Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə13/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   23

18.26. Kaffaltii Dursaa


  1. Raawwii bittaa mootummaa keessatti akka barbaachisummaa isaatti, gatii waligalaa waligaltichaa keessaa hanga %30 kan gahu kaffalti dursaa kennamuu ni danda’a. Hangi kaffaltii dursaa kennamus qajeelfama dorgomtootaa irratti ibsamuu qaba.

  2. Dhiyeessaan akkaataa waligalteettin kaffaltii dursaa gaafatuuf wabummaa wal- qixa ta’e cheekii baankiin mirkanaa’e irraa dhiyeefachuu qaba.

  3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 irratti ibsame jiraatuus kontraaktaronni ijaarsaa biyyaa keessaa fi oomishonnii qorichaa fi dhiyeessitonni meeshaalee wal’aansaa biyya keessaa wabummaa kaffaltii dursaa hal-duree irratti hundaa’e dhaabbata Inshuraansii beekamtii qabu irraa dhiyefatan ni fudhatamaaf.

  4. Dhaabbilee Intarpiraayizii Maayikroo fi Xixiqaaf kaffaltii dursaa kafalamuuf xalayaan wabummaa qaama isaan ijaare irraa dhiyaatu akka wabummaatti fudhatamaaf.




  1. Haala keewwata kana xiqaa 2 fi 3 irratti tumameen kaffaltiin dursaa kennamu lakkofsa herrega baakii maqaa qaama waligatee kennuu fi fudhatuun waliin banamuun akka buluu taasifamee mallattoo qaama lamaanittin herregichii socha’a.

  2. Haala bulchiinsa kaffalti dursaa kana ilaalchisees qaamoleen lamaan waliigaltee adda mallatessuu qabu.

  3. Kaffaltii dursaa kaffalamu keessaa bittaa ijaarsa daandiin kontraaktera biyya keessaatiif hanga %50, bittaa ijaarsa biroof hanga %30 bittaa maashinariif oluu qaba.

  4. Kaffaltiin dursaa kenname haala waliigalteettiin yeroo yeroon gaaffii kaffaltii dhiyaatu ykn dhiyeessii raawwatamu keessatti hir’achuu qaba.

  5. Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 7 irratti ibsameen manni hojii mootummaa haalawwan armaan gaditti ibsamee jiraachuu yoo hubatate kontiraaktarooni bifa kaffaltii duraatiin maallaqaa fudhatan keessa gartokkee bittaa meeshaatiif akka oolchan eeyamuu ni danda’a.

  1. Kontirakktarichi meeshaa ykn maashineerii maallaqaa bifa kaffaltii dursaatiin fudhatee bittee bu’uura waliigalteen piroojektiin osoo hin xumuramiin dura qabsiisa idaatiif akka hin oolchinee fi haala kamiiniyyuu qaama sadaaffaaf akka hin dabarsine yoo mirkaneeffachuu danda’e

  1. Kontiraaktarichi waliigaltee haala kaffaltii duraa osoo hin mallatteessin dura maallaqaa bifa kaffaltii duraatiin fudhatuun gosa meeshaalee bitatuu mahaandisa mana hojii mootummaa to’atuuf dhiyeessee meeshaan hojiichaaf barbaachisummaan isaa yoo mirkanaa’e.

  2. Maashineeniin ykn meeshaan kaffaltii duraatiin bitamu eyyama abbaa pirojeectichaatiin ala bakka piroojeektii irraa gara biraatti kan hin dabare ta’uun isaa yoo mirkanaa’udha.

10. Maashineeriin mallaqaa kafaltii dursaatiin hojii daandii akkasumas ijaarsa gamootiif bitamu miiltoo 3 irratti kan ibsaman qofadha.

11. Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 10 irratti ibsameen maallaqaa kontiraakterichi maallaqaa kaaffaltii dursaatiin maashineerii bite daangaa yeroo keennameef keessatti yoo gara piroojeekiichaatii geejjibsiisuu dhiise bu’uura waliigaleetiin kaffaltiin itti aanu hin raawwatamuuf.

12. Kaffaltiin dursa Kontiraakterri ykn dhaabbanni xixiqqaan fudhatan bu’uura waliigalteetiin sadarkaa sadarkaan warqaa raga kaffaltii qophaa’u irraa ykn herrega dhiyeessaa sadarkaa qophaa’u irraa ykn herrega dhiyeessaa sadarkaa sadarkaan raawwatu irraa hir’ifamee akka deebi’u godhamuu qaba.­­­

18.27. Waliigaltee Mallatteessuu


  1. Mannii hojii mootummaa kamiyyuu haalawwan waliigaltee waliigalaa kutaa sanada caalbaasii idilee kan ta’ee fi waliigaltee irra kan gahame haalawwan waliigaltee adda kana qabate sanada waliigaltee dhiyeessaa wajjin walii mallatessuu qaba.

  2. Waliigalteen dhiyeessaa fi qaama bittaa raawwatu giddutti taasifamu dirqama qaama lamaanii ifaan agarsisuu kan qabu yoo ta’u dhimmoota armaan gadii qabachuu qaba.

    1. Meeshaan, hojiin damee ijaarsaa ykn tajaajila gorsaa fi kan biroo waliigalteen kan dhiyaatu gosa, baay’ina, qulqullina, haala itti dhiyaatu, yeroo dhiyaatu, iddo dhiyaatu, gatii baaqqee fi waliigalaa kaffalamu haala kaffaltii fi yeroo kaffaltii argisisuu qaba.

    2. Qaama sadaffaa irraa tajaajila argamu geejjiba, inshuraansii, tiraanziitiifaa enyuu akka raawwatuu fi qaama ga’umsaan raawwachuu danda’u akka hojjataman taasifamuu isaa,

    3. Hiri’fama gatii dhiyeessan sanada yaada dorgommi irratti ibsee ykn haal duree ibsame biroo fi raawwii isaa ifaan taa’u isaa,

    4. Yeroo bulchiinsa waliigaltee waldiddaan ummamuu haala itti hikkamu,

    5. Dorgomaan biyya alaa gatii waliigalee waliigalaa keessaa kaffaltii sharafa biyya alaatiin kaffalamu qabu fi kan sharafa biyya keessaatiin kaffalamu,

    6. Qaama waliigaltee kan ta’an sanadota bittaa fi daangaa raawwatinsa isaanii,

    7. Kabachiisni waliigaltee qabame haala itti dhaalamu danda’u,

    8. Dhiyeessaan yeroo waliigalteen kaa’ame keessatti bitticha dhiyessuu yoo dadhabe yeroo turseetti tarkaanffii seeraa fudhatamu.

3.Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2(h) tiin tarkaanfiin adabbii fudhatmu haala qajeelfama kana keewwata 18.2.6. a,b fi c' n kan raawwatamu ta'a.

4.Manni hojiichaa ittigaafatamummaa sanada waliigaltee irratti kaa’amanii fi dirqamoota eegannoodhaan xiinxala gochuu fi sadarkaa mana hojiichaatti dirqamoota raawwatamuu hin dandeenye fudhatee waliigaltee mallatteessuu hin qabu.

5. Bu’ura keewwata kana keewwata xiqqaa 6 irratti ibsame akkuma eeggametti ta’ee haallii adda biraa yoo uumamee malee dorgomaan mo’ataa caalbaasiichaa erga mo’achuun isaa itti himamee eegalee guyyaa 15 keessatti dhiyaatee waliigaltee mallatteessuu qaba.

6.Manni hojii mootummaa caalbaasicha baasee firii caalbaasichaa ykn komii dorgomtootaaf guyyaa ibsee kaasee guyyaan hojii 5 osoo hin guutiin dura waliigaltee bittaa mallatteessuu hin qabu.



Kutaa 5:Raawwii Bittaa Addunyaa fi Malawwan Bittaa Biroo

19. Bittaa Caalbaasii Ifaa Addunyaa


1.Labsii keewwata 48 keewwata xiqqaa 4 bu’uureffachuudhaan Caalbaasiin ifaa addunyaa faayidaarra ooluu kan danda'u kubbaniyyoonni biyya alaa caalbaasii irratti akka hirmaatan yoo taasifame malee caalbaasii ifaa biyya keessaatiin dorgommiin bu'aa qabeessa ta'e jiraachuu akka hin danda'amne yoo amaname dha.

2.Labsii keewwata 48 keewwata xiqqaa 1 irratti haalawwan ibsaman akkuma eegametti ta’ee mala bittaa Caalbaasii Ifaa addunyaa kan raawwatamuu danda’u daangaan maallaqa bittaa kan armaan gadii ibsame ol yommuu ta’uu dha.



  1. Bittaa Damee Ijaarsaatiif 50,000,000.00 ol

  2. Bittaa Meeshaatiif 10,000,000.00 ol

  3. Bittaa Tajaajila Gorsaatiif 2,500,000.00 ol

  4. Bittaa tajaajila Birootiif 7,000,000.00 ol yoo ta’edha.

3.Caalbaasii ifaa addunyaatiin bittaa meeshaa irratti dorgomtoota hirmaatan ofii isaanii Oomishoota meeshaa yoo ta’uu baatan akka barbaachisummaa isaatti qaama bittaa raawwatuun yeroo gaafataman bakka bu’insa oomisheessaa irraa kennameef dhiyeessuu qabu.

4.Akkaataa qajeelfama kana keewwata 18tti raawwii bittaa caalbaasii ifaa biyyoolessaa ibsame irratti dabalataan caalbaasiin ifaa addunyaa kanneen armaan gadii hammachuu qaba.



  1. Beeksifni waamicha caalbaasii fi sanadani caalbaasii kan qophaa’u Afaan Ingiliffaan ta’uu qaba.

  2. Wammichi caalbaasii addunyaa akkaataa labsii keewwata 48.3.b irratti ibsameen kan raawwatamu ta’ee, dabalataanis dorgomtoota gahaa argachuudhaaf kan gargaaru akka barbaachisummaa isaatti Weebsaayitii Biiroo ykn Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin akkasumas Eembaasiiwwaniif waamicha caalbaasii dabarsuun ni danda’ama.

  3. Dorgomtootni sanada dorgommii sirrii qopheessuuf akka danda’an qajeelfama kana keewwata 18.4 irratti akkaataa ibsameen yeroon gahaa kennamuu qaba.

  4. Tarreeffamni fedhii qophaa’u sadarkaa qulqullinaa biyya keessaa kan guutee fi addunyaa irratti fudhatama kan qabu ta’uu qaba.

  5. Dorgomtotni biyya alaa gatiin dorgommii fi kabachiisa caalbaasii dhiyeessaan maallaqa daldalli addunyaa ittiin hojjetamuu fi akka salphaatti sharafamuu kan danda’uu ta’uu qaba.

  6. Dorgomaan mo’ataa biyya alaa fedhii bittaa dhiyeessu guutuudhaaf keessa gala ykn meeshaa ittigala biyya keessaa yeroo fayyadamu gatii waliigaltee waliigalaa keessaa kaffaltiin hamma Birriidhaan kaffalamu qabu gabatee dhiyeessa gatii keessatti ibsamuu qaba.

  7. Tumaatilee labsiichaa fi qajeelfama kana hanga hin faallessinetti waliigalteen bittaa addunyaa haalawwanii fi jechoota waliigaltee daldalli addunyaa ittiin adeemsifamuu irratti hundaa’uudhaan raawwatamuu qaba.

  8. Waliigalticha keessatti haala addaatiin yoo heyyamame malee walitti bu’insi yeroo raawwii waliigaltee uumaman seerota Itoophiyaatiin kan murtii argatan ta’u




Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin