Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa


KAAYYOO JBAH HAARAA QORACHUU



Yüklə 0,6 Mb.
səhifə3/11
tarix18.08.2018
ölçüsü0,6 Mb.
#72782
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

1.4 KAAYYOO JBAH HAARAA QORACHUU



Kaayyoo Gooroo (Genaral objective): -
Hoiirraa oolamaa JBAH adeemsalee hojii ijoo mana hojii kessatti rakkoolee gama qophii fi mirkaneessa projeektootaa misooma dubartootaa fi daa’immanii mudatan adda baasuun hojiimaata diriiree jiru fooyyeessuun tajaajila quubsaa saffinaan maamiltootaaf kennuun bu’a qabeessuummaa mana hojiichaa daraan cimsuudha.
Kaayyoo Gooree (specific objectives): -

  • Rakkoo gurmaa’insa proojektoota misooma dubartootaa fi daa’immanii hiikuudhaaf

  • Hojii proojektii adeemsaalee addda addaa keessatti bibittiinneeffamee hojjetamaa jiru bakka tokkotti qindeessuuf

  • Kenna tajaajila gama proojektoota misooma dubartoota fi daa’immaniin jiru fooyyessuudhaaf

KUTAA LAMA

HUBANNOO ADEEMSA AMMA JIRUU (UNDERSTANDING THE CURRENT PROCESS)

2.1. Ibsa Adeemsa Hojii Deggarsa Proojektoota Misooma Dubartootaa fi Daa’immanii

Adeemsa Hojii deeggersaa Qophii fi Mirkaneessa projektii misoomaa dubaartootaa fi daa’immanii rakkoole hawaas diinagdee dubartoonnii fi daa’imman qabana kallattii maandeetii manni hijjichaa qabuun furmaata itti kennuu fi dubartootaa maxxantuummaa diinagdee jalaa baasuun haadha qabeenyaa gochuuf, shamaarran harka qalleeyyii barumsaan cimoo ta’an sababii hanqina diinagdeetiin barumsa isaanii akka addaan hin kutne taasisuuf, daa’immani deeggersa barbaadan haala fandiin deeggersaa ittiin argamu mijeessuun, hojiimmaata mana hojiichaa bu’a qabeessa taasisuuf fandiiwwan hojiif barbaachisu madiisiisuun, projeektootaa dhaabbile adda addaa irraa dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf qiiyyeeffamanii dhufan yeroon mirkaneessuun hojiitti galchuu fi hordoffii taasisuun fayyadammummaa dubartootaa fi daa’immanii caalmatti dhugoomsuuf hojjechuu jechuudhadha.



Hojii kanas qorannoo projeektootaa gageessuun hala fandiin ittiin argamuu danda’uu irrtti proopoozaala fandii qopheessuun arjoomtotaa/deeggartoota barbaaduu, fandii argame horiiraa olchuu fi raawwii isaa hordofuun, qaamolee dhimmi ilaaltu waliin qindoomina hojii uumuun sadarkaa caasicha hundatti kan raawwatamu ni ta’a.

2.2. Addunyaa Moofaa Keessatti Akkaataa Hojjetamaa Ture

Adeemsa hojii Deggarsa Proojektoota Misooma Dubartootaa fi Daa’immanii jalatti hojiiwwan akka addunyaa moofaatti hojjetamaa turan:-



  • Proojektootni dhaabbileen miti-mootummaa fi waldaaleen hawaasaa dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetaman Adeemsa Ijoo Koorniyaa jalatti kan hojjetamuu dha

  • Hojiin misooma dubartootaa fi daa’immaniitiif projektoota kalquu fi bajeta maddisiisuu adeemsa Hojii Ijoo Gahoomina dubartootaa keessatti kan hojjetamuu dha.

  • Proojektootni Dhaabbilee UN –Agency misooma Dubartootaa fi Daa’immanii Adeemsa Ijoo Gahoomina Dubartootaa keessatti kan hojjetamuu dha.

  • Hojiin proojektoota misooma daa’immanii fi dubartootaa adeemsaalee ijoo Gahoomina Dubartootaa fi Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii keessatti raawwatamuu qabanu ciccitanii Adeemsa Ijoo Koorniyaa keessatti kan hojjetamaa jiranii dha.

  • Hojiilee hordoffii , gamaaggamaa fi deeggesa Proojektoota Misooma Dubartootaa fi Daa’immanii sirnaan haala qindoomina qabuun hojjetamaa kan hin jirree dha.

Hojiileen kun haala bittinaa’ee fi hojiimaata ifa ta’e qabatee ,istaandardii isaa eeggatee akkasumas qindoominaa fi bifa walfakkatuun sadarkaa Naannoo hanga aanaattii kan rawwatamaa ture waan hin taaneef, fedhii fi rakkoo maamiltootaa haala barbaadameen kan hin hiiknee, hanqina gurmaa’iinsaa fi humna namaa waan qabuuf kenni murtee fi saffinni isaa baayyee harkifataa kan turee dha.


2.3 Hubannoo Adeemsa Hojii Manni Hojii Keessa Jiru (Undersatanding The Current Processes Itself)

Adeemsichi Maal Hojjete /What it does

Adeemsichi Maliif hojicha raawwata (Why it does that way)

Haala Raawwii Adeemsichaa (How well /poor it is performing)

Maamila

1. Projeektoota misooma dubartootaa fi daa’immanii qopheessuun fundii maddisiisuu

  • Carraa liqii fedhii jiru guutuf(Fandii

  • Hojiiwwan madda galii argamsiisan irratti akka hirmaatanii gochuuf

  • Human raawwii hojii akka chimsatan gochuuf (leenjii oggummaa.qophii bizanasi plaanii, kalaqa hojii)

  • Deeggarsa shamarran harka qaleeyiif h fandii argamsiisuuf

  • Dhiyeessii teeknoloojii fooyyaa’aa humnaa fi yeroo dubartootaa qusatu maddisiisuuf

  • kanfaltti/baasii barnoota tiitooriyaalii shamarranii uwwisuuf

  • fandii dandeettii raawwachiisummaa fi raawwachuu caasichaa cimsu maddisiisuuf

  • fandii fi sagantaalee hubannoo hawaasaa cimsuu maddisiisuuf

  • projeektoota hojiilee madda galii dubartootaa guddisan qorachuuf

  • Daa’imman harka qalleeyiin akka deggaramanu taasisuudhaaf

  • Qorannoo projeektii haaraa raawwachuu irraatt hanqinni nijiraa

  • Propoozaalota adda addaa qopheessuun fandii argamsiisuun jiraachuu

  • Hubanoon dhimma qophii proojeektii irratti adeemsaalee fi raawwattoota sadarkaan jiran biraatti gahaa mitii

  • Sadarkaa godinaatii raawataa gurmii fi qophii projeekttii nama tookoo qofa ta’uu fi hojiileen gurmii fi Qophii projektii adda bahee taa’uu dhabuu

  • Sadarkaa aanattii nama 2 qabaatllee hojiin gurmii fi Qophii projektii adda bahee taa’uu dhabuu

  • Deggarsa daa’immanii irratti hojjin hojjetame laafaa ta’uu



Dubartoota

Daa’imman



2, .Dhabbilee “UN” Ex-com waliin hojjechu

  • Baajeta dabalataa mana hojichaaf maddisiisuuf

  • Fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii guddisuuf

  • Qaawwaa mootummaan guutuu hin dandeenye dhaabbile miti mootummaan akka huwwisamu taasisuuf




  • Qaamolee dhimmi ilaalatu waliin qindoomina gaariin waliin karoorsuu ni jira

  • Baajatnni Dhaabbilee UN irraa dhufan akkaataa/akaakuu hojiitiin cacabsuun aanaalee fi godinaaleef qooduun akka gad bu’u taasisuu

  • Yeroon baajatnni sagantaalee “UN” ittii gadi bu’uufii raawwatamu dhiphachuun ququllina raawwii irraatti dhiibbaa kan fide ta’uu

  • Yeroodhaan itti fayyadamanii herreega buusuun rakkoo dha.

Dubartoota

Daa’imman

Dhaabbilee Walta’iinsa


3 ,Pirojektii dhaabbilee miti-mootummaa, Uummata fi waldaalee hawaasa irraa dhiyaatan mirkaneessuu

  • Dubartootaa fi daa’imman gama dinagdee fi hawaasummaatiin fayyadamtoota taasisuudhaf




  • Sadarkaa naannootti raawwataa korniyaa Dh.M.M. fi W.Hawaasaatiin xiinxalee dhiyeessuun I/A/Hoggantuun, yeroo dhiyoottii koree projektii mirkaneessu dhaabuun

  • Sadarkaa godinaattii adeemsaalee dhimmi ilaalatuun ilaaluun maneegimeentiin mirkaneessu

  • Sadarkaa aanatti projeektiin malataa’uu hin jiru

  • Darbee darbee Sadarkaa godinaattii raawwataan eerga xiinxalee booda hoggantootnni mana hojiichaan mallataa’aa

Dhaabbilee Miti Mootummaa

Dubartootaa

Daa’imman


4, . Pirojektii dhaabbilee miti-mootummaa deeggaruu fi madaaluu


  • Cimiinootaa fi Hanqinoota raawwi projeektootaa keessatti mula’atan adda baasuuf

  • Yaada furmaataa fi kallattii gara fuuladuraa kaa’uuf

  • Saganta MMD fi Dh.M.M. madaalliif baasaniin madaallii gaggeesuu

  • Yeroo rakkoon uumamee caasaa keenya bira gahuu furmaata kennuuf qaamolee dhimmi ilaalatu waliin socho’uun deeggaruu

  • Dh.M.M deeggaramanf .Duub deebii kennuun jiraatullee hojiirra ooluu isaa hordofuu hin jiru

Dh.M.M.,

Dh. Ummataa

Waldaalee Hawaasaa


5, Hordoffiifi To’annoo pojektoota misooma dubartootaa gageessuu

  • Sadarkaa raawwii sagantaalee ”UN” fi projeektoota biraa irra jiruu fi bu’aa fi jijjiirama dubartootaa

  • Garaagaruummaa raawwii karooraa projektootaa hubachuuf

Sadarkaa hundaatti gaggeeffamaa hin jiru

Gabaasnnii qulqullina qabuu sadarkaa hundatti yeroon hin dhiyaatu

Herreegni yeroon hin bu’uu


Dubartoota

6, . Sakata’iinsa jijjirama proojektootni misooma dubartootaa hawaasafi dubartoota irratti fidan gaggeessuu

Bu’aa fi jijjiirama proojektootnni misooma dubartootaa fidee beekuuf

Kallattii proojektoota haaraa qiiyysuuf yaada dabalataa burqisiisuuf dubartoota caalmaan fayyadamtootaa taasisuuf



Hojiiimaata idiilee ta’us hin raawwatame

Duubartoota

Akkaataa gabatee armaan olii keessa taa’ameen Xiinxala haala raawwii proojektii mana hojii keessa jiru ilaalchisee rakooleen armaan gadii adda bahaniira



  1. Dhimmi proojeektii karaa ciccitaa ta’een bakka saditt ( Adeemsa Ijoo Gahoominaa, Idileessa Koriyaa fi Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii keessatti ) hojjetamaa jiraachuu isaa

  2. Hojiin qophii proojeektii sadarkaa hundatti raawatamu humni namaa innni barbaachisu fi hojimaatni JBAH’n barbaaduun kan hingurmoofne fi kan hin raawwatamne ta’uu,

  3. Proojektoota qaamoolee adda adda biraa dhiyaatan mirkaneessuun bifa bittinaa’aa ta’een kan raawwtamu ta’uu

  4. Quunnamtii odeeffannoo qaama proojeektii mirkaneessuu fi bakka itti raawwatamu gidduu jiru laafaa ta’uu

  5. Sirna proojeektiin ittiin madaalamuu irraa kan hafee sirni hordoffii deeggersaa laafaa ta’uu

  6. Projektoota maallataa’an ulaagaalee fi hojiimaata mirkaneessaa osoo hin qabaatiin qabiyee dokimeentii proojektii qofarratti kan hundaa’ee tra’uu

  7. Projektootnnii dhimmamtoota iraa dhiyaatan yeroon wanta hin mirkanoofneef kenna tajaajilaa nuffisiisaa taasisuu

  8. Fayydamummaan dubartoota fi daa’immanii gama projektiiitiin jiru haala barbaadamuun kan galma hin geenye ta’uu

  9. Maallaqa deggarsaa gama proojektii adda addaan argamee gara caasaa kanaa dhufu yeroon itti fayyadamuu fi kallattii barbaadamuun raawwachuun rakkoo kan of keessaa qabu ta’uu

Yaada Garee (Recommendations) Yaadoota filannoo daaf dhiyaataan

  1. Hojiin qophii fi mirkaneessa, proojeectootaa adeemsa of dandaa’een “Adeemsa hojii Deggersa Qophii fi Mirkaneessa projektii misoomaa dubaartootaa fi daa’immaniijechuun moggafamee osoo qoratame hojiirraa oolee mana hojiichaa caalmatti bu’u qabeessaa ni taasisa

  2. Hojiileen jiranuu bakka tokkooti gurma’aanii humni raawwii isaa dabalame adeemsa xiqqaa Gurmii fi Qophii piroojektii misooma dubartoota jalatti akka hojjetamuu

Yüklə 0,6 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin