Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə1/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

MOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI

BIIROO INDUSTIRII FI MISOOMA MAGAALAA OROMIYAA

KGT-2ffaa



picture 008d:\foto jimma-web\investment\ijaarsa\copy of copy of imgp0800.jpg

Ebla 2007

Finfinnee


Baafata

3.1.1.Cimina 6

3.1.2.Hanqina 7

3.2.Haala Alaa-Carraa fi Sodaa 8



3.2.1.Carraa 8

3.2.2.Sodaa 9

3.3.Dandeesistoota (Haala Mijataa) fi Hudhaalee 9



3.3.1.Haala Mijataa 9

3.3.2.Hudhaalee 10

4.1.Hojiiwwan Ijaarsa Saayiinsii Hoggaansa fi Misooma Magaalaa 13



4.3.Raawwii Babal’ina Bu’uuralee Misooma Gahee mana Qopheessa, Hirmaannaa Uummataa fi Deggarsa garagaraatin hojjataman 14

4.4.Hojiiwwan To’annoo Raawwii Pilaanii fi Magariisuu Magaalootaa 16

4.6.Hojii Misooma, Dabarsaa fi Bulchiinsa Manneenii 17

6.1.Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo Karoora 22

6.2.Toora Xiyyeeffannoo 22

6.3. Ibsa fi Bu’aawwan Toora Xiyyeeffannoo Tarsima’aa 23



6.3.1.Misooma Industirii 23

6.3.2.Misooma Magaalaa Hammayyaa’aa 24

6.3.3. Gahumsa Odeeffannoo Gabaa Hojii fi Humna Misoomaa 25

5.Kallattiiwwan Karoorichaa 29

6.4.Kaayyoo Tarsiimoo’aa Sadarkaa Mana Hojii 30

Kaayyoo 17: Misooma, Eegumsa (To’annoo) Ittifayyadamaa fi Kunuunsa Naannoo Guddisuu 44

Sagantaa Hoggansa Jijjiiramaa fi Ijaarsa Raayyaa Misoomaa 50




  1. Seensa

Waggoota shanan darban keessatti Mootummaan Dimokiraatawaa fi Misoomawaa biyyattii, misooma guddina hunda galessaa ta’e galmeessisuuf Karoora hiixataa rakkoo uummataa hiikuu danda’u qopheessuun socho’aa tureera . Karoora hiixataa waggoottan shana darban qophaa’aa ture kanaanis bu’aawwan jajjabeessaa ta’e dhufee jira. Biiroon Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaas gahee fi ittigaafatamuummaa itti kennameen KGT 1ffaa naannoo fi federaalaa irraa ka’uun imaamaata, tarsiimmoo fi sagantaalee misooma magaalaa, industirii konistraakishinii irra ka’uun kan mana hojjiichaa baasuun hojjirraa oolchaa tureera. Karoora seektara magaalaa kana keessaa sirna dinagdee qonnaan durfamu irra gara industirii ceesisuu keessatti shoora isaa akka bahuu xiyyeeffannaan itti kenname hojjatamaa tureera. Hojiiwwan waggoota shanan darban keessatti seektara kanaan hojjatamaniin bu’aawwan gurguddoon galmaa’aa dhufaniiru. Keessummattuu ergama irratti hundaa’uun hojii dhabeeyyii magaalaa hir’isuu, bu’uuraawwan misoomaa magaalaa babal’isuu, bulchiinsa gaarii magaalotaa mirkaneessuu, qulqullinaa fi magariisuu magaalaa irratti hojjachuun guddina dinagdee ariifachiisuuf magaalotni naannoo oromiyaa iddoo jireenyaaf mijaawaaa ta’an gochuuf raawwatamaa tureera. Haaluma kanaan KGT 1ffaa bifa milkaa’ina qabuun xumuruun hojiiwwan harca’anii hafan fi fedhii uummmataa giduugaleessa godhachuudhaan karoorri KGT 2ffaa (2008-2012akka Biirroo Industirii fi Magaalaa qophaa’ee jira.

Karoorri Guddinaa fi Traanisfoormeshinii 2ffaa qophaa’e kunis cimina, dadhabina fi rakkoowwaan baroota darbanii, xiinxala raawwii gurguddoo fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo mootummaa, hojjiiwwan riifoormii, tarsiimoo muuxxannoo gaarii babal’isuu, sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimawaa (SMBKT/BSC) fi karoora istiraateejii waggaa shanii seektarichaa akka naannootti jiru giddu galeessa godhaachuun kan qopha’ee dha. Dokumantiin karooraa kutaa sadii kan qabu yoo ta’u kutaa 1ffaan haala waliigalaa fi raawwii hojiiwwan gurguddoo KGT 1ffaa, kutaa 2ffaan kaayyoo fi maniiwwan gurguddoo fi kutaa 3ffaan sirna hordoffii fi deeggarsaa fi duukaa deemtuwwan kan qabateedha.




KUTAA TOKKOO

Haala Waliigalaa, Imaammataa, Tarsiimoo fi Ka’uumsaa KGT2;



  1. Haala Waliigalaa

Biiroon Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa qaamolee hojii raawwachiiftuu mootummaa naannichaa keessaa isa tokko yoo ta’u,ergamni isaa humna raawwii seektarichaa fi magaalaa kallattii hundaan cimsuu,misoomni ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabuu fi bulchiinsi gaariin akka mirkana’u gochuuf naannicha keessatti hojjiin diizaayinii fi ijaarsaa sadarkaa isaa eeggatee akka gaggeeffamu taasiisuudhaan misoomni industirii fi konstiraakshinii akka babal'atu haala mijaa’aa uumuun ce’umsa dinagdee qonnaan durfamu irraa gara industiriitti taasifamuuf bu’uura buusuu dha.

Haala Baayyina Ummataa Itiyoophiiyaa yomuu ilaalu ragaan Lakkoofsa Ummataa fi Manneenii Bara 1999 gageeffame akka agrasiisutti Mill 73.9 (Baadiyyaa Mill 62 (%84) fi Magaalaa Mill 11.9 (%16) akka ture, haaluma walfakkaatuun ragaan kun bara 2007 A.L.H tti Mill 93.3 (Baadiyyaa 74.7 (%80) fi Magaalaa 18,6 (%20) akka ta’ee ragaan dokiimeentii ’Ethiopian Cities Prosperity Initiatives-ECPI’ jedhu ni agarsiisa. Kun kan agarsiisuu ummatni magaalaa waggoota 8 keessaatti %4 guddaachu isaatti.

Haala Ummatni Oromiyaa yommuu ilaallu immoo , Lakkoofsaa Ummataa fi Manneenii bara 1999 gaggeeffameen waliigalaan Mill 27.2 (Baadiyyaa Mill 23.7 (%87.8) fi Magaalaa Mill 3.3 (%12.2) akka ta’e ragaan jiru ni mul’isa.Gudinnaa waliigalaa ummataa %2.9 akka turee fi kan magaalaa yeroo walfakkatuutti keessatti %4.6 guddachaa akka ture Ragaan Ejeensii Istaastiksii Giddugaleessa (CSA) bara 1999 ni addeessaa.Bara 2007 ummatni magaalaa fi baadiyyaa reetii gudinnaa ummata baadiyyaa fi magaalaan yoo shallagamu (projection) Baayyinii Ummataa waliigalaa Oromiyaa Mill 35.3 (Baadiyyaa 30.2 (%85.55) fi Magaalaa Mill 5.1 (%14.45) akka ta’u tilmaameera. Kunis waggootaa 8 keessatti ummatni magaalaa %2.25n dabaluu isaa kan agarsiisu dha. Haa ta’u malee, ammas ummatni garrii caalaan baadiyyaa kan jiraatuu yoo ta’ees, babal’inni magaaloota baayee ariitiidhaan guddaacha akka jiruu fi gudinni ummataa magaalaas, waggaa waggaan bayiinaan dabalaa akka jiru ragaaleen jiran ni mirkaaneessu. Kana irra kan hubatamu, magaalummaan oromiyaa %14.45 irra gahuu kan agarsiisuu fi kan akka biyyaatti jiru %20 irra %5.55 gad bu’aa ta’uun carraa ummatni oromiyaa magaalaa jiraatuu ariitiin dabaluuf qabu kan agarsiisuu dha. Kun akka biyyaa fi Oromiyaattis itti fufaa akka jiru, ragaan arman olitti xiinxalame irra hubbaachuudhaan deebii gahaa gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin keennuuf karoorri hiixaataan qophaa’ee jira .

Ragaan Dokiimeentii Biiroo Hojii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa Gurraandhalaa bara 2001 maxxanfamee ba’e kan Imaammataa, Sagantaalee fi Xiyyeeffannoo Sektara Magaalaa jedhu Fuula 2 irratti akka ka’eetti, bara 2001 magaalootaa akka biyyaatti jiran 1000 keessaa 400 (%40) Oromiyaa keessa akka jiranidha. Haala babal’ina magaalootaa ilaalchisee ragaan adda adda akka ibsutti , Itiyoophiyaa keessaa bara 2007tti gandoota xixiqqoo amalaa magaalummaa qaban dabalatee magaaloota 1,223 jiran keessaa 629 (%51) naannoo oromiyaa keessaatti kan argamani dha.Akka ragaa kanaatti waggoottan 2001-2007 itti gara %51 olguddaachuun isaa magaalootiin oromiyaa ariitiin dabala jiraachuu kan agarsiisuu waan ta’eef ammuma irra qophii gahaa taasisuun barbaachisaadha.

Dokimeentiin Biiroo Hojii fi Misooma Magaalaa Oromiyaan bahe kun akka kaa’eetti, akkaataa Labsii lakkoofsa 65/95(116/98 akka fooyyaa’eetti) gurmaa’ina mana marii mataa isaanii bara 2001tti magaalootni qaban magalootaa 39 yoo ta’an, bara 2007 mana marii kan qaban immoo magaaloota 46 dha yeroo kanas Sadarkaan magaaloota naannichaaf keenname sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa ture.. Bara 2001 magaalootaa 375 jiran sadarkaa isaaniin yoo ilaalamu sadarkaa 1ffaan magaaloota 5, 2ffaan magaaloota 34 (2ffaa A 7 fi 2ffaa B 27) magaaloota Sadarkaa B 3 kan Mana Maree yeroo sanaatti hinqabne dabalatee waliigalaan 37, sadarkaa 3ffaan 47, sadarkaa 4ffaan 291 yoo ta’u, bara 2007 immoo baayinnii magaaloota 629 irra kan gahee yoo ta’u, sadarkaan isaanis, sadarkaa 1ffaan 6, sadarkaa 2ffaa n A 10, Sadarkaa 2ffaan B 30, sadarkaa 3ffaan 54, fi sadarkaa 4ffaan 529 kan qoodaman yoo ta’uu gandoota magaaloota kana jala jiran 822 irra gahee akka jiru ragaan ni agarsiisa. Magaalootiin kunis, bara baraan kan dabala jiran yoo ta’u, bara 2001 magaalootaa 375, bara 2002 magaaloota 443, bara 2003 magaaloota 483, bara 2004 magaaloota 524, bara 2005 magaaloota 564, bara 2006 magaaloota 601 fi bara 2007 tti magaaloota 629 irra gaheera. Haala daballii isaanii ilaalchisee bara baraan %5-%18 dabaluun waliigalaan %55 (0.55) kan bara 2001 irratti kan dabalan yoo ta’u, reetiin guddinna magaaloota oromiyaa %4.6 ture bara 2007tti (%4.6+0.55= %5.15) irra akka gahee, kan Itiyoophiyaa yeroo wafakattuuti %5.10 akka ta’e ragaan ni agarsiisaa (ECPI, F,3). Magaaloota 629 Oromiyaa keessaa jiran keessaa hanga bara 2007tti, Kaartaa Bu’uura (Topography Map) kan qaban 526 (%83.6), Pilaanii Gudinnaa (Development Map) kan qaban 451 (%72) fi Pilaanii Caasawaa (Structural Map) kan qaban 75 (%12) yoo ta’u, Giduugalaa Baadiyyaa (GGB) kan hojjatameef magaalootaa 580 dha (IPMO, 2007). Kunis Pilaanii Caasawaa fi GGB irratti baayina magalootaa fi GGB 3000 jiraniin walbira qabame yoo ilaalamu hojjiin bal’aan yeroo KGT2 keessatti akka nu hafu kan agarsiisuu dha.

Haala kanaan yoo ittifuufe akka itiyoophiyaattii bara 2007 ummatni magaalaa %20 irra jiru, bara 2017 dhumattii gara %30tti, bara 2022tti immo %35 irra akka gahu tilmaameera. Kana keessaa gaheen magaalootaa oromiyaa guddaa akka ta’e hubbaachuun ni danda’ama. Kunis sababni ta’u danda’uuf akkaataa Ministeera Misoomaa Magaalaa, Manneenii fi Konistraakshiinii qaamoolee sadiin qorannoo qorraachiseen bu’aa qaamoolee sadaanin argame kan walfakkatuu fi waggootaa ittiaanaan keessatti giddugallii baadiyyaa baayyeen gara magaalattii waan jijiramaniif, akkasumas pirojaaktoota gurguddoo (Mega Projects) ijaarama jiran kan akka Warshaa Suukaaraa, Warshaa Xa’oo fi kan kana fakkataan magaaloota haaraa uumaa waan deemaaniif akka ta’e qorannoon qaamoolee qorraattoota offdanda’an kanaan gageeffame agarsiseera.

Cee’uumsa gara industrii tasiifamuunis, IMXaalee 54,500 Maykiroo irra gara xixxiqqatti, 2,142 xixxiqqaa irra gara guddattu giddugaleessatti waggootaan shanaan darban cee’aniiru. Kunis carraa hojii bal’aa uumuun, bu’uuraa induustrii bussuuf daandii sirrii irra akka jiru kan nuti agarsiseedha. Dablatanis, invastimeentii induustrii naannichaa keessaatti bal’inaan gaggeeffama akka jiru qorannoon Kolleejii Publiikii Sarvisii Oromiyaa bara 2007 gaggeesseen kan hubbatame, oromiyaa keessaa induustrii xixiqqaa 569, Gidugalleessa 713, fi Gurguddaan 153, waliigalaan pirojaaktootiin induustrii 1,435 akka jiraaniif, Naannoon Oromiyaa Finfinneetti aantee babal’inaa induustriin lamaffaa akka taate ragaan qorannoo kana ni agarsiisa. Kun ta’u kan danda’eef, haala mijaahaa naannoon keenya qabdurraa kan ka’e waggaa lama (2005 fi 2006tti) keessatti bayinii induustrii gidugaleessaa fi gurgudda bara 2004 lakkoofsan 470 ture dachaadhaan guddachuun bara 2006tti 866 irra gaheera. Kana malees, ragaan walfaakkatu akka agarsiisanitti baay’inni industirii manuufaakchariingii ijaarsarra jiranii fi ijaarsa xummuranii hoijii keessa hin galliin 1,049 dha. Kun kan mul’isu industrii manuufaakchariingii naannoo keenyaa baay’ee saffinaan guddachaa deemaa akka jiru dha.Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalameetti industiriin naannoo keenyaa yeroo gara yerootti baay’achaa kan dhufe ta’ullee bay’inni industiriiwwan al-ergee, waliigala keessa %n 4.6 waan ta’een raawwiin jiru baay’ee xiqqaa ta’uu agarsiisa.

Yeroo ammaa kana garuu haala tarsiimoo haaraa garee magaaloota bara 2006 ba’een irra deebiin sadarkaa jahaan qoratamee labsiin murtaa’ee jira



Waliigalaan magaalootiin oromiyaa yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo fi hoggansaa gahaa dhabuu irra kan ka’e misooma hawaas-dinagdee naannichaa keessatti gahee irra eegamu oso hinbahiin haa turan malee, yeroo ammaa imaammataa fi sagantaalee gurguddoo qopheessuun, hojii irra olchuudhaan misoomnii fi bulchiinsaa gaariin magaaloota jijjirama guddaa agarsiisaa jira. KGT lammaffaa Kana keessattis walitti dhufeenya mootuummaa, dhaabaa, ummataa fi dhimmamtoota wajjiin jiru cimsinee karoora hirmaachisaa ta’ee qopheessuun xiyyeeffannoo guddaan hojiirra oolchuu qabna.


  1. Sakata’iinsa Naannoo

    1. Aangoo fi Gahee Hojii Mana Hojichaa

Akkaataa aangoo fi gahee hojii qaamolee raawwachiiftuu mootummaa naanichaa fooyyessuuf labsii Lakk. 163/2003 labsameen Biiroon Industirii fi Misooma Magaalaa Sadarkaa I/A Pirezidaantiitti kan hoogganamu ta’ee hojjii irra tureen aangoo fi itti gaafatamummaa 37 ture Labsii 170/2004 irra deebi’amee fooyya’ee baheen aangoon mana hojichaa gara 40tti akka ol guddatu ta’ee jira. Manni hojii kun dameelee afurii fi sektaroota itti waamaman 10 (EMIMXO, KBLTO, KIO, EIMMO, IPMO,WALQO, EMLO, EDHHO, DHBGMO fi EMMLMO (WQPRLMO dabalatee)) qabatee sektara Magaalaa hoogganuu irratti argama.


    1. Ergama, Mul’ataa fi Duudhaalee

      1. Ergama

Naannoo Oromiyaa keessatti misooma IMX fi investimantii babal’isuu, hojii dhabdummaa hir’isuu, magaalaa hammayyeessuu, nageenyi industirii uumamee, dinagdeen industiriin akka hogganamu gochuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuun jiruu fi jireenya uummataa fooyyeessuu dha.

      1. Mul’ata

Bara 2012tti Naannoo Oromiyaa keessatti misoomni industirii fi magaalaa dagaagee, seerri dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa industiriiwwaan keessatti kabajamee jiruu fi jireenyi uummataa fooyya’ee gara biyyoottan galii gidduugaleessa argatanitti akka guddattu gochuu dha.

      1. Duudhaalee

  • Itti Gaafatamumma

  • Iftoomina

  • Tajaajila gahumsa qabu

  • Hirmaachisummaa

  • Jijjiiramaaf hojjechuu

  1. Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa

    1. Haala Keessaa (Ciminaa fi Dadhabina)
      1. Cimina


  • Raayyaan ijaaramanii hojjechuun jijjiirama hojii fiduuf sochiin taasifamaa jiraachuu;

  • Karoora Hoggansa, karoora ji’oottan gannaa, karooraa Sochoochii ummataa fi Bulchinsaa gaarii Sadarkaa naannoo irraatti qophaa’ee hanga sadarka godinaalee fi magaaloota hundaatti gadii busuun hawaasa irratti mari’aachisanii xiyyeeffaannoon hojjachaa jirachuu isaa;

  • KGTn haalaa hirmachisaa ta’een qophaa’ee waggaa waggaan qophaa’ee akka hojii irraa ooluu taasisuuf Nannoo irraa kasee hangga gandattii hojii qindomina qabu hojjachuu yaaluu;

  • Hubannoon fedhii fi kaka’umsi hojii raawwattoota biratti mul’achaa jiru yeroodhaa yerootti dabalaa dhufaa jira.

  • Humna dandeettii raawwachiisummaa sektarichaa cimsuuf leenjiin adda addaa sadarkaa garaa garaati kennamaa tureera.

  • Qindoominni hojii sektaricha keessatti sadarkaa naanoo irratti jalqabe hanga sadarkaa gadiiti haalli gaariin mul’aacha jira.

  • Waggoottan darban keessatti rakkoo bu’uuraalee misooma magaalaa hiikuudhaaf hojii hoojjetameen, bu’uuraaleen misoomaa magaalaa saffisaan babal’achaa jiraachuu

  • Rakkoo bulchiinsa gaarii magaalotaa hiikuudhaaf sosochii fi hirmaannaa uummataa uumuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii fi madda isaanii adda baasuun, yeroo fi sadarkaa itti furamuu qaban waliin kallattii furmaataa kaa’uun irratti walii galuun sadarkaa hundattii hojjetamaa jira.

  • Amalli babal’ina Magaalummaa naannoo keenyaa kan baroota darbanii irraa saffisaan guddachaa jiraachuu

  • Haala hordoffii irratti Hojiin sagantaa ICT (Komaand postii seektara magaalaa) idilee qopheessuun torban torbaniin hojii gamaaggamuu, Ji’a ji’aan ammoo supparvizinii gaggeessuu, ji’a sadiin/kurmaanaan hojii seekataraa bakka tokkotti gamaaggamuun kallatiin ka’ama deemama jirachuu isaa fi fooyyan’insa kan qabu ta’uu

  • Muuxannoo gaarii hojiilee garaa garaa irratti jiran qindeessuu fi babal’isuu dhaaf yaalii fi kaka’umsi jiru gaariidha.
      1. Hanqina


  • Raayyaa jijjiiramaa cimaa ta’e uumanii sochoosuun Hoggansii fi hojjetaan sadarkaa hundaatti ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa seektara magaalaa keessatti mul’atu haala walfakkaatuun irratti qabsaa’uun kiraa sassaabdota dhabamsiisuu dadhabuu

  • Qaamni raawwachiiftuu sadarkaa godinaa fi magaalaa, akkasumas gara gadii jiru aangoo fi itti-gaafatamummaa isaa sirriitti beekee ga’umsa irraa eegasmuu fi qindoominaan socho’uu irratti hanqinni jirachuu.

  • Sirna Gabaasa guutuu , qulquulluu fi yeroo isaa eeggate asadrkaa sadrkaan argachuu irratti harcaatiin jiraachuu;

  • Humna misoomaa murteesssa ta’e Haawasa sadarkaan jiru karaa ijaaramee fi gurmaa’en sosochoosuun hojii misoomaa irratti hirmaachisuu ilaalchisee ammallee harcaatii fi hanqinni jiraachuu isaa

  • Hanqinni humna namaa ga’umsaa qabu sadarkaa hundumaa irra jiruun walqabatee keessatuu piroojaktoota ijaarsa magaalaa keessatti deeggarsa ogummaa gochuu keessatti hanqinni guddaan jirachuu

  • Qindoominni seektarootaa fi seektaroota akkasumas olii hanga gadiitti jiru akkaataa barbaadamuun ta’uu dhabuu.

  • Hojii misoomaa fi bulchiinsa manneen irratti xiyyeeffannaan sadrkaa magaalaa fi godinaatti jiru laafaa ta’uu.

  • Hojimaata, dambiilee fi qajeelfamoota jiraniin ogganamuun rakkoolee bulchiinsa manneenii mul’atan yeroon hiikuu dhabuu.Akkasumas , Karoora baheen ogganamuu dadhabuu, gabaasa raawwii karooraa xiinxaluu irratti dadhabinni jiraachuu

  • Qulqullinni ijaarsa piroojektootaa sadarkaa adda addaatti jiru ammallee rakkoo kan qabu ta’uu

  • Leenjiin sadarkaa garaa garaatti kennamu qorannoo fedhii duraa irratti kan hin hundoofnee fi bu’aa isaa qorachuu dadhabuu

  • Hojiileen hojjetaman tokko tokko haalli staandardii hojichi gaafatu irratti xiyyeefachuu dhabuu fi hubannoo gadi fageenyaa ogummichaa dhabuu

  • Ragaalee hojiiwwan raawwatamnaii bifa ammayyaa ta’een qindeessanii qabachuu dadhabuu

  • Humnoota misooma sadan qixa eegamuun qindeessuun ilaalchaan sadarkaa tokkootti fiduuf hojiin hojjatame laafaa tahuu fi hojii keenya sosochii uummataatiin deeggaruu irratti qaawwii jiraachuu.

  • Humna kontiraaktarootaa, abbootii piroojaktii fi gorsitoota cimsuuf leenjii hubannoo fi marii adda addaa haala itti fufiinsa qabuun gaggeessuu dhabuu.

  • Maallaqni gahee hirmaannaa Uummataa ’incentive fandii’ amma barbaadamee deemuu dadhabuu,

  • Mannen projreektii 1999 fi 2000 ijaaramanii %80 fi olii ga’an Mootummaan akka darbu murteessullee dabarsuu dadhabuu fi fedhii mana jireenyaa bal’aa jiru dhiyeessiin wal madaalsisuu dadhabuu

  • Hojiiwwan dhimmoota seektara hundaa / cross cutting issue/ ilaalchisee xiyyeefannoon raawwachuu irratti hanqinni jiraachuu;

  • Sirni madaallii fi deeggarsaa adeemsifamu ittifufiinsa kan hin qabnee fi qulqullina kan hin qabne ta’uu ;

  • Yeroo kaa’ame keessatti Mannen waliiniitiif Qarshin wabumma mootumman liqeeffateef deebisiisuu dhabuu

    1. Yüklə 1,3 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin