Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Gaaffii Yaada Dorgommtiin Bittaa Raawwatamu



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə15/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   ...   23

23. Gaaffii Yaada Dorgommtiin Bittaa Raawwatamu


Labsicha Keewwata 44 jalaati dhimmootni tumaaman akkuma eegametti ta’ee mala kanaan fayyadamuudhaaf kanneen armaan gadii guutamuu qabu.

1.Qaamnii bittaa raawwatu bittaa tajaajila gorsaa mala bittaa gaaffii yaada dorgommiin raawwachuu yommuu qabaatuttii fi tilmaamni hammi maallaqaa bittichaa qarshii 300,000 (Kuma Dhibba Sadii) ol yoommu ta’utti dorgomtoota filachuudhaaf waamicha ibsa fedhii bu’uura qajeelfama kana keewwata 25’n dursee baasuu qaba.

2.Filannoon gorsitoota yaada dorgommii dhiyeessuudhaaf afeeramanii dhimmoota armaan gadii irratti bu’uureffachuudhaan raawwatama..


  1. Akkaataa keewwata 25n waamicha gaaffii ibsa fedhii bahee bu’uureffachuudhaan gorsitoota fedhii isaanii ibsan keessaa ga’umsa fooyya’aa qaban filachuu

  2. Tajaajilli gorsaa gorsitoota murtaa’an irraa kan argamu yommuu ta’u qaamni bittaa raawwatu gorsitoota kanneen hunda dorgommiif afeeruu qaba

  3. Tilmaamni gatii bittichaa qarshii 300,000 (kuma dhibba sadii) gadi yoo ta’e gorsitoota tarreeffama dhiyeessitootaa keessaa filachuudhaan ta’a.

3.Baay’inni gorsitootni gaafii yaada dorgommii dhiyeessuuf afeerraman hanga danda’ametti sadii gad kan hin taaneefi torbaa kan hin caalle ta’uu qabu.

4.Qaamni bittaa raawwatu gorsitoota yaada dorgommii akka dhiyeessan filatamaniif xalayaa waamichaa teessoo isaaniin yeroo walfakkaatutti erguufii qaba.Sanadni caalbaasii bittaaf qophaa’e dorgomtoota kaffaltii malee akka kennamu qaamni bittaa raawwatu yoo amane waamichaa caalbaasii waliin sanada caalbaasichaa erguufii ni danda’a.



    1. Sanadni caalbaasii gaaffii yaada dorgommii qophaa’u sanada caalbaasii idilee Biiroon qopheesse fayyadamuun akkasumas qajeelfama kanaan caalbaasii ifaa biyya keessaaf sirna kaa’amee hordofuudhaan kan qophaa’uu ta’uu qaba.

    2. Mariin qaamni bittaa raawwatu gorsaa filatamee waliin taasisu qabiyyee bu’uura caalbaasii fi qulqullina hojii kan hin jijjiirre ta’ee, qabiyyee hojichaa, mala hojimaata meeshaa,humna namaa hojicha irratti bobba’uu, dhiyeessa gabaasaa fi qabiyyee gabaasaa fi kkf irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba.

5. Armaan olitti mariin ibsame faayidaa mana hojii mootummaa kan miidhu ykn gorsaa mo’ateef faayidaa haqa qabeessa hin taane kan argamsiisu ta’uu hin qabu. Malli filannoo qajeelfama kanaan ibsame akkuma eegamanitti ta’ee adeemsi raawwii caalbaasii biroo hojimaata caalbaasii ifaa hordofee kan raawwatamu ta’a.

6.Armaan gaditti keewwatoota 24.1- 24.6 maloota filannoo kaa’amanitti fayyadamuudhaan bittaa raawwatamaniif sanadni dorgommii dhiyaatu ibsa fedhii teekniikaa fi gabatee gatiin addan bahee envelopii lamaan samsamee dhiyaachuu kan qabu yoo ta’u ulaagaan filannoo tajaajila gorsaaf qophaa’u fi gamaaggammni taasifamu hojimaata armaan gadii hordofee kan raawwatu ta’a.


24. Maala Filannoo Dorgomtootaa

24.1.Filannoo Qulqullinaa Fi Gatii Irratti Hundaa’e


1. Qaamni bittaa raawwatu tajaajila gorsaaf sanada caalbaasii yero qopheessanii fi tokko tokkoo yaada tekiniikaa dorgomaa dhiyaatu yommuu gamaaggamanii fi yommuu waldorgomsiisan ulaagalee armaan gadii ilaalcha keessa galchuu qabu.

a. Hojii kennamuuf wajjin muuxannoo walfakkataa gorsaan qabu.

b. Sadarkaa mala qo’annoo hojii irra ooluuf dhiyaate

c. Gorsichi manneen hojii mootummaaf beekumsa argamsiisu.

d.Yaada dorgommii dorgomtoota biyya alaatiin dhiyaate keessatti hirmaannaa lammiiwwan Itoophiyaa dhimmoota adeemsa hojii gorsa ijoo ta’an irratti qaban.

2.Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti ulaagaleen kaa’aman akkaataa gosa tajaajilaa qaama bittaan raawwatuun armaan gaditti haala ibsameen qabxii kennuudhaan ni safarama.



  1. Muuxannoo addaa gorsaan qabu qabxii 5 hanga 10

  2. Mala gorsaa hojii irra oola jedhamee dhiyaate 20 hanga 50

  3. Dandeetti beekumsa dabarsuuf qabu 5 hanga 10

  4. Tajaajila gorsichaa keessatti ogeessota murteessoo ta’an qabxi 30 hanga 60

  5. Hirmaanaa Itoophiyaanootaaf qabxi 5 hanga 10

3. Ga’umsa teknikaan dhibba keessaa (%70) gadi dorgomtootni argatan caalbasii keessaa akka kufan qabxii %70 fi isaa ol dorgomtoota argatanii poostaan dorgomtootaa gabateen gatii dorgomtootni bakka argamanitti ni banama.

4. Gamaaggama ga’umsa tekiniikaa dorgommii gatiif kan isaan geessisu firii gadi aanaa dorgomtoota hin argannee poostaan gabatee gatii osoo hin banamiin akka deebi’u taasifamu qaba.

5. Tajaajillii gorsaa kan argamu gorsitoota alaa irraa yoo ta’uu baatee alatti gorsitootni biyya keessaa gatiin isaan dhiyeessan gamaaggamaaf jecha taaksii biyya keessaa ni dabalata. Kan armaan olitti ibsame akkuma eeggametti ta’ee gorsitootni biyya keessaa fi biyya alaa gatii isaan dhiyeessan gatii geejibaa, hiikaa, baasii barreeffamaa fi kkf dabalchuu ni danda’a

6. Gatii dorgommii gad-aanaa dorgomaa dhiyeesseef qabxii guutuu kan kennamuuf yoo ta’u dorgomtootni biroo garuu akkaataa gatii dhiyeessaniin gatii olaanaa kan dhiyeesseef qabxii xiqqaa ni kennama.

7. Gaheen qabxii gamaaggama tekiniikaa %80, gahee gamaaggamaa gatii %20 ta’a.

8.Sadarkaan ga’umsa tekiniikaa fi qabxiin gatiif kenname ida’uudhaan walii galaatti qabxii olaanaa dorgomaan argate mo’ataa ta’ee ni filatama.

9. Bittaan tajaajila gorsaa caalbaasii ifaa addunyaan raawwatamu qajeelfama kana keewwata 19 keessatti adeemsa raawwii bittaa dabalataan buu’uuraa godhachuu qaba.


24.2. Filannoo qulqullina hojii raawwatamu iratti hunda’ee


1. Qulqullina hojii irratti hundaa’ee filannoon taasifamu faayidaa irra ooluu kan danda’u tajaajilli gorsaa haalawwan armaan gadii yoo guutan ta’a.

  1. Tajaajilli gorsichaa walxaxaa fi ga’umsa ogummaa addaa kan gaafatu ta’uu isaatiin sanada “TOR murtaa’e qopheessuun kan hin danda’amamne yommuu ta’u ykn gorsaa irraa gosti tajaajilli gorsaa argamu adda baasanii beekuun kan hin danda’amne yommuu ta’u ykn gorsaan dandeettii uumuu mataa isaa fayyadamuun yaada dorgommii dhiyeesuun kan irraa eegamu yommuu ta’u.

  2. Gorsiitoota dandeetti ol’aanaa qaban argachuun barbaachisaa yommuu ta’utti fi bu’aan fulduratti argamu yaaddessaa kan ta’an dhimmota olaanaa yoo ta’u.

  3. Tajaajilli gorsichaa karaa filannoo adda addaan dhiyaachuu kan danda’u ta’u isaa irraa kan ka’e yaadota dhiyaatan haala walfakkaatuun dorgomsiisuun rakkisaa akka ta’u yoo amanamu.

2.Poostaan yaada tekiniikaa dorgomtootni bakka argamanitti akka banaman ni taasifama.

3.Gamaaggama tekiniikaan dorgomaan bu’aa ol’aanaa argate mo’ataa caalbaasii godhee filachuu ni danda’a. Haata’u malee dorgomaan mo’ataan gatiin dhiyeesse humna kaffaltii mana hojiichatii ol yoo ta’e fi xinxala tekiniikaan dorgomaan lamaafaa bahee gatiin dhiyeesse humna kaffaltii mana hojii waliin kan walsimu yoo ta’e bitticha mo’ataa lamaaffa bahee irraa raawwachuun ni danda’ama



4.Mariin dorgomaa mo’ataa caalbaasii waliin taasifame akka raawwateen poostaan gatii dorgomtoota biroo osoo hin banamiin dorgomtootaaf deebi’uu qaba.

Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin