa deemuu fi caasaa mana hojiichaa foyyeessuuf yaalin guddaan jiraachuu isaa;

  • Qindoominni hojii sektaricha keessatti sadarkaa naannoo irraa jalqabe hanga sadarka gaditti akka lafa qabatuuf hojiin bal’aan hojjatame kan jiru ta’u isaa;

  • Waltajjiin gamaggama seektara magaalaa oli hanga gadiitti qindoominaan gaggeeffamaa turuu isaa, hanqinoota hojii keessatti mul’ataniif tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamaa jiraachuu;

  • Dambii fi Qajeelfamoota hojiif barbaachisan qopheessuu fi hubbannoo irratti uumuuf hojiin guddaan hojjetamaa turuu isaa;

  • Rifoormiwwan magaalaa adda addaa bifa cimee fi xiyyefannoo guddaan hojii irraa olaa jirachuu;

  • Imaammatni misooma magaalaa hojjechisan jiraachuu isaa.

  • Hawaasa fedhii misooma qabu fi humni dargaggoo guddaan magaalota keenya keessa jirachuu.

  • Kutannoon siyaasaa misooma itti fufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessu jiraachuu;
      1. Hudhaalee


Sadarkaa Hoggansaa fi Ogeessaatti Hudhaawwan Adda Ba’an

A) Ilaalcha

  • Amantaa fi kutannoon hojii hunda raayyaa qofaan raawwachuu fi raayyaa lafa qabsiisuun jiru laafaa ta’uu;

  • Ilaalchaa fi gocha kiraasassaabdummaa keessaa bilisa ta’uu fi hadheeffatanii qabsa’uun jijjiirama barbaadamu fiduu dhabuu;

  • Hojii hunda qabsoo gitaatiin gaggeessuurra ilaalcha ittiin bulinnaa keessatti qabamuu;

  • Rifoormiiwwan rakkoo kenna tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii irratti hojiirra oolchuuf kutannoon gaggeessuu dhabuu;

  • Qindoominni sadarkaa sadarkaan jiru hanga barbaadamuun cimsuu dhabuu.

B) Dandeetti

  • Karoora haala guutuu ta’een hojiiwwan hunda of keessatti qabate karoorsuu dhabuu;

  • Hoggansa tokko tokko biratti hojiiwwan gareen qindeessanii gaggeessuu irratti qaawwi kan mul’atu ta’uu;

  • Leenjiiwwan sadarkaa sadarkaan kennaman qaawwa dandeetti jiru qorannoon adda baasuun kennamuu dhabuu fi bu’aa leenjii yeroo yeroon madaalaa deemuu dhabuu;

  • Dandeettiin bulchiinsa piroojeektoota hoggansa sadarkaa sadarkaan bira jiru ga’aa ta’u dhabuu;

  • Dandeettiin raawwachiisummaa seektarootaa gubbaa hanga gadiitti jiru laafaa ta’uu;

C) Dhiyeessi

  • Hanqinni loojistikii sadarkaa sadarkaan jiru furamuu dhabuu;

  • Galteewwan piroojektootaa fi meeshaalee mana hojii keessatti fayyadaa jiran seera qabeessaan fayyadamuu dhabuun qisaasama adda addaaf mootummaa saaxiluu;

  • Ragaawwan adda addaa yeroon qulqullinaan qindeessaa ka’aa deemuu dhabuu;

  • Bakka hanqinni ogessaa mul’atutti ilaalanii guutaa deemuu dhabuu;

D) Hordoffii fi Deggersa

  • Yeroo baayyee hordoffii fi deggersi gaggeefamus bu’aan gama sanaan argame maali jedhanii madaalaa deemuu dhabuu;

  • Hordoffii fi deggersi yommuu gaggeefus magaalotaa fi Godinaalee qawwa isaanii irratti deggeraa deemuu dhabuu;

  • Yeroo hundaa raawwii Magaalotaa fi Godinaalee irratti hundaa’uun duub-deebii wal irraa hin cinne barreeffamaa fi afaaniin kannaa deemuu dhabuu;

Hudhaawwan Gama Raayyaa Sadaniin Mul’ate (Dhaaba, Mootummaa fi Uummata)

  1. Dhaaba

  • Rakkoo ilalchaa hoggansaa sadarkaa sadarkaan jiru tarsimoo fi imammata mana hojii kallattii dhabni kaa’e giddugalessa godhanii gaggessuu dhabuu.

  • Ilaalcha miseensaa itti fuufiinsaan sirreesuun hojiitti galchuu xiyyeeffannaa addaa kennuu dhabuun hoggansa biratti mul’ateera.

  • Gochaa Kiraasassaabdummaa irratti hoggansi sakata’ee qorachuu fi qabsa’uu dhabuu

  • Tarsimoo fi Imammata motummaa kallattii siyasaan ilaaluun hojii irra olmaasaatiif adda duree ta’urra dhimicha hojii teekinikaa godhanii ilaluu.

  • Miseensi karaa dhaabaatiin jiru adda duree ta’uu dhabuu fi

  • Seelii fi hundeen dhaabaa handhuura ijaarsa raayyaa ta’uu isaanii hubatanii bu’aa raawwii hojiiwwan gurguddoo irratti xiyyeeffachuun qabsoon dhaaba keessaa haala kanaan gaggeeffamuu akka danda’u ilaalcha qulqullaa’e qabachuu dhabuu;

Dandeettiin

  • Deggersa itti fuufinsa qabu keennuudhaan moodeela baasuu, muxxaannoo garii qindeessuun babal’isuu dhabu.

  • Kallattii Motummaa fi Dhaabaan kennamu fudhatanii haala qabatamaa ofiin beekanii karoorsuu fi ragaa qindeessanii qabachuu dhabuu.

  • Raawwataa sadarkaa sadarkaan jiru geessisuu fi humnoota misoomaa sadan gurmeessuun sochii qabatamaa keessa galchuun jijjiirrama jiru hogganuu dadhabuun

Dhiyyessii Ilachisee

  • Deggarsaa fi hordoffii hoggansii tasisuu lafaa ta’u

  • Lojistikii barbachisaa ta’an qorachuun caasaalee sadarkaa sadarkaan jiraniif dhiyyessuu dhabuu (konkolataa…)

b) Mootummaa

Ilalchaan

  • Hojii rayyaan hojjetamuu hojii siyasaa godhanii ilaluun ni jira

  • Siyaasaa dinagidee kiraa sassaabdumaa kan dhabamsisuu ga’e gaggesitoota sadarkaan jirani jedhanii ilaluu

  • Tarsimoo fi Imammata irratti yeroo adda addaa leenjiin hakennamuu malee rakkoon hubannoo guutummaa guututti hiikkate jedhamuu baatus rakkoo ilaalchaa bal’atuu qaama kana birattis mul’ata.

Dandettii

  • Tarsimoo fi Imaammata motummaa hubachuu fi hubachisuun hojiirra olchuu dadhabuu

  • Garee misoomaas ta’ee tokko-shaneen sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimo’aa (SMBKT) jiddu galeessa godhatee hojii wal-gamaaggamuu fi wal-ijaaruu qaama karoorichaa taasisuun hojjachuu dhabuu;

  • Hawwasaa fi qooda fudhatoota qindeessanii hojiitti hirmaachisuu dadhabuu

Dhiyessii ilaalchisee

  • Deggarsaa fi hordoffii hojjetaa motummaa taasisuu laafaa ta’uu (ga’umsa leenjii eggisisuu….)

  • Lojjistikii barbachisaa ta’an qorachuun caasaalee sadarkaa sadarkaan jiraniif dhiyyesuu dhabuu (konkolataa…)

c) Uummata

Ilalchaan

  • Ilaalcha eegatummaa irraa kan ka’e hojii hunda iyyuu deeggarsa Mootummaatiin ala raawwachuun akka hindanda’amnetti ilaaluu.

  • Kiraa sasabdumaa irratti gutummaan qabsa’urra ga’ee motumaati jedhanii yaadu.

  • Leenjiiwwan ga’umsaa hojii hawasaa cimsu irratti akka hirmaatan yoo taasifamu kaffaltii malee akka hin lenji’uu fedhii dhabuu;

Dandettii

  • Mirgaa fi dirqamaa ofii bekanii qabsa’uu/falmachuu dhabuu.

  • Hojii misoomaa, nageenya, ilachisee karoora irratti hirmachuu fi akkataa fayyadamumaa isaa bekee hirmachuu dhabuu.

Dhiyessii

  • Hojii misoomaa irratti qabeenyaa fi beekumsaan hanga barbadamu hirmachuu dhabuu;

  • Hordoffii fi deggarsa bu’uralee misoomaa taasisuu fi akkasumas kununsa isaan tasisaa jiran laafaa ta’u.



  1. Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo KGT 1ffaa Keessa Raawwatamanii fi Rakkoolee Gurguddoo Adda Bahan,

Yüklə 1,3 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin