Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Kutaa 6: Bittaa Addaa 29 . Bittaa Ol'aanaa Addaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə18/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23

Kutaa 6: Bittaa Addaa

29 . Bittaa Ol'aanaa Addaa


  1. Mootummaan dirqamaa irra jiru bahuuf ni gargaara ykn naannichaaf fayyidaa addaa ni kenna jedhamee ittigaafatamoota ol’aannoo mootummaan yoo itti amanamee ajaja Oogganaa Biirootiin bittaan addaa gidduu galessaan rawwatamu ni danda’a.

  2. Bittaa faayidaa addaa akka naannotti qabu raawwachuuf Ejansichi bitticha bifa addaan akka raawwatuu mootummaan yoo ajajamee malee tumaatii labsii, dambii fi qajeelfamoota kanneen eguudhaan bitticha raawwachuu qaba.

30. Bittaa Addaa Meeshaalee fi Tajajiilaa Manneen Hojii Mootummaa Waliin Barbadaan


Raawwii bittaa adda labsii ,dambii fi qajeelfama kana bu’uura gochuun sanada caalbaasii bittichaaf qophaa’uun raawwatamu qaba.

  1. Bittaa meshaalee fi tajaajilaa manneen hojii mootummaa heddun ykn muraasaan waliin barbaadaman bakka tokkotti qindaa’ani kan bitaman waliigaltee yeroo dheeraa irratti hunda’uun yoo ta’u, hojmaata armaan gadii hordofee raawwatamuun irra jiraata.

  1. Akkuma qajeelfama kana kutaa 2 irratti tumame bu’ura gochuudhaan bittaa waligaltee yeroo dheeraa raawwachuuf Ejansiin hundeefamee gurmaa’insa gahaa fi ifaa ta’ee umuun sanadaa caalbasii qopheessuu, gamaaggamuu, raggasisuu fi hojiin waligaltee bulchuu hojii gareewwan adda addaatiin akka raawwataman ni taasisa.

  2. Hojichaaf barbachisaa ta’ee yoo argamuu, yeroo qophii fi gamaagamma caalbaasii deegarsa ogummaa manneen hojii motummaa irraa gafachuu fi argachuu ni danda’a.

  1. Manneen hojii mootummaa hunda ykn tokko ol ta’an keessatti bittaawwan walfakkataa barbaadaman bakka tokkottii sassabuun qindaa’ani kanneen armaan gadiiti ibsamani fi qajeelfama kana hordoffee hojimaata rawwachiisuuf sanadoota bahaan bu’ura gochuun raawwatama.

  1. Biiroon meeshaalee fi tajaajiloota bakka tokkotti barbaadaman adda baasuun facaatii isaani baasee ni beeksisa. Facaatichas qorachuun yeroo yeroon ni gabbisa. Facaati kana manneen hojii mootummaa fi Ejansicha ni beeksisa.

  2. Tokko tokkoon manna hojii mootummaa akkaataa facaatti bittaa bakka tokko darbeen fedhii bitta isaa kan waggaa qindessee qaama bittaa addaa rawwatuuf yeroo murtaa’e keessatti dhiyessuu ykn bekessisuu qabu.

  3. Ejansichi fedhii bittaa bakka tokko mana hojii mootummaa hunda walittii qabuun karoraa bittaa qopheessuu fi karoora qophaa’ee Biiroo fi mana hojii bittichi ilaaluuf beeksisuu qaba.

  1. Ejansiin bittaa addaa akka raawwatuu hunda’ee gosa bittaatiin waliigaltee mallataa’uu fi gatii qorannoo gabaa irraatti hunda’uun ni murteesa.

  2. Qajeelfama kana keewwata 18 keewwata xiqqaa 1 irratti ibsame akkuma egametti ta’ee Ejansichi dhimmoota armaan gadii kan hammatu waamicha caalbaasii baasuu qaba.

    1. Waamicha beeksisaa kan godhame bittaa waliigaltee yeroo dheeraa mallatteesuuf kan danda’amu ta’u isaa,

    2. Waliigaltee yeroo dheeraan bittaan raawwatamu, gosa, tilmama baay’ina isaa fi haala walharkaa fudhinsaa

    3. Yeroo turtii Waliigaltee yeroo dheeraa

    4. Baay’ina manneen hojii mootummaa bittaa waligaltee yeroo dheeraa ittii fayyadamani.

  3. Labsii keewwata 51(4) irratti haala ibsameen bittaa waligaltee yeroo dheeraa dhiyeessaa mo’ataa ta’ee wajjiin waliigaltee hanga waggaa 3 gahuu danda’u kan mallatteessu yoo ta’u Ejansichi haalawwan armaan gadii fi kan biroo walsimsiisuudhaan akkaataa haala bittichaa fi akka barbaachisummaa isaatti dorgomtoota fedhii qaban tokkoo ol ta’an wajjin bu’uura tartiiba sadarkaa isaaniitiin waliigaltee yeroo dheeraa walfakkaatu mallatteessuu ni danda’a:-

    1. Baayyinni bittaa barbaadamuu fi humni dhiyeessaa filatamee dhiyeessa barbaadamu wajjin kan wal hin simne yoo ta’e, ykn

    2. Dhiyeessitoonni walfakkaatan gabaa irra jiran baayyina kan qaban yoo ta’anii fi carraa bittichaa dhiyeessitoota hedduudhaaf kennuun yeroo barbaadamu, ykn

    3. Gatiin gabaa haala ol’aanaadhaan kan jijjiiramu ta’uu isaatiin bitticha gatii dhiyaateen dafanii xumuruun yoo barbaachise,

  4. Sanadiin caalbaasii bittaa waliigaltee yeroo dheeraatiif qaama bittaa addaa raawwatuun qophaa’u sanada caalbaasii idilee fayyadamuun kan qophaa’u ta’ee kan armaan gadii akka haammatu godhamuu qaba:-

    1. Facaatii meeshaa bitamuu fi hanga danda’ametti tilmaama baayyina bittaa fi haala wal- harkaa fuudhinsaa,

    2. Iddoo wal-harkaa fuudhinsaa fi hanga danda’ametti tilmaama yeroo wal-harkaa fuudhinsaa ,

    3. Facaatii manneen hojii mootummaa waliigaltee yeroo dheeraatti fayyadamanii,

    4. Bittichi sirreeffama gatii kan hayyamu yoo ta’e haala sirreeffamni gatii itti taassifamuu fi raawwii isaa,

    5. Yeroo waliigalteen bittichaa ragga’ee itti turu,

  5. Ejansiin bittaa waliigaltee yeroo dheeraa raawwachuuf dhaabbatee armaan olitti keewwata kana keewwata xiqqaa 5 gatii dorgomaa mo’ataa ta’e filatameen akka dhiyeessan dorgomtoota sadarkaa duraa dubaan mo’atan waliigalteef kan affeeru akkaata bittichaan ilaalee ni murtessa. Haala kanaan waligalteen raawwatamu;

    1. Dhiyeessitoota gatii mo’ataan itti filatameen dhiyeessuudhaaf fedhii qaban waliin mallatteessa.

    2. Dhaabbani mo’ataa ta’ee waliigaltee mallatessuu fi dhimmoota filannoo qaban irratti dursa akka argatu ni godha.

    3. Armaan olitti keewwata kana kewwata xiqqaa 5fi 6 irratti haalawwan ibsaman yoo qunnamani fi dorgomtoota tokko ol ta’an waliin waliigaltee yeroo dheeraa mallateessuun barbaachisuu dorgomaa duraa mo’ataa caalbaasii ta’e filatame wajjin hammi bittaa mallatta’u bittaa waliigalaa keessaa % 60 gadi ta’uu hin qabu.

  6. Ejansiin bittaa waliigaltee yeroo dheeraa akka raawwatu dhaabbate manneen hojii mootummaa bakka bu’ee waligaltee waliigalaa kan mallatteessu yoo ta’u waliigaltichi kanneen armaan gadii fi haalawwan barbaachisaa ta’an biroo ifaan akka hammatu godhamuu qaba.

    1. Yeroo bulchiinsa waliigaltee bittaa waliigaltee yeroo dheeraa manneen hojii mootummaa fayyadaman, waliigaltee yeroo dheeraa qaama mallatteessuu fi bulchu akkasumas dirqama fi itti gaafatamummaa dhiyeessaan waliigaltee yeroo dheeraa qabaatu.

    2. Ajajini bittaa waliigaltee yeroo dheeraa haala itti darbu, walharkaa fuudhiinsi taasifamu, kaffaltiin kan itti raawwatamuu fi sirna hordoffii fi gamaaggamni itti godhamu.

    3. Sirna waldiddan yeroo uumamu itti hikkamuu.

  7. Ejansiin bitta addaa akka raawwatu seeran aangoon keenameef yeroo bulchiinsa waliigaltee yeroo dheeraa itti gaafatamummaa dabalataa armaan gadii ni qabaata.

    1. Dhiyeessaan waliigaltee yeroo dheeraa bu’uura waliigalteetiin raawwachaa jiraachuu isaa ni hordofa.

    2. Kabachiisa waliigaltee ni qaba, ni bulcha, haala waliigalteen raawwatamuu dhabuu isaa yeroo mirkanessus akka barbaachisuummaa isaatti dhaaludhaan maallaqichaa sanaduqa mootummaatti galii ni taasisa. Balleessaa dhiyeessaan raawwatu Biiroodhaaf gabaasa ni dhiyeessa.

    3. Dhiyeessaa fi mana hojii mootummaa giddutti waldiddaan yeroo uumammu dhimmichaa mariidhaan hiikuuf tattaaffii ni godhaa.

    4. Waliigaltee waliinii irraatti hundaa’ee haala waligaltee yeroo dheeraatiin jijjirama gochuun yommuu barbaachisu ni raawwata.

    5. Yeroo raawwii waliigaltee manneen hojii mootummatiif deggarsa ni godha.

    6. Waliigalteen yeroo dheeraa yoo xummuramu gamaaggama raawwii waliigaltee gochuudhaan kabachiifni waliigaltee akka gadi lakkifamu ni godha.

  8. Ejansiin waliigaltee yeroo dheeraa raawwate kanneen armaan gadii keessaa sababa tokkon waliigaltee yeroo dheeraa haquu ni danda’a.

    1. Dhiyeessan waliigaltee yeroo dheeraa bu’uura waliigalteedhaan dirqama isaa akka hin baanee yoo beekame.

    2. Manni hojii mootummaa fedhii bittaa sababa ifaa fi beekkamaa ta’een yoo jijjiru.

    3. Gatiin waliigaltee yeroo dheeraa, haalawwan qabatamaa gabaa yeroo ilaalamu manneen hojii mootummaa midhuu kan danda’u garaagarummaa bal’an jiraachuun isaa yommu mirkanaa’u.

    4. Haala tumaatii keewwata kanaa xiqqaa ’b fi c’ bu’ura gochuun waliigalteen yeroo dheeraa akka addaan cituu yommu murtaa’u sababa waligalteen yeroo dheeraa cituu fi guyyaa itti raawwatamu ibsuun dhiyeessaadhaaf yeroon akkekachisaa ji’a tokko barrefamaan kennamufii qaba.

    5. Yeroon akkekschisaa ossoo hin raawwatiin manii hojii mootummaa waligaltee keessaati ibsaman bitta qama biraa irraa raawwachuu hin danda’an.

Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin