Finfinnee Waxabajjii, 2003


Gama misoomaa daandiitiin



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə18/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   14   15   16   17   18   19   20   21   ...   156
Sakattaa’iinsa

  1. Gama misoomaa daandiitiin

Guddina dinagdee keessatti misoomni daandii murteessaa waan ta’eef, waggoota shanan darban keessatti daandii sadarkaa adda addaa hojjechuuf karoora qabameen hanga fedhii mootummaa fi uummataa ta’uun hafullee, fooyya’iinsi daandii baadiyyaa fi magaalaa sadarkaa adda addaa irratti galmaa’eera. Gara fuuladuraattis fedhii uummataa guutuu haala dandeessisuun, keessattuu hanqinoota gama babal’inaa fi suphaa daandii baadiyyaa irraatti jiru maqsuudhaan hojii guddaa gama rakkoo daandii baadiyaatiin jiru furuun barbaachisa dha. Haaluma kanaan, aangoo fi gahee hojii kennameef irratti hundaa’uun hojiileen gurguddoo xiyyeeffannaa laatameefii raawwatamaa tureera.

Waggootan shanaan darban keessatti daandii bonaa-gannaa km. 11,172 kan ture gara km.13,330tti olguddatee jira. Haa ta’u malee, gama waajjira keenyaatiin haala waligaltee kennameen ijaarsaa fi suphaa daanddii raawwatamuun isaa hordoffii fi to’annoo wal irra hin cinneen gaggeessuu irratti hanqinni mul’achaa tureera. Gama biraatiin kontiraaktarootnii fi gorsitootni biyya keessaa kanneen ijaarsaa, suphaa, hordoffii fi qorannoo daandii irratti hirmaachaa kan turan yoo ta’ees dandeettii hojii daandii (muuxannoo, maallaqa, ogeessaa fi mashinarii) irratti hir'ina waan qabaniif, hojii jalqaban yeroo waliigaltee keessatti hojjetanii fixuu dadhabuun sochii misooma daandii irratti dhiibbaa uumaa tureera.

Gama dagaagina Teeknooloojii Caalmaa Humna Namaa furmaata rakkoo gama babal’ina daandii keessatti gahee guddaa akka taphatu itti amanamu illee waggootan shanaan darban keessatti haala barbaadameen babal’achuu hin dandeenye. Kunis ta’uu kan danda’eef hubannoon gama ogeessaatiinis ta’ee itti fayyadamtootaan jiru laafaa waan ta’eef bu’aan gama kanaan eegame milkaa’uu hin dandeenye.

Waggoota shanan darban keessa ijaarsi daandiilee uummataa km. 34,824.0 ta’u raawwatamee jira. Xiyyeeffatnoon ijaarsaa fi suphaa daandii uummata sochoosuudhaan daandiin uummataa (community roads) bal’inaan akka ijaaraman gochuu fi uummatni daandii abbummaan bulchuu akka danda’uuf hubannoo uumuus ta'e qindeessuu irratti qindoominni naannoo hanga aanaatti ture laafaa ta’uun sochii fi fedhiin gama uummataatiin jiru hanga barbaadame galma akka hin geenye godhee jira.


  1. Gama bulchiinsa qabeenya daandiitiin

Aangoo fi gahee hojii seeraan kennameef irratti hundaa’uun hojiileen gurguddoo gamaa dhiheessa tajajila geejjibaa fi nageenya tiraafikaatiin raawwataman ilaalchisee, xiyyeeffannaan addaa kennameef bali’inaan raawwatama tureera. Haaluma kanaan, Suphaa daandii TCHN fi tooftaa "Length Person” babal'isuu, hojii dhabeeyyiin bal’inaan akka irratti hirmaatan gochuu; humna mashinariitiin suphaan akka cimu gochuu; hojii Suphaa Daandiilee konsaltaantiin qorataman haaluma sanaan akka hojjataman xiyyeeffatnaan kennamee hojiirra akka oolu gochuu fi to'annaa gorsitootaan qulqullinni suphaa daandii baadiyyaa akka eegamu taasisaa tureera. Walumagalaa waggoota shanan kana keessa (1998-2002tti) suphaan daandii bonaa-gannaa km. 20,967 raawwatamee jira. Haata’u malee, babal’inaa fi uwwisa suphaa daandii Oromiyaa keessatti daandiin haala fedhii jiru wajjin babal’achuu dhabuu fi innumti jiru iyyuu hanqina baajataa jiru irraa kan ka’e akka barbaadamutti kunuunsamuu dhabuun ummatni tajaajila hawaas-dinagdee haala barbaadamuun akka hin arganne gochuu; bara baraan baajetni qabamee itti adeemamus hanga barbaachisu quubsaa ta’ee hin mul’atu.

Haaluma kanaan, raawwii waliigalaa waggootan shanaan darban keessatti komiiwwan uummataa gama misoomaa fi suphaa daandiitiin ka’an:



  • Daandiin hojjatamu qulqullina dhabuu fi yeroodhaan kan hinxumuramne ta’u, akkasumas iddoo baay’etti Aanaalee fi gandoota walqunnamsiisu dhabamuu

  • Daandiin Aanaalee wal-quunnamsiisu suphamuu dhabuu fi istaandaardiin isaa baay’ina konkoolaataa yeroo ammaa irra deemaa jiran simachuu dadhabuu

  • Lageen gurguddoo ganda a fi ganda wal qunnamsiisan keessaa irratti riqichi ijaaramuu (hojjatamuu) dhabuu

  • Hanqina dandeetti raawwachisumma hoggantootaa fi hojjatoota sadarkaa sadarkaa dhaan jiranu

  • Qunnamttiin seekteroota adda addaa fi qooda-fudhattootaa mana hojii waliin qaban akkasumas mana hojii Ol’aanaa fi waajjira godinaalee laafaa ta’u irraa kanka’e ragaaleen yerootti qindaa’u dhabuu

  • Dhiyeessa fi fedhii daandii walsimu dhabuu.

    1. Yüklə 4,87 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   14   15   16   17   18   19   20   21   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin