Finfinnee Waxabajjii, 2003


Xiinxala Haala Waliigalaa Aangoo fi Gahee Hojii ATDO



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə17/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   13   14   15   16   17   18   19   20   ...   156

Xiinxala Haala Waliigalaa Aangoo fi Gahee Hojii ATDO


Xiinxalli kun haala waliigalaa hojiilee daangaa aangoo ATDO labsii lakk.163/2003 kennaman irraatti hundaa’uun aangoo raawwiin hojii waggoota darbanii maal akka fakkaatu, aangoo fi gahee hojiitiin wal qabatee rakkooleen raawwii hojii keessatti mul’achaa turan, aangoo fi gahee hojii kenname keessaa osoo hin raawwatamin dhimmootni hafan maal maal akka ta’an, aangoo fi gahee mana hojii kan biraatiin wal makee rakkina uumaa turee fi gara fuula duraattis uumuu danda’u yoo jiraate isa kam akka ta’ee adda baasee argisiisuuirratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u xiinxallii angoo fi gahee hojii kun sadarkaa godinaa fi aanaalee, akkaasumas bulchiinsa magaalootatti addaan bahee kan xiinxalamu ni ta’a.

Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa aangoo fi gahee hojii labsii 163/2003 kannameef kana irratti hundaa’udhaan imaammata, tarsiimoo fi seerota dhimma daandii ilaallatan qopheessuudhaan akka hojiirra oolan ni hordofa, ni to'ata. Daandiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran kontiraaktaraa fi uummataan akka ijaaraman, sadarkaan isaanii akka guddatu, akka suphamanii fi akkasumas akka kunuunfaman taasisuun abbummaan ni bulcha. Haaluma kanaa irratti hundaa’udhaan, waggoota shanan darban keessatti gama misoomaa fi bulchhinsa daandiiwwanii naannoo ilaalchisee hojiileen hanga ammatti hojjatamanii fi bu’aaleen argaman kan nama jajjabeessuu dha.

Haa ta’u malee, sadarkaa barbaadameetti raawwatameera jira jechuudhaaf kan hindanda’amnee ta’u saa ragaalee qorannoo yeroo adda addaa gaggeeffameen hubachuun danda’ameera. Kanaafuu, gama raawwii waggoota darban shanaan jiru gabaabbiinaan akka armaan gaditti dhiyaateera.


Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   13   14   15   16   17   18   19   20   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin