Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə15/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   ...   156
Seensa

Seensa
aawwii waggoottan shaman darbanii (1998-2002) yommuu ilaallu daandii baadiyyaa (rural road) km. 1,594.7 mootummaa naannootiin, daandii guddaa (gravel road) km 564 haara akkasumas daandii guddaa (gravel road) km. 992 immoo gara Asfaaltiitti jijjiiruudhaan dhuma bara 1997tti km. 11,172 kan ture daandii bonaa-gannaa gara km. 13,330tti olguddatee jira. Kunis gubbina daandii bal’ina lafaa wajjin bara 1997 km. 30.3 ture gara km. 36.7tti, gobbina daandii/uummata 1000f km.0.41 ture gara km. 0.45tti akka guddatu godhee jira.

Gama biraatiin uummatni keenya fedhii daandii irraa qabu kan ka’e humna isaatiin jechuun hirmaannaa uummataatiin daandii bona qofa tajaajila kennuu danda’u km 33,383 ijaaree jira. Fedhii gama uummataatiin daandii irratti dhiyaachaa jiruu fi shoora daandiin guddina diinagdee fi haawasummaa akkasumas, jijjirama jiruu fi jireenya uummata keenyaa keessatti qabu akka mootummaatti kan hubatamu ta’us humna biyyitiitin wal-bira qabamee yoo ilaallamu rakkisa ni ta’a. Gama biratiin uummatni keenya fedhii daandii qabuu irraa kan maddee huma isaa walitti qabuudhaan dandii bonaa qofa isa tajaajilu ijaaraa turee jira. Haala armaan olitti ibsamee irra ka’uudhaan mootummaan keenya sagantaa haarawaa humnaa fi qabeenya uummatichaa qindeessudhaan furmaata gama misooma daandiitiin jiru kennuudhaaf sagantaa walligahiinsa daandii baadiyyaa (SWGDB) jechuudhaan bifa haaraawaatiin sagantichaa bocee gad buusee jira. Haaluma kanaan saganticha bifa qabsiisudhaaf kontiraaktara fi gorsitoota gurmeessuudhaaf, biiroolee dhimmi kun isaan ilaallatu faana qindoomina uumuudhaan haala leenjii fi liqaa duraa itti mijaa’u hojetamaa turee jira. Dabalataanis caasaa kutaa kanaa bifa haarawaatiin sadarkaa waajjira ol-aanaatti, godinaalee fi Aanaaleetti diriiree hojiitti akka seenamu taasifamee jira.

Daandilee bonaa-gannaa jiran tajaajila wal irraa hin cinne kennuu akka danda’aaniif kunuunsaa fi suphaa waggaa waggaan argachuun murteessaa dha. Bara karooraa tarsiimoo kana keessaatti bara 1998 km 4,117.0 suphamu irraa bara 2002tti gara km. 4,809tti guddatee jira. Walumaagala waggoota shanan darban kana keessa (1998-2002tti) suphaan daandii bonaa-gannaa km. 20,967 raawwatamee jira.

Bu’aan hanga ammaatti argame gara bu’aa caalmaa qabutti ceesisuuf Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa raawwii tarsiimoo ogganuu fi madaaluu waan qabuuf, akka waliigalaatti sirna madaallii bu’aa tarsiimoo wajjira ol’aanaa, Godinaalee fi Aanaalee naannicha keessaatti argaman hunda bifa tarsiimo’aa ta’een kan walitti hidhu(strategic alignment) qopheessuun hojii irra oolchuun murtteessaa ta’a.

Sirni Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaatiin qophaa’e kun rakkoo sirna oggansa raawwii tarsiimoo kanaan dura ture bu'uura irraa furuu haala dandeessisuun kallaattii madaallii afuriin (lammii, faayinaansii, adeemsa hojii keessaa fi ijaarsa dandeettii) irratti xiyyeeffatee waan qophaa’eef, Waggoota Tarsiimoo shanan dhufan keessatti Karoora Guddinaa fi Tiraansiformeshinii Naannichaa galmaan ga’uu keessatti shoora olaanaa kan taphatu fi bu’aa Abbaa Taayitiicha keessatti galmaa’u madaaluun ni dandeessisa jedhamee waan amanamuuf hojii irra oolmaa isaatiif tumsa hoggansaa ol’aanaa hundaa ni barbaada.

Dookumantiin Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo’aa (SMBKT/Balanced Scorecard) Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaaf qophaahe kun kutaa gurguddaa lama of-keessaa qaba. Kutaan tokkoffaa, Ijaarsa Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo’aa/Balanced Scorecard Building Phase) yoo ta’u, kutaan lammaffaa ammoo, Hojii Irra Oolmaa Sirna Madaallii Bu’aa Karoora tarsiimoo’aa /Balanced Scorecard Implementation Phase) jedhamee beekkama.

Gulantaa tokkoffaan, sadarkaalee jaha: sakatta’iinsa mana hojii (environmental scan), toora xiyyeeffannoo tarsiimo’aa (strategic themes), kaayyolee tarsiimo’aa (strategic objectives), maappii tarsiimo’aa (strategic maps), safartuulee raawwii tarsiimo’aa (strategic performance measures), fi tarkaanfilee tarsiimo’aa (strategic initiatives) kan agarsiisu yoo ta’u; Gulantaa lammaffaa: sirna qabiinsa ragaa raawwii (automation), kaayyolee, safartuulee, mannii fi tarkaanfilee tarsiimo’aa sadarkaa sadarkaan gadi buusuu (cascading) fi Gulantaa sadaaffaan: hordoffii fi gamaaggama kan agarsiisu ta’ee qophaa’eera.



Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin