Boonsaa tahe hojjechaa ture


Bu’aa: Kenniinsi tajaajilaafooyya’e



Yüklə 0,97 Mb.
səhifə9/13
tarix09.01.2019
ölçüsü0,97 Mb.
#94561
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   13

Bu’aa: Kenniinsi tajaajilaafooyya’e

Milkaa’ina:Itti quufiinsa ummataa dabale


Kaayyoo 11.. Hirmaannaa ummataa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu

Ibsa: Gudina aadaafi tuurizimii keessatti hirmaannaan maamilaafi qooda fudhatootaa murteessaadha. Hojii haalaan hirmmaanna uummataa barbaachisu keessaa inni guddaan tokko proomooshinii qabeenya aadaafi tuurizimii gudisuun ergamaafi muldhata Biirichaa galmaan ga’uu of keessaa qabaata. Hirmaannaa maamilaafi qooda fudhatootaa jechuunis aadaa kiliyyaa uumataa keessatti aadaan boonsaan akka dagaaguuf, artiin Oromoo akka babal’atu hirmmaanaa uummataa babal’isuu ta’a, Kanuma keessatti gumiilee aadaa (muuziqaafi artii bifa adda addaa) babal’isuu, kabaja ayyaanotaa jilootaafi sirnoota gadaa babal’isuu, agarsiisa aadaa (uffata, nyaataafi dhugaatii, meeshaafi faaya aadaa, akkasumas sirbootaafi shuubisoota aadaa), oomishaafi gurgurtaa meeshaa aadaa babali’suu fi kkf irratti hirmaannaa uummataa guddisuu kan ilaaluudha. Gama biraatiin hirmaannaa maamilaafi qoodafudhatoota jechuun qabeenyii aadaafi tuurizimii biyya keessaafi biyya alaatti bal’innaan biksifamee dhangala’insa tuuristii fi galii tuuristii akka dabablu gochuudhaaf qaamoota maatii tuurizimii (tourism families) kan akka dhaabilee tajaajila tuuristii, Ministeera Aadaafi Tuurizimiifi kkf, akkasumas kanneen dhimmii ilaalu biroo kan akka dhaabilee piroomooshiiniifi midiyaalee sub-qunamtii adda addaa baldhinnaan hirmaachisuun ga’ee isaanii akka ba’an waliin hojjechuu ilaala. Kan guchuudhaafi ammoo hojimaata qunnamtii fi waljijjiirraa raagaalee fooyyessun barbaachisaadha.

Hirmaannaa maamilaafi qoodafudhatootaa guddisuun qorannoofi qo’annoon hambaalee, seenaafi afaan Oromoo irratti gaggeefamu dabalu hirmaanaan qaamoolee barnoota ol’aanaa, ogeeyyota biyya keessaafi biyya alaa fooyyesuu barbaachisaadha.

Guddina aadaafi tuurizimii keessatti hojiin hirmmaanaan irratti muteessaa ta’e innii biraa hojii misoomaafi kunuunsaa qabeenya uumamaafi nam-tolcheeti. Hojiin misooma armaan olitti kaayyoo miisoomaa keessatti ibsaman galmaan ga’uuf caasaa Seektarichaa qofaan kan gaggeefama waan hintaaneef hirmaannaan qaamolee qoodafudhatoota/dhimamtoota adda addaa murteessaadha. Akaataa kanaan hojiiwwan misooma hambaaleefi hawwatoota tuuriziimii irratti gaggeefamu kan akka bu’uura misoomaafi suphaa hambaalee, akkasumas ijaarsaafi hundeefama dhaabilee aadaafi artii, addaa gaggeessuu irratti qaamota mootummaafi miti-mootummaa dhimmii ilaalu,hawaasa qa'ee/naannoo qabeenyichaa,fi kkf baasiinis ta’ee humnaan ykn ogummaan akka hirmaatan haala mijeessuu ykn qindoominnaan hojechuu jechuudha. Misooma irratti hirmaachisuu jechuun tajaajilli/ faasilitii tuuristii sadarkaa ol’aanaa naannawa hawwata tuuristiittis ta’ee magaaloota keessatti akka babal’atan hirmaannaa abbootii qabeenya dhunfaa cimsuu jechuudha. Qabeenyii uumamaafi nam tolchee hawwatumaa (signficant value) qaban eegamani, kunuunfamanii bu’aa dinagdee akka argasiisanifi dhalootaaf akka dabran gochuu irratti hirmaannaafi hubannoo abbumaa hawaasa keessatti akka cimu irratti hojjechuu ilaala. Tuurizimiin hawaasa bu’uurfate (community based tourism) akka babal’atu hawaasini qabeenya aadaafi tuurizmii naanawa isaatti argamu irratti hundaa’ee tajaajila tuurizimii keessatti hirmaatee bu’aa akka argatu hubanoofi sochii hawaasaa cimsuu ilaala.

Hirmaachisummaa uummataa ilaalchisee saktarrii aadaafi tuurizimii carraafi qabeenya gama kanaan jiru irratti hundaa’uun dhimoota saktaroota hundaan xiyyeefannoo argantan (cross-cutting isuues) kan akka hirmaannaa dargagootaafi dubartootaatiifis xiyyeefannoo ni kenna. Akaataa kanaan dargaggootaafi dubartoonnii waldaaleefi gumiileen gurmaa’uun guddina aadaa, artii/muuziqaa afaan Oromootiif akka gumaachan taasisu. Aadaa boonsaa guddisuun barmaatilee miidhaa geesisan dhabamsiisuu irratti


hirmaannaan dubartootaafi dargagoota murteessaa waan ta’eef kanuma irratti hubannoon kennamuufi sochiin taasifamu ni cima.



Gama dinagdeetiin dargatootaafi dubartooni leenjii barbaachisu sadarkaa adda addaatti akka argatan tasisuudhan misooma aadaafi tuurizimii kan akka oomishaafi gurgurtaa meeshaalee ogummaa harkaa aadaa, tajaajila eekoo tuurizimii addaa addaa, agarsiisa aadaafi kkf irratti hirmaannaa isaanii cimsuu ilaala. Gama biraatiin invastimantii misooma aadaafi tuurizimii irratti babla’achaa dhufu irratti carraan hojii dargagootaafi dubartoota hammatu ni taasifama. Mootummaan ijaarsa sirna dimokiraasii fi misooma itti fuufiinsa qabuu fi arifataa ta’e fiduufsochii taasiisuu keessaatti fedhii fi itti quufinsa maamiltootaa deebisuuf sekitarii manneen mootummaa gahee isaan irra eegaman haalaan bahachuuf walitti dhufeenyiifi qunamtiin qaama hunda waliin uumamuu qabu daran cimaa ta’uu kan qabuudha. Sochii hojii sektarichaa kam-iyyuu keessaatti walitti dhufeenyaafi qummamtii maamilaa mirkaneessuuf hojimaatniifi sirnii bu’aa qabeesummaa, iftoomina, gahumsaa fi hirmaachisummaa qabu dabalataniis itti gaafatamummaan kan itti dhugomuu diriirsuudhan hirmaannaa isaanii argachuun barbaachisaa ta’a. Kana bu’uura godhachuun qunnamtii cimaa uumamaa deemuun gargaaramuun; hawwatoota qabeenya aadaafi tuurizimii wal-jijjirraa odeeffannoo meeshaa teekinoloojiitiin bal’inaan taasifamuun, sagantaa marii qophaa’u irratti marii godhamuunfi bu’aalee raawwii hojii irraatti yaada walii kennamuun; duub-deebii fi muuxannoo gaggaarii walitti qabamuun ni dandaa’ama. Kana irraa ka’amee qaamolee tajaajila aadaafi tuurizimii deeggarsa oguummaafi mirkaneessa gahumsaa fedhanu, raawwiin bu’aa qorannoo akka guddatuu, hojiin misoomaafi kunuunsaa akka babal’atu, carraan hojii hawaasa naannootiif uumamee lakkoofsi dawwatootaafi galiin akka guddatuu fedhiifi hawwii kan qaban wajjin akkasumas kan biro waliinis waliitti dhufeenyaan hojaachuun murteessadha. Kanaafis hoggantootniifi hojjatootni sektarrichaa maamiltootaafi qooda fudhatoota sadarka sadarkaan jiran, dhaabbilee mit-mootummaafi qaama biro waliin walitti dhufeenyaafi qunnamtii gaarii qindoomina horate uumamaa akka deemu ni hojjatama.

Bu’aa_:_Waliitti_dhufeenyaa_fi_qunnamtii_cime___Hirmaannaa_maamilaafi_qoodafudhatoota_dabale__Milkaa’ina'>Bu’aa: Waliitti dhufeenyaa fi qunnamtii cime

Hirmaannaa maamilaafi qoodafudhatoota dabale

Milkaa’ina: Raawwii hojii qindominaan dabale

Bu’aa hawaasa-dinagdee dabale.
Kaayyoo 12. Muuxannoowwan gaggaarii qindeesuudhaan babal’isuu

Ibsa: Dagaaginna Aaadaafi Tuurizimiif muuxannoowwan gaggaarii babal’isuu jechuun muuxannoo iddoo tokkotti hojii irra oolee bu’aa qabeessummaan isaa kan mirkanaa’e hojmaata gaarii fi teknooloojii qorachuun haala qabatamaa jiru waliin walsimuu danda’uun qindeessuu fi kanneen addaan bahanii beekaman yeroo dhiyoo gidduutti bu’aa ol-aanaa akkaataa argamsiisuu danda’uun babal’isuun barbaachisaa dha. Haala qabatamaan amma jiru yoo ilaalamu, fooya’iinsa siivilsarvisii, bulchiinsa gaarii fi misooma hawaas-diinagdee hunda keessatti guutummaa guuttuutti bu’aa qabeessumaa fi faaydaan muuxannoowwan gaggaarii akka hojii irra ooluu, jijjirama jalqabame galmaan ga’uuf, muuxannoowwan tajaajila siyaasaa fi hawaas-diinagdee keessatti fayidaan isaanii qoratamanii addaan bahan hojiitti jijjiruun faayidaa ol-aanaa akka galmeessan gochuu ta’a.

Gama biraan ce’uumsa teeknooloojii adda addaa biyya keessaa fi biyya alaa argaman qindeessuu, madaqsuu fi babal’isuun galteewwan misooma hawaas-dinnagdee ta’anii haala tajaajilaa fi misooma ariifachiisan itti fufiinsaan mirkaneessuun qaama hundaan dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu dha.



Bu’aa: Hojmaata haaraa diriiree fi teknoolojiiwwan haaraa babala’atan

Milakaa’ina: Hojmaata bulchiinsa gaarii fooyya’ee fi tajaajila hawaas-diinagdee dabale
Kaayyoo 13.Sirna karoora hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagamaa fooyyessu

Ibsa: Sochi tuuristifi qaamoolee aadaafi tuurizimii akkasumas namoota hojii kana irratti hirmaatan irratti too’annoofi hordoffi gaggeessuun yeroon tarnkaaffii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa ta’ee argameera, hanqina kenniinsa tajaajila dhaabbilee aadaafi tuurizimii irratti argamuufi fedhii leenjii addaan baasuu, seera qabeessa ta’anii hojjechuu isaanii, sadarkaafi ulaagaa barbaachisu guutanii, hojjechuu isaanii, gorsaafi deegarsa ogummaa kennameen hanqina mullate sirreessuu isaanii, qabeenya uumamaafi aadaa irratti dhiibbaa/jeeqama hin qaqabsiifneen misooma gaggeessuun isaan, imaamataafi seeroota adda addaa sadarkaa feedeeraalaafi naannootti ba’ee hojii irra oolchuu isaanii, adeemsi daawwachuufi daawwachisuu tuuristoota qabeenya kamiyyuu irratti akkasumas qaama kamiyyuu irratti haala miidhaafi rakkoo hin findneen adeemuu isaafi kkf mirkaneessuuf Sirna too’annoofi hordoffii fooyya’een barbaachisaa ta’ee argameera. Qabeenya aadaafi tuurizimii (uumamaafi nam-tolchee) naanicha keessatti argamu ilaalchisee dhiibbaafi badii irratti gaggeefamu hordofuun qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun tarkaanffii sirreefamaa fudhachuu ilaala.Piroojaktoota misooma Biiroon ykn caasaalee sadarkaan jiraniin gaggeefaman akkaataa karooratiin raawwachuu isaanii too’annoofi hordoffiin mirkaneessuun ilaala. Sochiin invastimimii misooma aadaafi tuurizimii irratti gaggeefamu ulaagaa barbaachise guutee haala seera eegeen gaggeefamuu isaa akkasumas qabeenya uumamaafi aadaa irratti haala miidhaa hin qaqabsiifneenfi hawwatummaa isaa hin balleesineen gaggeefamuu isaa too’achuu ni ilaala.Karooraa, akkasumas raawwii karooraa caasaalee Biiroo sadarkaan jiran hordofuun hanqinoota irratti fala kaa’uu, ciminni akka muuxannoo gaariitti akka fudhatamuufi irra caalaa cimee akka ittifufu haala mijeessuu ilaala.

Bu’aa: Tarkaanfii furmaataa fudhatameen fooyya’insaa dabale.

Milkaa’ina: Qulqullinnaafi ga’umsa tajaajila fooyya’e
Kaayyoo 14. Dandeettii Barnootafi Leenjii sektarichaa guddisuu

Ibsa: Ergamaafi mul’ata biiroo gaalmaan gahuufi aangoofi hojii kennaman hojjatamu isaanii mirakaneessuf dandeettin raawwachiisummaa humnoota sektarchaa hundi cimuun isaa barbaachisaa dha.Kanaaaf dhaabbilee kenna tajaajilaa aadaafi tuurizimiif,ogeessota hojii sectarichaarratti bobba’anifi ummata toora hawwattoota tuurizimii jiraniif leenjiin ni kennama. Akka waliigalaatti leenjii raawwi hojiif barbaachisu bifaafi bayyinaan teeknoolojii berbaachisu wajjiin kennuun ogeessa gahunmsa qabu horachuudhaan tajaajila fi bu’aa sektarichaa guddisuuf hojjachuu jechuudha.Qabiyyeen hoojii kaayyoo kanaas, leenjii hojiirraa kennuu, leenjii yeroo yeroo geggabaabaa, qaamoolee dhimmi ilaalu waliin sirna barumsaa bocuu, ogeessoota damee keessa bobba’aniif tajaajla gorsaa kennu, walta’iinsa industrii yuniversitii cimsuudha.

Bu’aa: Leenjii hojjattoota/humna namaa sektarichaatiif kenname

Milkaa’ina: Humna namaa seektara keessa bobba’e gahumsa ogummaa horate.
Kaayyoo 15.Qindoomina Dhimmoota Sektaroota Hundaa Guddisuu

Ibsa: Dhimmoonni hawaasummaa tokko tokko qindoomina seektara hundaa waan barbaadaniif seektara hunda keessaatti idilaa’anii xiyyeeffannaa aragachuun tumsa qaama hundaatiin hojjatamu barbaadu. Isaan keessaas dhimmi koorniyaa, dargaggootaa fi HIV/AIDS fi dhimmoota kanaan walfakaatan gugurdoo biroo ni dabalata. Haaluma kanaan Biiroon Aaadaafi Tuurizimii dhimmoota kanneen

bu’a qabeessa taasisuuf hojmaata fooyya’aa ta’e diriirsuu, hubannoo uumuu fi akka idilaa’anii hojjataman gochuun dhimma irratti xiyyeeffatamee hojjatamu dha.

Baay’ina ummata naannoo kenyaa keessaa irra-caalaan dubartootaa fi dargaggoota waan ta’aniif sochii kallattii kamiinuu taasifamu keessatti gahumsi isaanii ijaaramee hirmaanaan isaanii dabaluu qaba.

Rakkoo ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessii gama kanaan jiru sirriitti gadi fageenyaan qorachuudhaan hubannoo ga’aa uumuu fi beekumsaa fi ogummaa qaban cimsuuf carraa leenjii fi barnootaa waytawaa ta’e kennuu akkasumas meeshaalee hojii ammayya’aa fi saffinaa fi qulqullina hojii dabalu danda’u dhiyeessuun barbaachisaa dha. Gama kanaan dhimma dargagootaafi dubartootaaf xiyyeefannoo barbaachisu kennameefii seektaroota hunda keessatti idileeffaman akka hojjetaman.gama mootummaatiin xiyyeefannoo addaa waan kennameef haaluma kanaan Biiroon Aaadaafi tuurizimiis dhimmii dubarotaafi darggagootaa caasaalee isaa hunda keessatti akka idileeffamanii taasiseera.

Haaluma kanaan gahumsi isaanii cimee meeshaalee hojii ammayya’aa ta’een gargaaramanii dorgomaa cimaa humna misoomaa akka ta’an yeroo yeroon duuka bu’uu fi hordoffii fi deeggarsa kennuun murteessaa dha. Akkasumas, humna misoomaa of danda’anii hirmaannaa siyaasa, misoomaa fi bulchiinsa gaarii keessatti qaban daran akka guddatu taasisuu fi keessattuu dargaggoota qaamaa fi sammuun cimanii dammaqinaan sochii siyaas-diinagdee keessatti hirmaatan uumuu irratti ni hojjatama



Bu’aa: Dargaggootaa fi dubartoota gahumsii isaanii fooyya’e

Uwwisadhimmota sekteroota hundaa dabale

Milkaa’ina:Dargaggootaa fi dubartoota dorgomaa ta’uu danda’an

:Jijjirama amalaa mirkanaa’e
Kaayyoo 16. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu
Ibsa: Galma ga’insa kaayyoo hawaas-dinagdee keessatti dandeettiifi gahumsi hoggantootaafi raawwattootaa murteessaa waan ta’eef, sagantaalee leenjiifi barnoota babal’isuudhaan hojiilee hoggananiifi raawwatan adda baasanii beekuu fi ittiin hojjachuu akka danda’an dandeessisuun barbaachisaa dha. Sagantaalee rifoormii adda addaa qabatamaan galma gahiinsa kaayyoo keenyaatiif gargaaran fudhatanii hojiitti hiikuu akka dandada’an hubannoo ilaalchaa, dandeettii, deeggarsaafi hordoffii akkasumas dhiyyeessii irratti qaban cimsuu, yeroo yeroodhaan duuka bu’anii hanqinaalee gama kanaan jiran furuudhaan dandeettii karoorsuu, raawwachuufi gamaaggamuun tarkaanfii sirreessaa akka fudhatanii adeemsa hojii isaanii fooyyeffatan taasisuun murteessaa dha.Hogganaafi raawwataan miira tajaajiltummaa ummataa uumanii kabaja lammiifi maamilaaf qaban guddisuudhaan qabeenya mootummaa hojii mootummaatiif oolchuu, yeroo hojii mootummaatiif qofa oolchuu, iftoominaafi amanamummaan haala naamusa ogummaa eegen tajaajila gahaa, saffinaafi qulqullina qabu, fakkeenyummaan kennuu akka danda’an hubannoo isaanii cimsuun sochii ilaalcha kiraa sassaabdummaa dhabamsiisuufi hojii irra oolmaa karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshiniitiif gahee guddaa akka taphatan gochuu irratti ciminaan kan hojjetamu ta’a.

Bu’aa: Gahumsa dandeettii raawwachiisummaa fooyya’e

Milkaa’ina: Raawwii hojii fooyyaa’e

Kaayyoo 17. Dhiyeessii fi itti fayyadama teknoloojii guddisuu
Ibsa: Teeknoloojiiwwan odeeffannoo babal’isuun, sektarichaa keessatti itti fayyadamaa teeknooloojii odeeffannoo tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuu dandeesisu diriirsuun barbaachisaa ta’a.

Teeknooloojiin odeeffannoo tajaajilawwan hawaasummaa keessatti kennaman hunda saffisiisuu keessatti qooda ol’aanaa waan qabuuf dhiyeessi teekinooloojii adda addaa dabalatee itti fayyadamni isaa bakka hundatti akka babala’atu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan kan irratti hojjetamu ta’a. Kana malees, teeknoloojii jiraniifi dabalataan barbaachisan addaan baasuun beekumsaa fi gahumsa fayyadamaa teknoloojii guddisuun akkaataa bu’a qabeessa ta’een kan hojirra oolu ta’a.



Bu’aa: Dhiyeessafi itti fayyadamaa teknooloojii fooyya’e

Milkaa’ina:Ga’uumsaafi bu’aa qabeessuumaa tajaajilaa dabale
Kaayyoo 18. Aadaa hojiifi naannoo hojii fooyyessuu

Ibsa: Galma ga’iinsa ergama mana hojii tokkoof hojjetaanis ta’e hoggansi sadarkaa adda addaa irra jiru duudhaaleefi amantaa qabaatee, sirnootaafi seerota mana hojichaa kabajuun hojii bu’a qabeessa ta’e raawachuu akka danda’ucaasaalee sadarkaa adda addaa keessatti naannoo hojii mijaawaa uumuufi aadaa hojii akka mana hojjichaatti horachuun murteessaa dha.

Waan kana ta’eef, naannoo hojii hojjataafi hoggansa hawwachuu, tursiisuufi hamilee hojjataa eeguu danda’u, akkasumas hojmaata fooyya’aa ta’e diriirsuufi meeshaalee hojiitiin guutuun naannoo hojii mijaa’aa ta’e uumuun hojjatamuu qaba. Dabalataanis hojjetaan siviil sarviisii beekumsaafi dandeetti qabu itti fayyadamee muuxannoo wal-jijjiruun jaalala hojii horatee bu’aa buusuuf itti fufiinsaan akka hojjetu taasisuun barbaachisaa dha. Aadaa hojii itti fufiinsa qabu mana hojii keessatti dagaagsuun duudhaaleefi amantaa waliinii (shared values and beliefs) uumuun akkasumas naamusa hojjettootaa fooyyessuun akka danda’amu raawwii hojii sadarkaa dhuunfaafi gareetti raawwatamu badhaasaafi onnachiiftuuwwan adda addaatiin walqabsiisuun barbaachisaa dha.

Miira gareen hojjechuu guddisuun, walta’iinsa hoggansaafi hojjettootaa daran akka dabalu gochuufi naannoon hojii hojjetaa haala hawwatufi jaalala itti uumuu danda’uun hojjechuun ni barbaachisa. Walumaagalatti aadaafi naannoo hojii fooyyessuun jijjiirama ilaalchaa fiduu, duudhaalee hojii, sirna hoggansaa hirmaachisaa ta’eefi sirna qaxarrii iftoomina qabu uumuu, misooma humna namaa dabaluu, naamusa hojii gabbisuu, madaallii raawwii hojii bu’aa giddugaleessa godhate diriirsuufi kan kana fakkaatan irratti xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuun ni hojjetama.

Bu’aa: Aadaa hojii fooyya’eefi naannoo hojii mijaawaa uumame

Milkaa’ina: Kaka’umsaafi raawwii hojii dabale

GULANTAA AfraFfaa (STEP four)

4. Maappii Tarsiimo’aa (Strategic Map)

Sadarkaalee hojii ijaarsaa Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo keessaa tokko qophii maappii tarsiimoo ti. Maappiin tarsiimoo fakkii kayyolee tarsiimo’aa kallattiwwan madaallii adda addaa keessatti kaa’aman sababaa fi bu’aadhaan walitti hidhamanii faayidaa dabalataa uumuudhaan bu’aan tarsiimoo’aa akkamitti dhufuu akka danda’u wal-siminsii galmootaa kan itti mul’atuu fi tarsiimichi gabaabbinaan kan ittiin ibsamuu dha.

Maappii tarsiimoo’aan, tarsiimicha haala salphaa ta’een ibsuudhaan hubachiisuun hoggantoonni, raawwattootni fi qaamoleen hundi hubannoo isaanii akka gabbifatan meeshaa gargaaruu dha.

Dabalataanis, bu’aalee duraa fi boodaa (leading and lagging) gidduu walitti hidhaminsa cimaan jiraachuu isaa kan ittiin mirkaneessinu ta’ee, ifaa fi gabaabaa akkasumas walitti hidhamiinsi fi sababni qunnamtii bifa mul’achuu danda’uun fakkii ittin ibsinuu dha.Kallatti madaallii uummataa/lammii irraa ka’uudhaan gaaffii akkamiitti jedhu deebisuun; kallattii madaallii ijaarsa dandeettii irraa immoo gaaffii maaliif jedhu deebisuudhaan kaayyooleen sababaa fi bu’aan walitti hidhamanii bu’aa barbaadamu tajaajilamtootaa fi qaamota biroof kan uuman ta’uu isaanii maappichaan ni ibsama. Bu’uruma yaad-rimee kanaan maappiin tarsiimoo Toorawwan Xiyyeefannoo Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.


TOORA XIYYEEFFANNOO: Gahumsa Tajaajila Dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii

Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo: Dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii Gahumsi tajaajila Isaani Dabale
Kaayyolee Tarsiimo’aa

maammila


Bu’aa qabeessummaa bajataafi iffifayyadama qabeenyaa foyyeessuu

Ittiquufinsa ummattaa guddisu

Fayyadamummaa ummattaa guddisuu



Faaynaansi
Adeemsa Keessaa


Gahumsa tajaajila dhabbile aadaafi tuurizimi guddisu




Hirmaanna Umt.fi Qindoomina Q.F. Guddisu

F


Hoj. B.G.fi Kenna Tajaajilaa Foyyessu

Hoggansafi Gurmaa’insa RagaaFoyyeeessuu




Qindoomina Dhi. Sectaroota Hundaa Foyyeessu

Dandeetti Barnootafi Leenjii Sektarichaa Guddisu




Hordoffi, Deeggarsafi Gamaggamaa Foyyeessu


Ijaarsa Dandeetti


Dhiheessiifi Ittifeyyadama Teknolojii Foyyeessu

Dandeetti Raawwachiisummaa Foyyessuu




TOORA XIYYEEFFANNOO: Qorannoofi Misooma Qabeenya Aadaafi Tuurizimii

Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo: Qabeenya Addafi Tuurizimii Misoome
Kaayyolee Tarsiimo’aa

maammila


Bu’aa qabeessummaa bajataafi iffifayyadama qabeenyaa foyyeessuu

Ittiquufinsa ummattaa guddisu

Fayyadamummaa ummattaa guddisuu



Faaynaansi
Adeemsa Keessaa





Misoomaafi Baball’ina sonaafi industrii aadaa guddisu

Qorannoofi misooma qab.uumamaa hawwata Tuurizimii guddisuu

Qorannoo seenaa, Afaanifi Artii Oromoo Guddisu



Muxannoo Gaarrii Qindeessuufi Baball’isuu

Hoggansafi Gurmaa’insa RagaaFoyyeeessuu

Hoj. B.G.fi Kenna Tajaajilaa Foyyessu

Hirmaanna Umt.fi Qindoomina Q.F. Guddisu

F



Dandeetti Barnootafi Leenjii Sektarichaa Guddisu

Qindoomina Dhi. Sectaroota Hundaa Foyyeessu




Hordoffi, Deeggarsafi Gamaggamaa Foyyeessu


Ijaarsa Dandeetti


Dhiheessiifi Ittifeyyadama Teknolojii Foyyeessu

Dandeetti Raawwachiisummaa Foyyessuu





TOORA XIYYEEFFANNOO: Misooma Gabaafi Promoshinii

Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo: Gabaa Tuurizimii Misoomee
Kaayyolee Tarsiimo’aa

maammila


Bu’aa qabeessummaa bajataafi iffifayyadama qabeenyaa foyyeessuu

Ittiquufinsa ummattaa guddisu

Fayyadamummaa ummattaa guddisuu



Faaynaansi
Adeemsa Keessaa


Qunamtii, misooma gabaafipromooshini guddisuu



Hoj. B.G.fi Kenna Tajaajilaa Foyyessu




Hirmaanna Umt.fi Qindoomina Q.F. Guddisu

F


Muxannoo Gaarrii Qindeessuufi Baball’isuu

Hoggansafi Gurmaa’insa RagaaFoyyeeessuu




Dandeetti Barnootafi Leenjii Sektarichaa Guddisu

Qindoomina Dhi. Sectaroota Hundaa Foyyeessu




Hordoffi, Deeggarsafi Gamaggamaa Foyyeessu


Ijaarsa Dandeetti


Dhiheessiifi Ittifeyyadama Teknolojii Foyyeessu

Dandeetti Raawwachiisummaa Foyyessuu





Yüklə 0,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin