Buufata buufata 2 gabayaa bunaa itiyoophiyaa bahaa ilaalchisee barreefama ummataaf qophaahe 3


Wantoota qulqullina bunaa huban ykn miidhan



Yüklə 2,23 Mb.
səhifə10/12
tarix17.10.2023
ölçüsü2,23 Mb.
#130521
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12
karoora gabaa Bunaa 2016

2.5.2. Wantoota qulqullina bunaa huban ykn miidhan

Wantoonni qulqullina bunaa murteessan maal fa’a? Maalif bunni tokko tokko qulqullina gaarii qaba, bunni biroo ammoo qulqullina hinqabne? Wantoonni qulqullina bunaa huban ykn miidhan sadarkaalee armaan gadiitti hiramuu ni danda’amu:



  • Haala naannoo, qilleensaa fi biyyee

  • Haala qonna bunichaa

  • Haala funnaanni boodaa

  • Rakkina uumamaan walqabatan (sanyii ykn gosa bunaa)


Rakkinoota haala naannoo, qileensaa fi biyyee

Haalli naannoo qulqullina bunaa irratti dhiibbaa mataa isaa qaba. Ol ka’umsi lafaa, jijjiiramni hoo’ina, baay’inaa fi tamsa’inni roobaa, haalli qaamaa fi keemikaalummaan biyyee murteessoodha. Haalli qilleensaa, ol ka’umsi lafaa fi gaaddisni o’ina, argama ifaa fi bishaaniirratti dhiibbaa mataa isaanii waan qabaniif, yammuu bunni bilchaatu wantoota barbaachisan. Kanaafu, haalli waligala qilleensi bunni itti guddatu qulqullina isaarratti dhiibbaa guddaa qaba. Haala gaarii bunaaf uumuu, buna qulqullina qabu hoomishoof nama dandeessisa. Ogeeyyonni qunnaa haala gaarii bunni keessatti hoomishamu uumuu dhaaf gayee guddaa taphachuu ni danda’u.



Haala qonna bunichaa- Funaannii duraafi booda

Maammilloonni biyya alaa buna Itoophiyaatti fayyadaman bunni biyya keenyaa buna uumamaa ta’uu hubachaa jiru. Magaalaa addunyaa irratti, bunni uumama buna uumamaa hin ta’in irra gatii caalmaa ykn ol aanaa baasa. Faayda kana argachuudhaaf, wantoota uumamaa hin ta’in kan akka xaa’oo, farra raammoo fi kkf osoo itti hin dabalin buna keenya guddisuutu nurraa eeggama. Hoomishtoonni bunaa seera buna uumamaa hoomishuu jedhu sirritti kabajuu qabu. Akkuma daldalaa amanamaa tokko, qoteebulaan buna hoomishu tokko buna uumama hoomishuu dhaan maammiltoota isaatiif amanamaa ta’utu irraa eeggama.

Hoomishtoonni bunaa rakkinna fayyaa fi qilleensarratti hoomishni bunaa uumama hin taanee akka fidu haa beekaniiyyu malee, sababiin guddaan isaan buna uumamaa filachuu qabaniif bu’aa kanarraa argatan jiddu-gala godhachuu dhaani. Dhaabbattoonni sirna daldala bunaa keessatti hirmaatan seeraa, tartiiba fi mala too’annoo bunni uumamaafi bunni uumamaa hin taane itti addaan baafamu mijjeessuutu irraa eeggama. Sirni too’annoo sadarkaa adda addaatirratti qulqulini uumamaa kuni sirritti eegamuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Sirni daldalaas, qoteebultoota amantummaa dhaan buna uumamaa hoomishan badhaasutu irraa eeggama.

Bunni naaytiroojinii itti heddummeessuudhaan hoomishamu qulqullina bunaa qofa kan miidhu osoo hin tahin barbaadamiinsafi filatama bunni Itoophiyaa adunyarratti qabus haalaan huba ykn miidha. Xaa’oo uumamaa fayyadamanii buna hoomishuun buna qulqullina qabu akka argannu nu dandeessisa.

Qorannoon adda addaa akka agarsiisutti, garmalee baay’achuun ykn garmalee hanqachuun wantoota akka naaytiroojinii, zinkii, maagniiziyamii fi kkf qulqullina buna irratti dhiibbaa mataa isaa qaba. Hoomishtoonni biyyee bunni irratti biqulu keessa miniraalota hanqina qaban hubachuudhaan hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaban. Hojii kana keessatti, Ministeerri Qonnaa irraa gayee guddaatu eeggama. Walumaagalatti, buna fayya-qabeessaaf qulqulluu ta’e hoomishuudhaaf haalli barbaachisaa ta’an hundi sirritti guutamuu qaba.

Dhukkubaa fi ilbiisonni adda addaallee qulqullina bunaa ni miidhu. Itoophiyaa keessatti, dhukkubni baala bunaa (DBB) beekkamaadha. Rakkinna kana hambisuudhaaf, hoomishtoonni keenyas farra dhukkuba baala bunaa (DBB) kan qorattoonni qorannoodhaan argatanitti fayyadamuu qabu.

Rakkina akkaataa hoomishaatiin walqabatu malee, halli biroo kan qulqullina bunaa miidhu danda’u rakkina akkaataa sassaabamaa tin waqabate. Buna jiidhaa qulqulluu ta’e sassaabuuf harkaan suuta funaanuun mala sassaabbii birootirra qulqullina bunaa kan eeguu fi miidhama irraa kan ittisu ta’uun beekkamaa dha.

Yerooddhaan funaanufi fi filatanii ykn adda baasanii funaanuun buna fayyaa ta’eefi qulqullina qabu argachuu nama dandeessisa. Qoteeboltoonni heddu buna bilchaate, bilchina bira dabree fi sirritti hin bilchaatin walitti makanii guuru. Rakkinnoonni qulqullina dhabuu agarsiisan kan akka garraachomuu, bilchaatuu dhabuu, daariqaayuu, walitti butamuu fi kkf yeroo guuramu ofeeggannoon godhamuu dhabuu irraa kan ka’eedha.




Yüklə 2,23 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin