|
|
səhifə | 2/14 | tarix | 12.01.2019 | ölçüsü | 1,3 Mb. | | #96402 |
| Haala Alaa-Carraa fi Sodaa Carraa -
Caaseffamni hojjechiisuu danda’u sadarkaa hundatti diriiruu isaa (Process Based Organizational Structure)
-
Imaamatni misooma magaalaa hojjechiisan jirachuu isaa.
-
Hawaasa fedhii misoomaa qabu fi humni dargaggoo guddaan magaalota keenya keessa jiraachuu.
-
Rakkoo manaa jireenyaa naannichaa hiikuuf qajeelfamni fi dambiin misooma manneenii 40/60, 20/80 fi 10/90 bahee hojii irra akka oolu ta’uu.
-
Kutannoon siyaasaa misooma itti fufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessu jiraachuu dha.
-
Ilaalchaa fi gocha kiraa-sassaabdummaa irratti hawaasni magaalaa dammaqinaan hirmaatee qabsaa’uu egaluu.
-
Caasaan ogeessota (engineers) fi kan biroos hawwatu qorannaa irrattii hundaa’uun biiroo keenyaaf eyyamamuu isaa.
Sodaa -
Baajataa fi loojistikii jiru bal’ina hojii waliin wal simu dhabuu ni danda’a.
-
Magaalumman babal’achaa deemuun uummanni godansa gara magaalaatti godhu dabaluun walqabatee dhiyyeessii bu’uuraalee misooma waliin walsimuu dhabuun jiraachuu ni danda’a.
-
Qala’insi gatii jirachuun jiruu fi jireenya hawaasa magaalaa ulfessuun hirmaannaa hawaasa xiqqeessuu danda’a.
Dandeesistoota (Haala Mijataa) fi Hudhaalee Haala Mijataa -
Humna dandeettii raawwachiisummaa sektarichaa cimsaa deemuu fi caasaa mana hojiichaa foyyeessuuf yaalin guddaan jiraachuu isaa;
-
Qindoominni hojii sektaricha keessatti sadarkaa naannoo irraa jalqabe hanga sadarka gaditti akka lafa qabatuuf hojiin bal’aan hojjatame kan jiru ta’u isaa;
-
Waltajjiin gamaggama seektara magaalaa oli hanga gadiitti qindoominaan gaggeeffamaa turuu isaa, hanqinoota hojii keessatti mul’ataniif tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamaa jiraachuu;
-
Dambii fi Qajeelfamoota hojiif barbaachisan qopheessuu fi hubbannoo irratti uumuuf hojiin guddaan hojjetamaa turuu isaa;
-
Rifoormiwwan magaalaa adda addaa bifa cimee fi xiyyefannoo guddaan hojii irraa olaa jirachuu;
-
Imaammatni misooma magaalaa hojjechisan jiraachuu isaa.
-
Hawaasa fedhii misooma qabu fi humni dargaggoo guddaan magaalota keenya keessa jirachuu.
-
Kutannoon siyaasaa misooma itti fufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessu jiraachuu;
Hudhaalee
Sadarkaa Hoggansaa fi Ogeessaatti Hudhaawwan Adda Ba’an
A) Ilaalcha
-
Amantaa fi kutannoon hojii hunda raayyaa qofaan raawwachuu fi raayyaa lafa qabsiisuun jiru laafaa ta’uu;
-
Ilaalchaa fi gocha kiraasassaabdummaa keessaa bilisa ta’uu fi hadheeffatanii qabsa’uun jijjiirama barbaadamu fiduu dhabuu;
-
Hojii hunda qabsoo gitaatiin gaggeessuurra ilaalcha ittiin bulinnaa keessatti qabamuu;
-
Rifoormiiwwan rakkoo kenna tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii irratti hojiirra oolchuuf kutannoon gaggeessuu dhabuu;
-
Qindoominni sadarkaa sadarkaan jiru hanga barbaadamuun cimsuu dhabuu.
B) Dandeetti
-
Karoora haala guutuu ta’een hojiiwwan hunda of keessatti qabate karoorsuu dhabuu;
-
Hoggansa tokko tokko biratti hojiiwwan gareen qindeessanii gaggeessuu irratti qaawwi kan mul’atu ta’uu;
-
Leenjiiwwan sadarkaa sadarkaan kennaman qaawwa dandeetti jiru qorannoon adda baasuun kennamuu dhabuu fi bu’aa leenjii yeroo yeroon madaalaa deemuu dhabuu;
-
Dandeettiin bulchiinsa piroojeektoota hoggansa sadarkaa sadarkaan bira jiru ga’aa ta’u dhabuu;
-
Dandeettiin raawwachiisummaa seektarootaa gubbaa hanga gadiitti jiru laafaa ta’uu;
C) Dhiyeessi
-
Hanqinni loojistikii sadarkaa sadarkaan jiru furamuu dhabuu;
-
Galteewwan piroojektootaa fi meeshaalee mana hojii keessatti fayyadaa jiran seera qabeessaan fayyadamuu dhabuun qisaasama adda addaaf mootummaa saaxiluu;
-
Ragaawwan adda addaa yeroon qulqullinaan qindeessaa ka’aa deemuu dhabuu;
-
Bakka hanqinni ogessaa mul’atutti ilaalanii guutaa deemuu dhabuu;
D) Hordoffii fi Deggersa
-
Yeroo baayyee hordoffii fi deggersi gaggeefamus bu’aan gama sanaan argame maali jedhanii madaalaa deemuu dhabuu;
-
Hordoffii fi deggersi yommuu gaggeefus magaalotaa fi Godinaalee qawwa isaanii irratti deggeraa deemuu dhabuu;
-
Yeroo hundaa raawwii Magaalotaa fi Godinaalee irratti hundaa’uun duub-deebii wal irraa hin cinne barreeffamaa fi afaaniin kannaa deemuu dhabuu;
Hudhaawwan Gama Raayyaa Sadaniin Mul’ate (Dhaaba, Mootummaa fi Uummata)
-
Dhaaba
-
Rakkoo ilalchaa hoggansaa sadarkaa sadarkaan jiru tarsimoo fi imammata mana hojii kallattii dhabni kaa’e giddugalessa godhanii gaggessuu dhabuu.
-
Ilaalcha miseensaa itti fuufiinsaan sirreesuun hojiitti galchuu xiyyeeffannaa addaa kennuu dhabuun hoggansa biratti mul’ateera.
-
Gochaa Kiraasassaabdummaa irratti hoggansi sakata’ee qorachuu fi qabsa’uu dhabuu
-
Tarsimoo fi Imammata motummaa kallattii siyasaan ilaaluun hojii irra olmaasaatiif adda duree ta’urra dhimicha hojii teekinikaa godhanii ilaluu.
-
Miseensi karaa dhaabaatiin jiru adda duree ta’uu dhabuu fi
-
Seelii fi hundeen dhaabaa handhuura ijaarsa raayyaa ta’uu isaanii hubatanii bu’aa raawwii hojiiwwan gurguddoo irratti xiyyeeffachuun qabsoon dhaaba keessaa haala kanaan gaggeeffamuu akka danda’u ilaalcha qulqullaa’e qabachuu dhabuu;
Dandeettiin
-
Deggersa itti fuufinsa qabu keennuudhaan moodeela baasuu, muxxaannoo garii qindeessuun babal’isuu dhabu.
-
Kallattii Motummaa fi Dhaabaan kennamu fudhatanii haala qabatamaa ofiin beekanii karoorsuu fi ragaa qindeessanii qabachuu dhabuu.
-
Raawwataa sadarkaa sadarkaan jiru geessisuu fi humnoota misoomaa sadan gurmeessuun sochii qabatamaa keessa galchuun jijjiirrama jiru hogganuu dadhabuun
Dhiyyessii Ilachisee
-
Deggarsaa fi hordoffii hoggansii tasisuu lafaa ta’u
-
Lojistikii barbachisaa ta’an qorachuun caasaalee sadarkaa sadarkaan jiraniif dhiyyessuu dhabuu (konkolataa…)
b) Mootummaa
Ilalchaan
-
Hojii rayyaan hojjetamuu hojii siyasaa godhanii ilaluun ni jira
-
Siyaasaa dinagidee kiraa sassaabdumaa kan dhabamsisuu ga’e gaggesitoota sadarkaan jirani jedhanii ilaluu
-
Tarsimoo fi Imammata irratti yeroo adda addaa leenjiin hakennamuu malee rakkoon hubannoo guutummaa guututti hiikkate jedhamuu baatus rakkoo ilaalchaa bal’atuu qaama kana birattis mul’ata.
Dandettii
-
Tarsimoo fi Imaammata motummaa hubachuu fi hubachisuun hojiirra olchuu dadhabuu
-
Garee misoomaas ta’ee tokko-shaneen sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimo’aa (SMBKT) jiddu galeessa godhatee hojii wal-gamaaggamuu fi wal-ijaaruu qaama karoorichaa taasisuun hojjachuu dhabuu;
-
Hawwasaa fi qooda fudhatoota qindeessanii hojiitti hirmaachisuu dadhabuu
Dhiyessii ilaalchisee
-
Deggarsaa fi hordoffii hojjetaa motummaa taasisuu laafaa ta’uu (ga’umsa leenjii eggisisuu….)
-
Lojjistikii barbachisaa ta’an qorachuun caasaalee sadarkaa sadarkaan jiraniif dhiyyesuu dhabuu (konkolataa…)
c) Uummata
Ilalchaan
-
Ilaalcha eegatummaa irraa kan ka’e hojii hunda iyyuu deeggarsa Mootummaatiin ala raawwachuun akka hindanda’amnetti ilaaluu.
-
Kiraa sasabdumaa irratti gutummaan qabsa’urra ga’ee motumaati jedhanii yaadu.
-
Leenjiiwwan ga’umsaa hojii hawasaa cimsu irratti akka hirmaatan yoo taasifamu kaffaltii malee akka hin lenji’uu fedhii dhabuu;
Dandettii
-
Mirgaa fi dirqamaa ofii bekanii qabsa’uu/falmachuu dhabuu.
-
Hojii misoomaa, nageenya, ilachisee karoora irratti hirmachuu fi akkataa fayyadamumaa isaa bekee hirmachuu dhabuu.
Dhiyessii
-
Hojii misoomaa irratti qabeenyaa fi beekumsaan hanga barbadamu hirmachuu dhabuu;
-
Hordoffii fi deggarsa bu’uralee misoomaa taasisuu fi akkasumas kununsa isaan tasisaa jiran laafaa ta’u.
-
Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo KGT 1ffaa Keessa Raawwatamanii fi Rakkoolee Gurguddoo Adda Bahan,
Dostları ilə paylaş: |
|
|