Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə19/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23

11.Manneen hojii mootummaa waliigaltee yeroo dheeraatiin bittaa akka raawwatan Ejansii irraa garagalchaii waliigaltee yeroo dheeraa darbeefitti fayyadamuun ajaja bittaa dhiyeessaaf kennuudhan dhiyeessaa waliin waliigaltee dabalataa kophaatti mallatteessuun bittaa raawwachuu ni danda’u.

12.Ajajaini bittaa ykn waliigalteen dabalataa kophaa waliigaltee waliigalaa keessatti kan hammataman gatii fi haalwwaan waliigaltee biro bu’uura ta’uu hin jijiiru. Ta’us, manni hojichaa kan armaan gaditti tuqamanii fi dhimmaa biro walfakkaataa ta’an irratti dhiyeessaa waliigaltee yeroo dheeraa waliin waliigaltee biro kophaatti raawwachuu ni danda’a.



a. Yeroo meeshichi itti dhiyaatuu fi kaffaltiin itti raawwatu gaabasuuf

b. Baayini meeshaa ajaja bittaa tokkoon dhiyaatu murteessuuf,

c. Iddoo meeshichi itti dhiyaatu beeksisuu ykn jijiruuf,
13.Manni hojichaa armaan olitti haala keewwataa kana keewwata xiqqaa 12 irratti ibsameen gargalchii waliigaltee kophaa raawwate ejansii bittaa waliigaltee yeroo dheeraa akka raawwatuu fi akka bulchu dhaabbateef keennuu qaba.

14.Manneen hojii mootummaa yeroo raawwaii bittaa waliigaltee yeroo dheeraa ofeeggannoo armaan gadii gochuu isaan barbaachisaa.

a.Ajaja bittaa kan kennan Ejansiin bu’uuraa bittaa waliigaltee yeroodheeraa tiin raawwatuu fedhii ibsame bu’uura gochuun bittichi waliigaltee yeroo dheeraatiin qofa kan raawwatamu ta’uu isaa mirkaneessuu.

b.Dirqamoonni mannneen hojii mootummaatiin raawwataman kan waliigaltee yeroo dheeraa keessatti ibsaman haala waliigalteen xumuraamuu isaa mirkaneessuu

c. Dhimmoota waliigaltichaa irratti walfalmisisaan Ejansii waliigaltee bulchuu waajjin ta’uudhaan hiikuuf yaalii gochuu,

d. Dhiyeessaan waliigaltee yeroo dheeraa dhimmoota ijoo waliigaltichaa jechuunis qulqullima meeshjaaichaa fi hir’ina baayyinaa, yeroo itti dhiyaatu eeguu dhiisuu haala itti saamsamuu fi kan kana fakkaatu irratti badiiwwan raawwate Ejansii waliigaltee yeroo dheeraa bulchuutti baarreeffamaan beeksisuu.

e. Fedhii isaanii waliigaltee yeroo dheeraa keessatti hammatamaniif yeroo ajaja bittaa itti kennanii fi baayyina isaanii dhiyaachuu qabu murteessuu fi haala facaatii raawwii isaa qaama bittaa addaa raawwatu mariissisuu.

15. Ejansiin waligaltee yeroo dheera akka bulchuuf dhabbatee hojiin manneen hoji mootummaa akka hin-harkifaneef waliigaltee yeroo dheraa yeroodhaan mallateessuu kan qabbuu yoo ta’uu rakkoo humnaa ol ta’een yeroodhaan waliigaltichaa mallateessuu akka hin dandeenyee yoo mirkaneesseef maneen hojii mootummaa fedhii bitta qabaan haala labsii fi qajeelfama kana irratti mala bitta hayyamameen bituuu ni danda’u

16. Labsii bitta fi bulchiinsa qabeenya Mootummaa keewata 51 keewata xiqaa 3 bu’uraa gochudhaan manneen hojii mootummaa irra dadeebiidhaan fedhii walfakkatuu haalawwan armaan gadii guutuu isaa mirlkaneefachuudhaan bitticha waligaltee yeroo dheeraatiin raawwachuu ni danda’u

a. Sababaa amala adda tiin maneen hojii mootuummaa meeshaawaanii fi tajaajiloota waliin barbaadaman walitii qabanii bittaa waligaltee yeroo dheera bittuu fi bulchuuf Ejansii dhabbateen bittaa raawwachuu hin dandeenye ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee

b. Meeshiichii ykn tajaajilichii irra dadeebiidhaan fi walitti fufiinsaan dhiyee’achuu kan qabuu yoo ta’eec. Kan bittamuu meeshaa yoo ta’e meeshichaa yeroo tokkoo bittaanii walharkaa fuudhuudhaan walitti fufiinsaan itti fayyadamuu kan hin dandeenyee ykn yeroo yeroon dorgomtoota dorgomsisuun bittichaa raawwachuun fayyidaa dinagdee kan hin qabne yoo ta’e.

c. Mannii hojjichaa baajata bittaadhaaf qabatee yeroo adda addaa tti fayyadamuu kan qabuu yoo ta’e.

17. Armaan olitti buu’ura keewwata xiqaa 16 irratti ibsameen manii hojjichaa irra dedeebiidhaan fedhii walfakkatuu qabuuf:-

a. Caalbaasiin gaggeeffamu qajeelfama kana keewata 18 irratti haala ta’ee bu’ura gochuudhaan ta’uu qabaa

b. Yeroon turmataa waliigaltee mallata’uu waaggaa lamaa caaluu hin-qabuu.

c.Qajeelfama kana keewata 18.14 irratti kan ibsamee tummatilee sireefama gatii kan hordoofee sireefama gatii eeyyamuuf fi sirnaa raawwii eeyamameen raawwachuu ni danda’a

Kutaa 7: Bittaa Bakka Tokkoo Sadarkaa Puulii

31. Bittaa Sadarkaa Puulii


Qajeelfama kana keessatti kutaa kanaan bitta amala addaa bittaa giduugalessaa tokkoon raawwatamuu qaban bittaa puulii jedhamee wammamu qabachuu isaatiin ala bittaan meeshaa, tajaajila gorsaa fi ijaarsaa manneen hojii sadarkaa puulitti raawwatan bu’ura labsii fi qajeelfama kanaan ta’a.

  1. Bittaan Puulii kan gaggeefamu bu’ura sirna bittaa mootummaa naannoo labsii fi qajeelfamaan tumamee egee maloota fi hojimaata bittaa seeraan heyyamameen ta’a.

  2. Waajjiri Maallaqaa fi Misooma Dinagdee sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa bittaa meeshaalee manneen hojii adda addaa keessatti barbaadaman kan akka bittaa meeshaa dhaabbii Biiroo keessaa fi Elektrooniksii, meeshaalee barreessaa fi qulqulinaa, tajaajila suphaa konkolaataa fi meeshaalee jijjiraa konkoolaataa, bittaawwan sadarkaan qulqullina isaanii beekkamuu kan akka Simintoo, gommaa konkolaataa, boba’aafaa manneen hojii waliin ykn tokkon barbaadamanis bittaa ni raawwata.

  3. Bittaawwan karoraan hin qabamne gatiin tokko isaani qarshii1500.00 ( kuma tokkof dhibba shanii ) gadii ta’ee fi kallattiin gabaarraa bittaaman kamiyyuu, Waajjiri Maallaqaa fi Misooma Dinagdee sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa kan raawwatamu ta’ee, akka bittaa karoraan gaggeessu hin dadhabsisne madaalee itti gaafatamaa MMDtiin hayyamamuu qaba.

  4. Bittaan kallatti keewwata kana keewwata xiqqaa 3 hayyamamuu kanaan bittaan mana hojii tokkof bitamu gulantaa baasii hunda irratti mana hojii sadarkaa puulii tokkoof bara bajataa tokko keessatti qarshii 4000.00 (kuma afur ) caaluu hin qabu.

  5. Dangaan keewwata kana keewwata xiqqaa 4 irratti tumame akkuma eggameetti ta’ee, sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti bu’uura qajeelfama kana keewwata 28 keewwata xiqqaa 9n kan raawwatuu ta’a.

  6. Bittaawwan amala mana hojii tokko qofa qabaniif xinxallaa fi wal-dorgomsisnii caalbaasii isaanii ogummaa mana hojii bittaan raawwatamuuf barbaadu manneen hojii sadarkaa Godina, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa jiraniin ykn abbotii baajataan akka raawwatamu ta’u qaba. Bittaawwan akkataa kanaan gaggeefaman kan armaan gadii ni dabalatu;

  1. Bittaa qoriicha namaa fi beeyiladaa, meeshaalee barnootaa ogummaa addaa barbaadan, meeshaalee piroojeektii bishaanii, bittaa tajaajila nyaataafaa mana hojiichatti qaama hojjichaaf beekumsaa fi hubannoo gahaa qabuu keessaa koree addaa mooggaafamuun bitama.

  2. Bittaan meeshichaa ykn tajaajilichaa dhiyeesitoota idilee galmaa’an irraa kan hin argamne yoo ta’un isaa mirkanaa’uu fi qinxaaboodhaan gabaa irraa kan bittamu ta’u itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojii bitticha gaafate koree addaa waa’ee bittichaa hubannaa qabu mana hojii isaa keessaa dhaabuudhaan deegarsa ogummaa hojmaata bittaa fi bulchiinsa faayinaansii irratti Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdee irraa argachaa bitticha raawwachuu qaba.

  3. Bittaawwan keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti haala tumameen raawwataman sababiin qinxaaboon bituun barbaachiseef barrefamaan itti gaafatamaa Waajjira Maallaqa fi Misooma Dinagdeetiif dhiyaatee hayyamamuu qaba.

  1. Manneen hojii abbootii bajataa bittaan meeshaalee ykn tajaajiloota bakka tokkotti bitamaniif kan manneen hojii duraan karooraan ykn gaaffiidhaan akka bitamuuf gaaffii dhiyeessan gaaffii mirkaneessa baasii isaan biraa osoo hin barbaachisiin karaa waajjirichaa adeemsa hojii bittaatiin maqaa mana hojii abbaa baajataatiin unkaan baasii ittiin gaafatan qophaa’ee kaffaltii raawwachuudhaan herregni isaa baajata isaanii irraa akka bu’u godhama.

  2. Abbootiin baajataa fedhii bittaa isaanii kan waggaa sagantaa waajjirichi baase irratti hundaahuudhaan facaatii ibsa fedhii (Specification) wajjin qopheessee adeemsa hojii bittaa mootummaa waajjirichaatti dhiyeessuuf ittigaafatamummaa qaba.

  3. Manneen hojii sagantaa waajjirichi baasu keessatti tarreeffama fedhii bittaa isaanii yoo dhiyeessuu dhiisan bittaan kan isaaniif hin raawwatamne waan ta’eef rakkoo qaqqabuuf ittigaafatamtoonni manneen hojii itti gaafatamaa ta’u. Bittaan sagantaadhaan ala dhiyaatu fudhatama hin qabu.

  4. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1’n kan tumameen ala bittaa raawwachuun kan danda’amu Biiroon haala addaatti akka raawwatamuu hayyama yoo kennuu qofa ta’a.

Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin