Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa


Sagantaa Hoggansa Jijjiiramaa fi Ijaarsa Raayyaa Misoomaa



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə7/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   14


Sagantaa Hoggansa Jijjiiramaa fi Ijaarsa Raayyaa Misoomaa


Safartuulee fi Manniiwwan

              1. Waltajjii Sosochii uummataa sadarkaa sadarkaan uumuudhaan dhuma bara karooratti hojjettoota sekterichaa keessaa % 95 humna jijjiiramaa fi raayyaa misoomaa akka ta'an gochuu ,

              2. Hoggansa sekterichaa cimsuuf leenjii hudhaa hiiku (Problem Solving) irratti kennuu;

              3. Waltajjii gamaggama digirii 360 haala itti fufinsa qabuun ji'a 6tti yeroo lama waggaatti yeroo 4 waliigala yeroo 20 gaggeessuun hudhaa yeroo adda baasuu fi hiikuu dandeessisu irratti gamaggama adeemsisuu,

              4. Jijjiirama bu'uura adeemsa hojii /BPR/ fi sirna madaallii bu'aa karoora tarsima'aa (BSC) raawwatame hordofuun yeroo 10 duub deebii kennuu

    1. Karoora Pirojeektoota Kaappitaalaa Sadarkaa BIMMO tiin Hojjetaman

Hubannoof akka toluuf jecha dookumentii kana keessatti kan piroojaktoota kaappitaalaa sadarkaa Biiroo fi Godinaatti hojjetaman akka armaan gadiitti dhiyaateera.

      1. Piroojektoota Buleeyyii

  • Ijaarsa Galma H/G/ Wallaggaa hojiin fiizikaalaa “Civil work” % 100 kan raawwaate yommuu ta’u KGT-2ffaa keessa bara 2008tti hojiiwwan “electro mechanical fi Site work” %100 raawwachuuf caalbaasiin ba’ee hojiitti seenamee jira.

  • Ijaarsa projeektii G+7 biiroolee adeemsi caalbaasii isaa bara 2007 xumuramee hojiin isaa %5 irra kan jiru ta’ee %95 ammoo waggoottan lamaan KGT-2 keesssatti akka raawwatu karoorfamee jira.

  • Hojiiilee ijaarsaa piroojektii hanqina birootiin wal qabataniitiif piroojaktootni ijaarsa seektaroota godinaa bara baajataa kana keessatti eeyyamamanii;

  • Ijaarsa Waajjira Seektara Godina Shawaa Kaabaa hanga ammaa %10, Godina Shawaa Lixaa %20, Godina Booranaa %2 fi Godina Wallagga Bahaa %12 irra kan jiran yommuu ta’u kan hafe waggoottan lamaan KGT-2ffaa hafe keessatti akka xumuraman karoorfamee jira.




      1. Projeektii Harawaa

Ijaarsa Waajjira Seektara Godina SH/K/L/, Godina W/Lixaa, Godina H/G/W/ fi Godina Q/W/, Godina Gujii, Godina Jimmaa, Godina H/Lixaa, Godina Arsii fi Godina Baalee MMDf gaaffiin faayinaansii dhiyaatee kan eegamaa jiru yommuu ta’u gaafa eyyamamus baroota itti aanan keessatti hojiin fiizikala isaa % 100 xumuruuf karoorfamee jira;

    1. Hojiiwwan Sektera Hundaa /Cross Cutting Issues/

Hojiiwwan Industirii fi Misooma Magaalaa keessatti raawwataman hunda keessatti labsiiwwan, dambiiwwanii fi qajeelfamoota bahaanii hojiirra oolanirratti hundaa’un misooma fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf sagantaalee rifoormii fi bulchiinsa gaarii hojii irra olchuu, dandeettii raawwachiisummaa cimsuu, eegumsa fi kununsa naannoo cimsuu, walqixummaa saalaa mirkaneessuu, hojii dhukkubota daddarbaa (HIV/AIDS) ittisuu fi nageenya waliigalaa mirkaneessuun gahee qaamolee hundaa akka ta’ee fi akka mana hojiittis ta’e tokko tokkoo raawwataa biratti dhimmoota qindominaan hojjetamuu qaban yoo ta’u; kaayyoo fi galma isaanii waliin akka armaan gadiitti ibsamee jiru.

Kaayyoo 1. Hojii Eegumsaa fi Kunuunsa Naannoo

Safartuulee fi Maniiwwan:

Hojiiwwan misooma, eegumsaa fi kunuunsa naannoo cimsuun faalama naannoo % 50 irraa gara %20 tti xiqqeesuu.

Lafa Magaala keessaa %30 kan ta’u iddoo maagarisuuf akka qabamuu fi misoomuu hordoffii fi deggarsa tasisuu

Gamoowwan magaalota keenya keessatti ijaaramaniif magaalota 46 keessatti “green mark certificate” akka kennamuuf gochuu

Magaaloota keessatti faalama qileensaa hir’isuuf piroojektoota gara gara lama deggarsaa faayinaansii qaama adda adda irraa gaafachuun magaaloota naannoo keenyaa keessa jiran 12 keessatti hojiira olmaa isaa ni hordoffama,

Magaalota gurguddoo naannoo keenya 14 keessatti hojiiwwan,eegumsaa fi kunuunsa naannoo cimsuun faalama naannoo hir’isuuf misooma magarisa balaa dandamatuu(Climate Resilient Green Economy) bifa qindoomina qabuun hordoffii fi deggarsa ni taasifama.



Hojiiwwan Gurguddoo

  • Jijiirama haala qilleensa addunyaa /Global Warming, Climate Change and Environmental Pollution and Degradation/ ilaalchisee sadarkaa hundatti hubannoo uumuu ;

  • Hojiin Misooma, Kunuunsaa fi Eegumsa naannoo qorannoo irratti akka hundaa’u taasisuu keessatti hojii qindominaan hojjetamuuf tumsa barbaachisu taasisuu;

  • Sochiiwwan faalama naannoo geessisuu danda’an hunda addaan baasuudhaan tarkaanfiin sirreeffamaa yeroon akka fudhatamu qindoominaan hojjechuu;

  • Magariisummaa magaalaa fi qulqulina magaalaa eeguu irratti hawaasa magaalaa wajjiin qindoominaan hojjechuu;

  • Tarsiimoon eegumsa naannoo magaalaa qophaa’e hojii irra akka oolu qindoominaan hojjechuu;

Kaayyoo 2 . Hojiirra Oolmaa Seerotaa fi Qajeelfamoota Mirga Dubartootaa Fooyyessuu

Kaayyoo

Sadarkaa hundatuu wal-qixummaan saalaa mirkanaa’ee dubartooni dhimma dinagdee, hawasummaa fi siyyaasaa keessatti hirmachuu fi fayyadamtoota ta’uu isaanii mirkanessuu;



Safartuulee fi Maniiwwan:

  1. Karoora seektarichaa bahu keessatti Dhimma Korniyaa akka of keessatti hammatame qophaa’uf hubbannoo uumuun irratti hojjechuun %50 irraa gara 75% tti guddisuu.

  2. Carraa mana jireenyaa bahu keessatti fayyadamummaa dubartootaa %30 ol guddisuu;

  3. Caasaan korniyaa bakka hayyamametti fokaal parsaniin akka ramadamu tasisuu, bakka caasan korniyaa hin jireetti ammo akka bakka buusan hordofuu;

  4. Godinaalee 18, Magaalota 12 fi seektaroota itti waamamni isaanii biiroo keenyaf ta’ef leenjiin hubannoo cimsuu rawwattoota korniyaa fi ogeeyyii qophii karooraatiif leenjii kenuu.

  5. Leenjii hubannoo ga’umsa hojjetootaa ol guddisu koorniyaa ilaalchisee kennuu

  6. Godinaalee fi Magaaloota irratti hojii koorniyaa idileessuu ilalchisee supparvision geggeessu

  7. Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun ogeessota ijaarsaa madaallii gahumsa ogummaa fudhatan keessaa %25 dubartootaa ta’uu isaa hordofuu

  8. Humna dandeettii raawwannaa fi raawwachisumaa hooggantootaa fi ogeessota cimsuu keessatti %25 dubartootaa ta’uu hordofuu

  9. Qabinsaa fi dhabamsiisa kosii gogaa fi dhangala’aatin magaalota keessatti carraa hojii uumamu keessaatti ga’een dubartootaa %50 ta’uu isaa hordofuu

  10. Bareedinaa fi Magariisuu Magaalaatiin carraa hojii uumamu keessaatti ga’een dubartootaa %50 ta’uu isaa hordofuu

  11. Namoota Vaayiireesiin HIV dhiiga isaani keessa jiru 29 Magaala Buurrayyuu jiiratan waggaa keessatti deggersa yeroo lama taasiisuu

  12. Daa’imman abbaa fi hadha hin qabne 20 fi Bulchiinsa Magaalaa Amboo fi Buurrayyuu keessa jiraatan waggaa keessatti deggersa yeroo lama taasiisu wagga waggaan.

  13. Leenjii fayyadamummaa dubartoota cimsuu fi hojjettoota biiroo nama 165,000 ta’aniif leenjii kennuu.

Hojiiwwan Gurguddoo

Wal-qixuummaa koorniyaa dhugomsuun dubartoonni dinagdeen cimanii eeggattummaa irraa akka biliisa ta’an gochuu. Hirmanan dubartoota gama dinagdee, hawaasuma fi siyaasan akka fooya’u hojechuu; hirmaannaan dubartootaa gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan akka guddatu gochuu hirmaannaa uummataa guddisuun magaalaa hunda fi seektera hundaa keessatti idileessuu; hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii irratti hirmaanaa dubartootaa cimsuun ijaarsa raayyaa misoomaa fi qooda fudhatootaa dabaluun manneen hojii seekterichaa dhimmoota seekteraa hundaa idileessu mirkaneessuu. Karoora hojii bahu keessatti dhimma koorniyaa akka of keessatti hammatamee qophaa’u hubbannoo ummuun irratti hojechuu; carraa hojiiwwan adda addaa seektarichaa keessatti uumaman irratti dubartootni fi dargaggoonni hojii dhabeeyyii ta’an fayyadamoo akka ta’an haala mijeessuu;



Kaayyoo 3: Fayyadamummaa Darggogootaa fi To’annoo “HIV/AIDS”

Safartuulee fi Maniiwwan

  1. Manneen hojii seektarichaa keessatti dhimmoota HIV/AIDS idileessuun waggota shanan dhufanitti %100 idileessuu;

  2. Fayyadamummaa dargaggootaa % 47 dabaluu;

  3. Hirmaannaa shamaranii hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii keessatti %30n dabaluu;

  4. Sektara Magaalaa keessatti carraa argaamu hunda keessatti Dargaggootni % 25 fayyadamoo akka ta'an hordofuu

  5. Dargaggoonni siviil sarvaantii carraa barnoota keessaa fayyadamoo ta'an 25 leenjii biyyaa keessa fi ala argaatan addan baasuu.

  6. Baajeta %2 laman hojiiwwaan hojjetaman olii hanga gadiitti lafa akka qabatu hojjechuu.

  7. Buusii Waldaa AIDS akka Biirootti Hundaa’ee jiru gara Godinaalee fi Magaalotaatti gadi buusuu.

  8. Deeggarsi namoota HIV Vaayiireessiin dhiiga isaanii kessa jiru 50 (shantama) fi daa’imma sababa HIV/AIDSiin maatii isaani dhaban 20 (digdama) deegarsi isaan akka itti fufee raawwatamu hojjechuu.

Hojiiwwan Gurguddoo

Manneen hojii seektarichaa keessatti wa’ee miidhaa fi dhibee ‘HIV/AIDS irratti hubannoo hojjettotaa yeroo yeroon cimsuuf waggaatti yeroo lama leenjii akka argatan haala mijeessuu. Ogeeyyii fayyaa fi namoota Vaayirasii ‘HIV/AIDS’ wajjiin jiraatanii fi feedhii barsiisuu danda’an affeeruudhaan leenjii hubannoo cimsu kennuu. Faandiin ’HIV/AIDS’ maneen hojii seekratichaa hunda keessatti akka hundaa’u taasiisuun namoota dhibee kana waliin jiraatan caalmaatti deeggaruu. Baajata hojii raawwachiistuu maneen hojiif ramadamu keessaa gahee dhimma kanaaf qabame sirnaan hojii kanaaf oluu isaa mirkaneessuu.



Kanarratti hundaa’uun A/H/B/H/Namaas hojiilee kanaan gaditti tarreeffaman hojjeta;

  • Hanqina humna namaa mana hojichaa qorachuun karoora Fo’annoo fi Filannoo (guddina sadarkaa, jijjirraa fi qaxara) humna namaa qopheessuu fi raawwachuu

  • Gurmaa’insa caasaa mana hojichaa qorannoon adda bahe hojiirra oolchuu fi kanneen qoratamaa jiru xumuruu,

  • Dandeettii hojjatoota mana hojichaa cimsuuf misooma humna namaatiif haala mijeessuu fi hojiirra oolmaa isaa hordofuu,

  • Ragaa humna namaa seektarichaa qindeessuu fi bulchuu,

  • Haalawwan hojjatoota mana hojichaa keessa tursiisanii fi kan biroo immoo gara mana hojichaatti hawwatan mijeessuu.

  • Ragaalee odeeffannoo fi xalayoota galii fi bahii ta’an galmeessuu qajeelchuu fi raabsuu dha.

      1. Karoora Faayinaansii

Karoora baajata idilee waggottan shanan dhufanii

 

 

Bara 2008

Bara 2009

Bara 2010

Bara 2011

Bara 2012

Lakk

Mata Duree

BIMMO

WIMMG

Ida’ama

BIMMO

WIMMG

Ida’ama

BIMMO

WIMMG

Ida’ama

BIMMO

WIMMG

Ida’ama

BIMMO

WIMMG

Ida’ama

1

Mindaa (6111;6113;6121; 6131)

18,494,378

73,372,540

91,866,918

18,864,266

74,839,991

93,704,256

19,241,551

76,336,791

95,578,341

19,626,382

77,863,526

97,489,908

20,018,910

79,420,797

99,439,706

2

Hojii Rawwachiiftuu (H/R)

27,804,560

20,614,274

48,418,834

41,706,840

30,921,411

72,628,251

20,853,420

15,460,706

36,314,126

31,280,130

23,191,058

54,471,188

46,920,195

34,786,587

81,706,782

Ida’ama

46,298,938

93,986,814

140,285,752

60,571,106

105,761,402

166,332,507

40,094,971

91,797,496

131,892,467

50,906,512

101,054,585

151,961,097

66,939,105

114,207,384

181,146,489

%

33.0

67.0

100

36.4

63.6

100

30.4

69.6

100

33.5

66.5

100

37.0

63.0

100

Karoorri Faayinaansii kunis ulaagaalee kanaan gaditti ta’aniin kan Godinaaleef caccabu ta’a



  • Fageenyaa godiinaaleen giddugaleesaarraa qaban,

  • Baayi’ina magaaloota godinicha keessatti argaman,

  • Raawwii ittifayyadama baajataa godinaalee fi biiroo baroottan darbanii,

  • Qaala’insa meeshaalee adda addaa yeroo ammaa jiru tilmaama keessa galchuun,

  • Bal’ina hojii dameewwanii jiru tilmaama keessa galchuun,

  • Humna nama bara baraan baajatan qabamee qaxaramanii sakata’uun kan bara itti aanuu karoorsuun,

  • Hanqinaa baajataa suphaa konkolaataa dulloomani kan baroottan darbanii ilaaluun baajatiin suphaas akka qabamu ni ta’a.

Haaluma kanaan Adeemsi H/B/B/F/ bittaa adda addaa raawwachuu, baajeta biiroof hayyamame bulchuu fi qabeenya bulchuu ni hojjeta. Kana bu’uura gochuun;

Manii 1: Bittaa Haala Labsii, Danbii Fi Qajeelfamaa Mootummaatiin Rawwachuu,

Tooftaa Raawwii

  • Bittaa gama Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisaa Qabeenya tiin rawwatamuu akkaataa karoora bittaa bara baraan biiroo keenyaan mirkana’ee Ejansiif dhiyeessuudhaan fi yeroo murta’uu hordafanii bituun meeshaa galii godhuu,

  • Bittaa gama biiroo keenyaan raawwatamuu mala beeksiisa caalbaasii bittaa filatameen dhiyeesitoota dhiyaatan calaluudhaan koree raggaasiftuu biiroon akka mirkanaa’uu godhuun bittaa raawwachuu fi meeshaa galii godhuu,

Manii 2: Baajata Idilee Fi Baajata Kaappitaalaa Biiroof Ramadame Hojii Ramadameef Akka Ooluu Taasiisuu,

Tooftaa raawwii

  • Karoora hojii waggaa raawwachuuf baajetaa biiroof hayyamamee sagantaa hojii irratti hundaa’uun Karoora Fedhii Mallaqaa Callaa ji’a 12 (kudha lama) qophessuun gabatee yeroo qajeelfamaa bulchiinsa faaynaansii keessatti taa’een gaaffii dhiyeessuun mindaa fi hojii adeemsiiftuu akkasumas baajetaa kaappitaala heyyamamee seera faaynaansii jiruu irratti hundaa’uun hojii irra oolchuu,

  • Baajetaa heyyamamee hojii irra oolchuuf maallaqni mootummaa karaa qusannaa guddaa argamsisuu fi bu’aa qabeessa ta’een akka hojiirra ooluu hordofuu,

  • Kaffaltii piroojektoota gama biirootiin raawwataman haala gaaffii Damee Dizaayiinii Fi Konistraakishin irraa mirkaana’ee dhiyaatuun raawwachuu,

  • Mindaa jinii galee guyyaa 21 (digdamii tokkooffaa) tti gaaffii BMMDO tti dhiyeessuun heyyamsiisuu fi kaffaluu,

  • H/Adeemsiiftuu jinii galee guyyaa 10 (kudhanii)tti gaaffii BMMDO tti dhiyeessuun heyyamsiisuu,

  • Kaffaltii adda addaa (Kaffaltii Leenjii, Hojii Dirree fi kkf) haala gaaffii dhiyaateetiin baajetaa hayyamamee waliin ilaaluun raawwachuu,

  • Kaffaltii bittaa meeshaalee fi tajaajilaa raawwachuu,

  • Fandii adda addaa yeroo argamuu haala qajeelfamaa fi kaayyoo gaafatameef hojiirra akka ooluu gochuu,

  • Lakkoofsa maallaqaa calla sanduqaa guyyaa guyyaatti sa’aatii 10:30 tti gaggeessuun haftee leejaraa gooroo waliin madaaluu,

  • Araarsaa baankii ji’a ji’aan gaggeessuu fi

  • Herregaa galii fi baaasii IBEX keessatti galmeessuun gabaasaa herregaa ji’a ji’aan qopheessuun qaama ilaallatuuf jinii seene guyyaa 10 (kudhan) kudhanitti BMMD Oromiyaa fi qaama ilaallatuuf erguu,

Manii 3: Qabeenya Galmeessuu Fi Qabeenya Tajaajila Hojii Alaa Ta’e Dhabamsiisuu dha.

Tooftaa Raawwii

  • Qabeenya biiroo bulchuu, haala qusannaa fi seera qabeessa ta’een tajaajilaaf akka ooluu gochuu;

  • Qabeenya galmeessuu;

  • Meeshaalee bitaman galii taasisuu;

  • Meeshaalee bitaman haala barbaachisummaa isaatiin raabsuu;

  • Meeshaalee dhaabbataa fi dhumataa galii fi baasii ta’an bin kaardii fi stok kaardii kompiitaraan gosa gosaan adda baasuun galmeessuu fi gabaasuu;

  • Konkoolaataa jiru yeroon sarvisii fi suphaa akka galuu taasisuu, suphaa meeshaalee biiroo keessaa raawwachuu, bolloo konkoolaata haaromisiisuu, kaffaltii insuraansii konkoolaataa raawwachuu,

  • Meeshaalee tajaajila hojii ala ta’an fi dhabamsifamuu qaban adda baasuun akka dhabamsifamanif Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Oromiyaa tiif beeksiisuu ;

  • Kennaa tajaajila konkoolaata hojii dirree fi magaalaa keessaa haala karooraan fi qindoominaan akka fayyadaman taasisuu,



    1. Hojiiwwan Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa

  1. Sochii fi Hirmannaa Ummata Magaalaa Cimsuu

  1. Kaayyoon sochii hirmaannaa ummata magaalaa itti fufinsa qabu jiraatoota magaala keessatti umuun hirmannaa ummataa magaalaa gama hundaan mirkaneessu dha.

  2. Sadarkaa naannootti magaaloota sadarka 1ffaa fi 2ffaa A.B.C miseensoota mana maree magaalaa fi gandaa; akkasumas, hoggansa siyaasa sadarkaa magaalaa jiru dabalatee namoota 5000 mareen guyyaattiyeroo 3-5 TMGB keessatti hirmannaan jiraatoota magaala murteessa akka ta’e qabachisuu ykn iftoomina umuu itti fufinsan ni kennama.

  3. Sadarkaa magaalaatti bifa walfakkaatuun miseensoota mana maree magaalaa fi ganda hunda maree guyya 2-3 gaggeessuun sochiin ummata akka umamu namoota 10,000f waltajjii hubanoo uumuu ni mijeeffama.

  • Hirmanna jiraatoota magaalaa gama misoomaan godhaa jiran gabbisuuf leenjiin qaamolee adda addaa irra walitti boba’an guyyoota 5-7 sadarkaa naannotti Abbooti adeemsa kominikeeshinii fi raawwata oddeeffannoo fi qunnamti ummata 2500 ni kennama.

  1. Hojii waligaltee Maamilaa fi Maqaa Gaarii uumuuf Hojjetamu.

  1. Hojii waligaltee fi maqaa gaarii uumuuf hojjatamuuf maamiltoonni biiroo keenyaa fi jiraatoonni magaalaa karoora fi raawwii seektarichaa irratti iftoomina akka argatanii raawwii keessatti ga’ee isaanii akka gumaachan gochuu fi dha. Roga gaarii fi roga gaarii hin taaneen dhimmota ka’a jiran adda baasuu dha.

  2. Komii maamiltoota bira jiruuti dhimmoota ibsa barbaadan xinxaala haala gaggessuun Ibsii miidiya yeroo yeroon akka itti kennamu ni godhama.

  3. Dhimmoota maree qaamolee adda adda barbaadanii fi waligalteen irratti umamu qabu irratti waggottan shanan dhufan ardaa marii yeroo 10 geggessuun iftoominii akka umamu ni taasifama.

  4. Maqaa gaarii seektericha fi magaaloota guraacheessanii fi dogogoraan ummata burjajessuu danda’an hordofamanii furmaata isaaf hojii kominikeeshinii ni hojatama.

  5. Midiyaalee adda addaan barreeffamaa elektironiksii fi weebsayitiin fayyadamuun hojiin kominikeshinii itti fufinsa qabu KGT marsa 2ffaa kana keessa ni raawwatama.

  1. Yüklə 1,3 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin