Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa


Barrulee waggatti yeroo 2(lama) yoo ta’uu KGT marsa 2ffa kana Barru gosa 10 kopy 10,000 ni maxaanfama. Arda marii



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə8/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   14

Barrulee waggatti yeroo 2(lama) yoo ta’uu KGT marsa 2ffa kana Barru gosa 10 kopy 10,000 ni maxaanfama.

  • Arda marii wagga yeroo lama 2008 hanga 2012 ti yeroo 10 ni gaggeefama.

  • Weebsaytiin raawwiin hojii ji’a ji’an waggottan shanan dhufan kana akka gadiii dhiisuun ni tamsafamuu.

    1. Hojilee Gurguddoo Haala yeroo waliin hojjetamu

    1. Gochaa fi ilaalcha kiraa sassabduma irratti qabsoon gaggefamaa jiru hirmanna jiraatoota magaalaan miilkeessuuf hojiin kominikeeshini itti fufinsan KGT marsaa 2ffaa hojjetama.

    2. Raawwii karoora KGT marsaa lammaffaa bara 2008 hanga 2012 irratti wagga waggaan hojiin waltajjii marii mijjeesun hubannoon ni umama akkasumas, kallattii hojii gara fulduraa irratti hojjattoota biiroo waliin waligaltee uumuuf hojileen itti fufinsan ni hojjatamu.



    1. Ayyanota fi Haalota (Events) fayyadamuun hojii hojjataman,

    Kaayyoon hojii kanaa Ayyanotaa fi haaloota (events) gargaramuun ergaa ijoo seektarichaa dabarsuuf akkasumas, maqaa gaarii umuu dha.

    • Guyyaa kabaja Ayyaana torbee magaalootaa akka biyyaatti kabajamu irratti magaaloonni naannoo keenyaa qophii ga’aa dursanii gochuun haala magaalaa naannoo keenya roga gaariin akka beeksisan waggotan shan dhufan kana ni taasifama.

    • Dorgomii gaggeffamuun magaalonni naannoo keenya bakka bu’anii dorgoman gama hundaan sadarkaa 1ffaa-3ffaa akka ba’aanif hojii of beeksisuun haala gaariin akka raawwataman ni taasifama.

    • Ayyaana torbee IMX fi guyyaa Badhaasa IMX modeela ta’anitti wagga waggaan kabajamu fayyadamuun hojii akka seekteraatti hojjatama deeman beekamtii akka argatuuf ergaan akka darbu ni taasifama.

    • Kabaja Ayyaana adda adda qaama olaana irra kallatti kennamun akka kabajamu godhamuuf of eeggannoon gochuun yeroo kennametti akka kabaju ni hojjenna.

    1. Waltajjii maree adda addaa gaggeffaman

    1. Koreen Manajimeenti fi raawwattoonni hundinuu karoora guddina fi tiraanisformeeshinii marsaa 2ffaa bara 2008 hang 2012 irratti maree bal’aan yeroo yeroon gochuun karooricha akka gabbisan gochuu.

    2. Seektera misooma magaalaa jala waajjiraaleen jiran karoora BIMMO fi karoora qinda’aa seektera irratti maree bal’aa erga godhanii booda yaadan akka gabbisan taasisu.

    3. Hoggansi magaaloota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa karoora irratti bilchiinaan erga mari’atanii booda yaadan ni gabbisu.

    4. Miseensooni Bulchiinsa Magaalootaa fi waldaalee adda adda irra namooni beekamoon karoora irratti akka yaada laataniif gabbisan taasisuu.

    1. Ibsa (Ragaa) Miidiyaaf yeroo yeroon kennuu.

    Bu’aan leenjii TMGB irra argamee fi hudhaalee leenjicha keessatti adda ba’an. Karoora GT bara 2008-2012 fi kallatii fulduraa irratti ga’een qooda fudhatoota misooma magaalaa fi hirmaannaa ummata irra egamu olaana dha.

    1. Hojilee maxxansaan raawwatamu

    • Raawwii karoora guddina fi tiraansformashinii marsa 2ffa 2008-2012 fi BLTMGB argame cunfamee Birooshariin, Baruulee, Posteri akkasumas, Banariin fi kaneen biroon hojiin qunnamti ummta ni hojjetama.

    1. Hojilee Uffisa Midiyaa

    • Magaaloota sochii gaarii fakkeenyummaa qabaniif raawwii hojiin fooyee qabaniif warreen kaaniif Fkn ta’uu danda’an adda baasuun Uffisa midiyaa akka argatan waggottan shanan dhufan ni taasifama.

    • Yaada fi Komilee jiraattota magaalaa irra ka’an sakkatta’aa fi qorachaa qaama ilaaluu deebii fi ibsii akka itti laatamu hojjetama.

    • Yeroo yeroon magaaloota filatamoo keessatti sagantaan ummani maal jedha jedhu akka qopha’uuf iftoomini akka umamu gochuu.

    • Bu’uuraalee misooma babal’isuu fi kununsuu irratti hanqinaalee mul’atan ibsuun hojii hirmannaa ummataa gabbisuu hojjechuu.

    • Bulchiinsa gaarii magaaloota keessatti mirkaaneessuuf ga’een gurmilee adda addaa maal ta’u akka qabu irratti hojiin hubannoo umuu itti fufinsaan raawwatame.




    1. Hojii Hordoffii miidiya, olola faallaa fi walitti dhufeenya miidiya waliin cimsuu.

    • Miidiya hordofuun (midiya monitaring) olola faallaa ka’aniif deebi atatamaa kennu.

    • Miidiya waliin yeroo yeroon wal qunnamuun michoomaa(walitti dhufeenya) gaarii umuu dha.

    1. Egizibishinii Hojii

    • Sagantaalee gurguddoon akka seekteraa fi BIMMO gageffaman suuraan ka’anii foddaa suuraa irratti akka maxxanfaman karaa itti fufinsa qabun waggottan shanan dhufan hojjechuu.

    • Hirmannaa qaamolee adda addaan agarsisa magaaloota filataman keessatti akka gageffaman gochuu . Fkn. Industirii Indutiriiwwan manifacturingii

    • IMX moodeela ta’an bu’aa hojii isanii beeksisuu.

    • Torbee guyyaa magaaloota sababeefachuun magaalooni qindominaan gaariin qophaa’uun akka of dhadheessan qopheesuu.

    • Ragaa sochii babal’ina magaaloota garagaraa galmeessuu fi qindeessuun tamsaasuu.

    • Qulqullinna ijaarsaa fi mana walinii (kondominyemii)qindeessuu

      1. Hojiiwwan Adeemsa Tajaajila Quunnamtii Odeffannoo (TQO) (ICT)

    Manii 1: Misooma apilikeeshini fi kus-daataa qindawa 

    Tooftaa Raawwii

    • Softi weeri “MIS” (CLMS,PMS,soft weri mana galmee) 3 hojii irra olchuu

    • Softi weerin Ragaan mana gandaa /Mootummaa irratti qinda’u 1 misomsu

    • Softi weerin Ragaan mana waliinii irratti qinda’u 1 misomsuu

    • Softi weerin Ragaan humna namaa Biiroo keenyaa irratti qinda’u 1 misomsu

    • Biiroo keenyaaf web sayit 1 misoomsu fi hojii irra olchuu. Akkasumas Godinaaleen akka itti fayyadaman fula isaan ittin seenanii qopheesuu

    • Softi weerin Inventary Management system qinda’u 1 misomsuu

    • Wirtuu/jiddu gala Odeefanno tokko Biiroo keessatti hundeessuu

    • Softi weerin Awutomeeshiniin SMBKT irratti qinda’u 1 misomsu

    • Softi weerin dokument magariisuun magalaa irratti qindahu misomsu

    • Softi weerin Ragaan Hawaasummaa irratti qinda’u 1 misomsuu

    Manii 2: Misooma cimdaa /Net workii/ gabbisuu 

    Tooftaa Raawwii

    1. Cimdaa Biiroo keessaa irra deebi'anii dizaayini isaa qopheessu fi %100 hojii irra holchuu

    2. Barreefama portaalii irratti akka bahu garee keenyaf ergamu dizayin fi leyi'awutii isaa qopheesun portali irrati post gochuu

    Manii 3: Nageenya meeshaalee TQO eeguu 

    Tooftaa Raawwii

    • “Preventive maintenance” marsaa 30 ni taasifama (including updation)

    • “Curing maintenance” 1800 meeshaalee cimdaa fi kompitaraaf taasisuu

    • Suphaa cimdaa 3,600 taasisuu



      1. Garee/H/Hord/fi Da/Naamusaa

    • Qondaaltoota Naamusaa Godinaalee irra jiraniif naamusa gaarii fi miidhaa malaammaltummaa irratti leenjiin hubannoo akka kennamuu gochuu

    • Hojjettota Biiroof Qajeelfama naamusaa maalummaa Malaanmmaltumma fi Tooftaa qabsoo farra malaammaltummaa irratti hubannoon leenjii akka kennamu gochuu

    • Qajeelfama naamusaa mana hojii qopheessuun hojii irra akka oolu taasisuu

    • Gabaasa firii bu’aa Odiitii keessaa fi alaa irratti hundaa’udhaan tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamu hordoffii gochuu

    • Hojii qabeenya galmeessisuu fi beeksisuu bakka bu'insa komiishinichaan kenname hogganuu fi qindeessuu

    • Eeruu dhiyaatu irratti hundaa’udhaan yakki malaammaltuummaa kamiyyuu rawwatamuun isaa erga galmaa’een booda akka qulqulla’u qaama ilaallatu wojjiin hordoffii gochuu

    • Barreeffamoota adda addaa naamusa gaarii horachuu fi qabsoo farra Malaammaltummaaf kan gargaaru, komishinicha irraa argamu yeroo yeroon hojjettoota biiroof raabsuu

    • Sochii dhimma naamusa gaarii irratti WIMMG fi magaalotaa wajjiin muxxannoo gaggaarii waliijijjiiruu too’annoo fi hodoffii gochuu.

    • Hojjattoota Hanqina Naamusaa qaban adda baasuun gorsa kennuun akka fooyya’an taasisuu

    • Seeronni, Dambiiwwan fi Qajeelfamoonni hojiin ittin hojjatamu Mana Hojii keessa akka jiraatan, kan hin jirre akka guuttaman fi hojiirra oolan taasisuu

    • Hojimaata Malaammaltummaa fi hojimaata badaaf qaawa banan irratti qo’annoo gaggeessuu



      1. Hojiiwwan Tajaajila Seeraa

    1. Qophii fi Wixinee Dambii fi qajeelfama qopheessuu

    2. Leenjii hubannoo Seeraa kennuu

    3. Seeroota seektarichaa ilaallatan irratti gorsa kennuu

    4. Iyyannoo barreeffamaan dhiyaataniif ija seeraatiin akka ilaalaman ajajaman xinxalani deebii kennuu.

    5. Dhimmoota mana murtiin waqlqabatan deebii kennuu fi falmi gaggessuu.

    6. Gabaasa hojii raawwatamee qopheessuu.

    7. Tajaajilichaaf meeshaalee barbaachisaa guutuu

    Hojiiwwan Gurguddoo

    Karoora hojii qophaa’u kamiyyuu keessatti dogoggorri seeraa akka hin raawwatamne gorsa kennuu; xiinxaala seeraa gochuun yaada sirreeffamaa dhiyeessuun murteen adda addaa kennamu seeraa waliin akka walsimuu gochuu; dabalataan seerota, dambiiwwanii fi immamatoota qopha’aan afaan naannoon akka hikkamee qixaa barbaadamun hojjetamu deggarsaa kennuu.



      1. Hojiiwwaan Foyya’insa Sivil Sarvisii

    Kaayyoo humna raawwachiisummaa biiroon bulchiinsa gaarii fi sagantaalee ijaarsa dandeettii irratti qabu cimsuun ga’umsaa fi bu’aa qabeessummaa isaa guddisuu


    Safartuulee fi Maniiwwan

    1. Hojjettoota mana hojii keessaa %95 raayyaa jijjiramaan gurmeessuu;

    2. Imaamataa fi Istiraatejii Misooma Magaalaa irratti akkasumas riiformii haaraa irratti waggaatti yeroo lama leenjii kennuu;

    3. Humna raawwachisummaa raawwattoota cimsuu torbee lama lamaan hoggantootaan deeggarsii fi hordoffii akka kennamu ni ta’a;

    4. Gamaaggama hojii digirii 360 waggatti si’a lama gaggeessuu hudhaalee jiran adda baasuu;

    5. Gamaagamni hojii 100% haalaa SMBKTn akka gaggeefamu hojjechuu;

    Hojiiwwaan gurguddoo

    Unkaalee fi galmeewwan yaada uummataa ittiin guutamu qopheessuun maamilli tajaajila kennamurratti guyyaa guyyaan yaada akka kennu taasisuu. Sadarkaa itti quufinsa maamiltootaa fi dhimmamtootaa beekuudhaaf yeroo yerootti yaadota dhiyaatan qindeessuu fi gamaaggamuu, akkasumas sakatta’iinsa sadarkaa itti quufiinsaa gaggeessuun duub-deebiin yeroo isaa eeggate kennaa demuu. Kenniinsa tajaajilaa irratti sirni ittiin odeeffannoon tajaajilamtootaaf kennamuu fi sirni ittiin komiin keessummeeffamu diriirsuu fi tajaajilawwan kennaman ragaan akka deggaraman taasisuu. Maniiwwan galmaan ga’uuf haala istaandardii gochaawwaniif kaa’ameetiin raawwachuu, raawwii isaanii sagantaan gamaaggamaa deemuu. Hoggansii fi Hojjataan Mana Hojichaa aadaa waliin karoorsuu, waliin mari’achuu, miira gareetiin waliin raawwachuu fi haala idileeffameen raawwii waliin qorachuu akka dagaagsu deggarsa taasisuu. Raawwii hojii hojjetoota, garee fi adeemsaalee hojii Biirichaa haala “BSC”n akka madaalaman iddoo hanqinni jiru adda baasuun leenjiin akka kennamu haala mijeessu. Hojjetoonni fi Abootii Adeemsaalee Riifoormii (BSC, BPR fi kkf)fi SFSS irratti hubanoo cimaa akka horatan leenjiin walitti fuufinsa qabu akka kennamu sagantaa qopheessuu.




      1. Hojiiwwan Deggersaa Odiitii Keessaa

    • Hojiiwwan xinxalaa Herregaa bara baraan gaggeesuu

    • Qabeenya mootummaa haala bulchiinsa qabeenya mootummaatiin akka qabamutti lakkoofsi addaa kennameefii akaakuu-akaakuu isaaniitiin galmeeffamu isaanii ilaaluu fi qorannoo qabeenyaa gaggeessuu

    • Itti fayyadama qabeenyaa karaa bu’a- qabeessa ta’een faayidaa irra ooluu isaanii xiinxaalaa raawwachuu.

    • Bulchinsa too’annoo soodaa[risk management] mana hojii gamaaggamuufi sirni too’annoo keessaa[internal control system]diriree jiru ga’umsa qabaachuu issaa fi akkasumas too’annoo ga’umsa fi bu’a qabeessummaa ykn galma ga’umsa mirkaneessuu

    • Gabaasaa firii oditii irratti hundaa’uun sirreeffamaa fi tarkaanfii fudhatame hordooffii fi deggarsa taasisuu

    • Konkolaatoota Biiroo keenyaa haala qabiinsa qabeenyaa dhaabbataa mootummaatiin seenaan isaanii eegamee qabamuu isaanii fi haala ittiin suphaman seeran gaggeeffame raawwatamuu isaanii xinxala raawwachuu..

    • Itti fayadamni boba’aa /kuppoonii/ Waajjirichaa haala seera qabiinsa mootummaa taa’een qabamu fi hojirra oolu isaa qorannoon mirkaneessuu.

    • Piroojektii ijaarsaa dirree bahuun sadarkaa raawwii ilaaluu:-Hojiin kun sadarkaa raawwiin Ijaarsa proojeektootaa fizikaalaa fi faayinaansin irra jiruu hordooffii taasiisuun haala irra jiruu mirkaneessuuf qaama ilaallatu wajjiin ta’uudhaan Raawwii projektoota hordoffii raawwatamuu dha.

    • Proojeektoota Bu’ura Misoomaa sagantaa ULGDPtiin hojjataman hojii Fizikaalaa fi Faaynaansii irra jiruu qaamaan ilaalun mirkaneesuu

    • Cuufinsa herrega ji’a ji’aan gamaaggamuu.

    • Biiroo mallaqaa misooma Diingide Oromiyaa fi Mana hojii Odiitii Mumiichaa Oromiyaa waliin Waliinta’insa Uumudhaan hoogantoota olaanaa fi hojjetoota Birootif waggatii alla lama sirna too’anoo keessaa cimsuu irratti hubannoo uumuuf karoori qopha’era .

    • Bulchiinsa faaynaansii fi qabeenyaa irratti Magaalotaa rifoormii ala jiraniif deeggarsa tajaajila gorsa ogummaa kennuu: Magaloonni faaynaansii fi qabeenyaa bulchan seeraa fi qajeelfama eeganii akka hojii irra olchan fi hojii tajaajila misooma diinagdee fi hawaasummaa jiraattoota magaalaatiif akka oolchan, caasaa tajaajila odiitii godinaalee irraatti jiran wajjiin ta’uudhaan magaalota rifoormii ala ta’an [sadarkkaa sadaffaa fi afraaffaa irra jiraniiif deeggarsa ogummaa kennuuf karoorfameera

    Hojiiwwan Qophii Karoora, Baajataa, Hordoffii fi Gamaggama Raawwii

    Kaayyoo 1. Sirna Qophii Karoora, Hordoffii fi Gamaggammaa Foyyeessuu;

    1. Qophii ka’uumsa karooraa kan bara 2008 tokko fi KGT-2ffaa 1 qopheessu;

    2. Karoora seektara qindaa’a alligment naannoon walsimuu bara 2008 tokko fi KGT-2ffaa tokko qopheessuu;

    3. Magaalaa keessatti karoorri waggaaf raawwii isaa hordoffiin waggaatti yeroo 4 waliigala yeroo 20 ni taasifama

    4. Raawwii sagantaalee irratti gabaasotni ji'aa 40, kan kurmaanaa 20, kan waggaa 5 fi kan KGT-2ffaa 1 ni qophaawu. Duubdeebiinis ni kennamaaf

    5. Oggeessota karooraa namoota 200’f leenjii fi karoora bara itti aanuu waliin qopheessuu, Sirna Gabaasa, Qophii Abistiraktii fi dhimmoota adda addaa irratti leenjii kennuu;

    6. Sanada Abistiraktii 5 qopheessuu

    7. Kora Misooma Magaalaa fi Konistraakshiinii Federaalaan qopha’uu irratti haala ho’insa qabuun yeroo 2 hirmaachuu;

      1. Karoora Seektarichaa Irratti Sadarkaa Hundatti Irratti Mari’achuu

    • Karoora waliigalaa KGT-2ffaa fi karoora waggaa irratti qooda fudhattoota seektarichaa hunda mariisisuudhaan, iftoominni, kaka’umsi, ilaalchi abbummaa fi itti gaafatamummaan akka cimu taasisuu.

    • Gaggeessitootnii fi hojjetootni seektarichaa karoora qophaa’e irratti mari’achuun hubannoo guutuu argatanii akka hojii irra olchan taasisuu.

    • Gaggeessitootni sektaraa godinaalee fi magaalootaa karoora KGT-2ffaa fi karoora waggaa irratti mari’atanii akka gabbisan gochuu;

    1. Sirna Hoggansa, Hordoffii fi Gamaggamaa

                  1. Karoora Qophaa’e Irraatti Marii Gaggeessuu

    • Yeroo boqonnaa qophii keessatti Karoora qophaa’e irratti qooda fudhattoota seektarichaa mariisisuudhaan hubannoo gahaan qabatamee,iftoomni fi ilaalchi abbummaa akka uumamu taasisuu;

    • Gaggeesaa fi hojjetaan seektarichaa sadarkaa sadarkaan jiran karooricha irratti mari’atanii gabbisuun karoora dhuunfaa isaanii akka qopheeffatan gochuu;

    • Uulagaalee fi safartuuwwan hordoffii fi gamaggamaaf barbaachisan qopheessuu;

                  1. Sirna Hordoffii Raawwii Karooraa Diriirsuu;

    • Hojii hordoffii fi gamaaggama adeemsisuuf sirna hojimaata fi kallattii raawwii qopheessuudhaan qaamolee raawwataniif karoora waliin gadi buusuu;

    • Cheeklistii ji’a ji’aan qopheesssuun hojii hordofuu, rakkoo jirus xiinxaluun fala itti keenna deemuu;

                  1. Sirna Walijijjirraa Ragaa fi Gabaasa Iftoomaa fi Ittigaafatamummaa Qabu Diriirsuu;

    • Gabaasaa fi ragaa sadarkaan/yeroo fi qulqullinni/ isaa eegame walii dabarsuu;

    • Formaatii/uunkaalee/ragaa fi gabaasni ittiin qindaa’u qopheessuu/foyyeessuun qaamoolee itti fayyadaman biraan gahuu;

    • Gabaasni kurmaanaas ta’e kan waggaa yoo dhiyaatu galma karoora waggaa irratti kaa’ame waliin madaaluun milkaa’inaa fi hanqina jiru addaan baasuun sirreessuu;

    • Gabaasni raawwii karoora hojii waliigalaa godinaalee, magaaloota fi adeemsota hojii seektara naannoo dabalatee ji’an, ji’a 3n; ji’a 6n; ji’a 9n fi kan waggaa qindaa’ee akka dhiyaatu gochuu;

    • Gabaasni Godina fi magaalaa irraa ji’a ji’an hanga guyyaa 28 tti,seektarii naannoo irra jiran immoo hanga 30tti kan dhiyyeessan ta’a. Akkasumaa BIMMO ji’ini itti aanuu seenee hanga gaafa guyyaa 2tti qopheessuun gaafa guyyaa 3ffaa hoggantoota seektaraaf mariif dhiyeessuun yaadawwan kennaman dabaluun ji’ini seenee hanga guyyaa 5tti waajjiraa Pireezedantiif Gabaasa ji’a guutuu ta’e dhiyyeessa.

                  1. Sirna Gamaggama Raawwii Karooraa Diriirsuu;

    • Hoggantootnii waggaa keessatti yeroo lamaa waliin qinda’uun gamaaggama hojii dirree magaalotaa fi Godinaalee sumudan fudhataman ni ilaalu.

    • Ogeessonni karooraa fi gamaagammaa kurmaana kurmaanaan magaalotaa fi Godina filachuun Gamagamma ni gaggeessuu.

    • Daawwannaa taasiifamuun sagantaalee fi pirojeektootni raawwataman ni ilaalamu, raawwii jiru irratti mariin ni gaggeeffama, deeggarsi barbaachisu kennamuun isaas ni mirkanaa’a.

    • Ciminaa fi hanqinaaleen mul’atan addaan baasuudhaan duub-deebii kennuu, kan jajjabaachuu qaban cimsuu fi kan fooyya’uu qaban sirreessuun hojii irra olchuu;

    • Gamaggama gaggeeffamuun muuxannoowwan gaggaarii dameewwan hojii keessatti mul’atan addaan baasuu fi ogeessotaan akka qorataman taasiisuudhaan kanneen bu’aan ol’aanaa irratti mul’ate akka qindaa’an gochuu;

      1. Sirna Qindoominaa Uumuu;

    • Kaayyoo fi galmawwan karoorichaa hojiitti hiikuuf qooda fudhatootni seektarichaa gahee isaanii sirriitti hubatani akka tumsan gochuu;

    • Dhimmoota murteessoo ta’ani fi qindoominaan hordoofuun barbaachisu irratti koree qindeessituu qooda fudhattootaa hundeessuudhaan waliin socho’uu;

    • Akkaataa barbaachisummaa isaatti ’Vidiyoo Konfiransii’ gaggeessuun adeemsa jiru irratti mari’achuu fi rakkoolee qunnamaniif yaada furmaataa waliin barbaaduu

    • Gurmaa’insa tokko shanee hundeessuun raawwii hojii guyyaa guyyaa hordofuu galmeesuu fi duub- deebii kennuu ta’a.

    • Qaamolee biiroo fi dhimma fudhattotaa waliin ta’uun gamaggamaa dirree irraa waliin kurmanaa kurmanaan ba’uun waggatti yeroo afur/4/ raawwachuu;

    • Adeemsoleen biirichaa leenjii fi deggarsaa yeroo kennan kutaa karoora waliin akka bobba’aan karoora waliinii qopheessuun hojiitti hiiiku;



    Kallatii Maddallii

    Kaayyolee Tarsiimawaa

    Safartuu

    Ka'uumsa (bara 2007)

    Manii (2008-2012)

    Kar. Waggaa shanii

    Kar. 2008

    kar. 2009

    kar. 2010

    kar. 2011

    Kar. 2012

    Tarkaanfiiwwan Tarsiimoo/Piroojeektii Sagantaalee Gurguddoo

    Maamiila 20%

    1. Amantaa uummataa guddisuu(8)

    Amantaa ummataa dabale %dhaan (8)

    74

    95

    95

    80

    85

    90

    92

    95

    Sagantaa hordoffii, gamagama, deegarsaa fi dubdeebii jijiiramaa

    2. Itti quufinsa maammilaa dabaluu(5)

    Itti quufinsa dabale (%dhaan)(5)

    72

    96

    96

    78

    82

    87

    91

    96

    3. Ittifayyadamummaa uummataa guddisuu(7)

    Carraa hojii uumameen hojii dhabeeyyii xiqqaate (%dhaan)(4)

    16.5

    5

    5

    10

    8

    7

    6

    5

    Sagantaa sakkata’inaa hojii dhabdummaa

    Ga’ee industiriin ‘GDP’ naannoo kessati dabale%(0 )

    10.6

    15.6

    15.6

    11

    12

    13

    14

    15.6

    Qusannoo dabale %dhaan(3)

    20

    31.5

    31.5

    22

    24

    26

    28

    31.5

    Faayinaansi (15% )

    4. Gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa baajataa guddisuu(4)

    Gahumsa itti fayyadama baajataa dabale (%dhaan)(5)

    85

    95

    95

    87

    90

    92

    93

    95

    Sagantaa bulchiinsa baasii mootummaa fi qabiinsa qabeenyaa

    5. Itti fayyadamummaa qabeenyaa fooyyessuu(5)

    Raawwii hojii dabale (%n)(2)

    90

    95

    95

    91

    92

    93

    94

    95

    Qisaasama qabeenyaa hir’ate (%n)(3)

    10

    5

    5

    9

    8

    7

    6

    5

    6. Galii magaalaa guddisuu(6)

    Galii dabale (qarshii Billiyonaan) (4)

    8.9

    44.3

    35.4

    11.7

    15.5

    20.4

    26.9

    35.4

    Sagantaa babal'ina galii magaalaa

    Madda galii haaraa qoratame (marsaa )(2)

    2

    5

    3

    1

     

    1

     

    1

    Adeemsa Keessaa ( 45%)

    7. Qo’annoo fi qorannoo babal’isuu(1.9)

    Qorannoo fi qo'annoo gaggeeffame keessaatti kan hojii irra oole %'n(1.9)

    85

    97

    97

    87

    89

    93

    95

    97

    Pirojektii qorannoo fi qo’annoo

    8. Babal'inna industrii foyyeessuu(3.05%)

    Baay'ina piroofaayilii industrii qopha’an lakk(1.5)

    28

    63

    35

    7

    7

    7

    7

    7

    Sagantaa misoomaa fi babali’na industrii

    Zoonii industrii misoome (lakk)(1.55)

    4

    4

    4

    1

    2

    1

     

     

    9.Uwwisa, qulqulinaa tajaajiloota Bu’uura misoomaa foyyeessuu(5.5)

    Uwwisa daandii magaalaa dabalee (km)(0.55) ( 0.5 )

    55

    70

    70

    58

    63

    65

    70

    70

     

    Ijaarsa Daandii Dhagaa Bocamaa KM(0.5)

    639.7

    1384.7

    1202

    149

    149

    149

    149

    149

    Piroojeektii babal'ina bu'uraa misoomaa

    Dandii Cirrachaa KM(0.5)

    2836

    7396

    4560

    912

    912

    912

    912

    912

    Dandii Asfaaltii KM(0.35)

    35.1

    115.1

    80

    16

    16

    16

    16

    16

    Suphaa Daandii Asfaaltii KM(0.45)

    20.7

    52.7

    32

    6.4

    6.4

    6.4

    6.4

    6.4

    Dandii Cirrachaa Suphuu KM(0.4%)

    23.81

    4003.81

    3980

    796

    796

    796

    796

    796

    Sararaa Bishanii Dirirsuu KM(0.5)

    2877

    5982

    3105

    621

    621

    621

    621

    621

    Sarara Ibsa a Keessaa Keessaa ( KM)(0.45)

    4467

    7957

    3490

    698

    698

    698

    698

    698

    Bo'oo Lolaa Ijarame KM(0.35)

    1859

    4344

    2485

    497

    497

    497

    497

    497

    Iddo balfi gogan itti gatamu xixiqqaa qopheessuu lakk(0.15)

    2588

    2637

    49

    10

    10

    10

    10

    9

    Iddo balfi dhangala'aa itti gatamu xixiqqaa qopheessuu lakk(0.15)

    140

    187

    47

    9

    10

    10

    9

    9

    Mana Fincanii Uummataa Ijaaruu(0.5)

    1409

    3361

    1952

    390

    390

    390

    390

    390

    Ijaarsa Qeeraa Lakkofsaan(0.4)

    327

    687

    360

    71

    72

    73

    73

    71

    Daandii Keessaa Keessaa Ijaaruu KM(0.35)

    4467

    10657

    6190

    1238

    1238

    1238

    1238

    1238

    Iddoo Olmaa Dargaaggootaa Ijaaru(0.19)

    172

    402

    230

    46

    46

    46

    46

    46

    ijaarsa sheedii IMX lakkn(0.5)

    5387

    12390

    7003

    1336

    1336

    1336

    1336

    1336

     

    10. Qulqullina konistiraakshinii fooyyessuu (5.5)

    Qulqullina ijaarsa dabalee (%)(0.5)

    64

    85

    85

    68

    72

    76

    80

    85

    Sagantaa ijaarsa dandeettii industirii konistiraakshinii fi rigulaatoorii

    Hojii inispekshinii raawwate (lakkn pirojaktoota)(1)

    2882

    7622

    4740

    948

    948

    948

    948

    948

    Ijaarsa haala waliigalteetiin raawwate (%dhaan)(0.5)

    72

    82

    82

    74

    76

    78

    80

    82

    Yüklə 1,3 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
  • 1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   14




    Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
    rəhbərliyinə müraciət

    gir | qeydiyyatdan keç
        Ana səhifə


    yükləyin