Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə22/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   18   19   20   21   22   23   24   25   ...   156
T
Sakatta’iinsa
ajaajila Gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa


Tajaajila gahumsa qabu kennuun mallattoo qulqullinaa tajaajila Abbaa Taayitaa keenyaati. Kaayyoo ATDO galmaan gahuu keessatti tajaajiltummaa uummataa dursuu, beekumsa walii dabarsuu fi miira tajaajiltummaa irratti hundaa’een hojjechuun dhimmoota murteessaa ta’an keessaa isaan tokkoo dha. Haala gahumsa qabuun uummata tajaajiluun dhimmoota gurguddoo kan akka qulqullina, yeroo, baay’inaa fi baasiin uummataa bu’aa uummataf qofa oolchuun, kunnuunsuu fi qusannaan fayyadamuun hojii daandii galmaan gahuu keessatti shoora ol’aanaa kan qabu ta’a. Waan kana ta’eef, kenniinsa tajaajilaa sadarkaa hoggansaa fi hojjattootaatiin raawwatamuu; tajaajila yeroo isaa eeggate kennuun; gahee hojii isa irraa eegamu haala bu’a qabeessa ta’een raawwachuu kan dandeessisuu dha. Gama biraatiin beekumsaa qabnuu walii dabarsuu qofa osoo hin taane muuxannoo hojii gaarii qaamota biroo irraa fudhachuu fi itti faayyadamuudhaan fakkeenya gaarii taanee argamuun gahee hoggantootaa fi raawwatoota mana hojii keenyaati.

  1. Hirmaachisummaa

Hojiin karoorfamu imaammataa fi tarsiimoo mootummaa kallatti hundaan ka’amee galmaan gahuu fi guddinaa hawaas-dinaagdee waliigalaa fiduuf akka ta'e hubatamaadha.

Haala kanaan akka mana hojii keenyaatti hirmaachisumma yemmuu jennuu hirmaannaa qaamoota raawwachisanii fi raawwatan guddisuurratti kan xiyyeeffatu dha. Hojiin gareen karoorsuu fi hojjachuu, haanqinootaa mul’ataan gara garee fi mana hojiti fiduun irratti mari’achhuu, sirreessuu fi cimsaa ademuun barbaachisaa dha. Gamaa biraatiin, qaamoolee isaanii ilaalatuuf hawaasaa sadarkaa sadarkaan jiru hojii karoorsuu irraa kaase hanga hojitti jijjiruutti amaansiisuun hirmaannaa isaanii yeroo dhaa gara yerootti gabbisaa demuun duudhaa akka waliigalaatti manni hojichaa hojii irra oolchuu qabu akka ta’ee amantaa keenyadha. Akka waliigalaatti tarsiimmoon daandii babal’isuun hirmaannaa hoggansaa, hojjataa, dhimmamtootaa fi uummataa malee galmaa gahuu akka hin dandeenyee amntaa mana hojii keenyaati.




  1. Yüklə 4,87 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   18   19   20   21   22   23   24   25   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin