Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə6/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19

Oomisha Killee


Sochiin hormaata lukku irratti gaggeeffama jiru fooyya’a deema haa jiratuu iyuu malee haalli dhiyeessa sanyii lukkuu fooyya’ee wagga irraa gara waggatti dhiyachaa jiruu fedhiin qonaan bulaa guutuu kan danda’ee mitii. Bifuma walfakkatuun bu’aan lukkuu irraa argamuus guddachaa haa jiratuu iyuu malee haalaa fedhiin Q/bulaa guddachaa jiruun wal-gitee deema hin jiruu. Hanqinnootni kun haa jiraatu malee mootummaan rakkoo dhiyeessi kana hubachuun gidduu galeesoota hormaata lukkuu armaan duraa cufame turee kan Amboo deebi’e akka hojii jalqabu kan godhee yoo ta’u, gidduu galeesota Fichee fi kan Naqamtee babal’isuun dhiyeessa lukkuu fooyyeessuuf tattaaffii guddaan godhameera. Haa ta’u malee babal’isuun ijaarsa giddu galeessa lukkuu Fichee baay’e kan dubbatti harkifatee yoo ta’u kan Naqamtee immoo ijaarsi isa jalqabee addaan waan citeef mootummaan baasii guddaa baasuus kaayyoon yaadame hanga amma hin milkoofne. Raawwiin oomishaa killee kan bara 2002 mil.28.8 kan irraa ture yoo ta’u waggaa shaniitti killee mil.38.8 omishuuf karoorfamee killeen mil.44.1(%100 ol ) omishuun danda’mee jira.

Feedhii sanyiin lukkuu diqalaa wagga waggaan kan dabalaa dhufaanis hangi dhiyaatu xiqqaa yoo ta’u bara 2002tii mil.0.2 lukku hanqaqtu akka turte ragaa Ejensii Istaatistikii tii bara 2007 tti gara mil.0.190 tti gadi bu’uu isaa ni mul’isa. Giddu-galeessotni hormaata lukkuu fi guddisa cuucii harkaa mootummaa jiraan rakkoo dhiyeessii kana furuuf humna dandeetti omishaa isaanii guddisaa haa jirataniiyyuu malee fedhii dhiyeessii jiru gahaa ta’u dhabu ni mul’isa.


      1. Nyaata Beeyladaa


Omishaa fi omishtumaa beeyladaa guddisuuuf hojii hojetamuu kessaa gahee guddaa kan qabuu hojii misooma nyaata beeyladaa yommu ta’u misoomaa suluulaa/qabeenyaa umaamaa gaggefamaa jiruu akka caraa guddatii fayyadamuun lafa dheedumsaa tuttuqaarra bilisa gochuun biqiltuu nyaata beeylada gosa adda adda fi ciciitaa margaa arbaa dhabuu, sanyii nyaata beeyladaa agro ikoolojii adda addaf ta’u qonnaan bulaa/ Horsisee bulaaf dhiyeessu fi haftee midhaan adda addaa kusaanii qabiyee isaa fooyeessuun yeroo margi dhaabamu akka fayyadamaan tasiifamaa tureera.Nyaatni beeylada dhibbeentaan/%/ 65.48 marga lafa dheedumsa irraa kan argamu yoo ta’u %25.28 haftee midhaani fi okaa irraa % 2.95 akka argama jiru hubatameera. Nyaata beeylada fooya’ee fi bu’aaleen adda addaa (by products) walitti % 1.48 gahee kan jiruu yomuu ta’uu kan hafee %4.81 waan adda addaa irra kan argamu ta’a.

Misomaa nyaataa beeyladaa ilaalchisee lafa dheedumsaa tuttuqaarra bilisa gochuun bara 2002 hek. kuma 162.57 irra kan ture karooraa waggaa shaniitti hek.kuma.1,303.4 dangesuuf karoorfamee hek. Kuma 1,878.455 (%100 olii) dangesuun danda’amee jira.

Biqiltuu nyaata beeylada gosa adda adda fi ciciitaa margaa arbaa dhabuu irratii bara 2002 dura duubaan mil. 12.1 fi 41.5 irra ture karoora waggaa shanitti biqiltu nyaataa beeyladaa gosa addaa fi ciccitaa margaa arbaa dura duubaan mill 28 fi mil. 96 dhabuuf karoorfammee biqqiltuu nyaataa beeyladaa gosa adda addaa fi ciccitaa margaa arbaa mill.1,120 (%100 olii) fi 220(%100 olii) dhabuun karoora ol raawaachuu danda’aamee jira.

Fooy’insaa gama kanaan jiruu irra hubachuun kan danda’amuu misoomni nyaataa beeyladaa misoomaa suluulaa wajiin qinda’ee deemaa jirachuu isaa namaa agarsiisaa. Nyaatnii beeylada omishtumaa beeyladaa fooyyesuu keessatii murteessa waan ta’eef misoomaa qabenyaa umaamaa gaggeefama jiruun waliin qindesaanii deemuun xiyyeefanno hojjetamuu qaba.


      1. Eegumsaa Fayyaa Beeyladaa


Mootummaan Nannoo Oromiyaa xiyyeefannoo eegumsa fayya beeyladaaf kenneen aanaalee hundaaf kilinikii eegumsa fayya beeyladaa waliin gahuuf sochii tasiifameen bara 2002 tii 322 ture bara 2007tti kilinikii eegumsa fayya beeylada babalisuun gara 396tti akka guddatuu tasiisun uwwisaa tajaajila eegumsa fayyaa beeyladaa akka babal’atuu tasiifamee jira. Bifuma wal-fakkatuun aanaaleenis xiyyeefannoo kana cimsuun keellaa eegumsa fayyaa beeyladaa bara 2002tii kan 830 ture dhuma KGT tti garaa 1,302tti akka guddatuu tasiissuun uwwisaa killinkaa egumsaa fayyaa beeyladaa bara 2002tti %44.9 irra ture dhuma karooraa waggaa shanitti gara % 73.8 tti fi uwwisaa Keellaa Eegumsa Fayyaa Beeyladaa %38.6 irraa gara %60.6 akka guddatu ta’e ogeesootni 3,077 olii caasalee sadrkaa sadrkaan jiran irratti ramadamaan tajaajila akka kennaan ta’ee jira. Dhaabileen Eegumsa fayyaa beeyladaa kun kan babal’achuu danda’e hirmaannaa qooda fudhatoota misooma beeyladaa, Sagantaa piroojektoota hawaasa horsisee bulaaa (PCDP), Sagantaa piroojekti Galmootaa Misoomaa Barkumee fi qooda fudhanna aanaalee guddaa waan tureef.

Karaa biraa immoo maallaqni bittaa qorichaa fi talaala ramadamu saanduqa mootummaatti deebi’uun hafee gamaa ”revolving fund” ii tasiisuun bittaa qorichaa fi talaalaa bayinaan fi yeroo barbaadamee kessatti akka bitamuu ta’uu fi raabsaa qorichaa fi talaalaa bakka gidduugaleessaa ta’aan afurii (Naqamtee, Baddallee, Hirnaa fi Bishooftuu) irratti mana kussaa banuun qonnaan bulaatti dhiyaate tajaajilaa kennuun uwwiisaa fi qulqullinaa tajaajila eegumsa fayyaa beeyladaa fooya’aa akka dhufuuf gumaachaa guddaa tasiise jira.


      1. Talaala


Kallatiin tajaajilaa egumsaa fayyaa beeyladaa kan irratii xiyeefachuu qabuu ekistenshinii fayyaa beeyladaa babalisuun dhibeen osoo hin ka’iin dura talaalii beeyladaa bal’inaan gaggeesuun dhibee ittisuudha. Haata’u malee sababa dhukkuba adda addaa kan akka abba sangaa, abbaa gorbaa gandii fi kkf bal’inaan waan mul’ataniif qabeenya beeylada irratti dhiibaa geesisa jiru. Dhiibbaa sababaa kanaan gahaa jiru xiqeessuuf talaalliin beeyladoota adda addaaf kennama tureera. Uwisni talaallii loonii wagga waggaan % 16.65n guddachuun kan bara 2002 loon mil 7.225 (%33) qofaaf kennama ture dhuma KGT tti gara mil 12.674 (%53.96) talaalutti guddateera. Talaaliin hoolaa % 8.6 irra gara %19.34 fi kan re’ee immoo % 13.3 gara %23.46tti ol guddateera. Akka waligalatti tajaajillii talaallii horii gosa sadii qofa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’a, horii waligalaa keessa yoo ilaalame uwwisni kun bara 2002tti % 22.95 irra kan turee bara 2007 dhummatti gara %53.96 guuddateera.
Uwwisaa talaalii bara baran kan dabalaa jiru ta’uus ammayyu hanga yaadame badii gahaa jiru hambisu hin dandeenye sababiin isaas talaaliin beeyladaa baayiinaan kan gageefamaa jiruu egaa dhibeen ka’ee bodaa ta’uu fi dursaanii ittisuu irratti xiyeeffatanii deemuu dhabuu ta’uun hubatameera. Tajaajillumtii kennamaa jiruuyyuu irraa caalaan gara loonitti kan xiyyeeffate yoo ta’u hoolaa fi re’ee irratti sagantaa itti fufinsa qabuun kan itti deemamu osoo hin ta’iin dhukubni yeroo ka’u qofaa waan raawwatamu fakkataa. Keessumattu Gaalaa fi kottee dudaan tajaajila talaalli kan argataan baay’ee xiqaa fi darbe darbe immoo kan hin jirre ta’u isaa ragaan Ejensii Istatikisii biyyoleessaa agarsisa.


  1. Babal’ina waldalee Hojii Gamtaa

Karoorri guddina fi tiraanisfoormeeshinii humna oomishitummaa qonnaa/horsisee bulaa bibiitina’ee jiruu walitti gurmaa’e sochii inveestimeentii fi guddina industirii keessatti gahee gudda taphachu bifa danda’uun waldaalee hojii gamtaa gurmeessuun kaayyoo gudda ture.

Kaayyoo kana galmaan gahuuf KGT keessatti sochii raawwatame akka armaan gaditti ibsama.



    1. Waldalee bu’uura fi yuuniyeenii gurmeessu:

Ka’umsa Bara 2002 tti Waldalee bu’uura 9,658fi miseensa waldichaa 1,607,594 irraa kan ture yoo ta’u KGT keessatti waldaalee bu’uura 6,870 fi miseensa 3,432,100 horachuu, yuniyeenoota 45 fi Fedeereshinii 3 gurmeessuun karoorfame hanga dhuma bara 2006 tti fi tilmaama raawwii 2007 dabalate waldaalee bu’uura 12,976 (%100 ol) fi miseensota 2,982,452 (%87), Walumaagala miseensi hanga ammaatti horatame kan bara karoora KGT jalqabaa dura jiru dabalatee 4,590,046 irra gahuun danda’ameera ,akkasumas yuniyeenoota 24 (%77.4) gurmeessuun kan raawwatame yoo ta’uu gurmaa’insa feedereshinii hanga amma itti hin deemamne ta’u hubatameera .ijaarsi yuuniyeeni fi feedereshinii hanga karoorfamee irraa KGT 1ffaa kana keessatti hojii irratti kan hin hojjetamne waan ta’eef KGT 2ffaa keessatti xiyyeeffannoo gudda kenname akka irratti karoorfamee hojjetamu barbaada.

Gama biraatiin humna waldaalee kana cimsuuf kappitaala isaani akka guddatuu murteessa waan ta’eef kappitaala waldaalee bu’uura,yuuniyeenota fi feedereshinii ilaalchise hanga dhuma wagga 2007 tti qr.1,137,820,874 fi 373,710,000 fi qarshi 24,040,000 walduraa dubaan akka horataan karoorfame kappitaala hanga bara 2006 tti fi tilmaama raawwii bara 2007 dabalatee qr. 716,178,684 ,kappitaala yuuniyeeni qr. 145,679,103 ,fi kappitaala feedereshiniin qarshii 240,000 waligaala qarshii 862,097,782 kan horatame yoo ta’u KGT irraa waldaalee bu’uura % 63 , yuniyeeniin % 39 fi feedereshinii % 1 kappitaala isaani akka guddatee yeroo ilaalamu kappitaala yuuniyeeni fi feedereshinii hanga barbaadamutti ol guddachuu dhabu raawwii karoora irraa ilaalameera.

Humni waldaalee kan ittiin cimuu keessa tokko qusannoo miseensota guddisuun waan ta’eef waldaaleen akka waligalatti KGT keessatti qr. biliyoona 1.002 akka qusataan karoorfame qarshii mil. 839.2638 akka qusaatamu yoo ta’u raawwii KGT irraa % 84 raawwatame jira.


    1. Hubannoo uumuu fi leenjii kennuu:

Toora xiyyeeffannaa hojii babaal’ina walda hojii gamtaa tokko hojii ijaarsa dandeettii yemmuu ta’u human raawwahiisummaa waldaalee cimsuuf leenjiiwwan garagaraa miseensota, mit miseensota, koreewwan adda addaa, qooda fudhattotaa fi dhimmamtootaaf bal’inaan kennamaa tureera.Keessumaayyuu hojiin waldaa irraa caala dhimma ilaalcha namaa jijjiiruu waan ta’eef mit miseensa amansiisanii gara waldaatti fiduun hojii salphaa miti.Kanaafis KGT kana keessatti hubannoo adda addaa uumuu fi leenjiiwwan human raawwachiisummaa cimsan irratti xiyyeeffatamee hojjatamaa tureera.

Bara KGT kana keessatti miseensotaa fi mit miseensotaa Waldalee hojii Gamtaa 13,845,305 ta’aniif hubannoo adda addaa uumuuf karoorfame raawwiin hanga xumura bara 2007tti 9,648,998 (%70) akka kennamuu ta’e jira. Haaluma walfakkaatuun leenjii adda addaa miseensa fi mit-miseensa 918,155 ta’uuf kennuuf karoorfame 230,409 (%25) akka leenjiin kennamu ta’e jira.



    1. Sirna hordoffii fi to’annoo waldaalee hojii gamtaa:

Hojiin sirna to’annoo fi hordoffii waldaalee hojii gamtaa hojiilee kan akka qabeenya waldaalee irratti inveenterii gaggeessu, herregaa hordofuu fi sirummaan isaa mirkanaa’e akka cufamuu gochu, inispeekshinii gaggeessu fi hir’ina maallaqaa waldaalee hojii gamtaa deebisisuu yoo ta’u KGT keessatti qabamee keessaa giddu galeessan % 100 ol akka raawwatamuu waan ta’eef badii qabeenya waldaalee hojii gamtaa irratti yeroo yeroon qaqabuu xiqeessun akka danda’amne mul’isa. Waldaalee gurma’an kana keessa 16 hojii agiroo piroosisii keessa fi waldaleen 33 immoo hojii meekanayizeeshinii keessa akka galan godhameera.Kunis haala karoora guddina fi tiraanisfoormeshiniitiin raawwiin isaa gadi aanaa ta’u mul’isa.

    1. Sochii Gabaa Biyyaa keessaa fi biyya alaa

Ergama WHG keessaa inni tokko oomisha qonnaan bulaa miseensa waldalee ta’anii walitti qabuudhaan gabaatti dhiyeessuun gatii madaalawaadhaan gurguraa bu’aa argamu irraa tokkoo tokkoon miseensaa fayyadamaa akka ta’u taasisuudha.Adeemsa kana keessatti oomisha miseensotaatiif gabaa gahaa argamsiisuu bira dabree gabaa tasgabbeessuu keessattis gahee olaanaa taphatameera.

Oomishaa Midhaan gosa adda adda fi Kudura kunt. 2,345,380 fi 4,760,000 bara KGT kana keessatti gabaa biyyaa keessatiif dhiyeessuuf karoorfame 13,085,670 (%500 ol) fi 4,940,218 (% 100 ol) walduraa duuban gabaaf akka dhiyaatu ta’e jira.Akkasumas bu’uu beeylada fi horii maala gabaa biyyaa keessatiif akka diyaatu karoorfame raawwii isaan %50 gadi yoo raawwatamu haala xiyyeeffannoo adda barbaadu ta’e argameera.

Gama birootiin oomishinni qonnaan bulaa gabaa biyyaa alaatiif dhiyaatee sharafa biyyaa alaa argamsiisaa kan jiru yemmuu ta’u Oomisha bunaa gabaa biyya alaatiif KGT keessatti toonii 1,298,588 dhiyeessuuf karoorfame toonii 37,099,917 (%100 ol) Buna miccamaa fi gogaa dhiyaachuudhaan sharafa biyya alaa $ 118,940,971 argamisiisee jira.


    1. Bulchinsa Liqii Callaa Guddistu

 Bara KGT kana keessatti deebii liqii callaa guddistuu bara 1987/88 irra eegalee hanga bara 2002/2003 kenname osoo hin deebi'in liqii bulee waliigala qarshii 738,977,927.80 akka deebi’u karoorfame hanga bara 2007tti kan hin deebinnee yoo ta’u bara Oomishaa 2006/07 liqii Callaa guddistuu qarshii 2,791,918,069.78 liqaan argame bittaan calla guddistuu gaggeeffame kan dhiyaate keessaa kan Qr 694,047,344.03 (%25) deebi’ee jira. Haaluma walfaakatuun liqiin calla guddistuu bara 2003/2004-2005/2006 kenname % 100 akka deebi’u yoo ta’u bara Oomishaa 2007/2008 bitta calla guddistuf oluu qarshii biliyoona 5.2 heyyaamamee bitta gaggeessuuf qophii irraa jira.

Hanqina jiru



  • Ijaarsa waldalee bu’uura hojii gamtaa fi miseensa haaraa horachun kaayyoo barbaadamuuf xiyyeeffannoo itti kennan irratti hojjechu dhabu.

  • Waldalee Bu’uura gara waldaa “agro-processe”tti ceesisuun dinagdee industiriin akka babalatuu hanga barbaadamu irratti hojjechu dhabu

  • Horannaa kaappitaala feedereshinii, yuuniyeenoota akka guddatuu xiyyeeffannoo kennuu dhabu.

  • Liqii bulee akka deebi’uu gochu dhabu.

  1. Yüklə 0,92 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin