Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa



Yüklə 0,6 Mb.
səhifə2/11
tarix18.08.2018
ölçüsü0,6 Mb.
#72782
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11






    1. BARBAACHISUMMAA FI DAANGAA QO’ANNICHAA

      1. BARBAACHISUMMAA

Qo’annoon kun haaluma labsii 163/2003 qaamota raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi’uudhaan gurmeessuu , aangoo fi hojii isaanii murteessuuf ba’en mana hojii ( Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa ) jedhamuun hanga sadarkaa aanaatti gurmaa’uu adeemsaalee ijoo sadiin hojii isaa geggeessuu irratti argama. Adeemsaalee ijoon lama ( Gahoomina Dubartootaa fi Idileessa Koorniyaa ) bara 2000 JBAH’n isaanii qoratmee hojiirra oolchamaa turan keessattii hojiin proojektii dubartootaa bakka adda addaatti ciccitanii hojjetamaa waan jiraniif akkasumas bara 2001 irraa eegalee Dhimmi Daa’immanii gara seektera kan dhufe waan ta’e waa’eef dhimmi proojektoota daa’immanii kan of keessatti hin haammatamin ture dha. Qu’annoon kunis rakkoo hojiin proojektoota misooma dubartootaa fi daa’immanii ciccita , yaa’insa sirrii kan hin qabne fi komii bal’aa mana hojichaa irratti kaasaa waan jiruuf akka irra deebi’amee qoratamuuf barbaachisaa ta’ee argameera.

Haaluma kanaan qu’annoon kun dhimmoota gurguddoo armaan gadii irratti xiyyeeffachuun kan geggeeffamee dha.



  • Biirichi ergama, itti gaafatamummaa fi dirqama labsiin kennameef bahuudhaaf

  • Hojiiwwan proojektii bakka adda addaatti ciccitanii irra deddeebi’iin hojjetamaa jiranu bakka tokkotti haala bu’aa barbaadamu buusuu danada’uun gurmeessuudhaaf

  • Kenna tajaajila fi raawwii mana hojichaa caalamaatti fooyyessuudhaaf

  • Fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii mirkaneessuudhaaf

  • Komii xiqqeessuudhaan itti quufinsa maamila mana hojichaa mirkaneessuudhaaf

      1. DAANGAA QU’ANNICHAA

Daangaan qu’annichaa adeemsaalee hojii lamaan ( Gahoomina Dubartootaa fi Idileessa koorniyaa ) keesaatti hojiilee proojektoota misooma dubartootaa fi daa’immanii sadarakaa Naannoo irraa eegalee hanga aanaatti jiru irratti kan xiyyeeffatee dha.
    1. HAALA WALIIGALA BIIROO DHIMMA DUBARTOOTA FI DAA’IMMAN OROMIYAA


Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa bara 1987 hanga 1994 tti sadarkaa Dameetti caaseffamee hojjechaa turee, labsii Gurmaa’ina qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyyeessuufi Angoofi hojiisaanii irra deebia’mee murteessuuf bahe lakk. 50/1994-tiin-akka Biirootti ijaarameera. Labsii 163/2003 Biiroon kun akkuma Biiroolee fi Waajjiroolee kaanii itti waamamnisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif yoo ta’u kaayyoo ittiin dhaabbate galmaan ga’uuf caasaasaa hanga aanaatti diriirsuun qaamota Mootummaafi Miti Mootummaa dhimma korniyaarratti hojjetani waliin dandeettiifi humna qabuun karooraan socha’aa jira.

1.3.1 Xiinxala Maandeetii Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii

Labsii Lakk. 163/2003: Labsii Qaammota Raawwachiistuu Mootummaa Naanno Oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuuf aangoio fi Hojii isaanii murteessuuf bahe.

Keewwata 29

  1. Seerota dubartoota fi daa’imman ilaalchisee hojii irra jiran irratti qo’annoo ni gaggeessa, qaama aangoo qabutti yaada furmaataa ni dhiheessa; argannoon qo’annichaa hojii irra akka oolu ni taasisa.

  2. Mirgaa fi dantaa dubartootaa fi daa’immanii kabajchiisuuf hubannoo ni uuma, akka uummamu ni taasisa.

  3. Ragaalee dhimma dubartootaa fi daa’immanii ilaallatan ni gurmeessa; qaama dhimmi ilaaluun akka beekaman ni taasisa;

  4. Manneen hojii mootummaa keessatti sirni sochii dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti hirmaannaa dubartoonni taasisan cimsuu diriiruu fi hojii irra oolchuu isaa ni mirkaneessa.

  5. Dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti hojjetan ni qindeessa, qindoominni hojii akka jiraatu haala ni mijeessa, ragaalee fi gabaasa qaamota kana irraa dhihaatan ni qindeessa, hojii irra akka oolu ni taasisa.

  6. Garaagarummaa fi loogiin saala irratti hundaa’ee raawwatamu akka maqfamu ciminaan ni hojjata.

  7. Dubartootni fedhii isaanitiin gurmaa’anii mirga isaanii akka kabajchiifatan dinagdee keessatti akka hirmaatan hubannoo ni uuma, deeggarsa ni taasisa.

  8. Barmaatilee dubartoota fi daa’imman irratti miidhaa dhaqqabsiisan maqsuuf haala itti fufinsa qabuun hawaasa ni barsiisa.

  9. Leenjii, ramaddii, jijjiirraa fi guddina hojjettootaa raawwatamu keessatti hirmaannaan dubartootaa jiraachuu isaa ni hordofa, raawwii isaatiifis deeggarsa ni kenna.

  10. Mirga abbaa qabeenyummaa dubartootaa haala itti mirkanaa’u fi hojiiwwan misoomaa keessatti hirmaachuun tooftaa galii mataa isaanii ittiin maddisiisuu danda’an ni mijeessa, ni qindeessa, ni deeggara.

  11. Hojiin korniyaa idileessuu seektaroota mootummaa fi mit-mootummaa keessatti akka mirkanaa’u ni qindeessa, ni too’ata, akkasumas qorannoo ni gaggeessa, bakka hanqinni argametti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, hojii irra akka oolu ni taasisa.

  12. Dhimma falmii hariiroo hawaasaa fi yakka ilaalchisee akkaataa seeraatiin raawwatamuu fi faayidaa fi mirga dubartootaa fi daa’immanii kabajamuu isaa ni hordofa, haala raawwii isaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa.

  13. Hubannoo dubartootni seera maatii, seera yakkaa fi seerota biro irratti qaban akka cimu qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni barsiisa.

  14. Daa’imman guddisa gaarii akka argatan tooftaalee dandeessisan akka diriirfaman qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta, hojii irra akka oolu ni taasisa.

  15. Mirga dubartootaa fi daa’immanii kabajchiisuuf Konveenshiniin Mootummoota gamtoomanii fi gamtaa Afrikaa akkasumas waliigalteewwan biro Itiyoophiyaan raggaasifte akka hojii irra oolan ni taasisa.

  16. Daa’imman mirgaa fi dirqama isaanii beekanii guddachuun lammii gaarii akka ta’anii fi mirgi heera fi seeraan kennameef akka kabajamuuf qaama dhimmi ilaalu waliin ni barsiisa.

  17. Dhaabbilee mit-mootummaa guddisa daa’immanii irratti bobba’an waliin waliigaltee ni raawwata, hayyama ni kenna, ni hordofa; ni too’ata, ni haaromsa, ni haqa.

Kallattii Adeemsa Deggarsa Proojektoota Misooma Dubartootaa fi Daa’immaniitii Xiinxalli Maandeetii Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa akka armaan gadiitti dhiyaateera.

  1. Keeyyata 29/5 irratti Dhaabbilee Miti-Mootummaa hordofuuf, deggaruu fi dubartootni fi daa’imman proojektii isaanii irraa akka fayydamanu taasisuuf akkasumas dhaabbiileen dubartootaa fi daa’imman irratti proojektii qopheessatnii Naannicha keessa socho’aa jiranu heddumina kan qabanu fi baajeta guddaa hojiirra oolchaa waan jiranuuf adeemsi kun qoratamuun dirqama ta’ee waan jiruuf

  2. Keeyyata 29/7 fi 10 irratti haaluma ibsameen dubartootni dinagdeen akka of danda’an deggaruuf baajet mootummaa qofaan waan hin danda’amneef madda fundii dabalataa barbaaduun kanneen tajaajila liqa fi leenjii akka argatanu haala mijeessuudhaaf

  3. Keeyyata 29/14 haala ibsameen daa’imman Naannicha keessatti argamanu lammii gaarii ta’anii akka guddatanu taasisuuf keessumattiyyuu daa’imman sababoota adda addaatiin maatii dhabanii fi rakkoo hawaas-dinagdeef saaxilaman dhaabbiilee miti-mootummaa fi kutaalee hawaasaa walitti qindeessuun tajaajila gahaa kennuudhaaf

  4. Adeemsaalee ijoo Idileessa koorniyaa, Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii fi Sochii Finiinsa fi Hirmaannaa Ummaataa qoratamnioi hojjetamaa jiranu fundii adda addaa maddisiisuudhaan akka deggaramu taasisuuf

1.3.2 Ergama fi Mul’ata Biiriichaa

Ergamni aangoo fi gahee hojii Biiriichaa kan akkaataa ittiin hoiirra olchuu kan ibsu akkasumas barbaachisummaa hundeffama isaa kan agarsiisuu dha. Mul’anni Biiriicha ammoo waggoottan dhufan kessatti jijjirama kallatti hundaan fiduu dhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsisuu dha.Haaluma kanaan Ergamni fi Mul’anni Biiroo Dhimma Dubartootaa Fi Daa’immanii Oromiyaa akka armaan gaditti dhihaateera.



        1. Ergama Biiriichaa

Naannoo Oromiyaa keessatti; Dubartonni hirmaattootaa fi fayyadamtoota misoomaa akka ta’an, dhiibbaan isaan irra ga’u akka hafu taasisuu, rakkoo hawaas-diinagdee dubartootaa fi daa’immanii furuuf hawaasa barsiisuu,deeggersa kennuu, dhimmamtota fi deeggertoota waliin qindoominaa uumuun hojjechuu fi kenna tajaajilaa fooyyesuuf qorannoo fi sakkatta’iinsa ittifufiinsa qabu gaggeesuu dha.

        1. Mul’ata Biirichaa (Organizational vision)

         Bara 2012 tti Oromiyaa wal-qixxummaan Koorniyaa ,Gahoominni Dubartootaa     fi  mirgii fi nageenyi daa’immanii kessatti mirkanaa’ee umuu.

        1. Duudhaa (Sona) Muummee Mana Hojichaa (Core values of our Organization)

Duudhaan ejjennoo haala qabatamaa ergama mana hojiichaa kan ibsu, amalaa fi naamusa hojjettootaa kan ibsu, qajeelfama naamusaa, kenna murtee gaggeeffamu, eergama, mul’ata fi aadaa hojii mana hojjichaa waliin dhimmoota hariiroo qaban kan ibsuudha. Ulaagaalee ykn haallota kana irratti hundaa’uudhaan duudhaaleen mana hojii keenyaa haalaa armaan gadiitti kan eeraman ni ta’u.

A. Ittigafatamummaa

B. Iftoomina

C. Tajaajila gahuumsa qabu kennuu

D. Qophaa’ina jijjiramaa

E. Beekumsaa fi amntaan hogganu

F. Hirmaachisummaa

G. Aadaa Qusannoo fi Bu’a Qabeessuummaa

H. Aantummaan daa’immanii fi dubartootaaaf

1.3.2.4 Galma Gurguddoo Biirichaa

Akkaataa bu’aa mul’ata biirichaa fi karoora karoora guddinaa fi taraansifoormeeshini2003-2007 irratti kaa’ameetti galmoonniifi  kaayyoowwan Biiroo Dhimma Dubartoota fi Daa’imman Oromiyaa akka armaan gadiitti kaa’ameera.


  1. Paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechuu

  2. Ilaacha walxaxaa gahumsa dubartoota gufachiisu akka salphatu gochuu

  3. Rakkoo Dubartoonni gama dinagdeetiin qaban akka salphatu gochuu

  4. Hirmaannaa Dubartootaa Iddoo Murteessummaa irratti akka dabalu gochuu

  5. Barmaatilee Dubartootaafi Daa’imman irratti miidhaa geessisan salphisuu

  6. Seeronni, Imaammataafi Qajeelfamoonni bahan hojiirra akka oolaniifi dubartoonni fayyadamtoota akka ta’an gochuu .


Yüklə 0,6 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin