Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dookimantii qorannoo "jbah" adeemsa hojiiwwan iskiimota gurguddoo fi jiddu galeessaa


Qunnamtii Keessaa fi Alaa(Internal and External Interface)



Yüklə 1,94 Mb.
səhifə9/27
tarix12.01.2019
ölçüsü1,94 Mb.
#96460
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   27

2.6. Qunnamtii Keessaa fi Alaa(Internal and External Interface)

Adeemsawwan hojii ijoo hojiiwwan Bulchiinsa Iskiimotaa, haala amma jiruun adeemsa raawwii hojii keessatti qaamolee keessaa fi alaa adda addaa waliin wal-quunnamtii adda addaa ni taasisa.


2.6.1 Qunnamtii keessaa (internal interfaces)





  • Waajjira Hogganaa

  • Waajjira I/A Hogganaa

  • A.Hojii bittaa fi bulchiinsa faayinaansii

  • A.Hojii Ooditii fi Inispeekshinii

  • A.Hojii Bulchiinsa Humna Namaa fi Qabeenyaa

  • A.Hojii Qorannoo fi Dizaayinii

  • A.Hojii Bulchiinsa koontiraataa fi To'annoo ijaarsaa

  • A.Hojii Karooraa fi Sagantaa

  • Waajjiraalee Godinaa

  • Waajjiraalee Aanaa

2.6.2 Qunnamtii Alaa (external interfaces)



Gabatee-: Qunnamtii Alaa (external interfaces)

Lakk

Qaama wali-Qunnamtii

Dhimma irratti wal-qunnaman

1

Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa

Rammaddii Bajetaa,Too’annoo fi hordoffii raawwii hojii.

2

Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Rammaddii Bajetaa,To’annoo fi hordoffii raawwii hojii, Labsii fi Qajeelfamoota gama hojii kanaa ilaalchisee

3

Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa

Oromiyaa


Muuxannoo daddabarsuu fi "capacity bulding" ilaalchisee

Hojii misooma sululaa(Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii)naannoo iskiimotaa jiran irratti.



4

Biiroo Qabeenya Bishaan Oromiyaa

Itti-fayyadama qabeenya bishaan jallisii irratti, mala (system) Bulchiinsa iskiimotaa irratti

5

Komishinii Misooma Horsisee Bulaa

Oromiyaa



Iskiimota misooma jallisii naannoo H/Bulaatti argaman Qindoominaan Eeguu irratti, fkn."cattele trough"kaanaalii keessa loon akka hin galle ni hojjatu,deeggarsa adda addaa ni kennu.

6

Ministeera Bishaanii, Jallisii fi inarjii

Labsii itti fayyadama Qabeenya bishaanii, Dokimantii Cost Recovery Qopheessuu fi hojiirra oolchuu irratti.Gargaarsa

teeknika adda addaa irratti,



7

Konsaltaantota

Iskiimota jallisii irratti. gama Qorannoo suphaa ,babal'isuu,haaromsuu iskiimotaa fi Too’annoo gaggeeffamu irratti

8

Kontiraaktaroota

Iskiimota jallisii irratti gama hojii suphaa,haaromsaa fi Babal'isuu gaggeeffamu irratti

9

Itti Fayyadamtoota Iskiimota Misooma Jallisii

Hojii ’organizational management’ iskiimotaa irratti

10

BLTO

Leenjii fi barnoota Misooma jallisii irratti,Teeknooloojii misooma jallisii maddisiisuu fi walbeeksisuu.

2.7 Rakkoolee, Seeroota Fi Yaadamoota Hojiiwwan Armaan Duraa Iskimoota Jallisii



Gabatee-: Rakkoolee, Seeroota fi Yaadamoota Hojiiwwan Armaan Duraa

La

Rakkoolee/Fedhii

Seera Barreeffaman Ykn

Kan Hin Barreeffamin

Yaadamoota (asumption)

1

Bishaan jallisii gahaa ta'ee fi wal-irraa hin cinne argachuu dhabuu

-Iskiimonni jallisii baasii guddaa barbaada

-Bulchiinsi Iskiimotaa ogummaa addaa ni barbaada



Qonnaan/Horsiisee bulaan dhiyeessi bishaan jallisii karaa mootummaa duwwaan dhiyyaata jedhee waan yaaduuf

-Qonnaan/Horsiisee bulaan Iskiimonni mootummaan ijaare kan mootumaati jedhee waan yaaduuf (dependancy syendrome)



2

Bulchiinsa iskiimii (suphaa, babal'isuu fi manaajimantii bishaan jallisii) cimaa ta’ee fi qulqullina qabu dhabuu.

-Kaffaltiin suphaa fi oppireeshinii hin jiru jedhanii yaaduu
-Hojii oppireeshinii, suphaa, pirojektootaa mootummaan ni supha jedhanii yaaduu.

-Qannaan/Horsiisee bulaan humna bulchiinsa iskiimii ittiin bulchuu hin qabu jedhamee waan yaadamuuf
-Hojiin Bulchiinsa Bishaani fi iskiimota jallisii ogeessa speeshalistii ta’een duwwaan rawwatama jedhamee waan yaaddamuuf.

-Kafaltiin hundi gama mootummaatiin jedhamee waan yaadamuuf.



3

Iskiimota gurguddaa fi jiddu galeessaa irratti haala gahaa fi humna gutuu ta'een tajaajila kennuu dhabuu

-Pirojektoonni (Iskiimonni) gurguddoon ogummaa addaa ni barbaada jedhanii yaaduu.

-Itti fayyadamtoonni jallisii iskiimonni jallisii baasii guddaa ni barbaada jedhanii yaaduu.



-Qonnaan/Horsiisee bulaan hordoffii iskiimotaa irratti nu hin ilaallatu jedhee waan yaaduuf

-Qonnaan/Horsiisee bulaan hojiin iskiimota gurguddoo fi manaajimantiin isaa ogummaa guddaa barbaada jedhanii waan yaadaniif



4.

Deeggarsa teeknikaa iftoominaa fi gahaa ta’e akkasumas, kenna tajaajila qulqulliina qabu yeroodhaan argachuu dhabuu

-Hojjetaan maamilli isaa abbaa ta’uu hin beekuu

-Maamilli yoo komate homaa gochuu hin danda’u jedhani yaaduu.

5

Suphaa, haaromsaa fi babl'isuu iskiimotaa irratti itti fayyadamtoonni hirmaachuu dhabuu.

-Itti fayyadamtoonni Bishaan jallisii Iskiimota itti fayyadamaa jiraniif abbaa ta'uu isaani beekuu dhabuu.

Baajataa mootummaatiin waan hojjatamuuf hirmaachuu hin barbaachisu jedhani yaaduu.

6

Naannoo "head worke" U/S itti seeraan ala Bishaan fayyadamuun babal'achuu (Illegal water abstruction/irraa kan ka'e humni bishaanii hir'achuu, Dudubni (silt) kaanaalii keessatti guutamuu fi sistema misooma jallisii iskiimota irratti faallessuu.

-Danbiin ittiin bulmaataa WIBJ hojiirra oolchuudhabuu.

-akkaataa Dokimantiin Qorannoo fi Dizaayinii isaa itti hojjatame beekuu dhabuu.

-Maanuwaalii oppireeshinii fi Suphaa hojiirra oolchuu dadhabuu.(O&M)


-Hojiin isaan hojjatan hundinuu itti fayyadamtoota isaanii gadii (D/S) irratti dhiibbaa hin fidu jedhanii yaaduu.

-Itti fayyadamaan Faayidaa kiyya qofan jiddu galeessa godhadha jedhee yaaduu.




7

Hojiirra oolmaa iskiimotaa ol -guddisuu (Functionality rate) dhabuu irraa kan ka'ee itti faayyadamtoonni guutumaan guututti fayyadamaa akka ta'an taasisuu dhabuu.

Iskiimonni humna uummataatiin hojjatamuu ni danda'ama jedhani yaaduu dhabuu.

-eeggatummaan jiraachuu.



-Baajata mootummaatiin ni hojjatama jedhani yaaduu.

-


9

Fedhiin teeknooloojii yeroon dhiyaachuu dhabuu

Fedhiin guuruun yeroo dheeraa fudhata jechuu Qonnaan bulaan ragaa gahaa hin kennuu

Qaamnii ol-aanaa fedhii qonnaan bulaa waan beekaniif ofif ni dhiyeessuu jedhanii yaaduu

10


Teeknooloojiin misooma jallisii babal’achuu dhiisuu

Teeknooloojiin jallisii baasii guddaa barbaada

Teeknooloojiin tokkoo yoo kufe kisaaraa keessaa nama galcha.



Teeknoolojii hara’aa fayyadamuuf shakkiin waan jiruuf kanuma barameen fayyadamna jedhanii yaaduu

Baasii ba’u kana mootummaan bakkaa busuu qaba yaada jedhut jira



11

Teeknooloojii dhiyeessuuf yeroo dheeraa fudhachuu



Teeknooloojiin uumamaan dhiyeesuuf yeroo dheeraa fudhata


Fedhiin teeknooloojii yeroon waan hin dhiyaanneef jechuun sababii dhiyeessuu

Teknooloojii dhiyeessuun kan qaamaa tokkooti jedhanii yaaduu



12

Yaalii (demonstartion) yeroo dheera fudhachuu

Yaalii gageesuun yeroo fudhata jechuu

Yaaliif lafti hin argamu jechuu

Yaalii gageesuun baasii gaafata jechuu


Yaaliin lafa qorannoo qonnaa keessattii gageeffamuu ni danda’aa jechuu

Baasii yaaliif barbaachisu mootummaan haa baasuu jechuu


13


Hojii misooma jallisii haala hamayyaatiin hojjechuu dadhabuu

Haala hamayyaatiin hojjechuun bu’aa ba’ii fi dadhabbina guddaa qaba.

Haalaa hamayyaa fi duriin hojjechuun garagarummaa guddaa hin qabu

14

Dukubaa fi dhibeen biqiltuu babal’achuu

Dhukubni yoo babal’ate eeguudhan balleessuu ni danda’ama jechuu

Miidha’aa guddaa fiduu hin danda’an jechuu


15

Badiinsi omisha boodaa guddachuu

Xiyyeeffannoon kunuunsa omisha boodaf godhamuu laafaa ta’uu

Hojiin ekisteenshinii omisha boodaa irrattii hojjetame xiqqaa ta’uu



Badiinsi omisha boodaa guddaa miti jedhanii yaaduu

Kunuunsa omisha boodaaf godhuudhan gargartummaan galii argamu xiqqaa dha jedhanii yaaduu

Omishni midh’an omisha boodaa irraa gahe nyaatuu fi gurguruu ni danda’ama jedhanii yaaduu

16

Qisaasamni bishaanii guddaa ta’uu


Bishaan biqiltuun akkaa barbaadamettii yoo obaasan dafee bishaan hin barbaadu jechuu

Bishaan kennaa uumamaa waan ta’eef qusanaan baay’ee hin barbaachisu jechuu



Bishaan yoo baayyate miidh’an innii qabu hin jiru jedhanii yaaduu

Bishaan qisaasame lafa dabalataa misoomsuu akkaa danda’uu ilaalcha keessaa galchuu daddabuu



17

Omishni misooma jallisi qulqullina dhabuu

Midhaan qulqullinaan omishuun omishtummaa gadi buusaa fi akkasumas human guddaa fudhata

Midhaan qulqullina dhabus gatiit gadi bu’a malee ni gurgurama


18

Al-lamaa fi isaa ol misoomsuu dadhabuu

Al -lama misoomsuun hin danda’amu



Midhaan gahuuf yeroo dheeraa waan fudhatuuf al-lama misoomsuuf hin danda’amu

Al-lama misoomsuuf roobni gannaa ni seena, qorrii ni dha’a jechuu



19

Omisha gosa tokkoo waqtii tokkotti facaasuu

Qonnaan bulaan hedduun bara kana midhaan gosa akkanaa facaasee

Barrii kun bara midhaan gosa akkanaat jechuu



Bara darbe midhaan kun rakkoo gabaa qabayyuu jechuu

Gosa midhaan bara kana barbaadamu kana jechuu dhan



20

Agromii fooya’aa (hojjimaataa qonaa fooya'aa) fayyadamuu dhiisuu

Agronomii foyya’aa fayyadamuun yeroo heduu fudhata, baasiis dabalatas ni gaafata jechuu

Agronomii foyya’aa fayyadamuu baatus callan ni argama jedhanii yaaduu

21

Hojii misooma jallisii irratti hirmmanaan uummataa laafaa ta’uu




Qonnaan bulaan waliin ta’uun hojjechuuf fedhii hin qabu jechuu

Hojiin misooma jallisii haala dur barameen ni hojjeetamaa jeedhaanii yaaduu.

Hojiin misooma jallisii duraans kan beekamuu waan ta’eef uummataa kakasuun bu’aa akka hin qabneetti ilaaluu.

Hojiin mobilizashiinii misooma jallisii irratti tasiifamaa ture ghaa ta’uu dhisuu.

Hojiin hirmannaa uummataatiin hojeetamuu bakka adda addaa tti bitina’ee jira jedhaanii yaadu.



22

Gurmaa’ini itti fayyadamtoota jallisii laafaa ta’uu


Kennii leenjii walii irraa hin cinnee sadarkaa adda addaa tiin keennamuu qaba

Leenjiiwwan wal fakkaatan irra deebi’ani kennuu,Leenjii mata isaatiin galma jedhanii fudhachuu



Waldaa itti fayyadamtootaa bishaan Jallisii tiin yoo ijaramnee qabeenyii isaanii akka qisasamuutti ilaaluu.fi WIBJn gurma’uun bu’aa akka hin qabneetti ilaaluu.

23

Itti fayyadama bishaan jallisii irratti walitti bu’insii jirachu.

Seera ittin bulmataa Waldaa itti fayyadama Bishaan Jallisii miseensii waliigalatiin ba’ee kabajuu fi kabachiisuu.


Seera ittin bulmataa bafata aka seeratti ilaaluudhabu.

Sagantaan itti fayyadamaa bishaan jallisii akka hin jirretti ilaalu.

Sagantaan itti fayyadama bishaan jallisi haala balina lafaa fi gosaa midhaanii irratti hin hundoofnee jeedhanii yaduu.


24

WIBJ odeeffannoo gabaa sirrii fi qulqulluu ta’e waan yeroon hin arganneef omisha keenyaaf gatii fooyya’aa argachuu hin dandeenye.

Gabaa kan murteessuuu qaamaa biraa waan ta’eef gurma’uun hagas barbaachisaa akka hin taaneettii ilaaluu

Gabaa oomishaa jallisii akka gabaa oomishaa gannatti ilaaluu.

Midhaan muduraa fi kuduraa akka midhaan gannaatti (dheedhitti) ilaaluu



25

Waliitti hidhamiinsii gabaa oomishaa jallisii dhabamuu.

Qajeelfamaa walitti hidhaminsaa gabaa seekteerootaa adda adaa waliin haala gaaba mijeesuu irraatti gahee qaban.


Qindoominnii qaama dhimmi ilaaluu waliin jiru hin jiruu jeedhaanii ilaalu.



26

Qindoominnii qooda fudhattootaa waliin jiruu laafaa ta’uu

Qaamooleen adda addaa sadarkaa sadarkaan argaman sochii hojii waligala naannoo isaa keessa jiru to’achuu qaba.

Qooda fudhaatoonni karooraa isaanii haala karoorfameen nirawwatuu jeedhanii ilaaluu

Yüklə 1,94 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   27




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin